Naabutee

Mooticha Aka’aab jedhamu tokkotu Israaa’eloota bulchaa ture. Waan hundumaa qaba. Haa ta’u malee, waan qabu kana hunda keessaa waan tokkotu itti mul’ate Qabeenya lafaa wayinii Naabutee jalaa fudhachuuf baay’ee gojoma’ee, “Dhaaba wayinii kana naaf kenni yookaan natti gurguri,” jedheen. Nubuteen immoo “Dhaala (hambaa) abboota koo kana siif dabarsee hin kennu, waan akkanaa Waaqayyo ana irraa haa fageessu,” jedhee dide. Kanaanis, mootichi muufatee midhaan nyaachuu bishaan dhuguus dide. Haati warraa mootichaa Eelzaabeel mootichi maal akka ta’e gaafatte, innis waan ta’e hundaa itti hime. Eelzaabeelis Aka’aabiin, “Kanaaf akkas gadditaa? Ati amma mootummaa Israa’elootaa bulchitaa? amma ka’ii midhaan boru ganamaan dhaqxee laficha fudhatta” jetteen.
Kanaanis Eelzaabeel xalayaa sobaa qopheeffattee, “Kunoo Naabuteen Waaqayyoofi mooticha arrabse,” jettee namoota sobaan irratti dhugaa bahanis qopheessite. Dhagaadhaan rukkutanii dhiiga Naabutee dhangalaasuun Naabutee sobaan ajjeesan. Du’a isaa yemmuu dhageessu mootittiin kaatetu mootichaan, “Amma Naabuteen du’eeraatii ka’ii dhaqi bilisaan lafa isaa dhaali” jetteen. Aka’aabis ka’ee gara dhaaba wayinichaa fudhachuuf dhaqe. Waaqayyo abbaan dhugaa iyyaafi gadadoo toloota isaa dhagahuufi ilaaluuf guyyaafi halkan kan hin jenne, yeroo hundaa gurri isaa kan gara iyya qulqullootaa ta’e, sagaleen isaa gara raajaa Eeliyaas dhufe! Sagaleen Waaqayyoo Eeliyaasiin akkas jedheen, “Ka’iitii gara mooticha Aka’aab dhaqi, inni wayinicha fudhachuuf achi jira; akkasis jedhiin, “ajeefteeti dhaalteetii akkuma saroonni dhiiga Naabutee lafaa arraaban dhiiga kees lafa irra ni arraabu jedhiin,” jedheen. Raaja Eeliyaasis ka’ee kanuma Aka’aabitti himu dhaqe. Raaja Eeliyaas waa’ee balleessaa isaa itti himnaan yeroodhaaf Aka’aab ni rifate; gaddee gadi jedhee adeeme. Waaqayyos rifachuu isaa argee garaa laafeef. Haa ta’u malee, waggaa sadii booda Sooriyaanotaan wal waraanuuf gama Iyyoosaafxii mootii Yihuudaatiin gaaffin dhiyaateef. Aka’aabis dubbii raajaa Miikiyaas “Lolaaf hin ba’iin ni moo’atamtu,” isa jedhu didee waraanaaf bahe. Waraana irrattis Sooriyaanotaan waraanamee ni du’e. Dhiigi isaas saragallaa keessatti gadi nam’e, saragallichas bishaan sagaagaltoonni itti dhiqataniin dhiqan. Akkuma Waaqayyo jedhetti dhiiga isaa sareen ni dhugde. Akkuma inni dhiiga nama qulqulluu gadi naqe sana, dhiiga mooticha Aka’aab sareen lafaa arraabde (1Mot. 22:38).
Eelzaabeel isheen gorsa badaa gorsitee sobaan Naabutee ajjeesiftee (2Mot.9:26). “Kunoo dhugaan Waaqayyo jiraataan akkas jedha, dhiiga Naabuteefi dhiiga ijoollee isaa dhugumaan kaleessa argeera, qonna Naabutee kana kessattan biyyee sitti deebisa jedha Waaqayyo” akkuma jedhamee barraa’e, isheenis raayyaa Iyyuutiin gamoo irraa gadi darbamtee duute. Yemmuu awwaaluuf ta’anittis, lukaafi barruu harkaa isheen alatti qaamni ishee ciccitee faca’eera hoo hin argamne. Akkuma raajicha Eeliyaasiin dubbatame, foon isheellee sarootni lafa Naabutee isa qulqulluu irratti nyaatan (2Mot. 9:37)
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha Kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti; Ameen!

Yoodit

Yoodiit jechuun jabduu, infattuu jechuudha. Abbaan ishee Meeriirii jedhama. Dhirsi ishee Minaaseen du’ee. kana booda, dhiira biraatti hin heerumu jettee soomaafi kadhannaadhan jiraachaa turte. Mootichi faarsii Arfaskidin moo’atee Baaxinaadhaa yemmuu deebi’u, dursaa loltoota isaa Holofoomisiin akka gibira kaffalchiisu erge. Innis gara Israa’eelitti yemmuu deebi’u, debre bexliwaa, boojirraa deebi’aanii goojjoo ijaaranii yoo argu, isaan kun ammo maali jedhe. Akiyoor amonawinis, “gooftaa koo kan isaanii dinqiidha, iyyarusaleem yemmuu turan, xaa’otatti bullaan akka booji’aman godhe, waggaa 70 bitamanii amma ammoo, gaabbii galanii yoo dhufan, Waaqayyo araarameefii diina balleessanii jiraatu” jedhe. “Ammas, Waaqayyo isaanin wallole taanan, loltuun tokko dhaqee isaan booji’a, Waaqayyo isaanin wal hin lolle taanan garuu, isaan moo’achuu hin dandeessu” jedheen. Yoodiit, lolli dhufe jedhanii israa’eelonni yoo rifatan, jeeqaman agartee baate. Isheenis “maaf sodaattu? Waaqayyo galaana Eertiraa qoodee nu ceesise, ammas, isinis kadhaa; anis nan kadhadhaa” jettee, subaa’ee galte. Guyyaa sadaffaatti haala ittiin Holofriin moo’atu ibseefii, kaatee uffata gaarii yeroo abbaan warraa jiraatu uffattee, gara mandara Holofrnis dhaqexe., sinqii qabattee, gargaartuu ishee of duuba buufte. Yemmuu kana, “maaf dhufte?” jedhee gaafate. Isheenis “lafatu narraa fudhatame; akka naaf deebisiftuuf’ jeteen.
Guyyaa ayyaana dhaloota isaa waamsisee, nyaatee dhugee, yoo gara galgala ija ejjaatiin ishee ilaalu, loltuun isaa dunkaana itti qollofee deeme. Machaa’ee waan tureef, bakka taa’eti hirriibni qabe. Yooditis kaatee, “jajaboota irra bultee waan guddaa yoo hojjette, dinqii hin jedhamtu; dhabaarra bultee yoo hojjette garuu, dinqii jedhama” jettee, seefii mataa duraa fudhattee morma irraa murtee, qalqalloo keessa godhattee baate deemte. Loltootnis, barraaqan iddoo kadhannaa deemti waan taheef, hin shakkine. Israa’eelonni Holofornis tahuu agarraan gammadanii, bariitti mataa isaa olfannisanii lolatti galan. Loltuun isaa isan kaasa jedhee yoo deemu, mormi muramee, teesson isaa gara gareellee arge. “Ibraawit nutti taphatte” jedhani, osoo meeshaallee hin qabatin jalaa dheessaniirruu. Yoo dheessanis, kuun kukkufanii cacabsaniiru, kan yoo hafanis, hanga laga Yordaanos deemanii, ari’aniii balleessaniiru. Yoo deebi’anis, Yooditiin, muka meexxii qabatanii, “jabaadhu moo’attuudha” jedhanii ishee faarsanii jiru. Akkanatti jiraattee waggaa 105tti boqotte. Ayyaanni yaadannoo ishees Fulbaana, 10.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii kanaan nutti haa araaramu. Sugni ishees nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Qulqulleettii Maariyaam Misirii

Qulqulleettii Maanyaarnii Misirii (Maariyaam yoo jennu maqaattu wal fakkate malee qulqulleettii durroo Maariyamii haadha Gooftaa lyyasuus jechuu miti). Biyyi dhaloota ishee Misiriidha. Waggaa 12 yemmuu guuttutti warra irraa addaan baatee magaalaa guddittii btyya Misirii kan turte Aleeksaanderiyaaatti galte. Alexaandariyaan yeroo sanas ta’ee amma magaalaa guddinaan addunyaa irraatti beekamteedha. Maariyaam baay’ee bareedduu, ija qalbii irraa si haa hanbisu kan hin jenneen hin jiru ture. Kan dhiira hundaa hawwisiitu turte. Erga magaalaa Alexaanderiyaatti galtee booda hojiin ishee dhiira dogongorsuudha, diina dhala namaa kan ta’e diyaabiloos ishee ishee itti fayyadamuudhaan namoota hedduu qoraa, karaa irraas balleessaa ture. Magaalaa sana keessa namni ishee hin beekne hin turre. Dargaggoonni hedduunis gocha yaraa Kanaan ishee beeku turen.
Osoo hojii Kanaan akkanati jiraattu, guyyaa tokkoo qarqara galaanaa Meeditiraaniyaanitti yemmuu namootni walitti qabaman argite. Jarri kun eessa deemuu jettees gaafatte. Isaanis warra biyya Llibiyaafi biyya Misiraatti gara Iyyaruusaalemitti ayyaana Fannnoo gooftaa Iyyesuus kabajuuf imala hafuuraa taasisan ta’uu isaanii ni barte. Isheeniis wajjin deemuuf of qopheessite. Haa ta’u malee qarshii kaffaltuufi galaa ga’aa imalaaf ta’u hin qabdu turte. Isheeniis
Bareedina isheetti baayyee waan koortuuf, dhlira abbaa fedhee jilbiiffachiisuu nan danda’a jette waan yaadduuf qarshii fi galaa harkaa dhabuun hin yaaddessine ture. Bareedina isheetiin akka hin kaffalchiisne, ykn immoo bakka gatii doonii foon ishee kennuudhaan akka dabartuuf abdattee turte. Doonii kessattis ta’ee ta’ee erga doonii irraa buutee booda hojii cubbuu sana hin dhiisne ture. Iyyaruusaaleem geesses immoo hanga guyyaan kabaja ayyaanaa ga’utti hojuma yartuu sana hojjechaa turte.
Gaafa guyyaa ayyaanaa sana ganama namoonnii hedduun mana kiristaanaa awwaalaa gooftaa Iyyesuus Kiristoos irratti ijaarameetti dhungachuuf yoo deeman argitee, namootatti makamtee wajjiin dallaa ol seenuuf yoo barbaaddetti garuu humni duubatti harkisu tokko itti dhagahame, seenuu ni dahabde. Ammas irra deddeebitee yemmuu ol seenuuf yaaltu humni tokko duubatti harkisa ture. Dadhabnaan teessem ‘Dubartii waan ta’eef moo?’ jettee keessa isheetti kofalte, waan dubartii taateef dadhabde itti fakkaate. Xinnoo haara galfattees yemmuu yaaltu gonkuma ol seenuu ni dadhabde. Yeroo ka dhiphatre yemmuu jirtutti, kan ishee ol seensisuu dhoowwee hojii isheen hojjetaa turte sana akka ta’e ni hubatte. Yeroo sana bo’uufi mankaraaruu eegalte, cubbuun isheen hojjetaa turte sunis ifa ta’ee itti uldhate.
Yeroo sanatti fakkii dubroo Maariyaamii karra dallaa mana kiristaanichaa biratti argite, dhaqxee jalatti kuftee boossee kadhatte, Waaqayyos akka araara buusuuf ilma isheen akka araarsituuf giiftii Maariyaamii ni kadhatte, gombifamtees boosse. Carraa tokko qofa akka argattuufi lammata akka cubbuu hojjetaa turte sanatti akka hin deebines waadaa galte. Yemmuu kadhaa ishee fixxu kaatee nagaan ol seente. Yeroo sanas ol seentee fannoo gooftaa kirkiruudhaaniifi sodaa guddaadhan dhungatte. Badiinsa ijoollee isaa kan hin barbaanne Waaqayyo gaabbii ishee eega ture. Erga fannoo gooftaa dhungattee boodaas gadi baate gara fakkii Maariyaamii dallaa dura jiruu sanatti deebitee, iddoo waadaa galte sanatti ‘Ani cubbuu koo irraa kan ka’e waanan dubbadhu hin qabu, giiftii koo harka koo qabi karaan fayyina argadhutti na geessi, biyyan dhufetti deebi’uu hin barbaadu’ jettee kadhatte. Yemmuus sagaleen “Yoo laga Yoordaanoos ceete fayyina guddaa ni argatta” jedhu fakkii sanarraa dhageesse. Yeruma sana baatee laga Yoordaanos ceete; gammooojii Yoordaanoos kan bishaan hin qabne, kan qorri halkanii nama cabbeessu, kan ho’i aduu guyyaa nama waxalu keessa seente. Achi keessaas hanga wagga 47 jiraattutti nama ijaan hin argine turte.
Gammoojii Yoordaanoos keessatti beelaafi dheebuu akkasumas oo’aa fi qorra irraa kan ka’e yeroo baay’ee du’aaf geessee fayyiti turte. Jireenya hadhaawaa fi dheebuun, beelli, daarri, kophummaafi qorumsa biroos baay’ee jabaa ta’e ni dandeesse, fedhii foon isheetiifiis deebii osoo hin kennin, hunduma irraanfattee jiraatte. Namnis gammoojii sana waan hin dhaqneef kophaa jiraatte. Gammachuun yemmuu magaalaa keessa jirtu dabarsaa turte sunis sammuu isheetti deddeebi’ee jeeqaa ture. Kana hundaa garuu qabsuuraafi kadhaa wal irraa hin cinneen gargaarsa gooftaatiin dabarte. Osoo akkanaan lafa gammoojii kana keessa kophaa jiraattuu, waggaa 47 booda seenaan ishee akka irraanfatamee hin hafneefi namootaaf barumsa akka ta’uuf Waaqayyo waan barbaaduuf taateen tokko uummame. Innis akka itti aanutti gabaabbatee dhihaateera.
Kawaala biyya Filisxeemii jiru tokkotu ture. Kawaalan kun hin banamu ture, nama ergamee meeshaa monoksootaaf bituuf gadi ba’u malee monoksoonni achii keessa jiraataan namaan wal arguun dhoowwadha ture. Akka danbiifi seera kawaala sanaatti monoksoonni jiraatan yemmuu soomni gooftaa Iyyesuus guddichi seenu hundi isaaniituu gargar ba’anii kophaa isaanii bakka wal hin agarretti dabarsu ture. Gammoojjii keessatti kophaa kophaatti dabarsu ture, kan gar gadaamitti deebi’anis guyyaa ayyaana Hosaa’inaa faaruudhaan ture.
Isaan keessaa fedhii Waaqayyootiin lubni Zosimaas jedhamu tokko gara kawaala isheen jirtu kanatti soomana gooftaa kophaa isaa ta’ee gammoojjii Yoordaanos keessatti dabarsuuf dhufe. Innis gammoojjii saba keessa guyyoota digdamaaf (20) osoo wal irraa hin kutin lukaan deemee achii ga’e. Garuu fedhiin Waaqayyoo keessa jirti. Innis yeroo kadhaa sa’aatii jahaa dhiheessu turetti, tasa alaalaatti waan nama arge itti fakkaate. Na’ee itti fiige, namni inni arge sunis jalaa kaate, maqaa Waaqayyootiin akka dhaabbatu deddeebisee gaafate. Kana inni sunis dhagaa jala jalaa seenee “Abbaa koo Zosimaas maaloo ani dubartiidha, uffatas hin qabu akkuma agartu kunoo qullaan jiraa, kanaaf uffata mormatti maratte kana anaaf kenniitii anis isa maradheen dhufee eebba sirraa fudhadhaa” ittiin jette. Yemmuu kana Zosimaas uffata isaa ofirraa fuudhee itti darbe. Uffata Zosimaas itti sana uffattee itti muuldhatte, erga wagga 47ti uffata hin qabdu ture. Uffanni isheen uffattes kan yeroo Iyyaruusaaleem dhaqxu uffate sana malee isa booda uffata biroo hin uffanne. Uffaticha Zosimaas uffattee gara fuuldura isaa dhufte.
Isheniis qulqulleettii Maariyaamii kan Misiraa sana turte, ‘Zosimas’ jettee maqaadhaan waan waamteef ni na’e. Na eebbisi ati luba waan taateef jetten. Luba ta’uu isaas osoo hoomtuu itti hin himiin beekte. Yero kana Zosimaas ni na’e, ni rifates. Akkamittin beekte jedhees dinqame. Waan afuura wayii wajjiin haasa’us itti fakkaate. Yeroo sanatti Maariyaam ‘Zosimaas hin na’in ani dubartii dadhabduu tokkoodha’ jetteen.
Zosimaas seenaa kee hunda maaloo tokkollee nah in dhoksiin jedhee gaafate. Aka kadhaadhaan isa yaadattus ni kadhate. Akkamitti kophaa ishee gammoojjii kana keessaatti wagga hamma kanaa akka dabarsites ni gaafate. Isheeniis ‘maaloo qormaatni ani keessa darbe sun deebi’ee waan natti dhufee deeebi’ee jilbiiffatamuuf natti fakkaata nah in gaafatin, ani dubartii cubbamtuudha” jetteen. Innis deddeebi’ee kadhannaan qabsuura keessa dabarsitee qormaata hedduu ture itti himte. Isaan keessaayyis jiruun yeroo isheen ijoollee turte gammachuun yeroo dargagummaa sun akkamitti sammuu isheetti deddeebi’ee ishee jeeqaa akka ture hunda itti himte. Innis baay’ee ajaa’ibsiifate ishee arguu isaatiifis ni gammade. Waaqayyoonis ni galateeffate. Silaa kan akkanaatiis ni jiraa jedhe dinqame. Inni duraan namni akka koo qabsuura gaggeesse hin jiru ani hundumaa nan beeka jedhee yaadaa ture. Waaqayyos yaadni isaa kun yaraa akka ta’e itti ibsuufii waan barbaadeefi seenaa Maariyaam itti agarsiise.
Kana booda Zosimaasiin akkas jetteen “Ani kunoo ergan Yoordaanos ce’ee qurbaana gooftaa hin arganne maaloo bara dhufu yoo soomni gooftaa ga’u kawaala keesssati hafti. guyyaa kamisaas cinaa Yordaanositti Qurbaana anaaf fidi” jetteen. Namni tokko yookaan lama tajaajilli gadaamichaa akka addaan hin cinneef kawaala keessatti ni hafa ture. Kanaan walii galanii hanga soomana gooftaa bara egeree wal arganitti addaan bahan. Ish eenis hangan nagaan boqadhutti waan argite hunda nama tokkotti akka hin himne jetteenii akeekkachiifte waan turteef Zosimaas yemmuu gara kawaala isaatti deebi’u waan arge kana namittu hin himne ture. Dhoksee laphee isaa keessa kaa’e. Kana booda Zosimaas hanga soomni waggaa itti aanuu deebi’ee dhufutti baay’ee muddame, yeroonis itti dheerate. Ishees arguuf baay’ee hawwe.
Yemmuu waggaan guutuus akkuma waliin jedhan guyyaa kamisaa qiddaasee kamisa (Tselote-Hamus) sana inni Qurbaana fideefii qarqara Yoordaanoositti dhufe. Isheeniis harka isheetiin mallattoo fannootiin mallatteessitee bishaan Yoordaanoos irra deemaa gara Zoosimaas dhufte. Innis bishaan irra Iukaan deemuu ishee yoo argu baay’ee dinqisiifate. Qurbaana gooftaas ni kenneefi. Erga Qurbaana fudhattes booda ija ishee gara samiitti ol qabdee galateeffatte. Ijji koo fayyisuu kee argeeraa; kana booda nagaan na boqachiisi jettee kadhatte. Ergasiis Zosimaas bara itti annu bakka bara duraa itti arge sanatti akka dhufu gaafattee eebbiftee gara gammooojjitti deebite.
Hanga kanatti garuu maqaan kee eenyu jedhee ishee hin gaafanne ture. Kana gochuu dhabuusaatiinis ofitti aaree baay’ee gadde. Bara dhufun gaafadha jedhe gara kawaala isaatti deebi’e. wagga itti aanu akkuma baramee yemmuu baatiin soomaa dhufu gara kawaala isheen jirtuu san ani dhaqe. Isheen garuu boqottee turte. Foon ishees osoo waa tokko hin ta’in arge. Innis baay’ee gadde, ni boo’e yeroo nahee jirutti, barreeffama tokko reeffa ishee cinaatti ni arge akkas kan jedhu, ‘Zosimaas ergan guyyaa qurbaana gooftaa fedhadheetii boqadheera, foon maariyaam asumatti awwaali’ kan jedhu ture. Yemmus maqaan ishee Maariyaam akka jedham ni bare. Kan inni deemsaaf guyyaa 20 itti fudhate isheen guyyaa tokkoon ga’uun ishees isa dinqe. Foon ishee wagga tokkoof osoo waa tokkoo hin ta’in turuun isaas ni dinqisiifate. Battalumatti leenci bosonaa ba’ee boolla qote. Innis foon Maariyaam ni awwaale. Erga sanii gara kawaalatti deebi’ee seenaa ishee hunda tokkoon tokkoon obboleewwan isaa monoksootatti ni hime isaanis baay’ee tokko ni dinqiisifatan. Seenaa isheefii qabsuura ishees kabaja guddaafi jaalala guddaadhaan eegan.
Maariyaam biyya Misiraa kan boqottee Ebla 6 bara 522 dhaloota Kiristoos booda ture. Galatni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqulleetti kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni qulqulleettittis nu walliin haa ta’u. hanga bara baraatti, Ameen!

Ruut

Bara tokko Israa’eelitti beelli hamaan ka’e. Namni tokkos beela dheessuuf ijoollee isaa dhiiraa lamaa fi hadha warraa Nuhaamiin jedhamtu qabate, biyya Mo’aabitti baqate. Namichi kunis, biyya ormaatti ni du’e. Ijoolieen isaa lamaanis, dubra ijoollee warra Mo’aab fuudhanii osoo jiraatan, wagga kudhan erga jiraatanii booda ni du’an. Yemmuu kana beelli biyya Israa’eelii badeet ture. Kanaaf, Waaqayyo Israa’eel yaadachuu isaa yemmuu dhageessu Nuhaamin ‘amaatiin’ niitii ijoollee ishee lamaan kanaa isaan gattee, gara biyyaa galuuf kaate. Niitoliin ilmaan ishee garuu, si biraa hin hafnu jedhaniin; Urfaafi Ruut jedhamu. Nuhaamiin garuu ani kana booda ilma da’ee, dhirsa akka isiniif ta’u hin dhaqqabsisuu maaloo ijoollee koo biyya abbaa keessaniitti hafaa, nagaan jiraadhaa jettee boosee kadhatte. Isaanis. boo’anii si bira hin hafnu jedhaniin. Kadhaaa guddaadhaan, Urfaan biraa deebite. Ruut garuu, amaatii ishee kanaan maal akka jette beektuu? Kunoo sagaleen Waqaayyoo akkatti baraa’eera
• “Lafa ati dhaqxu anis nan dhaqa, Lafa ati jiraattu nan jiraadha. Sabni kee saba koo ni ta’a Waaqayyo kees waaqayyo koo ni ta ‘a; Lafa ati duutitti achitti nan du’a” jetteen’ jaalalli Ruut amaatii ishee Nuhaaminiif qabdu nama ajaa’iba. Kanaaf, isaan lamaan (Ruuti fi Nuhaamin) gara biyya Israa’eelitti galan. Waaqayyo ammoo, egaa wanta Ruutiif biyya Israa’eelitti taasiseef beektu mitiiree.
Nuhaamiin amatii ishee beela oolchuuf yemmuu maasii keessaa qaarmii guurtu, nama guddaan Bo’eez jedhamuu ishee arge. Ishees jaalatee ni fuudhe, ni dabarteef, Nuhumifis akkasuma.
Bo’eez nama qabeenya qabti heerumte; barris ni dabreef. qaarmii gurraa turte, garuu; isheen orma (warra gosa Israa’eel) hin taane taatee osoo jirtu, lakkoofsi ishee lakkoofsa hidda dhaloota gooftaa Iyyesuus Kiristoos keessa galeeefi Kanaaf, wangeelli keenya inni ulfaatoon yemmuu saaqamu, Qulqulluu Maatewos maqaa ishee dhahee akkas jedhe
• “Bo’eez Ruut irraa Yoobeedin dhalche, Yoobeed Iseeyin dhalchee; Iseey daawit, Daawit Solomoon (Maat 1:5) jedhee booda, Iyyasuus gara hidda Yooseefin dubroo irraa dhalachuu Ibse.
(Yooseef caqasamuun Isaas, hiddii/ latiinsi Israa’eelitti gara dhiira waamama waan ta’eef malee, inni kan ishee eegu akka ta’e, Yoseef Q/Maariyaamitin firooma dhiigaa waan qabaniif. Kiristoos abbaa maalee sanuyyuu Dubrummaadhaan Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa akka dhalate beekamaadha.)
Egaa ilaalaa, kan warra dubartoota kaanii maqaan osoo hin dhahamin, kan dubartoota Fur qofti maqaan isaanii hidda dhalootaa kana keessatti maaliif dhahame seeturee? Seenaan isaanii guddaa waan ta’eefi malee, Waaqayyo kan warra Israa’eloota qofas akka hin taane ibsuuf malee! Yemmuus, manguddoonni Ruutiin ni eebbisanis
• “Waaqayyoo akka Raaheel akka Liyaas Siif haa godhu” jedhanii (Ruut. 4:11)
Galanni Waaqayyoof haa ta’u Waaqayyo kadhannaa qulqulleettii kanaan nutti haa araaramu. Hanga bara baraatti. Ameen!

Musee

Israa’eloonni sababa Yooseefiin gara Misirii galan. Haa ta’u malee, bittaa warra Fara’oonotaa yeroodhaa gara yerootti baay’ee itti hammaachaa dhufe. Isa keessaa tokko Raaheel abbaan warraa ishee waan irraa du’eef dabareen suphee dhiitti turte. Isheenis osoo suphee dhiittuu ciniinsuun ishee qabee jennaan, “Hangan ijooliee koo dahee dhufutti naaf heeyyamaa,” jette warra ishee hojjisiisu gaafatte. Isaan garuu ishee didan. Inumaayyuu,”Dhiigni namaa suphee jabeessaa asuma keessatti dahiiti waliin dhiiti,” jedhaniin. Yeroo kana boossee imimmaan ishee walitti qabuun gara samiitti ol facaaste. “Waaqni Israa’eel uumte hin jirtu moo,” jette.
• Imimmaan boo’icha ishees hanga samii Raamaatu dhagahame (Erm 31:15).
Kanaanis Waaqayyo Israa’eloota yaadate. Bara sanatti Israa’eloonni dhiira yeroo dahan yoosuma deesiftuun isaanii ni ajjeesti ture.
Museen abbaan isaa Anbaram jedhama. Innis, yemmuu dhalatu warri Misirii akka jalaa hin aijeesneef haati isaa ji’a sadi Musee dhoksite. Kana booda dhoksuu waan dadhabdeef, waan akka bidiruu xinnoo dhallaadduu irraa hojjetame tokko fuutee leeleedhaafi hapheedhaan maragdee mucichaa isa keessa ciibsitee qarqara laga Abbayyaa goote. Obboleettiin isaa immoo wanta isa irra gahu ilaaluuf alaalaa irraa fagaattee too’atti turtee.
Yemmuu intalli moticha Fara’oon dhiqachuudhaaf gara laga Abbayyaa dhuftu dubroonni isheedhaaf ergaman isa Museeen keessa jiru arganii itti fiiganii buunii yoo ilaalan daa’ima ta’ee argame. Innis ni bo’a ture.
Warra Ibrootaa keessaa waan ta’eef garaan ishee ni jibbe. Obboleettiin isaa
garuu fiigdee dhuftce intala mootichaan,”Hoosiftee akka siif guddiftuuf dhaqee warra Ibrootaa keessaa takka siif waamuu,” jette. Intalli mootiis, “Eeyyee dhaqi,” jetteen. intalattiin dhaqxee haadha Musee waamtee fidde. Intalli mootichaas,”Mucaa kana fuudhi guddisi gatii siifan kenna,” jetteen. Harma ishee hoosiftee guddiste. Kana booda erga guddatee booda fiddee intalatiitti kennite.
• Isheenis ani bishaan keessaa baasera jettee Musee jettee moggaafte (Ba ‘uu. 2:10)
Museen nama ga’aa erga ta’ee booda gaaf tokko gara sanyii isaatti gadi ba’ee hojii isa ba’aa ulfaataa isaanitti ta’e sana ni ilaale, namni Masrii tokko nama warra Ibrootaa keessaa isa tokko yemmuu rukkutu arge, innis asiifi achi ilaallatee booda namicha Masrii sana ajjeesee reeffa isaa cirracha jala dhokse. Guyyaa itti aanuttis ammoo Israa’elootni lama yoo wal lolan “Maaf walloltu jedhee gaafannaan, tokko si eenyutu abbaa murtee nu irratti si godhee? Moo akkuma kaleessa nama Misirii ajjeeste sana anas ajeesuu barbaadda?” jedheen. Yemmuus Museen ni sodaate in yaadda’es. Dubbichi beekamu hin hafu jedhee gara luba Miidiyaamitti baqate. Yeroo achi gahus ijoollee dubroota Miidiyaam gargaaree bishaan obaaseef, innis mana isaaniitti gale. Yootoris intala isaa Siifooraa Museedhaaf ni kenneef. Ilmas ni deessef (Bau. 2:11-25, Ibr. 11:24-26, Hoj. 7:23-29, Lak. 12:1)
Bara dheeraa boodas mootiin Misirii ni du’e. Waaqayyos Israa’eloota ni yaadate. Waaqayyoos Musee ni waame. Akka saba isaa bilisa baasuufis Waaqayyo itti dubbate. Guyya tokko osoo bushaayee Yootoor tiksuu tulluu Kooreeb Siinaatti ergamaan Waaqayyoo arraba ibiddaa isa huuxxii qoraattii keessaa boba’u keessaatii Museetti muuldhate. Museenis gara huuxxii qoraattichaa ilaalee “kunoo huxxicha irratti abiddi ni argama, garuu hin gubanne. Yemmus Museen,”Wanta guddaa muuldhatu kana itti goree nan ilaala. Huuxxiin qoraatti kun maaliif hin gubanne laata?” jedhe. Waaqayyoo achitti ‘Musee”Musee’ jedhee waamee,”Lafti ati irra dhaabbatte qulqulludhaatii kophee kee baafadhu,” jedheen. Yemmus Waaqayyo Waaqa abbootii keetiiti,” jedheen. Gadi qabamuu warra Israa’eliis akka argeefi isaan akka baasuuf isa filachuu isaa itti hime. Ulee ajaa’iba ittiin hojjetus fudhatee gara Fara’oon deeme. Fara’oonis
dheekkamsa sagaliin inni kurnaffaa du’a hangafootaa fi inni kudha tokkoffu galaana Eertiraa liqimsiisuun dhiphina guddaadhaan Israa’eloonni akka galaana Eertiraa ceehan taasise (Ba’u.14:1-15:21, Ibr.1 1:27-29). Kana boodas Museen Aaroniifi Hoor akka magaala eegan taasisuun gara tulluu Siinaatti ol bahee Waaqayyo waliin dubbate. Guyyaafi halkan 40 osoo homa hin nyaatiin soomeera (Ba’u.32-34).
Innis Tsillaatii qabatee yoo deebi’u Israa’eloonni waaq-harkee dhaabanii yoo ililchanii gammadanii taphatan argee aaree darbannaan tsillaatichi harkaa kufee cabeera.
• Tsillaatii cabes lammata akka hojjetu Waaqayyo isa ajajeera.
• Yemmuu Israa’eloonni bishaan dheebotanis ulee isaatin burqisiisee Israa’elootaaf kenneera.
• Waaqayyo Musee yeroo 570 haasofsiiseera. Kanarraa kan ka’e ‘si fuula kee argu malee’ jedhee
Waaqayyoon kadhatee ture. Akkasumas ni ta’e. (Seera ba’uu boqonnaa 3-13). Museen sababa bishaan kattaa irraa burqisiisee kanas akka ofii isaa raawwatetti dubbateef Waaqayyo itti gadde. Akka biyya abdii sana hin galles ni taasise (Lakk.20: 1-13, Faar.106:32-33)
Haalli boqonnaa Musee addaadha. Guyyaan itti du’u natti himi jedhee Waaqa kadhatee ture. Waaqayyos boqonnaan isaa guyyaa Jimaataa akka ta’e itti hime. Kana booda guyyaa Jimaata Jimaataa waggaa torbaaf handaqqiidhaan of maree of qopheessaa ture. Yeroo booda ni irraanfate, tasa guyyaa tokko ergamaan Suuriyaal jedhamu dhufee “Musee ilma Anbaram akkam jirta” jedhee nagaa gaafate. Ati eenyu nagaa akkanaa dhagahe hin beeku jedheen Museen. Innis “Ani ergamaa du’aati” jedheen. Museenis baay’ee waan rifateef akkuma ta’e ta’ee hanga guyyaa boruutti lubbuu koo hin tuqin jedheen; Waaqayyos ergatmchaan akka obsuuf itti hime. Innis gadi bu’ee bor nan du’a jedhee haadha warraa isaatti nagaa dhaammate. Gara maatii isaas deemee, yoo gurraacha’ee agartu.
• “Maal taate maaltu siyaame obboleessakoo,” jetteen.
• “Eenyutu na waama Waaqa malee; eenyutu na sodaachisa ergamaa du’aa malee,” jedheen.
Haati warraa isaas “Kan Waaqayyo waliin hanga kana dubbatu ni du’aa?” jetteen. Osoo hin du’iin kan hafu akka hin jirre ishee hubachiise. Ijoollee koo naa fidi jedhee fiddeefii xinnichi Aalaazar jedhama. Abbaa isaatinis
• “Egaa kana booda kan nu kabaje nu xinneessa kan nu jaalate nu jibban” jedhee booye;
Museenis ilma isa kana waliin bo’aa ture. Gooftaanitti muuldhatee,”Maaltu si boossisa” jennaan “Yootooriifi Aaroon du’aniiru amma ijoollee koo eenyuttan dhiisa,” jedhe. Yeroo kana gooftaan gara galaanaa fudhatee dhagaa tokko rukkuti jedhee dhagaa sana keessa raammoon yoo nyaattu itti agarsiise. Egaa kan raammoo kana yaadate Waaqayyo ijoollee keef hin yaaduuree? jechuu isaati. Museenis kana argee tasgabbaa’e. Kana booda ijoollee fi haati warraa isaa bo’ichaan gaggeessan.
Museen qalbiin isaa yaadaan fudhatamtee osoo deemuu ergamootni fakkeenya namaattin yoo boolla qotan arge. Innis itti goree isaan gargaaree erga boolichi qotamee dhumee booda “namichi awwaalamu eessaa?” jedheen. “Isallee ni fidna garuu akka hin baldhanne yookaan hin xinnaanne malee.” Jedhaniin Maarree kana hin safarruuree,” jennaan, egaa akkas jettee namichi haguma kee kana gahaa safarree ilaaliuu?” jedhaniin. Museen garraammii waan ta’eef safaramuu seene. Yemmuus ergamaan sun achi keessatti egee “Musee ilma Anbaram nagaan siif haa tahu” jedhee achumaannis fudhatera.
Boolli bakka awwaalcha isaa hin beekkamu. Kunis uummanni Israa’eel dadhabdoota waan ta’aniif akka itti hin bulle jedhee Waaqayyo jalaa dhoksee.
Museen waggaa 120 jiraate. Guyyaan yaadannoo boqonnaa Isaas Fulbaanaa 8. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nuutti haa araaramu; sugni isaas nu waiiin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Arneen!

Yooseef

Yooseef jechuun ‘hu dabalu’ jechuu yoo ta’u ilma Yaa’iqoob isa kudhaa
tokkoffaa; Raaheliif immoo ilma ishee isa jalqabaadha. (Uma. 30:22-24)
Yaa’qoob Yooseefiin ija Raaheliin waan ilaaluuf ijoollee isaan kaan caalchisee jaalata ture. Uffata warqeerraa tolfamees itti uffisaa ture. Kanaanis obbolootni isaa itti hinaafan. Bissii/nadoon obboloota isaa bissii isaaf yoo qoomma’an abjuu isaan argee abbaatti hime. Ammas aduun 11 urjii tokkoof yoo sagadan argee abbaatti abjuu isaa himate. Abbaanis sababa midhaaniitiin akka isaaf bitaman, aduun 11 kunis urjii tokkoof buluun isaanii fakkeenya obboloota isaa 11 akka ta’e hiikeef. Abbaanis,”Obbolootni kee yoo dhagahan walloltu isaanitti hin himiin,” jedheen.
Obbolootni Yooseefis bakka margi jiru loowwan isaanii qabatanii deemanii waan turaniif galaa qopheessee “Dhaqii gaafadhuu koottu,” jedheen. Yemmuu gara isaanitti dhaqus isaan alaalaa isa arganii,”Abbaan abjuu dhufe, erga du’ee booda akka nu bitu agarraa koottaa ni ajjeesna,” jedhanii alaalaa itti mari’atan. Isas wanta inni qabate dhufe irraa fudhatanii Yooseefin garuu dhaanutti ka’an. Roobeel hangaftichi irraa dhorke. Isa boollatti gatanii nyaata inni fide sana nyaachaa turan. Roobeel horii deebisuu deemee yoo deebi’u obbolloonni isaa Yooseefiin qarshii 20tti daldaltootatti gurguranii eeganiin. Roobeel deebi’ee dhufee dhabnaan bo’utti ka’e. Isaanis uffataa isaa hoolaa qalanii dhiiga dibanii abbaatti erganii “mucaa sana nutti ergitee turtee? kunoo akkana ta’ee uffata isaa agarre” jedhanii itti ergan. Abbaan isaa hanga Masrii bu’anitti Yooseefiif bo’aa ture (Uum.37.)
Warri Yooseefin bitatanis gara Misirii fuudhanii dhaqanii loltuu Fara’oon keessaa Phixfaara kan jedhamutti qarshii 30’n gurguran. Phixifaaraanis sababa Yooseefiin soorame. Niitiin isaa garuu waan baay’ee bareeduuf ija irratti gatte. “Waliin ciisnu malee.” jettee isa gaafatte jennaan innis, “Lakki,” jedhee didnaan dirqamaan qabde. “Waaqayyoon fuulduratti cubbuu akkamittan hojjedha,” jedhee utaalee jalaa bahe. Yeroo kana sobdee uffata of irratti tarsaastee kunoo. “Garbichi kun humnaan na gudeeduuf ture,” jettee isa hiisifte. Yooseef mana hidhaattis yemmuu darbatamu achi keesssatti nama abjuu namaa hiiku ta’e. Warra masaraa Fara’oon keessaa hidhaman tokkoof abjuu hiike. Abjuu isaanii erga dhagahee booda isa tokkoon ni duuta. Isa tokkoon ni baata jedheen sanaan yoo baatutti ana yaadadhu kunoo sobaan hidhameera jedheen. Waaqayyoos abdii isaa namaa irraatti waan gateef mana hidhaa isaa waggaa lamaan akka dheeratu taasise.
Hanga waggaa lamaa namni mana hidhaatii bahe sun isa hin yaadanne ture. Wagga lama booda Fara’oon abjuu abjoote. Saawwan furdatan 7 lagaa bahanii osoo jiran saawwan torba fufurdaa booda immoo saawwan torba kan dadhaban dhufanii yoo warra fufurdaa sana liqimsan arge. Fara’onis abjuu kana hiikuf barbaade. Yeroo kana namni kana dura Yooseef waliin hidhamee ture Yooseefiin yaadate. Yoon mana hidhaa turetti namni abjuu naaf hiike jira akkuma inni hiikee sana immoo ni raawwate jedheen. Kanan Fara’oon mana hidhaatii Yooseefin waamsise. Yooseefis Fara’oonitti abjuu isaa itti hime. Saawwan torban furdatan bara quufaa 7 akka ta’e sana booda immoo barri beela 7 akka dhufu, kanaaf bara quufaa kana midhaan gahaa waggaa torban itti aanuf illee gahu akka walitti qabatan taasise. Kanaanis Fara’oon isaa gaditti bulchaa biyya Misirii taasisee isa muude. (Uma. Boqonnaa 42 hangaa 45)
Akkuma Yooseef abjuudhaan hiike waggaa torba booda beelli hamaantureef obbolootni isa gurguranii turan sun biyya Misirii midhaan akka jiruu dhaga’anni bittachuu dhufan. Yooseef akkuma argeen isin basaastota ta’uu hin ooltan.” Jedhen. Isaanis “lakkii ilmaan nama tokkooti tokko manatti hafe tokko bineensatu nyaate nutti waliitti 12” jedhaniin. Innis “isa manatti hafe fidhaa yoo sana midhaan bitattu” jedheen. Simi’oon hambisee warra kaan erge. Yoo muchaa hafe fiddanii dhuftan lammata ni bitattu,” jedheen. Dhimma kana Yaa’iqobitti yemuu himaan ilma isaa kennuu ni died. Lakki Yooseefin bineensa nyaachiftan kun immoo maal gochuuf.” jedheen. Yihuudaan garuuu “itti gaaftamummaan anarra haa ta’uu,” jedhee fudhee deemee itti geese. Isaanis nyaatanii dhuganii yoo gosti 10’n bakka tokkotti haasa’an Biiniyaam qofaa isaa callisee taa’e.
Biiniyaamiifi Yooseef haadhanis abbaadhaanis tokko. Yooseef Biiniyaamiin “Maaliif hin taphatuu?”jedhee gaafate. Biiniyaam ammoo deebisee “Anis obboleessan qaba ture bineensatu na duraa nyaate” jedhe. Yeroo kana Yooseef gaddee nama isaan keessummeessuun,”Mucaa kana sababa uumiitii akka asitti hafu naaf taasisi,” jedheen. Warqee isaan midhaan ittiin bituu dhufanis akka isaanirraa hin fudhannes ni ajaje. Yeroo kana namichi Yooseef ajaje sun mala Biiniyaamin hambisu argatee xoofoo warqee Yooseef qalqalloo Biiniyaam keessa godhee isaan gaggeesse. Yoo isaan karaa gahan dhaqee isaan dhaqqabee “Namni xoofoon warqee irratti argame gara Yooseefitti akka deebi’u” jedhee dubbate. Sana booda xoofichi qalqalloo midhaan Biiniyaam keessatti waan argameef Biiniyaamiin qabee deebise. Isaanis yeroo kana afaan isaaniitiin “Badii obboleessa keenya irratti hojjennetu nu qaqqabe,” jedhanii dudubbachuu eegalan. Waan isaan dhagahan hin seene. Yooseefis kana dhagayee,”Ani
obboleessa keessan kan na gurgurtaniidha,” jedheen. Isaanis garmalee rifatan. “Hin rifatinaa,” jedhee, abbaa isaaf saragallaa ergee isaaniifis uffataa fi galaa qopheessee gara biyyaatti ergeen.
Yaa’iqoob Yooseef lubbuun jiraachuu isaa yoo dhagahu garmalee gammade. Innis gara Misirii dhufe. Fara’oonis biyya Gessem keessa isaan qubachiise. Kanaan Israa’eloonni gara biyya Masrii dhaquu danda’aniiru. Waggoota 430 boodas Museeedhaan gara biyya isaanitti deebi’aniiru. yooseef yeroo du’etti Kana’aanitti akka isa awwaalan isaan kakachiisee du’e. kanaanis amantii isaa ibseera (Uum.50:22-26, Iyya.24:32, Ibr. 11:22).
Yeroo biyya Misiriitii ba’anittis lafee isaa fuudhaniiru. Yooseef ijoollee lama Efreemiifi Minaasee kan jedhaman qaba. Abbaan isaa Yaa’iqoob hangafummaan Yooseefif ni ta’a jedhee ijoollee isaa lamaan eebbiseeraafi. Kanaanis Yooseef Israa’eel keessatti abbaa qomoo lamaa jechuunis qomoo Efreemii fi Minaasee ta’uu danda’eera.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kannan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti, Ameen!

Loox

Loox akka obboleessa Abrahaamitti haa waamamu malee, Ilma Haaram obboleessa Abrahaamidha. Yemmuu Waaqayyo Abrahaamiin Kaaraanii bahi jedhee ajajetti Loox immoo isa waliin bahuun Abrahaamiin hordofe. Misiriis isa duukaa dhaqe. Yeroo boodas qabeenyi isaanii baay’annaan gargar bahan. Loox hanga Sodoomitti lafa
Qabate (Uum.13:5-ll). Yeroo Loox namoota Sodoom waliin booji’ametti Abrahaam immoo gargaaruun isa deebiseera (Uum.14:12-16). Bara sanatti Sodoomitti cubbuun baay’ee hamaa ta’e ni raawwate. Namnis cubbuu saala walfakkaatuun dhiirri dhiira waliin durbi dubara waliin wal hawwuutti ka’an. Kanaanis Waaqayyo Sodoomiin balleessuuf ka’e. Loox garuu nama gaarii ture. Ergamoonni Waaqayyo lamas galgala gara mana isaa dhufan. Loox,’Gooftolee koo koottaa,” jedhee simatee mana isaa bulche. Buddeen tolchisiisee, irbaata qopheessee isaan keessummeesse. Osoo isaan gadi hin ciisiin namoonni Sodoom dargaggoonni, jaarsoliinis tokko osoo hin hafiin dhufanii manicha marsan. Looxiinis,”Keessummoota galgala dhufan sana gadi baasi,” jedhaniin. Loox garuu gadi bahee balbala of duuban cufee jara kadhate. Innis namoota mana isaatti naannawan kanaan, “Yoo barbaaddan ijoollee durbaa geessuu laman qaba, isaan fudhaa wanta gaarii ta’ee isinitti muldhate hunda irratti raawwadhaa.” jedheen. “Namoonni kun garuu bantii mana koo jalatti waan dheessaniif waan tokkollee isaan irratti hin raawwatinaa,” jedheen. Isaanis,”Namichi galaan as dhufe kun seera nuuf baasaayii asii badi” jedhaniin. Yeroo kana balbala ol seenuun yemmuu isaan baasuu gahanitti ergamoonni Looxiin harka isaanii loosanii ol seensisanii karra cufuun namoota sana ija isaanii jaamsan. Jarris balbalicha barbaacha of dadhabsisaan. (Uum 18: 19)
Ergamooni Waaqayyoos Looxiin.”Namoota keefi ijoollee soddoota kee fuudhu magaala Sodoomii bahi nuti magaala kana balleessuuf dhufneerraa,’ jedhannin.
Innis gara soddoota isa dhaqee ‘ka’aa’ jennaaniin waan inni taphaaf jedhee isaanitti dubbate itti fakkaatee didan. Ergamootnis maatii isaa ni baasan. Innis waan tulluutti baqachuu hin dandeenyeef magaala xinnoo Zu’aar jedhamtu takkaaf ni kadhattee. Isheenis sababa kadhannaa isaaf osoo hin gubbattin barbaada’innaa haftee. Dhagaan boba’uufi ibiddi akkuma Loox Zu’aar ga’een ni bu’e Haati manaa isaa gara booddee isheetti yoo miildhattu siidaa soogidaa taate. Sababni isaas akka duubatti hin ilaalle ajajaamanii waan turanniifidha. (Umm. 19:17-26). Qofaa isaanii waan turaniif ijoolleen Loox dahuu hin dandeenye. Kanas, lamaan isaanii erga abbaa isaanii macheessanii booda lamanuu isa waliin ciisani; ni ulfaa’anis.
Isaanis Moo’aabiifi Aamooniin dahan. (Uma 19:30-38). Kakuu haaraa keessattillee waa’een isaa ka’erraa. Seenaan haadha mana isaa akka akkeekkachiisaatti. Haadha manaa Loox yaadaa…” Luuq.17:28-33.
Seenaan Loox Waaqayyo toloota akka rakkinaa irraa baraaruuf fakkeenyadha. (2Pheex.2:6-10).
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqulicha kanaan nutti haa araararnu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti, Ameen!

Yaa’iqoob

Yaa’iqoob jechuun koomee qabate jechuu yoo ta’u abbaan isaa Yisihaaq haati isaa immoo Ribqaadha. Obboleessa isaa irraa hangafumu fudhateera (Uum.25:29-34;27:1-45). Guyyaa obboleessa isaatin wal lolu baqatee fagaatee dhagaa takka boraafatee rafe. Halkan abjuun yaabbannoo/kortuu hundeen isaa lafa dhaabbatee fiixeen isaa immoo samii gahu yeroo ergamootni Waaqayyo irra deddeebi’an ni arge. Waaqayyoo immoo fiixee kortichaa irra dhaabatee ture. Waaqayyos, “Waaqni abbaa kee Yisihaaq kan Abrahaam ana Waaqayyodha. lafa ati irra ciifte kanas siif sanyii keef nan kenna. Sanyiin kees akka cirracha lafaa ni ta’a” jedhe waadaa galeef. Yaa’iqoob ganama obboroodhan ka’ee dhagicha mataa isaa jala kaa’atee fuudhee utubaa seenaa godhee ol qajeelchee dhaabee zaayita ejersaa irratti dhangalaase. Maqaa iddoo sanaas Beetel jedhee.
Beetel jechuun isaas mana Waaqayyoo jechuudha. Duraan garuu gandi sun Loozaa jedhamaa ture. (Uum. 28: 11-22)
Ka’ee gara Sooriyaa gara Laabaa deeme. Laabaan obboleessa haadha isaati. Yemmu Sooriyaa gahu Raaheel hoolota oofaa dhufte; fuudhe dhungate. Yeroo kana Raaheel dhaqxee abbaa isheetti himte. Laabaan Yaa’iqoobiin simate. Erga ji’a tokko isa bira turee booda firaa koo yoo taates akkamiin tola na tajaajilta, mindaan kee maalidha?” jedhee isa gaafate. Yaa’iqoobis, “Raaheliin natti heerumsiisi kanaaf immoo waggaa 7 siin tajaajila,” jedheen. Laabaanis, “Tole, nama biraaf hangan kennu siif yoon kenne naa wayya,” jedheeni. Waggaa 7 booda abbaan akkamittan osoo hangafti jirtuu quxusuu itti heerumsiisa jedhee Liyaa itti heerumsiise. Yaa’iqoob ganama ka’ee yoo ilaalu Raaheel miti. Sana boodas
wagga 7 tajaajilee Raaheel fuudheera. Yemmuu kanas obboleessi isaa Eesaawu isa simachuuf dhufeera. Walittis waldhaansoo qabatee ebbifamee maqaan isaas Yaa’iqoob irraa gara Israa’elitti jijiirameera (Uum.35:10).
Israa’eel jechuun Waaqayyo waliin waldhaansoo kan qabu jedhuudha (Uum 32:28). Yaa’iqoob ijoollee 13 argate. Kitaabni 12 jedhus bara sanatti waan dubartiin hin lakkaawamneef akkas jedha. Yaa’iqoob dubartii Diinaa jedhamtu kan Liyaa irraa dhalche ni qaba. kan lakkoofsa keessaa hafes isheedha.
Nama 6 Liyaarraa isaanis
• Roobel,
• Simoon,
• Leewii,
• Yihuudaa,
• Yisaakoor,
• Zaabloon.
Ijoollee 2 Raaheel irraa, isaanis
• Yooseef fi
• Biiniyaam,
Baalaa, gargaartuu Raaheel irraa immoo
• Daanii fi
• Niftaaleem dhalche.
Ijoollee lama immoo gargaartuu Liyaa Zalafuu irraa argateera; isaanis:
• Gaadi fi
• Aseeridhma
Dhuma irratti sababa Yooseefiin biyya Misirii dhaqee achitti boqate. Ilma isaan garuu ‘yeroo guyyaan boqonnaa koo gahu biyya kanatti na hin awwaaliin’ jedhee biyya isaatti akka isa awwaalu akeekkachiiseera. Ijoollee Yooseef Miinaasee fi Efreemiin erga eebbiseefi booda waggaa 147 tti boqote. Yooseefis saraggallaan/gaanidhaan fuudhee bakka awwaala abboota isaa Kana’aanitti awwaalerraa (Uma. 48)
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa
araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Saaraa

Saaraa jechuun olaantuu jechuu yoo ta’u haadha warraa Abrahaamidha. Dhala dhabdee baay’ee rakkachaa turte booda garuu Waaqayyo kadhannaa ishee dhagahee akka Yisihaaqiin deessu godhe. Dhala kan argattes argattes wagga 90tti. Waaqayyo ammas Abrahaamiin, “Waa’ee haadha manaa kee Sarayiif immoo maqaa ishee Saaraay jettee hin waamiin maqaan ishee si’achi ‘Saaraa’ haa jedhamu. Ani ishee nan eebbisa. Ilmas immoo ishee irraa siif nan kenna isheenis saba baay’eedhaaf haadha ni taati. Mootonni saba gara garaa ishee irraa ni argamu” jedhe (Uuma. 17:15). Yeroo kana Abrahaam garuu gad gombifame in kolfe. “Jaarsa waggaa dhibbaaf mucaan ni dhalataa? Saaraan ishee waggaa 90 immoo mucaa in deessii?” Jedhe. Waaqayyos,”Maqaa isaa Iyisihaaq jette ni moggaafta anis kakuu koo akka kakuu isa booddedhaan syanii isaaf bara baraaf jiraatutti isa wajin nan jabeessa.” jedheen.
Dabalataanis yemmuu Abrahaam fakkeenya nama Sadiitiin Sillasee keessumeessu tokkoo keessaa, “Saaraan waggaa har’aa ilma ni deessii jedhee yoo dubbatu isheen goda keessaa dhagahaa waan tuneef keessa isheetti ni seeqxee. “Ani dulloome laguun dubartiis narraa cite abbaa warraa koo bira gahuu akkamittan hawwaa” jette. Booda garuu maaf kofalte jennaan sodaattee lakki ani hin kofalle jette (Uum. 18: 1-15)
Waaqayyo akkuma abdachiise ture Saaraa ni yaadate. akkuma dubbatees isheedhaaf ni godhe. Saaraan ulfooftee ilma ni deesseef, Abrahaamis maqaa isaa Yisihaaq jedhee moggaase.
Yisihaaq jechuun ‘ni kolfe’ jechuudha. Dhalatee guyyaa 8 akkuma Waaqayyo isa abboometti Abrahaam Yisihaaqin dhaqnaa qaberraa. Saaraannis sababa ani ittiin kolfu anaaf kenne warri dhagahan hundinuu ana waijin ni kolfu…. itti dabaltees “Saaraanis mucaa hoosisuuf jetti jedhee Abrahaamitti himuu eenyutu yaaderraa, Ani garuu bara dulluuma isaattl ilma da’eerraaf’ jette (Uma 21:7. Saaraanis sababa amantiifi ajajamummaa isheetiin galateeffateetti. (Isa. 51:2, Ibr.11:11 1Phex. 3:6)
Isheenis waggaa 127 keeboornitti boqotte. Abrahaamis awwalaa haaraa bitee itti awwaale. Holqa Maafkel jedhamtu kan lafa Heet irraa Abrahaam bitetti awwaalamte.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii kanaan nutti haa araaramu; sugni ishees nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Yisihaaq

Yisihaaq

Yisihaaq ilma Abrahaam kan Saaraa irraa dhalateedha. Erga Abrahaamiif, “Sanyiin kee biyya lafaa kana ni guuta,” jedhamee waadaan galameefii waggaa 25 booda dhalli isaa kan abdii abbaa isaa galmaan gahuuf Yisihaaq ni dhalate. Abrahaamis ilma isaa hedduu jaalata ture. Yisihaaqis abbaa isaaf hanga akka aarsaatti dhiyaatutti ni ajajamaaf ture. Innis nama amantii ta’ee guddate. (Uum.22;26; Room.9:6-9; Gal.3:16;4:21-31, Ibr. 11:9-20)

Abbaan isaa Abrahaam gosa isaa irraa qofa akka fuusisu gargaaraa isaa kakachiisee waadaa galchisiise. Innis tole jedhee meeshaalee gaggaarii gaalota 10tti fe’ee gara Mesopotaamiyaa deeme. Innis karaa dheeraa deemee bishaan cinaa yoo taa’u Ribqaan dhufte, “Bishaan na Obaasi, gaala koos naaf obaasi!” jedheen. “Tole,” jettee obaaste. “Ati kan eenyuuti,” jedheen, “Kan ilma Naakoor ilma Baatu’eel,” jetteen. “Gara mana keessanii iddoon bultii gaalleen kiyyaaf jiraa?” Jedheen. “Eeyyee maaltu dhabame ” jette. Innis qubatti qubeelaa gurratti lootii godhee gara mana warra isheetti erge. Obboleessi ishee Laaban faaya kaawwatte kana yemmuu argu gaafate. Waan ta’e hundaafi waa’ee namichaa itti himte. Innis dhufee fuudhee gara manaatti isa fide. Isaanis, “Nyaata nyaadhuu boqadhu.” jedhanin. Namtichis, “Wantan dhufeef osoo hin dubbatiin hin nyaadhu.” jedhen. Isaanis, “Tole dubbadhu’ jedhaniin. “Abbaan Yisihaaq” Abrahaam dulloomeera; warra Sooriyaa keessaa malee warra Kana’aan keessaa ilma koo Yisihaaqiin haadha manaa hin fuusisiin jedhee na kakachiiseera. Miraa dulluma keessa argate qaba,” jedheen. Warri Ribqaas tole jedhaniif. Innis Ribqaa fudhatee gara Yisihaaq jirutti fideef. Yisihaaqis yeroo fagoom ishee argu ni gammade karaattis bahee ishee simate. Hedduus ishee jaalate. Yeroo sanatti Yisihaaq nama waggaa 40 ture (Uum.24).

Erga walfuudhanii yeroo dheeraadhaaf ijoollee hin arganne ture. Booda garuu erga Yisihaaq Waaqa kadhatee lakkuu ulfoofte. Eesaawu fi Yaa’iqoob ni dhalatan. (Uma.25:21) Kan dura gadaamessaa bahe Eesaawu ture. Yaa’iqobis quxusuu jedhame (Uuma 25.26). Yaa’iqoob koomee Eesaawu qabatee dhalate. Ribqaan Yaa’iqoobiin baay’ee jaallatti ture.

Yisihaaq dulloome hanga ijji isaa arguu dadhabuutti geessee ture. Eesaawu adamoo adamsa. Yaa’iqoob immoo haadha isaa waliin oola. Guyyaa tokko Yisihaaq Eesaawun waamee “Mee adamoo deemii akkan jaaladhutti naa qopheessii na nyaachisi sin eebbisa har’i guyyaan eebba itti sii kennudha,” jedheen. Yeroo kana Ribqaan dhageessee waan turteef Yaa’iqoobitti himte. Eesaawu qaamni isaa rifeensan kan uwwifamedha. Abbaan isaa rifeensa isaa kana qaqqabuudhan Eesaawuufi Yaa’iqoob irraa adda baasa. Haati isaafi Yaa’iqoob osoo Eesaawu hin dhufin nyaata Yisihaaq barbaadu qopheessuun eebba Eesaawuuf qophaa’e akka Yaa’iqoobiif ta’u, gogaa re’ee isatti uwwisuun nyaata sana qabatee gara Yisihaaqitti dhiyaatee akka eebba argatu taasiste.

Yaa’iqoob erga eebba abbaa isaa fudhatee booda Eesaawun jalaa baqateera. Booda Eesawu yoo ‘dhufee Yisihaaqiin na eebbisi’ jedhuun eebba isaa obboleessi akka jalaa fudhate itti hime. Ati garuu xiyyaa keetin jiraadhu obboleessa keetifis ajajami jedheen. Yaa’iqoob akka Eesaawu isa hin ajjeesneef jalaa badee gara Laabaa deemeera. Booda garuu gara isaanii yemmuu deebi’u Yisihaaq deebisee araarsee booda waggaa 180tti boqoteerraa (Uum.35:28-29).

Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!