Category Archives: Hoggantoota qulqulluu

Nahimiyaa

Nahimiyaan nama mana Waaqayyoof jaalala guddaa qabu dha. Biyya Arxeksiis jedhamtutti mootichaaf daadhii dhiheessaa ture. Innis masaruma mootichaa keessa waan jiraatuuf qananii guddaa qaba ture. Haa ta’u malee, biyyi abboota isaa Iyyarusaaleem walakkaan booji’amanii, walakkaan immoo warri osoo hin booji’amiin magaala Iyyarusaaleemitti hafan arrabsoofi dhiibbaa namoota Waaqayyoon hin beekneen miidhamanii seera Waaqayyoo irraanfatanii karaa dogongoraatiin fudhatamuu eegalan. Ijoolleen isaanis afaan itti dhalatan irraanfatanii kan biroo haasa’u ture. Dallaan Iyyarusaaleemis jijigdee karri ishees ibiddaan gubate. Maqaan Waaqayyo gooftaas gadi qabamee kan warra Waaqayyoon hin beekne jajjabaachuutti ka’ee ture.
Nahimiyaanis waa’ee kana waan beekuuf, “Iyyarusaaleem iddoon awwaalli abboota koo jiru akkanatti barbadooftee ani akkamiin masaraa kana keessa gammachuun jiraachuu danda’aa?” jechuun halkan guyyaa Waaqayyoon kadhata ture. Baay’isees soomaafi boo’aas ture. Masaraa mootii keessa Jiraatuus, erga diigamuu Iyyarusaaleem dhagahee dhoksaadhaan sooma malee waan gaarii hin nyaatu ture. Booda Waaqayyo kadhaa isaa ni dhaga’e, mootichas garaa ni laamseef. Mootichis Iyyarusaaleem dhaqee akka ijaaru Nahimiyaadhaaf ni eeyyameef. Warri biyyattii qabatanii bitaa turan garuu. “Ati humna maaliin ijaaru dandeessa?” jedhanii itti kolfuun isa arrabsu ture. Inni garuu, “Nuti garbootni isaa kaanee ni hojjenna, Innis fiixaan nuuf baasa,” jedhee uummata jajaabeessaa ture. Gargaarsa Waaqayyootiin lyyarusaaleem ishee diinaan marfamtee turte sana halkaniifi guyyaa uummata gurmeessuun, inaaffaafi jaalala guddaa ajaa’iba ta’een hojjechuun guyyaa 52 keessatti dallaa ishee kabee ni xumure.
Seera Musee kan Israa’elootni dhiibbaa alagootaatiin irraanfatanii turanis ummataaf akka dubbifaman ni godhe. Uummannis guyyaa torbaaf seericha barate. Seera irraanfatanii turan beekuu isaaniitiinis ni gammadan. kanaanis ayyaana guyyaa torbaaf ni ayyaaneffatan. Iyyarusaaleemis ni cimte. Diinotni isaan dhiphisaa turan sunis ni qaana’an. Namoota ijoollee isaanii afaan isaanii irranfachiisanittis ni guungume, ni adabes. Isaanis ijoollee isaanii afaan isaanii barsiisuu eegalan, seerris ni tumame.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Raajaa Saamu’eel

Saamu’eel jechuun ‘Waaqayyo na dhagahe’ jechuudha. Dhaloonni isaa qomoo Efreem irraadha. Abbaan isaa Hilqaana, haati isaa immoo Haanna jedhamu. Haannaan dhala dhabdee yeroo dheeraaf gaddaa turte. Kana irratti
masaanuun ishee sababii isheen dhala dhabdeef ishee ni tuttuqxi ture. Haannanis sababa kanaan yeroo nyaatte dhuguu dhiistuu fi yeroon nyaata itti lagattutu ture. Abbaan manaa ishee garuu yeroo aarsaa dhiyeessu gahee ishee dachaa godhee dhiyeessa ture. “Anis ijoollee kudhan irra siif hin wayyuu?’ jedhee ishee jajjabeessa ture. Isheenis kaatee gara mana qulqullummu dhaqxee mararfattee boossee Waaqayyoon kadhatte. Yemmuu isheen kadhattu lubni Eeliin ni ilaala ture. Isheen hidhii ishee qofa sochaasaa keessa isheetti baay’ee kadhachaa waan turteef lubni Eeliin waan machoofte se’ee, “Dubartittii nana hanga yoomiitti daadhii wayiniin machooftaa?” jedheen. Isheen garuu, “Lakki akkas miti ani dubartii garaan ishee baay’ee gaddeedha. Kanaafan, gadda koo Waaqayyoon duratti dhangalaafadha,” jetteen. Kana irratti akka dubartii waa’ee hin baafnetti na hin lakkaa’iin!” jetteen. Eeliin “Nagaadhaan dhaqi, Waaqayyo gooftaan Israa’eel waan ati kadhatte siif haa kennu!” jedheen. Isheenis, “Naaf haa tahu!” jettee galte. Guyyaa sanarraa eegalee nyaara guuruu ni dhiiste.

Kana booda ilmi ni dhalateef. Maqaan isaas Saamu’eel jedhamee moggafameef. Biyyichis Maaseefa jedhama. Haati isaas ijoollummaadhaan osoo garaan fira hin bariin jettee akkuma kana dura Waaqayyoof waadaa galte gara mana qulqullummaatti isa galchite. Lubni mana qulqullummaa sanaa Eelii jedhama. Ijoolleen isaa immoo Afniniifi Finihaas jedhamu. Eeliin baay’ee dulloomee ture. Gaafa tokko osuma ciisanii jiran sagaleen tokko, “Saamu’eel!” jedhee isa waame. Innis Eelii se’ee gara isaatti fiigee, ‘Kunoo asan jira,’ jedhe. Eelinis akka isa hin waamne baree, “Dhaqii deebi’ii rafi” jedheen. Sagaleen kun yeroo lama sadi irra deddeebinaan Eeliin, “Kana booda yoo siyaame, garbichi kee jira dubbadhu jedhiin,” jedhe. Akkuma kanaan Waaqayyo isatti ni dubbate. Ganamas yoo bari’u lubni Eeliin Saamu’eeliin waamee wanta Waaqaayyo isatti dubbate hunda akka itti himu gaafannaan hunduma isaa itti himee jira. Dubbiin Waaqayyo Saamu’eelitti dubbate kun kan ijoollee Eelii ittiin komatee ture. Ijoolleen luba Eelii wanta badaa dalagan. Waaqayyos abbaa isaanitiin akka gorsu fi itti dheekkamu ittime. Isaan garuu deebi’uu hin dandeenye. Sababa Eeliin jabeessee ijoollee isaatti dheekkamuu didee fi sababa cubbuu ijoollee isaatiin Taabotni Tsiyoon ni booji’amte. Ijoolleen luba Eelii lamaanis yeroo du’anitti du’a ijoollee isaa yemmuu dhagahu luba Eelinis naasuudhaan ni du’e.
Sana booda lubummaafi bulchaas ta’uudhaan Israa’eloota waggaa 40 hoogganeera. lyyuu’eelii fi Abiyaa ijoolle jedhaman horate. Luboota godhees muude. Ijoolleen isaas akka abbaa isaanii raajicha Saamu’eelitti haala barbaadamuun hin tajaajilan waan ta’eef uummanni gara Saamu’eel dhufanii, “Ati dulloomteetta, ijoolleen kee immoo faara gaariin nu tajaajilaa hin jirani. Kanarratti immoo Naa’os Amoonaawiin ija keessan mirgaa naaf gabbaraa isaan sodaachiseera. kanaaf, mootii murtee sirrii kennu kan diina irraa nu ittisuu nuuf muudi,” jedhaniin. Saamu’eelis jalqaba irratti, “Wanti isin kun hin ta’u,” jedheen. Waaqayyo immoo, “Wanta uummanni jedhu dhagahi,” jedheen. Kanaaf, raajichi Saamu’eel Saa’ool ilma Qiis muudeefii mootii Israa’elootaa isa jalqabaa akka ta’u godheera.
Raajaa saamu’eel biyya lafaa kanarra kan inni ture naannoo bara bara 1100 DH.K.D. dha. Ayyaanni yaadannoo boqonnaa isaa Waxabaijii 9 kabajama.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Iyyaasuu

Iyyaasuu jechuun ‘qoricha/Waaqayyo fayyisaa’ jechuudha. Kan dhalates qomoo Efreem irraati. Abbaan isaa Nawee jedhama. Boqonnaa raajicha Musee booda, Israa’elootni gara biyya isaanitti yemmuu galan dursaa ta’uudhaan akkuma Museetti jabaatee uummaticha ni gageessa ture. Waadaa Waaqayyo, “Lafa boqonnaa isinin dhaalchisa,” jedhees qabatee adeemaa ture.
Iyyaasuun Israa’eloonni gara Iyyaarikoo yemmuu deeman jalqaba namoota 2 ergee Magaala Iyyaarikoo basaasaa jedheen. Iyyaarikoonis salphaatti akka diina harkatti hin kufneef mootiin isaanii dalla torba naannessee ijaaree ture. Namoota lamaan lyyasuun erge kan basaasuuf gara Iyyaarikoo seenan kana Warri Iyyaarikoo shakkanii yemmuu isaan ajjeesuu dhufanitti dubartiin Raakeeb jedhamtu isaan dhoksiteetti. Raakeeb basaastota kanaan, “Waaqayyo laficha dabarsee akka isinii kennu bareera, Waaqayyo akka isiniin sodaannu nu taasiseera. Namootni laficharra jiran hundumtuu fuula keessan sodaachuu irraa kan ka’ee baqaniiru….” yemmuu moo’atanii gara Iyyaarikoo galanitti
isheen isaaniif waan gaarii goote, isaanis isheefi maatii ishee akka yaadatanii badiinsa oolchan ni kadhatte. Yemmuu dhufanitti mana ishees akka baafatan mallattoo foo’aa diimaa foddaa isheerratti hiite. Israa’eloonnis Taabota Tsiyoon qabatanii Iyyaarikoo yeroo jaha marsanii yeroo torbaffaa irratti dallaan Iyyaarikoo ni diigamte. Raakeeb immoo mallattoo foo’aa diimaa sanaan addaa baafamtee Israa’elootaan osoo hin badiin hafte.
Iyyaasuun hanga diina isaanii injifatanitti akka biiftuun hin dhiineef “Aduun Gabaa’oon irrati haa dhaabattu. addeesis sulula Eelon irrati,” jedhee kadhatee akka aduun hin dhiine dhoorkeera (Iya. 10:12). Iyyaasuun boodarras Israa’eliin walitti qabee, “Waaqa keenyatti amantu moo waaqa Mo’aabotaatti amantuu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Waaqa keenyatti amannaa” jedhaniin. Innis kanaaf ragaa akka ta’uuf dhagaa tulluu Seeloo irratti dhaabe. Dhagaan kunis dhagaa lyyaasuun Israa’eloota waliin kakate jedhamee waamama. (Iyya.24)
Haala kanaan jiraate waggaa 110 tti boqoteera. Guyyaan yaadannoo saas Waxabajii 26 dha.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa taatu. Hanga bara baraatti, Ameen!