TIPS AND TRICKS OF SCHOLARSHIP INTERVIEW

Good afternoon Professors! Please, allow me to introduce myself!

I am very glad and honor to be here for interview.

My name is ……………. I am …… years old. I came from ………  ……. is located in the ……. part of ……. I primarily enjoy reading because it can cultivate my critical thinking, diversify my knowledge and my mind.

I was graduated from ……… in July, 2017. Majored in computer science. Recalling my four-year college study; diligence and devotion are the two key words. I seldom idle away the precious time, get up at 6 o’clock every morning. Collect materials in the library every weekend and read various kind of books at vacations. Academically, my college GPA is …….. To be honest, my university is not exactly as famous or renowned as some of the top university in ……., but I love it. When I look back now it has been quite an experience, an experience that’s worth every minute of it.

Guyyaan sifis ni dhufa

Jireenya nama keessatti yeroo tokkoof lama miti namni haallafi bifa garagaraan kan nutti hin yaadnen nu simataniruu. Haa ta’uu malee, nuutti rakkoo arginee sana keessa darbinee kuno har’aas jiraacha jira.
Kallessaa keessa darbittee har’a jiraachuun kee jireenya kee keessatti akka ati abdii haaraan gara fulduraatti kaatuf si ciimsa. Akkumaa warqiin abidaan ilaalamu, rakkoon hangaa nutti hin yaadne yoo nu mudattees jabbinaan keessa darbuun ciminaa ajaa’ibsisaa akka qabnuuf mirkaneessaa.
Ati egaa har’a haalla garagaraan rakkoofi gidiraan si mudataa jira tannaan boor ifni addaa akka bahuu hin dagattin. Har’ii kee dukkanaa yoo fakkattee iyyuu boor kee garuu ifaa cimaa si egataa. Ifaa bira gahuufis dukkanaa har’a ittin marfamtee kana injifaachuu danda’uun sirraa jiraata.
Namni nama ta’ee kan namatti hin darbinee hin jiru; haa ta’uu malee, dhimmi inni guddaan namni yeroo seeraan alaa sitti darbuutti, ati bakka kuufte kattee jabaatte miila laman dhabaachuuttu sirraa egamaa. Yeroo ati jabaattee dhabbattu inni sitti darbuu kun abdii kuutachuufi sitti darbuu isaaf yeroo gabbiin isaa waan ga’ee fakkataa.

Yeroo hundaa galataa dhiyeessi

Jireenyi kee gaariis ta’ee yaara dhihee yeroo sif bari’uu galataa dhiyeessun jireenya kee keessatti akka ati yeroo hundaa gammachuun guyyaa biraa abdiin egaattuf sif gargaraa.

Waaqayyoon arjummaa isa tannaan dukkannaa limxii keessa si dabarsee ifaa haaraafi guyyaa haaraa akka argittuuf umurii kee irratti waan sif dabaleef ganamaa hiribaa ka’uun galateeffachun sif ni ta’aa. Kunis gammachuu ati guyyaa sana hin yaadne sif kennuun olmaan nagaafi jaalalaa akka oltuuf si gargaraa.

Yeroo amma bakkewwaan garagaratti haalli jirenya, dhibbaan siyaasafi dinagdee akkasumaas wantoonni garagaraa rakkisaa yeroo jiruutti ati garuu nageenya argattee akka barbaaden battee galtee, oltee bulaa jiraatas waan ta’eef galata dhiyeessuun sirraa ni egamaa.

Olmaan nagaan olteef galataa dhiyeessi. Galgaalli dukkana’ee akka sif bari’uuf galataa dhiyeessi. Bakka turtee bakka jirtuu yaadachun galataa dhiyeessi.

Garuu, sababaa ittif galata dhiyeesituu hin qabdu tannaan waanti tokkoo akka sitti hir’aatte jiruu yaadi. waan sitti hir’aatte kanas nama bira osoo hin tannee ati ofii keetti barbaade argachuu qabda.

Waan haaraa argachuu barbaada tannanis ati yeroo hundaa galataa dhiyeesuu siif ni ta’a.

Galataa dhiyeesuun qofa isaa galataa qofaa kan jedhuu osoo hin tannee, galannii kadhannaas akka of keessa qabuu hin dagattiin.

Galataaan dhiyeessa jettee yeroo yaadetti, achumaan kadhachaas akka jirtuu yaadatti qabadhu.

Namnii tokkoo yeroo galata dhiyeessuu, Waaqayyoon wamuun isaa waan hedduun akka isaaf dabaluu ta’aa malee waan isa jala hir’aattu hin jiru.

Egaa yaa waaqayyoo, na uumtee yeroo hundaa dabarsitee ifa haaraafi guyyaa haaraa waan naaf lattef sin galatteeffadha lapheefi yaada jedhuu qabachuun ogumaa guddaadha.