Araarsummaa

Dursaa jechii Amanuu jedhuu hiikni isa addunyaa kanaafi ishee keessa kan jiraatu hunda bakka hin jirree (bakka hin beekamneetii) gara jireenyaatti kan fide yookiis kan uume Uumaan (Waaqayyo) jira jedhanii amanuu jechuudha. Samiifi keessa ishee kan iru, dacheefi wantoota dacheerra jiraatan hunda kan argamsiise ofii isaaf garuu argamsiisaa kan hin qabne uumaan (argamsiisaan) jira jedhanii amanuu jechuudha. kunis miira namaa shananiin qoratamee kan bira hin ga’amnee, kan qaamaan tuqnee mirkaneeffachuuf hin danda’amne garuu laphee keessatti “Eeyyee dhugaadha, akkasi” jechuun amanamuufi abdatamudha.
Hiika amanuu jedhuu kana irraa akkuma hubannuu, nuttis akka mana amantaa keenya kiristaanna ortodooksiitti kan amanuu yookiis waaqessinuu Waaqaa lafaafi samii uume malee ergamoota yookiis qulqulloota miti, garuu isaan ga’ee mataa isaanni danda’aan qabu. ga’ee isaanis aangoofi abboo waaqayyoon ofii isaa jaallatee isaaniifi kennedha malee nama ofii isaan kan isaan muddee miti. kan Waaqayyoo filaattee eenyuuttu salphisaa akkuma jedhu.

Egaa jalqabaa waa’ee araarsumaa dubroo maariyaam xiqqoo walliin ilaala.

Araarsituu jechuun araara jecha jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u, hiikni isaas wal diddaafi wal dhabiinsa hambisuu kan jedhuudha.
Araarsitoota kan jedhaan ammoo cubbamtoonni yoo cubbuu hojjetanitti gaddanii Waaqayyo akka araara isaanii godhu gara qulqullootaatti dhufan, qulqulloonnis waadaa isaaniif galamee wal diddaa sana Waaqayyoo dhiiseefi namoota cubbuu hojjetan sanaaf ni araarama.
Araarsumma ergamootaafi qulqulloota kam iyyuu dursuun, kiristaanonni hundi kan abdatan haadha Gooftaa keenya Iyyeesuus dubroo Maariyaamidha. Sababni isaas mataan mana kiristaanaa Iyyeesuus kiristoos waan ta’eef; mataa mana kiristaanaa kanaf kan buufata taatee gadaamessaa isheetti ji’a sagal baattee kan deessee waan taateefidha.
Adeemsa fayyuu ilma nama keessatti dubroo Maariyaamiin iddoo guddaa qabdi. Foon gooftaan uffatefi lubbuun gooftaan fudhates kan isheerra argamee malee eessayyu kan dhufe miti.
Guyyaa gooftaan godaanu wajjiin godaantee, lage ceetee, gamoojjii qaxxaamurtee, tulluu qaariitee wajjiin dheebotte, wajiin beeloftee, wajjiin boossee, wajiin naatee waan hunda wajjin taatee haadha guddifte akka taates beekamadha (Mat. 2:13, Mul. 12:14)

Waa’ee araarsummaa dubroo Maariyaamiis Mootichi Daawit akkas jechuun dubbateerraa. “Uffata warqeen miidhagdee haguugamtee mootittiin mirga kee ni dhaabatti, mucaa koo dhaga’i ilaalis, gurra kees natti qabi. Gosa kees mana abbaa kees irraanfadhu; mootiin miidhagina kee jaalateera. inni gooftaa keeti.”(Far. 44:9)
Egaa dubbiin kun kan akkasumaan dubbatamee hafu miti. Gooftaan dubbii raajotafi ooriitii keessa jechi tokko hafuurra osoo ardiifi samiin darbanii wayya(Mat. 5:18) jedheera.
Qulqulluun Gabri’eelin “Yaa Maariyaam Waaqayyo fulduratti surraa argatteetta, hin sodaatin,” (Luq. 1:36) jedhee kabajaan missiraachoo itti himeera.
‘Surraa’ kan jedhu hiikni isaa kabaja, dhagahamummafi araaraarsituu ta’uu ishee agarsiisa.
Waaqayyoo fuldurraatti surraa kan argataan araarsummaaf ni dhabaattu, ni araarsu, ni kadhaattus. kunis immoo Waaqayyoo feedha isa taanaan isaan filaate aangoo kanaaf. (Uma. 18:3, Uma. 18:23, Bau. 33:12, Lakk. 44:20, 2Sam. 24:17, Mat. 8:5, Mar. 9:17, Fil. 1:5) egaa kan Waaqayyoo fuulduratti surraa argatan hundi araarsummaa isaaniitiin akkas yoo hojjetan teessoo Waaqayyoo kan jedhamtee Maariyaamiin surraa isheedhaaf kennameen akka hadhumaatti kan ishee caalu hin jiru. kanaf yeroo mara mirga isaa dhaabbattee, nu araarsiti. (Faar. 44:9)

Araarsumaan Ergamoota hoo?
Jalqabummaa ergamoonni qulqulluun ilmi nama akka baduufi cubbuu hojjetu hin barbaadan. waa’ee kanas gooftaan keenya akkas jechuun dubbaterraa “Isaan xixiqqoo kana keessaa tokko illee akka hin tuffanne ilaalladhaa! Ani isinittan hima, Waaqa irraa ergamoonni warri isaan eeguudhaaf kennaman guyyaa hundumaa fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti ni argamu’oo” (Mat. 18:10) jedhe.
Ergamaan Waaqayyoo waa’ee warra Iyyarusaalem bittaa suukanneessaa keessa tturan, gidiraa hedduun dararamaa jiran kanaaf Waaqayyoo akka garaa laafuuf kadhateerraa. (Zak. 1:12)
Kana qofaas osoo hin tannee ergamoonni kadhaanna keenyas gara Waaqayyootti ol baasu (Xobit 12:15, HoE. 10:4)
Ergamoonni missiraachoo himoota (Uma. 16:11, Luq. 1:13, Luq. 1:26-27, Luq. 2:9-10)
Ergamoonni yeroo rakkoofi dhiphinaa nuuf dhaqqabu; nu fayyisuus (Far. 33/34 : 7, Mat. 28:5-6, Yoh. 20:1, Yoh. 20:12-13)
Ergamoonni yeroo balaatti dafanii nuuf dhaqqabu (Far. 90/91:11, Dan. 6:22, HoE. 5:19, HoE. 12:7)
Ergamoonni nama adabu (Lakk. 22:22-31, 2Sam. 24:16, Isa. 37:36, Luq. 1:19, HoE. 12:23)
Ergamootni seexana irratti aangoo ni qabaatu (Mul. 12:7)

Egaa waan hedduu qulqullootaa, ergamootaan kan wal qabatuu kaasun ni danda’amaa garuu nama dhaga’uufi baay’een hin barbaachisuu.

Waa’ee Taabotafi taabota 44 maal jechuudha?

Waa’ee Taabota


Q):  Taabonnii museef kennamee tokko isiin garuu taabota 44 jechuun ni waamtu kun maaliif ta’u danda’ee?

Q): Moggaasni Maqaa Taabota kakuu haaraa maaliif baay’ate?


A): – Duraan dursee wanti hubachuu qabnu taabota 44 kan jedhu mana amantaa keenya keesa hin jiru.

Taabonni Bataskaana keenyaa tokko dha. Seenaan Taabota 44 jedhu kan eegale, taabota 44n naanawaa magaalaa Gondar keessatti bara 1277-1284 keessatti argaman irraa ka’eeti.Kunis Maqaa Yaadannoo Qulqullootaan taabonni moggaafame lakkoofsa Qulqullootaan baay’achuu agarsiisa. (Isaay. 56:3-8).

  • Egaa Waaqayyo, “Xu’aashota Sanbata koo eeganiif, wanta na gammachiisu godhaniif, kakuu koo jabeessanii eeganiifis, ani mana qulqullummaa koo keessatti, kellaa isaa keessattis, ijoollee dhiiraafi durba qabaachuu irra kan caalu, maqaa bara baraan hin badneefi seenaa isaan ittin yaadataman nan kennaaf. (Isa. 56:4-5)
  • Seenaan qulqullootaa eebbaaf, seenaan nama jal’aa immoo abaarsaaf ni ta’a. (Fakk. 10:7(8))

Macaafaa qulqulluu irraatti hoo lama qofadha kan museef kennamee Har’a essaa dhufee akkas baay’atee kan jedhuuf immoo Akkuma Macaafa qulqulluu akkasumaas akkuma mana qulqulluummaa duraan tokkoo qofa kan turee innis mana sagadaa mootichi Solomoon ijaarsisee qofaa ture dur yeroo kakuu moofaa, ammas garuu tajaajilaa akka toluuf bakkee hundaatti mani qulqulluumaa ijaaramee jira.

Taabonnis tokkoodha garuu maqaa qulqulluuttan moga’ee tajaajila waaqeffanaaf akka toluutti ta’ee jira. kunis kan ta’ee macaafa qulqulluu irraatti hunda’uun akkuma raajichii Isaayas dubbattee (Isa. 56:4-5)

Haa ta’u malee kennaa, hojji fi kaayyoon taabota bakka hundatu tokkodha. Akkuma macaafni qulqulluun tajaajilaaf baay’ate hojii irra oola jiru taabonnis tajaajilaaf jecha akkuma raajichi Isaayaas jedhe maqaa qulqullootaan baay’atani.

Manni Qulqullummaa yoo baay’ateyyuu, Taabonni garuu bakka hundumattuu tokko dha. Manni qulqullummaa kakuu moofaa keessaa Mana Qulqullummaa Solomoon jedhamuun akkuma waamame kakuu haaraa keessatti Mana Qulqullummaa Taklehaymaanot, Aabboo, Aarsemaa, Mikaa’elii, Gabri’eelii’ … jedhamuun yaadannoo Qulqullootaarraa Eebba argachuuf yoo baay’ateyyuu kan keessatti Waaqeffatamu Waaqayyoo dha; Fooniif Dhiiga Waaqayyootu keessatti fudhatama.

  • Wanta dhuunfaa saba lafa irraa ta’e isaaniif kennuudhaan, hojii aangoo isaa namoota isaatti mul’iseera. (Far. 111:6)
  • Akkasumas qulqulluun Phawulos Maqaa Aqiilaa fi Phiriiqilaatiin Manni Qulqullummaa akka moggaafame kiristaanota achi keessa jiraniif nagaa dhiyeesseen ibsee jira. (1Qor. 16:19)

Q): – Taaboota fulduratti jilbeefachuun maaliif barbaachise?
A): – Manni Kiristaanaa keenya Waaqayyoon kan Waaqessitu yoo ta’u jecha Qulqullichi Phaawuloos

  • Kan kabajni Ulfinni ta’uuf ulfina kenni (Rom.13:7)

Jedhe bu’uura Godhachuun kan Waaqayyo kabaje, Taabota, Qulqullootaa fi Meeshaalee mana Qulqullummaa kan Waaqayyoon ittiin Waaqessinu hundumaaf kabaja ni kennina. Sagada Ulfinaa dabalatee fuuldura Taabotaa, suuraa Qulqullootaatti Ifaa(shaamaa) bobeessuun Waaqayyorraa Eebba ni arganna.

  • Waaqayyoos waa’ee meeshalee qulqulluufi ibsaan museetti himeerra akka inni hojjetufi maal irraa hojeechuu akka qabus.(Bau. 25:31-39)

Egaa Taabonni ergaa humni Waaqayyoo kan itti mul’atu eeba kan argamsiisu jechaa rakkina irraa kan nama oolchuu eega jenne sagadni nuti Fuuldura Taabotaatti sagadnus Abbaa Taabotaa kan ta’e waaqayyoof akka ta’ee ifaadha.

Fakkeenya kanaaf kan nu ta’u sababii balleessa Aakaniin dheekkamsi Waaqayyoo israa’eloota irratti in boba’e, sabootaa Aayin jedhamaniin dhuman. Sababii kanaaf Iyyaasuu fi manguddoonni israa’eel guyyaa gutuu taabota fulduratti gad gombifamuun Waaqayyoon kadhachuun injifannoo argatani jiru ( Iyyaasuu 7:6-11).

Taabota yeroo yaadnus kan nutti Yaadatamu Abbaa taabotaa kan ta’e Waaqayyo dha. Qulqullichi Daawwit bakkeewwan gara garaatti, Waaqayyoof bakka Qulqullaa’aa Mana qulqullummaa isaatti sagadaafii kan jedhes Mana Qulqullummaa san keessa Taabonni akka jiru Wallaalee osoo hin taane sagadni nuti Fuul-dura Taabotaatti taasifnu Waaqayyoof akka ta’e waan beekuufi

  • Ani garuu gaarrummaa kee isa baay’eedhaan gara mana keetti ol galuun anaaf kennameera; ulfinaan si sodaachuudhaanis, gara mana qulqullummaa keetti garagalee kufee siif nan sagada. (Far. 5:7)
  • Harka koo mana qulqulluummaa kee keessaa gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti, yeroon ol kaafadhu sagalee himata koo isa ani gargarsaaf sitti iyyadhu, anaaf dhaga’i. (Far. 28:2)
  •  

Ammas taanan kan Waaqessinuu nutti Waaqayyoon malee taabotas miti qulqullootaas miti. Kan Waaqessinuu Waaqayyoodha. Abbaa Ilma Afuura qulqulluu qaamaan sadii Waaqummaan waaqa tokkoo jenne amana. Kan amanees beekna waan ta’eef har’as hin yeellanu, boor yeella’un keenya hin jiru. Kanafi qulqulluun Phaawuloos

  • Ani garuu kanan amane waanan beekuuf hin yeella’u (2Xim. 1:12) kan jedheef.

Kanaaf Yeroo har’aa fuul-dura Taabotaatti jilbeenfannee Rakkoo keenya yoo Waaqayyootti himanne dogoggora hin qabu.

Namni waa’ee kabaja taabotaaf ta’u irraa yaada mamaa kasuu hin qabu, kunis dheekamsa waaqayyoo nama ni baarrara. Yoo tuffi agarsiise garuu dheekamsa waaqayyoo argachuu ni dandaa’a (2sam 6:16-21 Far 5:7).

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Du’aafi gosa isaa

Du’i foonii nama hin sodaachifne hin jiru. Akkasumas immoo xinnos ta’e guddaa, beekaas ta’e wallaalaan, sooressas ta’e hiyyeesi, kan amaneef hin amannee, gantuunis du’a foonii jalaa raawwatee ooluun danda’amu. Egaa du’aa jechuun hoo hiikaan isa maali? Macaafni qulqulluun maal jechuun hiikaa yookiis waa’ee du’aa maalfa ibsa? Mee walumaan haa dubbisnuu!

Macaafni qulqulluun akkas jechuun hiika:

  • Waaqayyoo irraa addaan ba’uu. (Uma. 4:16)
  • Daandii gara Waaqayyoo ittin dhaqan (Fil. 1:21)
  • Hirriba keessa dammaqu (Mat. 9:24, Yoh. 11:11, Luq.8:49)
  • Boqonnaa (Uma. 15:15)

Namoonni hoo maal jechuun du’aaf hiikaa kennuu?

  • Afuura baafachiisa: nama baay’ee rakkatee yeroo inni/ isheen duuttu ittin jedhu.
  • Kutee deemaa: Nama ol guddacha jiruu yeroo inni du’u kan ittiin jedhan.
  • Obbaafachiisaa, gab godhaa: namni hamaan yookiis namni jal’aan yeroo inni du’uu kan ittin wamaan
  • Fi kanneen biro hedhuudha.

Duuti gosa meeqa qaba?

Duuti gosa lamatu jira. Isaaniis:

  • Du’a fooniifi
  • Du’a lubbuuti.

1. Du’a foonii jechuun gargar ba’u fooniifi lubbuu jechuudha. Duuti foonii Abeel irraa jalqabee nama hundaa irratti mo’ee kan jiru eenyuuf illee kan hin hafneedha. Foon kan uffatee hundi kan du’uudha. Kunis immoo Adaam abbaan keenya uumamee waggaa 7 ergaa eddeen gannata keessa jiraate booda innaaf seexanaa irraan kan ka’ee; seexannii bofa irraa buluun Hewwanniin gowwomsee abboommii Waaqayyoo akka cabsaan taasisuu danda’eerraa. Waaqayyoos Adaam nama jalqabattin ati biyyoodha, deebitees biyyoo ni tata ittiin jedhee. (Uma. 3:19) Sana boode duuti foonii dhala nama irraatti mo’eerraa.

2. Du’aa Lubbuu jechuun lubbuun foonitti erga adda baatee booda gara Waaqayyoo deemtee murtoo fudhatti. Erga murtee fudhatee booda waan gaarii hojjetee hin qabdu tannaan yookiis seera Waaqayyoo hin eegne taannan yeroodhaaf gara Ibidaa Si’oolitti gadi buuti. Guyyaa isa dhumaa immoo isarraa kan caalu gara ibiddaa gaannamitti gadi buutee bara baraan achi keessatti dhiphatti, kunis DU’AA 2FFAA’ jedhama. (Rom. 6:23, Mul. 21:8).

Gosa du’a kana lamaan irraa du’ii kan biraan immoo

Du’aa Dhabbiitti (Ijaajjiitti): Innis afuuraan du’uu kan jedhamuudha.

Namni tokko biyya lafaaa kana keessa osoo hojjeetuu, osoo adeemu, osoo jiraatuu, osoo nyaatee dhuguu Waaqayyootti amanee yoo hin jiru ta’e hojii amantiis hojjechaa yoo hin jiru ta’e fayyaatti yookiis afuuratti du’aadha jedhama.

Waa’ee du’aa dhabbiittis macaafni qulqulluu akkas jedha.

  • Kan du’ee du’aan haa awwaalu (Mat. 8:22)
  • Ilmi kook un du’ee dhuma ture (Luq. 15:24)
  • Isin duraan kan duutan turtan. (Efe. 2:1)

Kalleessaa dhalli nama abboomii diduu isaan du’aa of irraatti moosisee ture har’as immoo tannaan yoo na jaallattan abboommii koo eegaa (Yoh. 14:15) kan gooftaan keenya jedhee sana diduun du’aa of irratti fiida jira. Du’ii kunnis du’aa foonii osoo hin tannee du’aa lubbuutti.

  • Duuniifi mootummaan warra du’anii kuufama ibiddaatti gad ni darbataman; kuufamni ibiddaa kun du’a isa lammaffaadha. (Mul. 20:14)

Namni seera beekufi hin beekne yakka raawwatee wal qixee addabaa argataa. (Rom. 2:12-14) Kunis inni kan wallaalummaa irraan kan ka’ee, kaan immoo beekumsa fooniitti hirkachuudhaan, kaan immoo gowwoomsaa hiriyyaatiin, kaan immoo dagannaadhaanifi kan kana fakkataan ta’u danda’aa namni kan inni du’u.

Haa ta’u malee, Waaqayyoo du’aa namaa hin jaallatu. Kanaaf karaa adda addaa barsiisuudhaan akka namni hin duuneef karaa baasee jira.

Kanaaf egaa dhalli nama waan guddaa of taasisu dhiisee, of jajuus dhiisee, waan hojjettuuti Waaqayyoon kadhachuun hojjeechuun irraa jiraata.

  • Mucaan nama akka gaaddisaatti ni darba, hin turus (Iyo. 14:1-2)
  • Waggaan kumni tokko, siif akkuma guyyaa kaleessa darbeeti, akkuma darabee dammaqa halkaniitis. (Far. 90:4)
  • Barri namaa akkuma margaati; akka daraaraa bakkeettis. (Far. 103:15)
  • Namni garaa isaatti yaadee ni akeeka, deebii kan kennu garuu Waaqayyoodha. (Fakk. 16:1, 16:9)
  • Mucaan namaa akka abaaboo coligee harca’uuti. (Isa. 40:6-8)
  • Mucaan nama akka qilleensa shuf jedhuuti, barri jireenya isaas akka gaadidduu darbuuti. (Far. 144:4)

Waaqayyoon nama qalbii jijjiiratee dhaaltu mootummaa isa, hirmattuu maddii isaa nu haa taasisuu.

Egaa namni ogummaadhaan, taayitaadhaan, qabeenyaanfi kanneen birootti maxxannee of jajuu dhiisuudhaan, gara Waaqayyootti deebi’ee, akka tasaatti akka du’u beekuudhaan, waan gaarii hojjechuudhaan, hamaa irraa deebi’ee, qalbii jijjiirate foon gooftaa nyaatee, dhiigaa gooftaa dhuguun qophaa’ee jiraachuutu isa barbaachisa.

  • Namni ogeessi ogummaa isaatiin of hin jajin, inni jabaanis jabina isaatiin of hin tuulin (Erm. 9:23-24)
  • Namni of jaju gochaa gooftaatiin of haa jaju (1Qor. 1:31, 2Qor. 10:17)

Waaqayyoon nuu kakasee kan nu jalqabsiisee nu jalqabsisee kan nu xumursisee galanniifi ulfinni oqubaan bara baraa isaaf haa ta’u. Ameen!