Raajaa Eermiyaas

Eermiyaas jechuun ‘Waaqayyo ol nama qaba.’ jechuudha.
Kan gadaamessa haadhaa isaa keessaa filatames jechuudha. Abbaan isaa luba Kelqiyaas jedhama. Mootichi bara sanaa Ikooniyaan jedhama. Nabukadanatsoor Faarsi dhufee mooticha hidhee uummata booji’ee yoo deemu, obboleessi isaa Naataan karaa irratti eegee, “Osoo ana moosistee Israa’eel siif akka bitaman nan taasisa,” jedheenii aangoo kadhate. Nabukadanatsooris, “Maqaa koo akka hin ganne,” jedhee warra boojii irraa hafetti Sedeqiyaas jedhee muude. Innis waggaa 8 erga mooticha isa muudeef gabbaree of jabeessee booda isaaf bitamuu dide. Kanaaf, mootichi jalqaba Mo’abaawotaan, itti aansees immoo loltootuma ofiitiin marsee isa cinqinaan Sedeqiyaas gara raajicha Eermiyaasitti, “Maaloo naaf kadhadhu,” jedhee ergaa itti erge. Raaja Eermiyaasis, “Uummata waliin booji’amta,” jedhee deebiseef. Kanaanis Sedeqiyaas, “Ati anaaf waan gaarii dubbattee hin beektu.” jedhee boolla keessati hidhe. Waaqayyo Qulqulluu Mikaa’eel ergee, Abemeelikirra bulee boolla keessaa isa baaseera (Erm. 38:7). Israa’elonni lolli itti hammaannaan mooticha keenya malaan baasuu qabna jedhanii akka inni du’ee fakkeessanii, “Waayi waayi” jedhanii reerra godhanii yoo bahan Nabukadanatsoor kana argee, ‘Maalinni?” jedhee yemmuu isaan gaafatu, “Mootii keenyatu du’ee awwaaluuf deemaa jirra” jedhaniin. Innis gaddee “Isa silaa anatu dhiqe gannazuu (kafanuun) qaba ture, mee amma dhungadheen gageessa reeffa isaa naaf fidaa!” jedhe. Yoo fidanii kafana hiikan namichi hin duune iji isaa ni arga ture. Kanaanis, Nabukadanatsoor Sedeqiyaasiin, ‘Osoon si amanuu maaf na ganta amma immoo eessa deemuuf ree?’ jedhee, qondaaltotaatti gara galee, “Nama kana irratti maal murteessitu” jedhee gaafate. Isaanis. “Du’atu isaaf ta’a haa du’u,” jedhaniin. Nabukadanatsoor immoo deebisee, “Lakki akkas qofti gahaa miti.’ Jedhee ijoolle isaa 7’n ajjeesee, isa ija keessaa baasee Baabiloon geessee baaqelaa yoo hororu onneen isaa dhoote du’eera.
Eermiyaas duuka bu’oota Miidiyaam Abemeelikiifi Baarook jedhaman qaba. Isaanis yeroo waa’ee badiinsa lyyaruusaaleem dubbatu waan dhagahaniif, “Kana ijaan nu hin agarsisin!” jedhan. Yeroon yoo gahu Baarookiin awwaala moototaa eegsise; Abemelikiin immoo, “Baala qorichaa fidi” jedhe erge. Abemelik baalicha muree yoo mudaayi keessa godhee deebi’u karaarratti xinnoo aara galfachuuf muka tokko jala taa’e achumaan rafe. waggaa 66’f rafee sana booda hirriibaa dammaqeera. Inni garuu waggaa hanga kana rafuu isaa hin beekne ture. sirumaayyuu gaaddisni mukaa xinnoo waan jalaa siqeef, “Nan ture,” jedhee yoo ka’ee deemu karaan jalaa bade. Ergamaan Waaqayyoo tokko fakkeenya manguddootiin tabbarra yoo gadi deemu arge, “Maaloo Eermiyaasiin agarte?” jedhee gaafate. Jaarsichis, “Ati biyya keessa hin jirtumoo? Eermiyaas booji’amee gara Baabiloon erga deemee wagga 66 ta’eera.” jedheen. Yeroo kana Abemeeiik aaree, “Ati Jaarsa botontoradha osoon si arrabse anatti tola ooritiin (seerri) jaarsa kabaji jetti malee.” jedhe. Ergamichis wanta ta’e hunduma Abemeelikiif ni ibseef. Abemeelik yemmus, “Kunoo baalli ani kute yoom gogderee, bishaan ishees keessaa akka haaratti copha.” jennaan. ergamichi sun, “Akka badiinsa Iyyaruusaaleem hin agarreef Waaqayyo si jalaa dhokseera,” jedhee fuudhee deemee walitti Baarookiin argee morrmormatti walitti maraman, boodas kadhannaa yemmuu taasisan Israa’elootni boojiidhaa deebi’uuf waggaan 4 qofti akka isaan hafe hubatan. Kanas, ergaa barreessanii qoricha sanaafi xalayaa morma joobiraatti hidhanii gara Baabiloonitti erganiiru.
Eermiyaas namni du’ee yoo awwaala deemu gamoo jige jalatti reeffa sana boqochiisee osoo jiru joobirichi xalayaa sana buuseefi. Eermiyaasis waa’ee xalayichaa sana hubachuuf yemmuu nama du’e sana lukaan tuqutti, namni du’e sun ka’ee waa’ee xalayicha ergamee dhugaa bahee deebi’ee boqoteera. Ergaan xalayichaas, “Isin boojiidhaa deebi’uuf waggaan 4 qofa isin hafe warri ormoota /warra hin amanneen walfuutan hiikaa. seera keessanis cimsaa,” kan jedhu ture. Waggaa 4 booda fedha Waaqayyoon Eermiyaas Israa’eloota walitti qabee gara Iyyarusaalemitti deebi’eera. Yemmuus duuka bu’ootni Ermiyaas Abemeelikiifi Baarok isaan simachuuf bahan. Yemmus namoonni warra ormootaan walfuudhan Israa’eioota biraa hin hafnu jedhanii achitti horataniifi haadha manaa isaanii qabatanii. “Biyya keenyatti galuu eenyutu nu dhoowwa,” jedhanii waliin dhufanii turan. Abemelekiifi Baarookis kana yoo argan, “Maaliif akkas gootan? Ergaan keenyas akkas hin tune,” jennaan. “Haadha manaa keenya eenyutu fudhata? Biyya keenya eenyutu galuu nu dhorka? jedhanii dhufan.” jedheen. Warra gurguddoota filatanii warreen ormoota qabatanii dhufanim akka ari’an taasisan. Warri ari’aman kunis gara biyyaatti yemmuu deebi’an. “Kan dura nu tuffattanii deemtan amma maaf dhuftan.” jedhami warri biyyaa immoo deebisanii of irraa ari’an. Isaanis, Laga Yoordanos osoo hin ceehiin biyya godhatanii jiraatan. Maqaa biyyattiis, Samaariyaa’ jedhanii moggasan;
Samaariyaa jechuun Jaalannee jechuudha. Boojii booda Eerrmyaas mana qulqullummaa jige ijaarsisee meeshaa qulqullaa’oonis akka itti galu taasiseera. Innis ummata walitti qabee, “Egaa kana booda rakkinni akka kana duraa akka nu hin argane Waaqayyoon kadhachuutti haa jabaannu.” erga jedheenii booda waa’ee foonummaa yoo barsiisu, “Ilma Waaqaan arge nun jedhaa?” jedhanii dhagaan dhaananii ajjeesan. (Terefe. Em 11:54, Ibr. 11:37). Ayyaanni yaadannoo boqonnaa raajicha Ermiyaas Caamsa 05 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *