■Iccitii jechuun dhokataa, yaadni uumamaa qoratees ta’ee qo’ate dhimmicha bira ga’uuf kan hin dandeenye, dandeetiifi beekumsa uumamaatiin ol waan ta’ee, sagalee Waaqayyoo irratti hundaa’uun hanga beekuu qabnu qofa hubachuu (beekuu) kan dandeenyu jechuudha. ■Utubaa jechuun bu’uura, hundee wantoota jechuudha. ■Amantaa jechuun immoo amanuufi amanamuu, abdii jaqbduu kan jedhudha. ■Iccitii Utubaa Amantaa Jechuun Amantaafi bu’uura yookiis hundee kan yaada uumamaan qoratees ta’ee qo’atee dhimmicha bira ga’uuf kan hin dandenyee jechuudha.
Monthly Archives: April 2020
Hiikkaa Tsoomi
■Tsoomi (laguu) jechuun of qusachuu, dhiisuu, of sirreessuu jechuudha. Kunis qaamaa keenya kan hojii hamaaf nama kakaasan irraa of dhowwuudha.
■Tsoomi karaa biraatiinis guyyaa yookiis sa’aatii muraasaaf wanta dhagni keenya barbaadu irraa of laguudha. ■Tsoomiin abboommii Waaqayyoo kan jalqabaatti. (Umm. 2 : 16)
■Ya’i. 2 : 17 ‘Amantiinis akkasuma hojii gaariidhaan hin agarsiifamu yoo ta’e, inni ofii isaatii du’aadha’.
■Tsoomin qabsuura afuuraan godhamu keessaa tokkodha.
■Tsoomiin haala ittiin raawwatamus qaba.
Baga geessan, baga geenye guyyaa ifa du’aa ka’umsaa Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos
ARFIIN DU’AA DIIGAMEE
HIDHAAN NURRAA HIIKAMEE
NUUF DU’EE DU’AA KA’EE
BAGA ITTIIN ISIN GA’EE
NUTI DUUNE AKKA HIN HAFNE
KANSAA HAA TAANU DAFNEE
WARRI KANSAA TA’AANII
NI JIRAATU KA’ANII
JIRAATTI KANSAA HAA TAANUU
DU’AAS ITTIIN HAA KAANUU
GALATA KANA DUBBADHAA
ABBAA FAYINAA HUBADHAA
GALANNI SIIF HAA GA’U YAA AABBAA
CUBBUUKOOF BOO’EEN GAABBA
BARRUUNKEE WARAME
DHIIGNIKEE DHANGALA’EE
LAFEENKEE ANAAF CABEE
QAAMNIKEE DIMIMMAA’EE
BIFNIKEE JIJJIRAMEE
REEBICHAA HARKA NAMAAN
GUUTUMMAAN DHIIGA UFFATTEE
KABAJA NUTTI UWWIFNAAN
ADDUNYAAN SI THE FFATTEE
WARRA FAYYAN UBATTE
ISAANIIN ARGUU DHIIFTEE
AWWAALCHA NURRAA DIIGDE
AWWAALCHA GIDDUU CIIFTEE
AWWAALCHA OFIIN DIIGDEE
KAATEETTA DU’A MOOTEE
GALANNI SIIF HAA TA’U
NUUNIS JIRAATAA GOOTEE
OOLMAAKEE YEROO HUNDUMAAF
SIIN GALATEEFFADHEERAA
HAWWIINKOO SIIN WAJJIN
JIRAACHUUF BARA DHEERAA
ISINOO MEE MAAL JETTU
ANI AMEEEEEEEEEEN JEDHEERA.
Guyyaa fannifamuu Gooftaa keenya
Maatiiwwaan Waaqayyoo; Baga hundii keessan caba lafee, buruquu foonii dhangala’uu dhiigaa Kiristoos isiin bararree guyyaa inni ofi isaatti waa’ee keenyaaf jedhee: Nuuf cabee, nuuf buruqqee, dhiigaasaa qulqulluuf nuuf jedhee dhangalassee, maddaa keenyaa fayyisuuf jedhee nuuf madda’ee, bilisaa nuu baassuf jedhee akka garbichaa ta’ee Guyyaa Fannifamuu isaattin isiin ga’ee. Guyyaa har’a: (Mat. 27 : 1 – 65 ) Guyyaa itti kennaa haadhumaa argannee (Yoh. 19:26 – 27) Guyyaa itti Kiristoos cinaachi isaa nuf waraanamee (Yoh. 19:34) Guyyaa itti Kiristoos garbummaa seexanaa jala Adaamifi ilmaan isaa hundaa bilisaa baassedha, Guyyaan har’aa guyyaa itti raajjin gurguddaa ta’eedha. Guyyaa itti biiftuun dukkanoofteedha, Guyyaan Yihudaan haxxumaan jannataan gala jedhee Si’ool jalqabaa liixedha, Guyyaan itti Addam sirnaa kadhannaa “Kadhannaaf ka’aa” jedhedhaa. Guyyaa itti dhali nama bilisummaa argatteedha. Yaa ijoollee Waaqayyo, Kiristoos si’aa tokkoofi si’aa tokkoo qofa fayyinaafi dhiigaafi foon isaa si latee jira. Kunis fayyinaa lafa irraa hin deebi’amneedha. (Gal 4:4-7, 5:1, ) Yaa nama dagattee lamaffaa kiristoos fannoorratti du’ee na fayyisaa jedhee bittaafi garbummaa seexanna jala akka of hin galchinee. Kiristoos lamaaffaa kan inni dhufuu murtee dhumaaf malee du’aa lamaffaa sif du’uuf miti. Yaadan qabbi hin dagattin Kiristoos tokkoo qofa sif du’ee jira. Inni Waaqadha akka ati fayyinaa bara baraa argattuu sif du’ee. Waddaa Addaamiifi Ijoollee isaaf galee rawwaatte. Ati har’aa lakkii hin ta’uu jette harkaa seexanna jala akka of hin galchinee. Gara Waaqayyootti yeroon deebi’aan har’a; har’a keessas amma akkuma qulqulluun Phawuloos jedhee gara fayyinatti deebi’aa. Waaqayyon kan yeroo kanan nu ga’ee ammas guyyaa du’aa ka’umsaa isaan nu ga’uun akka nutti “Kiristoos Du’aa Mo’ee ka’eerraa” jenne isa faarfannuu nu haa taasisu. Eebbii Abbaa, Jaalalii Ilmaa tokkichumaan Afuurraa qulqulluu, kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubro Maariyaam, Eegumsii ergamoota qulqulluu, kadhannaan dukkaa bu’oota, kan raajjota, kan abbootaa qulqulluu biyya keenya Itiyoophiyaa, amantaa keenya kirstaana Ortodooksii, ummataa kiristaana maraa bakka jiruufi jiraannutti nuuf haa baay’aattu. Ameen.
Faarfannaa afaan oromoo
If you want to download afaan oromoo mezmur use the link here