Ergamaa Qulqulluu Mikaa’eel

Ergamaa Qulqulluu Mikaa’eel
Hiikaan jecha Mikaa’eeli jedhu,” kan akka Waaqayyoo eenyu?” jechuudha. Ergamaa qulqulluu Mikaa’eel, ergamoota jiran hundumaaf hangafa ta’ee kan muudameedha.
• Ergamaan kun kan Luba Iyyaasuu gargaare (Iyyaasu 5:13),
• kan Isra’eloota yemmuu Misraadhaa gara Kana’aanitti imalan masakaa/gaggeessaa ture dha.
• warra Amooriyaanotaa kuma saddeettama ajjeesuun, Hizqiyaasin kan gargaaredha (Isa 37:36).
• Raajaan Daani’eelis, waa’ee ergamaa kanaa dubbateera akkas jedhee; “Kunoo warreen hangafoota jajaboo keessaa tokko, Mikaa’eeliin na gargaaruuf dhufe (Dan. 10:13). Akkasumas,
• “Bara sanatti waa’ee ijoollee saba keef kan dhaabatu inni hangaftichi Mikaa’eel ni ka’a” jedhamee barraa’eera (Dan 12:1).
• Ergaa Yihuudaa irrattis (Yihudaa lakk.9), hangafti ergamootaa Mikaa’eel garuu, yemmuu Diyaabiloos waliin wal mormu; waa’ee foon Musee yemmuu dubbatu “Gooftaan si haa ifatu” jedhe malee; jecha arrabsoo dubbachuuf hin feene jedhee, waa’ee obsa qabeessummaa ergamaa kanaa dhugaa baheera.
• “Kana booddee, samii keessatti lolli ni ta’e, Mikaa’eel ergamoota isaa wajiin bineensa akka jawwee sanaan ni Iole, bineensichi akka jawwee sunis, ergamoota isaa wajjiin deebisee isa ni Iole. Bineensichi mirga hin arganne deebi’ee isaaf ergamoota isaatiif samii keessatti iddoon hin argamneef” (Mul’. 12:7)
Kanaaf, samiiwwan ergamootni jiran hunduma irratti, ergamoota hundumaaf angaafa ta’ee muudamuu ergamaa kanaa, sadaasa 12 manni kiristaana keenyaa ni yaadatti. Guyyaa kanas,
• Bifa loltuutiin ilma Nawee Iyyaasutti kan muldhateedha lyyaasuu (5:13).
• Israa’eloota masakee baasuun kana’aanitti galchuu isaas, guyyaa itti yaadatamuudha (Ba’u 14:15).
Waggaa keessatti akkasuma, ergamaa qulqulluu Mikaa’eel Waxabajii 12, haala adda ta’een ni yaadatama. Taabonni isaas, ni ba’a. Guyyaa kana
• Qulqulluu Mikaa’eel Afoomiyaa harka Seexanaa jalaa kan itti baasedha.
Afoomiyaan, haadha warraa nama Astaaraaniiqoos jedhamu kan biyya Kilqiyaa jedhamtu keessa jiraata turaniidha. Isaan lachanuu Qulqulluu Mika’eel kan jaalataniifi ji’a ji’aan yaadanno isaa kan godhan ture. Kan beela’e ni nyaachisu, kan dheebote ni Obaasu, qarshii isaanis rakkataaf maqaa Qulqullu Mika’eliin ni kennu ture. Abban warra Afoomiyaa gaafa dhibamu akkas jetteen, “Dubartiin erga abbaan warraa irraa du’ee rakkachuun ishee hin hafu, anis akka qorumsi narra hin geenye kunoo ilma hin qabu, waan tokko hin qabu, kanan ittiin kadhadhu fakkii qulqulluu Mika’eel kaasisiitii naaf kenni jetteen. Innis, fakkii Qulqulluu Mika’el, meetii fi warqii irraa hojjisiisee kenneef. Abbaan warraa Afoomiyaas, yeroo muraasa booda ni du’e. Akkuma jedhame, Afoomiyaan erga inni du’ee booda, halkanii-guyyaa Waaqayyoon kadhachuutti jabaatte. Guyyaa guyyaattis hojii hafuuraan gudachaa dhufte. Fuula fakki Qulqulluu Mikaa’eel kana durattis sagadaa turte. “Eegumsi kee ana irraa hin fagaatin” jettee kadhatti turte. Rakkataa gargaaruus, guyyuma guyyaan hojii godhateetti. Yeroo kana Seexanni itti hinaafee, hojii hafuuraa ishee kana irraa ishee gufachiisuuf, hinaafee Manguddoota fakkaatee, daa’ima qabatee gara mana ishee dhaqe. Gargaartuun ishees, akka namni ishee barbaadu itti himte, Afoomiyanis yemmuu isaan agartu, “kootta ol seena waliin Waaqayyo kadhanna” jettee, gara mana fakkiin Mikaa’eelii jiruu sanatti waamte. yeroo sana, “lakki nuti kadhaneerra ol hin seennu jedhanii deebisannif. Ammas wanti ati gootu kun gaarii miti guyya dulloomte kan si gargan hin jiru horii kee Of duraa akkanumaan hin fixin, amma gara kadhannaaa seenuu hin barbaannu; nuti dursinee siifis, nuufis kadhanne dhufne” jedhaniin.
“Ammas koottu haatii warraa Mootii Anooriyoos jedhamu diinan jalaa ajjefamteetti kanaaf koottu isaaf si heerumsiifna, akkamitti erga abbaan warraa koo du’ee dhiiraa waliin hin bulu jetta?” jedheen, tokko keessa jaarsa
fakkaatee. Isheenis deebiftee, “ergaa kitaabni qulqulluun jedhe nan beeka; bullallaan ille yoo abbaan warraa irraa du’e qeensa isheen arraba ishee tarsaafti malee, dhiira biraa bira hin geessu, yoo dirqama itti ta’es, hiriyoota ishee wajjiin ajeefti, ati akamitti akkas jetta? kun hojii Seexanaati malee kan kiristanaa miti” jetteen. Isheenis, “Koottu dhuguma jaarsa dhugaa yoo monoksee taate, fakki Mikaa’eel kana dhungadhu” jettee yoo itti fiddu, Seexanichi koola baase. “na moo’atte, Mikaa’eela Waxabajiitti balaan sitti buusa. na eegi “jedhee itti dhaadatee achii bade. Ji’a kurnaffaa irratti Qulqulluu Mikaa’eel fakkaatee, askeemaa godhatee, harkatti ulee fannoo of irraa hin qabne qabatee halkan walakkaa rafaa isheen lafaa jirtutti, gara Afoomiyaatti dhufe. “Afomiyaa, akkam jirta? Soomni fi Kadhannaan kee Waaqayyoon biratti dhagahamee jira, kunoo, Waaaqayyootu na erge jedheenii, gara manaa isheetti ol seene. Waaqayyos; baay’ee sitti gammade” ittiin jedhe. Afoomiyaanis “Ati eenyu? maqaan kee hoo eenyu jedhama?” jetteen. Innis, “Ani Qulqulluu Mikaa’eeldha, yeroo Seexanni si dogongorsuuf dhufee, guyya kanas, Mikaa’eelli bakka biraa deemuuf dhufeen si balleesa jedhee sitti dhadatee ture, anis kanumaafaan si baraaruuf samii irraa dhufe” jedheen.
“Ammas, naaf sagadi, siif jecha warra samii keessa jiraatan hunda dhiiseen dhufe” jedheen. Isheenis, erga Qulqulluu Mikaa’eel taatee, maaf uleen kee fannoo of irraa hin qabne ree? kunoo akka fakkii mana koo jiruu kanatti?” jetteen. Innis sobee, “Lakkii samiirra kun hin jiru” jedheen. Isheenis deebiftee, lakki chaappaa mootii malee kannama dabarsu hin jiru, anis mallattoo fannoo malee si hin amanu jetteen, kunoo, erga dhugaa Mikaa’eela taatee dhungadhu jettee, fakkicha sana itti fiduuf kaate. Yeroo kana aaree seexanummaa isaa bifa isaa jijjiiree itti muldhisee, ka’ee ishee hudhee ajjeesuuf qabate. Yeroo kana isheenis, “yaa Qulqulluu Mikaa’eel, humna diinaa harkaa na oolchi” jettee yoo iyyattu, Qulqulluu Mikaa’eel dhufee, rukutee lafatti kuffise. Seexannis, “maaloo, hanga addunyaan kun darbutti na hin balleessin”, jedhee kadhate. Seexannis kana booda, iddoo maqaan kee dhahamuufi fakkiin kee jiru gonkumaa hin gahu jedheefi kakate. Sana booda, Qulqulluu Mikaa’eeliin gara Afoomiyaatti deebi’ee kadhannaan kee siif dhagahamee jira; gara mana kiristaanaa deemii kadhadhu, lubbuun kee ni boqatti jedheen. Lubbuu kees gara abbaan warraa kee Astaaraaniqoos jirutti nan geessa jedheenii, gara samitti ol ba’e. Afoomiyaanis, Phaaphaasii, lubootaafi diyaaqonoota manatti waamtee waan qabdu hunda rakkataadhaa akka kennan taasifte. Abbootnis, kadhannaa akka isheef taasisan gaafatte. Isaanis, kadhannaa taasisaniifii, fakkicha qulqulluu Mikaa’eel sana yoo dhungattu, fakkichi koola baase balali’ee gara mana kiristaanaa Qulqulluu Mikaa’eel jirutti dhaqee ofumaan taa’e.
Guyyuma kana ergamaa qulqulluu Mikaa’eel Baahiraaniin xalayaa du’aa isaa jijiiree gara jireenyaatti kan deebisefidha. Iskindiriyaatti, bara mooticha Baxlimoos ilmi isaa Akluubixraa jedhamu, waaq-harkee guddaa dhaabee aarsaa dhiyeessaafii uummannis isa aarsaa dhiyaate sanarraa nyaatee dhugee, waggaa waggaadhaan dhiichisaafi harka dhahaa kabaju ture. Booda garuu, yemmuu Qosxenxiinoos manneen waaq-harkee haa cufaman; manni kiristaanaa haa ijaaraman jedhetti, phaaphaasiin Masrii Illeskindiroos iddoo xaa’ota Zuhaal jedhamu sanatti, bataskaana ijaarsisannii Taabota Mikaa’eel itti galchan, kabajni ayyaana zuhaalis kanaan bakka bu’e.
Abbaan Baahiraan warra ayyaana qulqulluu Mikaa’eel kabajan keessaa tokko ture. Yemmuu du’us, haadha warraa isaatiin ayyaana qulqulluu Mikaa’eel keessumattuu, kan Sadaasaa fi Waxabajjii akka kabaju itti himee du’e; yemmuus Baahiraanin ulfa turte. Ollaa isaanii garuu, namicha sooressa keessummaa hin jaallanne, ayyaanas hin kabajne tokkotu ture. Guyyaa Baahiraan dhalatus, eragmootni Mikaa’eeliifi Gabrii’eel mucicha eebbisanii, haadhaan “qabeenya namicha sooressa ollaa keessanii kana kan dhaalu mucaa kana” yemmuu jedhaniin, namichi sooressi ollaa kun waan dhagaheef, haati isaa waan mucaa kana ittiin guddistu yemmuu dhabdu, mucicha nan guddisa jedhee, isheedhaaf warqee waqeetii 20 kennee mucicha fudhate. Sanduuqa keessa godhees bishaan irratti gate.
Saanduuqa sana garuu, namni hoolota tiksu tokko argatee bane yoo ilaalu, mucaadha. Yem mus, daa’ima baay’ee barbaada waan ta’eef, fudhatee wanta nyaaturraa nyaachisaa, wanta dhugurraayis obaasaa, fudhatee guddifate.

Guyyaa tokko sooressi sun daldalaaf biyya biraa yemmuu deemu, itti dhihee mana namicha kanaa bule. Naamichis, mucaa kanaan Bahiraan, Bahiraan jedhee yemmuu waamu dhagahee, “Baahiraan jechuun maal jechuudha” jedhee gaafate. Innis, “kan bishaanirraa/galaana/ argame” jedhee seenaa isaa itti hime. Yemmuus, namni sooressi kun “edaa hin dune ni jiraa?” jedhee, akka waan meeshaa manatti irraanfateetti, maaloo, ilma kee kana akka naaf ergamu godhi; gatii dadhabbii isaa anatu siif kaffala jedheen. Innis, xalayaa “yemmuu
achi gahe ajeesaa” jedhu barreesisee, sobee dhungatee erge.
Bahiraan guyyaa 9 imalee gahuudhaaf guyyaan tokko qofa yemmuu isa hafu, qulqulluu Mikaa’eel dursaa loltuu fakkaatee, loltootas of duuba hiriirsee farda irra taa’ee, gara isaatti dhufe. “Nama eessa deemta?” jedhee, Bahiraanin gafate, Innis, “ergaan fuudhee deema” jedheen. “Mee natti agarsiisi” jedheen.
“Lakki namatti hin agarsiisin jedhameera” jedheen. “Tahus, osoo hin banamin akkanumatti natti agarsiisi” jedheen. Yeroo kana, afuura isaa if itti jedhee, xalayaa du’aa sana kan jireenyaatti jijjiirefii, Baahiraan fuudhee deemee, itti naafatamaa mana namichaatti kenne. Yemmu bira gahus, xalayichi “intala koo itti herrumsisaa, qabeeya koos dhaalchisaa, gargaartonni koos haa bitamaniif’ kan jedhu ture. Chaappaa goofticha isaatin waan chaappeffameef, akkasuma ta’eef.
Namichi sooressi sunis daldalaa yemmuu deebi’u, “maalinni dhiichisnifi taphni kuni hundi” jedhe. Isaanis, “gurban ati ergite, intala kee fudhee, qabeenya kees dhaalee, kunoo guyya 40’f cidha isaati ni taphatama” jedheen.
Yemmuu kana namichi rifatee, farda irraa kufee du’eera. Baahiraanis kuni hundi gargaarsa ergamaa qulqulluu Mikaa’eelin akka ta’e hubatee, lubummaa fudhatee bataskaana ijaarsiseera.
Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni ergamaa qulqulluu Mikaa’elis nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *