Maqaa Abbaa Ilmaafi Afuura qulqulluu Waaqayyo tokko Ameen!
Waaqayyo tokko kan ta’u, maqaa Abbaa Ilmaafi Afuura qulqulluun nan kadhadha, akkanas jechaa, Alif, beexaa, wa’oo, Akka’I, leeki, boo’ee, Ariyaakiin, piiskiir, Gaarigoo, Abiit, keebiis, ree’aayi, Aawiis.
Waaqayyoo waldaa Ergamootaaf kan keenne, waa’ee bokkaafi, waa’ee maddoota bishaaniif, waa’ee bakka wayiniif, waa’ee Oomisha minaanii, addunyaa irra dhala namoota jiraatan hundaaf, waa’ee bineensotaafis, waa’ee simbiroo samiif waa’ee qurxummoota bishaanii, galaana keessatti kan sosocho’an hundaaf, erigaa dhiifama Waaqayyo bira argamu, dhala namaafi akka itti dabarsaniif Taayitaa adda kennemeefidha.
Yaa waldaa ergamootaa taayitaa waaqayyo biraa isinii kenname kanaan, hammeenyaafi kiyyoo diyaabiloos irraa ana tajaajilaa keessan …………….. addunyaa kana irrattis addunyaa isa dhufu irrattis bara baraan na tiksa na fayyisaas Ameen!
Yaa Waaqayyo dhugoomtota Abrihaamiif Yisihaaq, Yaa’iqobiifi Muusee, Aarooniif Daawwit.
Waldaa Qulqulloota ergamootaa maqoolii dhoksaa waaqummaa kanaan yookiin immoo maqaa gurguddaa Waaqayyoon, gaggeeffamanii, lammiiwwan isaanii dhiphina irraaf, rakkina irraa akka fayyisan hunda anan tajaajilaa kees ………………… addunyaa kana irratti kan narra gahu qormaataafi dhiphina adda addaa, addunyaa isa dhufu irrattis murtee kuttiin yeroo itti kennamu, guyyatti sanatti, gara bita dhaabbachuurraa, hidhaa Diyaabiloosirraa, ibiddii isaa kan hin dhaamineef raammoon isaa kan hin mugnee hidhaa ibidaa bara baraa irraa, na fayyisi bara baraan Ameen!