Ibsaa yeroo hundumaa Ifummaa qabu ibsituu warqee kan baatte sidha. Ibsaan kunis,ifa addunyaadha. Ifichis ifa dhugaa jalqaba hin qabnerraa kan argame ifa dhugaadha. Waaqa dhugaarraa kan argame Waaqa dhugaadha. Innis otoo hin jijjiiramiin sirra nama kan ta’edha. Dhufaati Isaatiinis dukkaana fi gaaddidduu du’aa jala kan jirruuf nuu ibse. Iccitii ogummaasaa adda ta’eenis foon keenya uffatee yaada laphee keenyaa gara karaa nagaatti nuuf deebise. Yaa qulqulleetti nuu kadhadhu.
Eebbifamichi mana qulqullummaa keessaa baatee kan si baase barbaada ibiddummaa isa qabu kan baatte ultuun warqee sidha. Barbadaa kan jedhames cubbuu namaa kan haquu fi yakka namaf dhiifama kan kennudha. Innis sirraa nama kan ta’ee fi aarsaa jaallatamaa taasisee kan of dhiyeesse jechaa Waaqayyo dha. Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu
Sanyii dhiira malee nama ta’ee kan nu fayyise Gooftaa keenya isa dhugaa Kiristoosin kan nuuf deesse yaa Maariyaaam ati akka ulee Aaroon ishee otoo hin dhaabamin, bishaanis otoo hin dhugiin lalistee argamte fakkaata. Yaa qulquulleetti nuuf kadhadhu.
Yaa Maariyaam ayyaanaan kan guutamte ati qulqulloota hundumaa caalaa nuu kadhachuun siif ni ta’a. Ati angafoota Phaaphaasota ni caalta. Raajotaafi barsiisotas ni caalta. Suraafeeliifi Kirubeel caalaa simboo jaallatamaa qabda. Dhugumatti abdiin namumaa keenyaa sidha. Isa amanuudhaan amantaa siiriitiin akka nu jabeessuuf, dhiifamasaas akka nuu kennuuf, baay’ina arjummaasaatiin cubbuu keenya akka nuu dhiisuuf gara Gooftaafi fayyisaa keenyaatti nuu kadhadhu. yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Kadhannaanshee, ulfinnisheefi arjummaan ilmashee_________________Wajjin bara baraaf haa jiraatu. Ameen