+++CAAMSAA 01+++
✔ILMOO QAJEELAAN(QULQULLUUN) JIREENYAAF DHALATA Fak 11:19
baga guyyaa yaadannoo dhaalota haadha hunda keenyaan isiin gahe kessaas alas kan jirtaan ijoollee tewaahidoo hundaaf.qajeelan jireenyaaf malee badiif,dabaaf,moraaf ,falfalaaf,jibbaaf,hammenyaaf,doqnummaaf hin dhalatu.wa’een dhalachuu dubroo akka itti anuutti.
Waaqayyoo gargaaraa godhachuun “buˈuurri ishee tulluuwwaan(garreen)qulqullaˈoodha”jedhe kan akka laphee waaqayyoo qulqullichi Daawwit faarsaadhan waan farfateefif, dabalatas qulqullichi Yaareed “ማርያምሰ ተኀቱ እምትካት ዉሰተ ከርሡ ለአዳም ከመ ባሕረይ ጸዓዳ-Maariiyaamis dur irraa jalqabee amalummaa Aaddaam keessatti akkaa inquu adii ifti (addunyaa booraˈee kessaatti qulqullummaadhan,qaajelummaadhan,dubrummaadhan ifti)”jedhee waan dubbaateefif.dabalatas “waaqayyoo Abbaan samii taaˈee baha fi dhiha, kaaba fi kibba nannaawa isaanii dhuguumatti ilaale.foolii isaaniis fuunfate, kan akkaa kee jiru hin argannee.foolii kees jaallate kan jaalatu Ilma isaas gara kee erge.”jedhee beeka Abbaan Hiriyaaqoos waan faarfatefif, ulfaaˈamuu haadha Ifaa ,dhalachuun haadha ifaa kanadha.
♥Giiftiin keenyaa qulqulletti dubroon Maariyaam boroon isaa amantaadhan kan taˈu Abrahaam,boroon isaa mootii kan taˈu sanyii Daawwit irraa akkaa argamtee macaafni(kitaabni) qulqulluun ragaa nuuf baha.ifa adduunyaa kan jeedhamee qulqullichi phaawuloos waaˈee iccitii nama taˈuu Gooftaa keenyaa fayyisaa keenyaa kewwaata dubbatee irratti:-“እስመ አኮ እመላእክት ዘነሥኦ ለዘነሥኦ ዘእንበለ ዳዕሙ እምዘርአ አብርሃም- Amalummaa Abrahaam irraa fudhate malee Eergamoota irraa kan fudhatee miti” jedhe /Ibro 2:16/.haaluma kanan dessuun Gooftaa qulqulleetti dubroo Maariyaamiin sanyii Abrahaam taˈu ishee beekne hubannee jechuudha.Raajiichi Isaayyaas :-ትወጽእ በትር እምሥርወ እሴይ፡- iseeyii jala(sanyii Iseeyi kessaa) uuleen(Giiftiin keenyaa)ni baati(ni
dhalatti)ወየዓርግ ጽጌ እምኔሃ:-daraaranis jirma ishee irraa nib aha(Gooftaan
keenyaas isheerraa ni dhalata) “jedhe R Isa 11:1 hiika fi dubbisa
Tokkummeessaa isaa.
Beektonnii bataskanaa(mana qulqullummaa)akkaa nutti himaan dubbiin
ulfaaˈamuu Giiftii keenyaa akkaa itti anuutti:-
❖Akaakilee kan taˈan Pheexiriqaa fi Teekittaa namootni jedhaman Iyyarusaaleem(Jerusalem)kessaa gaaˈelaan murtaˈanii jiraatu ture.qulqullonni kunniin kanatu isaan hafe(hanqate) kan hin jedhamne yoo taˈaniiyyuu Ilma dhaalu hin qaban ture.guuyya kessaa gaaf tokko garuu Pheexiriqaan haadha mana isaa Teekittaadhan:-“yaa! obbolettii koo ani dhabaadha(maseenadha), atis dhabduu qabeenya kana hunda eenyuutu dhaala?”jedhen.Teekittaanis deebiftee:-“yaa! Obbolessaa koo waaqayyoon ana yoo ilmoo na dhorgateeyyuu atis akkaa koo taate haftamoo?siif kennuu dandaˈaatii kan biro bira gahiiti dhalchii”jetteen.innis:-“kana akkaan hin goone(raawwannee)waaqni Israaˈeelii ni beeka”jedhen.yeroo kanatti hedduu ni gaddaan.battaluma sanatti mulˈata argan.waatii(jabbii)adiin mooraa isaaniti yoo baatu waatiinis waatii dhala jahaffaa irraa yoo geessuu jahaffaan sun baatii(jiˈa ykn aaddessa),
Aaddessi immoo biiftuu yoo dhaltu argan.Kana booda abjuu kan hiiku bira deemanii kan argan hundaa itti himatan.innis:-“waaqayyoo dhifaama isaatin isiin yaadateerati mucaa
gaarii ni argattuu.waatii raada torba dhaluun keessaan ijoolle dubara fi ijoolle ijoollee kessaanii torba argachuu keessaaniidha.jahaffaan addeessi uumamtoota ol kan taatu ilmoo taatudha.waaˈeen biiftuu sanaa garuu naaf hin ibsamne, akkaa raajaa akka mootii taˈuu dandaˈa”jedhen.isaaniis yeroon haa hiikuu jedhaniin sokkaan.kana booda Teekittaan ni ulfoofte.maqaa ishees “ረከብኩ ስእለትዬ፡ረከብኩ ተምነትዬ-kanan wareege argadhee kanan yaades(hawwes) argadhe”yoo jettu Heeˈemeen jetteen.
♣1.Heeˈemeen>2.Deerdeen>3.Toonaan>4.Siikaariin>5.Hermeelaan>6.Haannaa deesse.qulqulleetti haannanis yoo sadarkaa dardarummaa geessuu mana Yiihuudaati kan dhalate Iyyaaqeem kan jedhamu nama baheessaa tokkotti heerumsisaan.Iyyaaqeemii fi Haannaa jireenyi isaanii waaqayyoo fulduratti qajeela fi ifa,
namoota fuldurattis gaarii fi dogongorri kan irraatti hin mulˈanne namoota baheeyyii turan.haaluma kanan waaqayyoo fi namootan kan gaalateffaaman namooti baheeyyiin kunniin waggota digdamaaf ilmoo malee jiraatan.yaa!jaallatamtoota nuuti hangam obsa qaabeyyiidha?hammaam waaqayyoon eegna taˈinnaa?hammaam waaqayyoon kadhannaa taˈinnaa?qulqullotni kunniin garu waggoota diigadmaf eegan.caallisaanii eeguu qofa miti.kaadhanna fiwaawwaanaadhanii malee.Guuyyaa tokkoo Iyyaaqeem :-“yaa!waaqa abbooti kooani garbichi kee siin kadhadha ,na hin tuffaatin kadhaa koo dhagahii feedha koo naaf raawwadhu, ijaa koof qubannaa laphee koof abdii kan taˈu ilmaa eebbifame ilma dhiira naaf ladhu”jedhe kadhachaa oole.Haannaaniis gama isheen;-“yaa! Gooftaa kook an abbootii kootii waaqni Israaˈeelii ani garbichi kee siin kadhadha na dhagahi.ijaa koof qubannaa laphee koof abdii kan taatu kan eebifamte imoo dubara firii garaa(gadamessaa)kootii naaf ladhu” jettee kadhacha olte.Akkaanas jedhanii kadhachaa wawwaata oolanii,Haannaan yoo gugeen ijoollee ishee waaliin taphattuu argitee:-“yaa!Gooftaa koo ishee kanaf ilmoo kan kennitee maalii anaf ilmoo dhabdee(na dhowwattee)?”jettee hirqitee boosse.kanaf Iyyaaqeemii fi Haannaan waaqayyoon ilmoo akkaa isaaniif kennuu bayyisanii kadhatan.”ilmoo dhiira yoo nuuf kennee buˈee, baˈee , qotee, qofforee,nuu haa gargaruu hin jennuu, mana qulqulluummatif aafata afee,golgaa golgeesssee haa jiratuu malee.ilmoo dubaras yoo nuuf kennee bishaan warabdee, qoraan cabsitee nuu haa gargartuu hin jennuu, mana qulqulluummatif leemmati warqee hoodha,golgaa hojjechaa haa jirattuu malee”jedhanii waadaa galanii
wareegan(tasaalan).Qulqulleetti Haannaanii fi qulqullichii Iyyaaqeem guyyuma sana mulˈata arganii wantichaa argatanii bulan.Iyyaaqeem “samiiwwaan torban akkaa golgaa saqqamanii samii oliiti sinbirri adiin buˈee mataa koo irraa qubateen arge”jedhen.sinbirroo kan jedhamee Gooftaa keenyaa yoo taˈu,aduummaan isaa qulqullummaa amalummaa isa kan agarsiisuudha.mata koo irra qubateen arge jechuun isaa Gooftaan amalummaa Iyyaaqeem(kan namaa) amalummaa isaa godhatee buˈusaati.samiiwwaan torban kan jedhaman amalummaa Gooftaa keenyaa yoo taˈan isaaniis
Guutummaaisaa(ምልዓቱ),ballinaasaa(ስፍሐት),mootummaasa,ርቀቱ፣ልዕልናዉ፣ዕበዩ፣እዘዙ faˈadha.dhifaama qooqni na hanqaateen fayyaadamee.Haannaanis anis argeera jetteen.maal argitee yoo jedhun:-“gugee adiin dhuftee narraatti buutee gurraa kootiin lixxee(seentee)garaa koo kessaa (gadamessaa) yoo ciistu arge”jetten.gugee kan jedhamte giiftii keenyaa yoo taatu, aduummaan ishee qajeelummaa,qulqullummaa,dubrummaa isheetidha.”gurraa koon lixxee garaa koo kessaa ciistee arge”jechuun ishee immoo misirachoo ergamaatin Giiftiin keenyaa akka ulfooftudha.kunis kan taˈe adoolessaa soddomaadha.Isaaniis abjuu(mulˈata) akkaana yoo argine wantichaa yoo argannee jedhanii guyyuma sana sal qunnaamti hin raawwannee,dursaanii heeyyaama waaqayyoo gaafatan malee.iyyaarusaleemitti mana
qulqullummaatti ayyaanni yoo kabajamu Iyyaaqeem olloota waliin kennaa qabatee ayyaanichaa kabajuu gara mana qulqullummaa deeme.yeroo sanatti duree luboota kan turee Yiisaakoor(Roobeel)jedhama.Iyyaaqeem kennaa qabatee dhufuu isa argee gara isa
dhufee:-“ilmoo osoo hin qabaatin(dhabaa ykn maseena)taate osoo jirtuu akkaamiin garana dhuftee?kennaa(arsaa) keetiis akkaamiin dhiyeessitaa? Waaqayyoon kennaa dhabdoota hin fudhatuu bar”jedhee
dhorge.Iyyaaqeem saalfii(qaanii)guddaadhanii fi gaddaan deebiˈe.namootni balbala keenya cufu,waaqayyoo garuu nuuf bana.namootni “maaltuu sii dadhabsiisa?” nuun jedhuwaaqayyoo garuu nu gargaara.Kanaafuu yeroo kanatti ifa guddaa kan uuffatee Eergamaan waaqayyoo dhufee Iyyaaqeem fuldura dhabbaatee akkaanas jedheen:-“yaa!
Iyyaaqeem ana arguu keetiin hin rifatin(hin sodatiin),hin cinqamiin.ani kadhaan keetiis akkaa dhagahamee,kennaan kee fulduraa waaqayyoo akkaa gahe sitti himuu ergamee kanan dhufee Eergamaa waaqayyooti.hundaa raawwachuu waaqni dandaˈuu gadameessaa nama hedduu ni cufa,ni banas.haati kee durii Saaraan hanga uumrii saddetamatti dhabduu turte,booda garuu haadha Yiisaaq taate.akkanumas Raaheel jaalatamtu waaqayyoo kan turte dhabduu turte,booda immoo haadha Yooseef taate.waaqayyootti dhiyoo kan turan haawwaan Soomsoonii fi Saamuˈueel dhabdoota turan,boodarraa garuu harmoolii namoota gurguddoo kana taˈan./ab.firdii ykn masaf.13:1-24 ;1:20/.Kanaaf haati mana kee haannaan ilmoo dubra siif dessii maqaa isheetis Maariyaam jettee ni waamta.garaa haadha ishee kessaa osoo jirtu Afuurri qulqulluun irraa ni bula” lammaaffaas Eergamaan gara Haannaa deeme akkana jedheen:-“yaa! Haannaa afuura biraa kan argitee sitti hin fakkatin ani kadha fi kennaa kee fuula waaqayyoo duratti Eergamaan dhiyeessuudha.ammaas kanan dhufeef dubartoota hundaa ol kan taatu maqaan ishee Maariyaam kan jedhamtu ilmoo dubra kan dessuu taˈuu sitti himuu kan dhufeedha.”jechuun misirachoo itti hime.dhugaa kanan,misiraachoo ergamaatin,heeyyamaa waaqayyootin haati waaqayyoo Giiftiin keenyaa abbaa ishee Iyyaaqeem fi
haadha ishee Haannaa irraa hagayyaa 07/5484 barri abarsaa yoo raawwatuu ulfaˈamtee,caamsa 01/5485 barri abarsaa yoo raawwatuu dhalatte.
❖❖❖❖Yaa Dubree…….
ኦ ድንግል አኮ በፍትወተ ጸነስ ዘተጸነስኪ አላ በሩካቤ ዘበሕግ እም ሐና ወኢያቄም ዘተወለድኪ።yaa! Dubree cubbuudhan , salqunnamtee seeran alan kan ulfaˈamtee miti.seeran kan taˈe raawwii seeran Haannaa fi Iyyaaqeem irraa kan dhalatteedha malee.dubrummaa haadhummaa waliin , taajajilummaa haadhummaa waliin, annaaniis dubrummaa waaliin tokkumessitee kan qabdee yaa!Giiftii keenya gannaata yeroo ariˈamnee abdiin keenya kan siin raawwatame siˈidhati si jaallanna.yaa! Ebbifamtuu siin jenna.yaa!qulqulleetti siin jenna.kanas qooqni keenya hanga dandaˈu dubbachuu malee galata kees qooqni kiruubeliiyyuu geessisuun hin dandaˈamuuf.qooqni suraafeeliis dubbatee hin fixu.jaalatama Ilmaa kee irraa araaraf dhifaama nuuf kadhadhu.
Horaa bulaaa deebanaa
Gababadhumaatti
Hiddaa dhaloota giiftii keenyaa durbee maariyaamii…
Ibroota 2:16 Q/durbee maariyaam dhala namootaa irraa akka dhalattee.
Sanyii Abrahaamiin qabatee,malee sanyii ergamootaa qabatee miti.Fars 86:1 hundeen ishee garee eebbiffamoodha.
Addaam irraa eegalee hanga Iyaaqeemiif Haannaatti.
Addaam irraa karaa ijoollee isaa karaa Seet.
Karaa Nohiin immoo karaa Seem.
Abrahaam irraan karaa Isiiyaaq.
Yaa’iiqoobiin karaa Yuudaafi Leewii.
Daawwiittin karaa Solomoon.
Karaa mana Leewii sanyii Aaroon.gartuu lubootaa kan taatee qulqulleetti Haannaa.karaa sanyii Yuudotaan qomoo sanyii moototaa kan ta’ee qulqulluu Iyaaqeem irraa argamtee.
Hiddaa torbaffaa Q/d/maariyaamii
Pheexirqaafi Tektaa
Hameen
Derdaan
Toonaan
Siikaar
Seet naa
Hermeela
Haannaa
D/Maariyaamii
Irra deebii kan maxxanfame. bara 2009 irraa fudhatame