Iccitii Du’aa ka’uu

“Amma garuu Kiristoos kan muganiif hangafa ta’uudhaan du’aa ka’ee jira. Duuti gama namaattin waan dhufeef, du’aa ka’uun ammo gama namaatiin ta’ee jira. Hundumti Addaamiin akkuma du’an, hundumti ammo Kiristoosin jiraattota ni ta’u.” (1Qor. 15;20).

  • Jiraataa bara baraa kan ta’e fayyisaan keenya I/Kiristoos erga fannoo irratti lubbuu isa dabarsee kenne booda ni awwaalame.
  • Guyyaa sadiifi halkan sadiif awwaalaa keessa bulee.
  • Guyyaa sadaffaatti awwaalaa naaf banaa, kafana narra hiikaa osoo hin jedhin du’a injifatee boolla keessaa ni ka’e.

“Waaqayyoos akka nama hirriba dammaquutti ni ka’e, akka nama cimaa machiin daadhii isa dhiisetti; diinota isaa gara boodaatti rukute.”(Far. 77 (78) : 65)

Gooftaan keenya I/Kiristoos dhala nama mara irraa du’a isaatiin du’a barbadeessee, awwaala keessaa ka’eera. Nuttis akkasuma bara gara boodaa du’aa ni kaana. Iccitiin akkanaas Iccitii du’aa ka’uu jedhama.

Iccitummaan isaas, Namni erga du’ee foon isaa tortoree booda, deebi’ee lubbuu waliin tokko ta’uun, jiraataa bara baraa ta’uun isaa iccitii guddaadha.

  • “Waa’ee kana hin dinqisiifatinaa, warri du’anii awwalaman sagalee isaa yeroon itti dhagahan ni dhufa.” (Yoh. 5:28)
  • “Kiristoos warra du’an keessaa ka’uun isaa erga lallabamee attamitti isin keessaa kaan warri du’an hin jiru jechuu danda’uuree? Warri du’an ka’uun hin jiru erga ta’ee, Kiristoos ammo du’aa hin kaane. Kiristoos du’aa hin kaane erga ta’ee lallabuun keenya dhimma hin baasu, amanuun keessanis faayidaa hin qabu.” (1Qor. 15:12)

Yommuu du’aa kaanu immoo hojiin nu yeroo biyyaa lafa kana irratti hojjetaa turre nu waliin ni ka’a. Gooftaan keenya I/kiristoos qulqulloota isaa wajjiin ni dhufa.

  • “Yommus mallattoon Ilma namaa samii keessatti ni mul’ata, yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu boo’uf jiru, Ilmi namaa ammo dumeessoota samii irraa humnaafi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru.” (Mat.24:29)

Inni yeroo sanatti namoota gaarii hojjetan mirga isa, namoota yaraa hojjetan bitaa isaa irra ni dhaaba.

Warra gaarii hojjetanin:

  • “Isin ijoollee Abbaa kook an eebbifamtan gara koo koottaa, beela’ee na nyaachiftan, dheebodhee dheebuu na baaftan, keesummaa ta’ee na simattan, darree natti uffistan, dhukkubsadhee na gaafattan, hidhamee gara koo dhuftan” jedhaan. Isaaninis mootummaa Waaqayyoo ni dhaalchisa.

Warra gara bitaatti argamaniin garuu:

  • “Isin warra abaaramoo nana, ana biraa deemaa; beela’ee ana hin nyaachife, dheebodhee anan hin obsaasne, keessummaa ta’ee nah in simaanne, daareen ture, daara ana hin baafne; dhukkubsadheen ture; hidhameen ture isin ana hin gaafanne, isin gara ibidda bara baraa isa Seexanaafi ergamoota isaaf qophaa’e dhaqaa” (Mat. 25:41)

Namni yeroo du’aa ka’utti yeroo sadi ergamaan qulqulluu Mikaa’eel faaggaa (malakata) ni afuufa, labsiin ni darba.

Labsii jalqabaa irratti:

  • Foon namootaa bakka tokkotti walitti ni qabamu,
  • Kan tortore, kan bishaan nyaate, kan bubbeen fudhate,
  • Kan bineensi hamaan nyaatee hundi bakka tokkootti walitti ni qabamu.

Labsii yeroo lammaffaatti:

  • Hiddiifi foon lafeen wal qabatu,
  • Reeffa hoo’a (reeffa reef du’e) ni fakkaatu.
  • Qaama isaanii keessayis kan hir’atu hin jiraatu.

Labsii yeroo sadaffaatti:

  • Hundii du’aa ni ka’u.
  • Dhiirri kan wagga 30, dubartiin kan wagga 15 ta’uun akkuma Addaamiifi Hewaan yemmuu uumamaan sana fakkaatanii du’aa ni ka’u.
  • Kan gaarii hojjete biiftuurra harka 7 addaatetti ka’a.
  • Kan yaraa hojjete qurroorraa harkaa 7 gurraacha’ee ni ka’a.
  • Kan boo’an aka hin boonye, kan gammadan akka hin gammadne ta’a, kan quufan akka hin quufne, kan dheebotan akka hin dheebotne ni ta’u. (1Qor. 6:29)

Gooftaan jiraattitafi du’oota irratti murteessuu ni dhufa. Guyyaa dhufaatii isaas ergamoota isaatiin marsamee dhufa. (Mat. 24:29)

  • “Gooftaan yemmuu dhufu ergamoota isaa samii irraa sagalee faaggaa guddaa wajjiin ni erga, isaan ammo warra Waaqayyoof foo’aman kallatti arfanii, andaara bantii samii gar tokkoo hamma gara isa kaanittis walitti ni qabu.” (Mat 24:31).

Du’aa ka’uu boodaas

  • Fuudhafi heerumni dadhabbiifi jabinni, sooressiifi hiyyeessi, dullumni hin jiru;
  • Namoonni hundi haala wal fakkaataa ta’een ni argamu.
  • Dacheen kunis ni dabarti.
  • Si’ooliin ibidda gahannamiin bakka buuti,
  • Jannatni immoo Iyyaruusalem ishee samiitiin bakka buutti.

Egaa barumsii waa’ee Iccitii du’aa ka’uun wal qabattu bifa gababaan hangummaa ammatti kan dubbistaan fakkaata. Kutaa barumsaa biraa yeroo itti annu wal arginaa.

Eebbi Abbaa, Jaalalli Ilma, tokkichumaan afuura qulqulluu kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam, Eegumsii ergamoota qulqulluu, kadhannaan abbootaa warreegamtottaa qulqulluu biyyaa keenya Itiyoophiyaa, amantaa keenya kiristaannaa ortodooksii, ummataa kiristannaa maraa  bakkee gara garaa kan jiruu nu hundaa keenya irraa ollee nuuf haa bulu.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!

Iccitii Qurbaana

Iccitii Qurbaanaa
Qurbaana jechi jedhu Jechaa Girik yeroo ta’u hiikni isaas
• Kennaa
• Aarsaa
• Mabaa
• Balchaa
• Qabeenya waaqayyoof dhiyaatu jechuu kan ibsuudha.
Akka seera kakuu moofaa keessatti Israa’eeloonni cubbuu isaaniif Waaqayyo akka araaramuuf (dhiisuuf) kan dhiyeessan aarsaa qurbaana ture.
Kakuu haaraa keessatti qurbaanni aarsaa waaqayyo ilmaan namaaf dhiyeesseedha.
Kakuu haaraa keessatti qurbaanni dhiigaafi foon gooftaa keenya I/Kiristoosiidha. (Yoh. 6:35, 1Qor. 5:7)
Kunis guyyaa kamisaa galgalaa kan jalqabeedha,( Mat. 26:26-28, 1Qor. 11:23-24) irratti kana yaadannoo kootiif godhaa jechuun isaa gidiraan ani fannoo irratti arge hunda, addunyaa maarri akka itti fayyuuf fooniifi dhiiga koo isinii kennuu koo yaadadhaa jechuu isaati, malee dhiignifi foon gooftaa nuti fudhannu, kan fayyina bara baraa itti argannu malee yaadannoof goona jechuu miti.
Fakkeenyummaa Iccitii Qurbaana kakuu Moofaa keessatti
Bara seera kakuu moofaatti abbootiin
• Beeyladoota irraa aarsaa (Ba’u. 29:39, Lew. 7:20 -30, Far. 49:8, 1Mot. 18:32 – 38)
• Miidhaan irraa ammo qurbaana qopheessuun Waaqayyoof aarsaa dhiyeessa turan (Kuf. 5:1)
Kunis kan qophaa’u guyyaa sanbataafi guyyaa ayyana gara garaatti ture.
Hangafti lubootaa jalqaba cubbuu isaaf itti aansuun cubbuu uummataaf kadhata (Ibro. 7:27)
• Aarsaa Malkatsedeqii (Uma. 14:18-21, Ibro. 7:1, Ibro. 10:4)
• Hoolaan faasikaa akka fakkeenya qurbaana kakuu haaraatti fudhatamu. (Ba’u. 12:3-6)
Qurbaana kakuu haaraa keessatti
Ilmaan Waaqayyoo erga taaneen booda jaalalaan, fooniifi dhiiga isaa, qurbaana qulqulluu nu hunduu akka kabajamnuuf jecha warra amananiif fayyina jireenyaa kan argamsiisuudha.
Aarsaan kunis bara hanga baraatti hin jijjiiramuu kanaafis ‘Aarsaa wangeelaa’ jedhamee waamama.
Qulqulluun Phaawuloosis kanumaaf jechaa ‘Warra qulqullaa’uuf jiraniif hanga bara baraatti kan ta’u aarsaa takkittii dhiyeesse.’ (Ibr. 10:14). Kanaaf foon isaafi dhiigni isaa hardha mana Kiristaanatti yeroo hundaa ni qophaa’a, jijjiiramees nyaataafi dhiiga gooftaa I/Kiristoos ni ta’a, lubootnis maatii waaqayyoof ni kennu.
• Yeroo hundaa kan isa hin nyaannee jireenya bara baraa waan hin qabneef. (Yoh. 6:53)
• Kan isarraa nyaatu hin beela’us hin dheebotus (Yoh. 6:35)
Gooftaan keenya I/Kiristoos “Ani kanan isiniif laadhu biddeena Museen isiniif kennu miti kan ani isiniif laadhu buddeena jireenya kan barri hin dangeessine kan guyyaan hin jijjiireedha… kanaafuu Namni dhiigaafi foon koo fudhate bara hanga baraatti ni jiraata” (Yoh. 6:31)
Kennaan Qurbaanan argamu:
• Cubbuu irraa nama dhiiqa (Ibro. 9:14)
• Jireenya bara baraa laata. (Yoh. 6:53, Rom. 11:21-24)
• Haqamaa cubbuu laata. (Maat. 26:17, 1Qor. 10:17)
• Luugama cubbuu ta’ee tajaajila, kennaa afuura qulqulluu waan nu laatuuf cubbuu ni laganna. (1Yoh. 6:53-55)
• Gidiraa gooftaa irra ga’e nama yaadachiisa. (Luq. 22:19)

Yaa Gooftaa si dhiisne gara eenyuu deemna?

Maqaa Abbaa Ilma Afuura Qulqulluu Waaqa tokkoon, Ameen!Ayyaani Waaqayyo, kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam, eeggumsii ergamoota qulqulluu bakka jirtaan biyya jirtaan hundaatti isiniif haa ta’u!”YAA GOOFTAA SI DHIISNE GARA EESSAA DEEMNA?

(Yoh. 6:68)” dubbii sagalee kana kan dubbattee Qulqulluu Pheexroos yeroo ta’uutti, Innis maal irraan ka’ee akkas jedhee yoo jenne guutu barreeffama kana ilaalu qabna (Yoh. 6: 40 – 68). Kunis gooftaan keenya I/Kiristoos waa’ee jireenya bara baraa, waa’ee fooniifi dhiigaa isaa nyaachuufi dhuguun dhalamuu barsiisaa ture. kana hundaa yeroo dhaga’annis dandeetti hubaana isaan ol ta’ee dhaga’aan. Achummaan hedduun ni rifataan gara boodaattis deebi’aan. Gooftaanis bartoota isaan isiin keessas deemu ni barbaadu tannan deema ittin jedhee. Achummaan qulqulluun Pheexroos ‘yaa gooftaa si dhiisne gara eenyuu deemna’ ittin jedhee.

Qulqulluun Pheexroos maaliif akkas jedhee? Sababni isaas:

1. Abbaa keenya Adaam Waaqayyoo dhiisuu isaa ni beeka ture, badisaa hedduun akka karaa isaa dhufees beekerraa. (Uma. 2:16) Akkasumaa jireenya bara baraa argachuuf akkumaa abboota Waaqayyoon filaadha jedherraa (Kess. 30:20) irraatti.

2. Gooftaan keenya I/Kiristoos Ilma Waaqayyoo ta’uu isaa hubaatterraa. (Yoh. 6:69)

3. Gooftaan keenya I/Kiristoos Waaqa ta’uu isaa hubaatterraa. (Mat. 17:5) Musee (33:18) fi Eliyaas (1Mot. 17:1 hangaa 2Mot. 2:11 ) Waaqayyon ulfinaa kee nuu argarsiisi jechaa kan turan gara taboor irraatti Waaqayyon arganirruu. Eliyaas hanga na ga’aa egaa na gara keetti na fudhadhuu jechuun kadhatterraa (1Mot. 19:4).

4. Gooftaa kan argattee waan hundaa waan argattuuf. (Fakk. 8:35, 1Yoh. 5:22, Yoh.6:47).5. Nutti waaqa biraa hin qabu si malee (1Sen. 17:20). waan ta’eef si dhisnee gara kam deemna jechuu danda’eerraa.


Egaa, Yaa maatiiwwan Waaqayyoo Waaqni inni nutti itti amanuu cubbuu nama namaaf kan dhisuudha, Cubbuu hojeedhe baderraa jettanii abdii hin kuttiina (Mat. 11:28-29, 1Xim. 15:16), har’as tannan boor yaa gooftaa si dhisnee essaa deemna jechuun gara mana isaatti deebi’a. Addunyaa oduu gosaafi lakkoofsa hin qabneen guyyaadha guyyaatti guuta jira, keessattu inni biyya keenya waan addaadha. Oduu hin dhaga’inaa sagalee waaqayyootti qabama jiraadha. Kan waaqessittaan nama miti, garuu isaa laafi samii kan diriirseedha malee. Warri biyya lafa waa’ee biyya lafa biyya lafa haasa’u (1Yoh.4:5). Kanaaf waa’ee biyya lafa baay’ee hin dhiphattinaa. Yaada keessan gara Waaqayyootti qaba.

Dhugumaa yaa Waaqayyoo si dhisnee eessa deemna? Waaqayyoo akka harka keenya haa qabu, inni yoo harkaa nu qabe nu hin lakkisuu, nutti yoo harka isaa qabanee gad lakkisuu ni dandeenya, inni abbaa amanamaafi dhugaadha, abdiin hundumaa keenyaas isaadha.Sagalee isa kan dubbisnee Waaqayyoon laphee keenya irraatti nuuf haa barreessee, Firii 30, 60, 100 busnee hirmattu maddi isa dhaltuu mootummaa isaa kan bara baraa nu haa taasisu. Eegumsi abbaa, jaalalli ilma tokichumaan afuuraa qulqulluu biyyaa keenya amantaa keenya, ummataa kiristannaa mara bakka jiruufi biyyaa jiruutti tokko tokkoo keenya irraa olee nuuf haa balu. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!

Wanta waamamnef jiraachun dirqamaa keenya

Maqaa Abbaa Ilma Afuuraa Qulqulluu Waaqa tokkoon. Ameen! Maatiiwwaan Waaqayyoo, Maqaa Kiristoosiin Kistaannoota, Maqaa Amanu’eliin amantoota kan jedhamtaan ijoollee haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam nagaan Waaqayyoo isa jiraata isiniif haa baay’atu. Waaqayyoon waan hundummaa gochuu ni danda’aa kun eenyuullee jala kan dhokkatee miti, namni hundiis kan beekudha. Har’a garuu kannan isiniif qoodu barbaade ‘WAA’EE WAAMAMU’ dur bara sabni Israa’el abboota firdiin bula turee Saa’ol kan jedhamuttuu ture. Namni kunis yeroo tokkoo harreen abbaa isa jala badnaan babaacha deema ture. Garuu, Waaqayyoon immoo saba Israa’elif Mootii akka inni ta’uu waan yaadef, gara Eliyaas deemun diibamuu danda’eerraa. (1Sam. 9:1 kaasse). Saa’ol ergaa mootii Israa’el ta’ee waan baay’ee hojjeterraa booda keessa kan Waaqayyoo goodhi jedhee dhisuun booji feedha isaafi warra isaa wajjiin turaani eguu jaallachun dandii Waaqa gad dhiiserraa. (1Sam. 15:10 – 35). Waaqayyoos namni bira akka mootii ta’uu waan barbaadef, turtiin mootii Saa’ol hin dheerattin hafe. Boodes Daawit lafa tikaa hoolaatti waamamuun mootii lamaffaa Israa’el ta’eerraa.

Egaa dubbiin dheeraattef harreetti hin fe’aamuu jedhama. Barreeffamaa har’a gabaabsuuf:

Saa’ol bakka harree barbaaduu waamamee (1Sam. 9:1) Daawit bakka hoolaa tiksuu waamame (1Sam. 16:1-13) Pheexros, Indiriyaas, Yoohannis, Yaa’iqob bakka qurxummii qabanii waamaman (Mat. 4:18 – 22) Saa’ol inni booda Phawuloos ta’ee ifaa addunya kan jedhamuu bakka Kiristoosfi kiristannootaa arii’atuu waamamee ( HoE. 9:4)

Egaa wanti guddaan Waaqayyoo nutti bakka kam iyyuu haa jiraannu yeroo kam keessa iyyuu haa jiraanu nu waamu isaafi waamamuu keenya beekudha. Erga waamamnees immoo itti jiraachuudha. Aangoof wamamnee tannan aangoo keenya seeraan itti fayyadamuu qaban, jireenyaaf wamamnee tannan jireenya wamamneef jiraachuu qabna. Wanta wamamneef jiraachuun dirqamaa keenyadha. Kan wamamneef hin jiraannu tannan nurra ni fudhattamaa. Nurra fudhammuu irra darbees dhiigaa qulqulloota hedduu dhangalasaa, namoota baay’ees ni balleessa akkumaa Saa’ol Daawitiin ajeessuuf jedhee Lubootafi namoota qulqulluu ajjeessa ture jechuudha(1Sam. 22:1-23).

Waaqayyoo akkumaa mootummaa Saa’ol jibbee, dabarsees kan biraaf kenne, wantaa ittif nu wammes akkasumaa ni taasisaa. Jireenyi biyya lafa ni darbaa, tokkos haa ta’uu lama ni darba, Jireenyi waaqayyoo kan bara baraatti. Amantiin waan jabannee yoo nutti fakkattees akka hin kufneef of haa eegnuu (1Qor. 10:12). Waaqayyoo hangaa dhumaatti nama cimee dhabbatu nuu taasisun dhaltuu mootummaa isaa kan bara baraa nu haa taasisu. Biyya keenyafi maatii keenya hundaas bakka jiraanitti; nunnis bakka jiruu hundaatti eegumsaa isaa nuuf haa baay’isuu. Ameen.

Inni waan jal’a hojjetu, jal’aa dhuma isaa haa hojjetu

Maqaa Abbaa kan Ilma kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokkoon Ameen. Maatiiwwaan Waaqa, Kiristoos kiristanaa kan jedhamtaan, Ijoolleen haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam bakka jirtaan hundaatti nagaan, araari, ayyaanni Waaqayyoo isiniif haa baay’atuu. Qulqulluun Yohannis mul’ataa isaa keessatti boqonaa 22: 11 irratti ‘Inni waan jal’aa hojjetu, jal’aa dhuma isaa haa hojjetu; inni xuraa’aan, ittumaa of haa xureessu; inni waan qajeelaa hojjetu, qajeelaa dhuma isa haa hojjetu; Inni waaqayyoof qulqullaa’e, isumaaf haa qulqullaa’u!’ jechuun ergamaan Waaqayyoo itti dubbatee. Sagaleen kun baay’ee kan nama sodaachisuu ta’uus garuu duraa sagallicha beekun badiisaa nama ni olchaa. Namni jal’innaa hojjetu gara qajeellumaatti, inni qajeelaa hojjechaa jiruu immoo akka itti fufuu ta’uudha.

Kan seeraa osoo beeku seera cabseefi kan seera osoo hin beekin seera cabsee wal qixaa adabama. Raajichi Daani’el raajii ergamaan itti hime macaafa kana cufi (Daan. 12 : 4) ka’ii malee hin baniin yeroon isaa hin geenye ittin jedhee, Qulqulluu Yohannisiin garuu yeroo ga’ee waan jiruufdubbii macaafa kana hin cufin ittin jedhee. (Mul. 22:10).

Waa’ee dubbii kana waan baay’ee barreessun ni danda’amaa garuu, caqasaa isaa arguun iyyuu waan guddaadha. Waaqayyoon nama sagalee isaa dhaga’ee lapheetti qabachuun dhaltuu mootummaa isaa hirmatuu maddii isaa nuu haa taasisuu. Galanni Waaqayyoof haa ta’u, Ameen!

Baga guyyaa dhaloota Haadha keenyan geessan

Yaa haadha ifaa yaa Maariyaam Addunyaa sababa cubbuu dhala namaan dukkanooftee turte Ifa Addunyaa nuuf deessee bara baraan kan hin dukkanoofne Uumaa keenya fayisaa keenya kan ta’e Iyyasuus Kiristoosiin nu badhaasteerta. Uumama Biyya lafaa dura laphee Sillaasetti kan yaadamte ati akkam kan eebbifamtedha.

Darbaan cubbuu abbaa keenya Addaam kan si hin arganne yaa qulqulleettii Qulqullootaa waggoota kuma shanii fi dhibba shaniif sababa cubbuu keenyaaf jecha beela’aa kan turre nyaata jireenyaa isa bara baraa waan nuuf deesseef ati leemmata Warqeeti! Yaa Giiftii keenya haadhummaa dubrummaakee waliin kan badhaafamte Gadaamessikee inni abidda Waaqummaa baate sun akkam kan eebbifamedha.Yaa Maariyaam ati yaadaa fi hojiidhaanis dubra kan taate ati dubrummaa fi haadhummaankee kan yeroo osoo hin taane kan bara baraati.

Yaa haadhakoo ishee bara baraa ati kabajnikee Uumadhaa gadi uumama kamiyyuu ol kan taate Galanni fi sagadni kennaa uumama kamiyyuu dura siif ni ta’a.Kiruubeelii fi Suraafeel xuquu fi itti dhiyaachuu kan hin dandeenye ati garuu gadaamessa kee keessatti ji’a sagalii fi guyyaa shan ni baatte. Yaa MAARIYAAM ati jalqabarratti raajichi Isaayyaas 9:6 irratti akkuma dubbate ” Daa’imti nuuf dhalateera Ilmi dhiiraa nuuf kennameera aangoon isaa hundarra kan caalu fi isa bara baraati maqaan isaas jabaa, Waaqa, Abbaa bara baraa Abbaa nageenyaa jedhamee waamama” jedhamee kan barreeffameef waan nuuf argamsiisteef ati nuuf ilmaan kiristaanotaaf haadha bara baraati. Qulqullichi Phaawuloosis Roomee 9:5 irratti “Samii irraa bu’ee Haadha keenya dubroo Maariyaamirraa kan dhalate Iyyasuus Kiristoos fayisaa hunda keenyaa yoo ta’ellee inni Waaqa bara baraan eebbifamedha” kan jedhame waan nuuf argamsiisteef kabajni siif qabnu ol aanadha.

Hiddaa dhaloota Qulqulleetti dubroo maariyaam

+++CAAMSAA 01+++
✔ILMOO QAJEELAAN(QULQULLUUN) JIREENYAAF DHALATA Fak 11:19
baga guyyaa yaadannoo dhaalota haadha hunda keenyaan isiin gahe kessaas alas kan jirtaan ijoollee tewaahidoo hundaaf.qajeelan jireenyaaf malee badiif,dabaaf,moraaf ,falfalaaf,jibbaaf,hammenyaaf,doqnummaaf hin dhalatu.wa’een dhalachuu dubroo akka itti anuutti.

Waaqayyoo gargaaraa godhachuun “buˈuurri ishee tulluuwwaan(garreen)qulqullaˈoodha”jedhe kan akka laphee waaqayyoo qulqullichi Daawwit faarsaadhan waan farfateefif, dabalatas qulqullichi Yaareed “ማርያምሰ ተኀቱ እምትካት ዉሰተ ከርሡ ለአዳም ከመ ባሕረይ ጸዓዳ-Maariiyaamis dur irraa jalqabee amalummaa Aaddaam keessatti akkaa inquu adii ifti (addunyaa booraˈee kessaatti qulqullummaadhan,qaajelummaadhan,dubrummaadhan ifti)”jedhee waan dubbaateefif.dabalatas “waaqayyoo Abbaan samii taaˈee baha fi dhiha, kaaba fi kibba nannaawa isaanii dhuguumatti ilaale.foolii isaaniis fuunfate, kan akkaa kee jiru hin argannee.foolii kees jaallate kan jaalatu Ilma isaas gara kee erge.”jedhee beeka Abbaan Hiriyaaqoos waan faarfatefif, ulfaaˈamuu haadha Ifaa ,dhalachuun haadha ifaa kanadha.

♥Giiftiin keenyaa qulqulletti dubroon Maariyaam boroon isaa amantaadhan kan taˈu Abrahaam,boroon isaa mootii kan taˈu sanyii Daawwit irraa akkaa argamtee macaafni(kitaabni) qulqulluun ragaa nuuf baha.ifa adduunyaa kan jeedhamee qulqullichi phaawuloos waaˈee iccitii nama taˈuu Gooftaa keenyaa fayyisaa keenyaa kewwaata dubbatee irratti:-“እስመ አኮ እመላእክት ዘነሥኦ ለዘነሥኦ ዘእንበለ ዳዕሙ እምዘርአ አብርሃም- Amalummaa Abrahaam irraa fudhate malee Eergamoota irraa kan fudhatee miti” jedhe /Ibro 2:16/.haaluma kanan dessuun Gooftaa qulqulleetti dubroo Maariyaamiin sanyii Abrahaam taˈu ishee beekne hubannee jechuudha.Raajiichi Isaayyaas :-ትወጽእ በትር እምሥርወ እሴይ፡- iseeyii jala(sanyii Iseeyi kessaa) uuleen(Giiftiin keenyaa)ni baati(ni
dhalatti)ወየዓርግ ጽጌ እምኔሃ:-daraaranis jirma ishee irraa nib aha(Gooftaan
keenyaas isheerraa ni dhalata) “jedhe R Isa 11:1 hiika fi dubbisa
Tokkummeessaa isaa.
Beektonnii bataskanaa(mana qulqullummaa)akkaa nutti himaan dubbiin
ulfaaˈamuu Giiftii keenyaa akkaa itti anuutti:-
❖Akaakilee kan taˈan Pheexiriqaa fi Teekittaa namootni jedhaman Iyyarusaaleem(Jerusalem)kessaa gaaˈelaan murtaˈanii jiraatu ture.qulqullonni kunniin kanatu isaan hafe(hanqate) kan hin jedhamne yoo taˈaniiyyuu Ilma dhaalu hin qaban ture.guuyya kessaa gaaf tokko garuu Pheexiriqaan haadha mana isaa Teekittaadhan:-“yaa! obbolettii koo ani dhabaadha(maseenadha), atis dhabduu qabeenya kana hunda eenyuutu dhaala?”jedhen.Teekittaanis deebiftee:-“yaa! Obbolessaa koo waaqayyoon ana yoo ilmoo na dhorgateeyyuu atis akkaa koo taate haftamoo?siif kennuu dandaˈaatii kan biro bira gahiiti dhalchii”jetteen.innis:-“kana akkaan hin goone(raawwannee)waaqni Israaˈeelii ni beeka”jedhen.yeroo kanatti hedduu ni gaddaan.battaluma sanatti mulˈata argan.waatii(jabbii)adiin mooraa isaaniti yoo baatu waatiinis waatii dhala jahaffaa irraa yoo geessuu jahaffaan sun baatii(jiˈa ykn aaddessa),
Aaddessi immoo biiftuu yoo dhaltu argan.Kana booda abjuu kan hiiku bira deemanii kan argan hundaa itti himatan.innis:-“waaqayyoo dhifaama isaatin isiin yaadateerati mucaa
gaarii ni argattuu.waatii raada torba dhaluun keessaan ijoolle dubara fi ijoolle ijoollee kessaanii torba argachuu keessaaniidha.jahaffaan addeessi uumamtoota ol kan taatu ilmoo taatudha.waaˈeen biiftuu sanaa garuu naaf hin ibsamne, akkaa raajaa akka mootii taˈuu dandaˈa”jedhen.isaaniis yeroon haa hiikuu jedhaniin sokkaan.kana booda Teekittaan ni ulfoofte.maqaa ishees “ረከብኩ ስእለትዬ፡ረከብኩ ተምነትዬ-kanan wareege argadhee kanan yaades(hawwes) argadhe”yoo jettu Heeˈemeen jetteen.
♣1.Heeˈemeen>2.Deerdeen>3.Toonaan>4.Siikaariin>5.Hermeelaan>6.Haannaa deesse.qulqulleetti haannanis yoo sadarkaa dardarummaa geessuu mana Yiihuudaati kan dhalate Iyyaaqeem kan jedhamu nama baheessaa tokkotti heerumsisaan.Iyyaaqeemii fi Haannaa jireenyi isaanii waaqayyoo fulduratti qajeela fi ifa,
namoota fuldurattis gaarii fi dogongorri kan irraatti hin mulˈanne namoota baheeyyii turan.haaluma kanan waaqayyoo fi namootan kan gaalateffaaman namooti baheeyyiin kunniin waggota digdamaaf ilmoo malee jiraatan.yaa!jaallatamtoota nuuti hangam obsa qaabeyyiidha?hammaam waaqayyoon eegna taˈinnaa?hammaam waaqayyoon kadhannaa taˈinnaa?qulqullotni kunniin garu waggoota diigadmaf eegan.caallisaanii eeguu qofa miti.kaadhanna fiwaawwaanaadhanii malee.Guuyyaa tokkoo Iyyaaqeem :-“yaa!waaqa abbooti kooani garbichi kee siin kadhadha ,na hin tuffaatin kadhaa koo dhagahii feedha koo naaf raawwadhu, ijaa koof qubannaa laphee koof abdii kan taˈu ilmaa eebbifame ilma dhiira naaf ladhu”jedhe kadhachaa oole.Haannaaniis gama isheen;-“yaa! Gooftaa kook an abbootii kootii waaqni Israaˈeelii ani garbichi kee siin kadhadha na dhagahi.ijaa koof qubannaa laphee koof abdii kan taatu kan eebifamte imoo dubara firii garaa(gadamessaa)kootii naaf ladhu” jettee kadhacha olte.Akkaanas jedhanii kadhachaa wawwaata oolanii,Haannaan yoo gugeen ijoollee ishee waaliin taphattuu argitee:-“yaa!Gooftaa koo ishee kanaf ilmoo kan kennitee maalii anaf ilmoo dhabdee(na dhowwattee)?”jettee hirqitee boosse.kanaf Iyyaaqeemii fi Haannaan waaqayyoon ilmoo akkaa isaaniif kennuu bayyisanii kadhatan.”ilmoo dhiira yoo nuuf kennee buˈee, baˈee , qotee, qofforee,nuu haa gargaruu hin jennuu, mana qulqulluummatif aafata afee,golgaa golgeesssee haa jiratuu malee.ilmoo dubaras yoo nuuf kennee bishaan warabdee, qoraan cabsitee nuu haa gargartuu hin jennuu, mana qulqulluummatif leemmati warqee hoodha,golgaa hojjechaa haa jirattuu malee”jedhanii waadaa galanii
wareegan(tasaalan).Qulqulleetti Haannaanii fi qulqullichii Iyyaaqeem guyyuma sana mulˈata arganii wantichaa argatanii bulan.Iyyaaqeem “samiiwwaan torban akkaa golgaa saqqamanii samii oliiti sinbirri adiin buˈee mataa koo irraa qubateen arge”jedhen.sinbirroo kan jedhamee Gooftaa keenyaa yoo taˈu,aduummaan isaa qulqullummaa amalummaa isa kan agarsiisuudha.mata koo irra qubateen arge jechuun isaa Gooftaan amalummaa Iyyaaqeem(kan namaa) amalummaa isaa godhatee buˈusaati.samiiwwaan torban kan jedhaman amalummaa Gooftaa keenyaa yoo taˈan isaaniis
Guutummaaisaa(ምልዓቱ),ballinaasaa(ስፍሐት),mootummaasa,ርቀቱ፣ልዕልናዉ፣ዕበዩ፣እዘዙ faˈadha.dhifaama qooqni na hanqaateen fayyaadamee.Haannaanis anis argeera jetteen.maal argitee yoo jedhun:-“gugee adiin dhuftee narraatti buutee gurraa kootiin lixxee(seentee)garaa koo kessaa (gadamessaa) yoo ciistu arge”jetten.gugee kan jedhamte giiftii keenyaa yoo taatu, aduummaan ishee qajeelummaa,qulqullummaa,dubrummaa isheetidha.”gurraa koon lixxee garaa koo kessaa ciistee arge”jechuun ishee immoo misirachoo ergamaatin Giiftiin keenyaa akka ulfooftudha.kunis kan taˈe adoolessaa soddomaadha.Isaaniis abjuu(mulˈata) akkaana yoo argine wantichaa yoo argannee jedhanii guyyuma sana sal qunnaamti hin raawwannee,dursaanii heeyyaama waaqayyoo gaafatan malee.iyyaarusaleemitti mana
qulqullummaatti ayyaanni yoo kabajamu Iyyaaqeem olloota waliin kennaa qabatee ayyaanichaa kabajuu gara mana qulqullummaa deeme.yeroo sanatti duree luboota kan turee Yiisaakoor(Roobeel)jedhama.Iyyaaqeem kennaa qabatee dhufuu isa argee gara isa
dhufee:-“ilmoo osoo hin qabaatin(dhabaa ykn maseena)taate osoo jirtuu akkaamiin garana dhuftee?kennaa(arsaa) keetiis akkaamiin dhiyeessitaa? Waaqayyoon kennaa dhabdoota hin fudhatuu bar”jedhee
dhorge.Iyyaaqeem saalfii(qaanii)guddaadhanii fi gaddaan deebiˈe.namootni balbala keenya cufu,waaqayyoo garuu nuuf bana.namootni “maaltuu sii dadhabsiisa?” nuun jedhuwaaqayyoo garuu nu gargaara.Kanaafuu yeroo kanatti ifa guddaa kan uuffatee Eergamaan waaqayyoo dhufee Iyyaaqeem fuldura dhabbaatee akkaanas jedheen:-“yaa!
Iyyaaqeem ana arguu keetiin hin rifatin(hin sodatiin),hin cinqamiin.ani kadhaan keetiis akkaa dhagahamee,kennaan kee fulduraa waaqayyoo akkaa gahe sitti himuu ergamee kanan dhufee Eergamaa waaqayyooti.hundaa raawwachuu waaqni dandaˈuu gadameessaa nama hedduu ni cufa,ni banas.haati kee durii Saaraan hanga uumrii saddetamatti dhabduu turte,booda garuu haadha Yiisaaq taate.akkanumas Raaheel jaalatamtu waaqayyoo kan turte dhabduu turte,booda immoo haadha Yooseef taate.waaqayyootti dhiyoo kan turan haawwaan Soomsoonii fi Saamuˈueel dhabdoota turan,boodarraa garuu harmoolii namoota gurguddoo kana taˈan./ab.firdii ykn masaf.13:1-24 ;1:20/.Kanaaf haati mana kee haannaan ilmoo dubra siif dessii maqaa isheetis Maariyaam jettee ni waamta.garaa haadha ishee kessaa osoo jirtu Afuurri qulqulluun irraa ni bula” lammaaffaas Eergamaan gara Haannaa deeme akkana jedheen:-“yaa! Haannaa afuura biraa kan argitee sitti hin fakkatin ani kadha fi kennaa kee fuula waaqayyoo duratti Eergamaan dhiyeessuudha.ammaas kanan dhufeef dubartoota hundaa ol kan taatu maqaan ishee Maariyaam kan jedhamtu ilmoo dubra kan dessuu taˈuu sitti himuu kan dhufeedha.”jechuun misirachoo itti hime.dhugaa kanan,misiraachoo ergamaatin,heeyyamaa waaqayyootin haati waaqayyoo Giiftiin keenyaa abbaa ishee Iyyaaqeem fi haadha ishee Haannaa irraa hagayyaa 07/5484 barri abarsaa yoo raawwatuu ulfaˈamtee,caamsa 01/5485 barri abarsaa yoo raawwatuu dhalatte.

❖❖❖❖Yaa Dubree…….
ኦ ድንግል አኮ በፍትወተ ጸነስ ዘተጸነስኪ አላ በሩካቤ ዘበሕግ እም ሐና ወኢያቄም ዘተወለድኪ።yaa! Dubree cubbuudhan , salqunnamtee seeran alan kan ulfaˈamtee miti.seeran kan taˈe raawwii seeran Haannaa fi Iyyaaqeem irraa kan dhalatteedha malee.dubrummaa haadhummaa waliin , taajajilummaa haadhummaa waliin, annaaniis dubrummaa waaliin tokkumessitee kan qabdee yaa!Giiftii keenya gannaata yeroo ariˈamnee abdiin keenya kan siin raawwatame siˈidhati si jaallanna.yaa! Ebbifamtuu siin jenna.yaa!qulqulleetti siin jenna.kanas qooqni keenya hanga dandaˈu dubbachuu malee galata kees qooqni kiruubeliiyyuu geessisuun hin dandaˈamuuf.qooqni suraafeeliis dubbatee hin fixu.jaalatama Ilmaa kee irraa araaraf dhifaama nuuf kadhadhu.
Horaa bulaaa deebanaa

Gababadhumaatti

Hiddaa dhaloota giiftii keenyaa durbee maariyaamii…
Ibroota 2:16 Q/durbee maariyaam dhala namootaa irraa akka dhalattee.
Sanyii Abrahaamiin qabatee,malee sanyii ergamootaa qabatee miti.Fars 86:1 hundeen ishee garee eebbiffamoodha.
Addaam irraa eegalee hanga Iyaaqeemiif Haannaatti.
Addaam irraa karaa ijoollee isaa karaa Seet.
Karaa Nohiin immoo karaa Seem.
Abrahaam irraan karaa Isiiyaaq.
Yaa’iiqoobiin karaa Yuudaafi Leewii.
Daawwiittin karaa Solomoon.
Karaa mana Leewii sanyii Aaroon.gartuu lubootaa kan taatee qulqulleetti Haannaa.karaa sanyii Yuudotaan qomoo sanyii moototaa kan ta’ee qulqulluu Iyaaqeem irraa argamtee.
Hiddaa torbaffaa Q/d/maariyaamii
Pheexirqaafi Tektaa
Hameen
Derdaan
Toonaan
Siikaar
Seet naa
Hermeela
Haannaa
D/Maariyaamii

Irra deebii kan maxxanfame. bara 2009 irraa fudhatame