Kiruubel

Kirubeel ergamoota teessoo Sillaasee baataniidha. Waaqayyo Kirubeel yemmuu uumu, mudhii isaanii olitti afur, mudhii isaanii gaditti ammoo, tokko taasisee uume. Isaanis, fuula afur qabu. Fuulli isaanis,
• Fuula namaa,
• Fuula leencaa,
• Fuula joobiraafi
• Fuula sa’aa dha.
Dursaa isaanis, kan fuula namaafi leencaa qabu muudeef; kunis, Kiruub jedhama. Isaan kun ammoo, fakkeenya lubootaati. Kanas, Miila isaanii irraa eegalee hanga mataa isaanitti ijaan kan guuttamaniidha. Waa’een isaanis akka armaan gadiitti Kitaaba Qulqulluu irratti barraa’ee jira.
• “Kunoo ani bubbee gara bitaatii dhufu, duumessa ulfaataa, ibidda boba’u, ifa naannoo isaatti ifus nan arge, gidduun ibiddichaas akka sibiila boraajii ni calaqisa ture. Ibiddicha gidduus fakkeenyi bineelladootaa afur ni ba ‘e. Bifni isaanii ammoo bifa namaa fakkaata Garuu, tokkoon tokkoon isaanii fuula afuriifi kochoo afur qabu. miilli isaanis qajeeladha, faanni miila isaanis akka kottee jabbiiti, akka sibiila boraajii isa qulqulleeffamees ni calaqqisa ture, kochoowwan isaanii karaa afuriin harka namaa fakkaatu qabu turan. afran isaaniituu fuula kochoos qabu. kochoowwan isaanis wal ni qaqqabu turan; isaanis adduma addaan gara fuula duraatti qajeelanii adeeman malee, gar tokkotti iyyuu hin jal’anne.”
• Fuulli isaanis akka kanatti fufee jiru fakkaata;
o fuula isaanii duraan hundumti isaanii fuula namaa fakkaatu;
o afran isaanituu gara mirgaa isaanitiin fuula fuula leencaa fakkaatu qabu,
o arfan isaaniituu gara bitaatiin fuula fuula saawwa fakkaatu qabu;
o afran isaaniituu gara dugda duubaatiin fuula fuula joobiraa fakkaatu qabu” (Hisq 1:4-10).
Isaan yeroo hunda dhala namaaf araara kadhatu. Waaqayyo teessoo isaa baatu yoo jennus, isatu isaan baata malee humnafi aboo Waaqayyoon baachuullee hin qaban. Kabajni Waaqayyoo isaan irratti muldhataaf malee.
• Manni kiristaanaa keenya ayyaana ergamoota kanaa Sadaasa 3 yaadatti.
Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni Kirubeelis nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti haa ta’u, Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *