Category Archives: Mootota Baraa iristaanumaatti

Mooticha Qosxenxiinoos

Bara 258 (akka faranjootati 272 kan jedhus jira) Mooticha Qunisxaa fi Qulqulleettii Mootii Illeenii irraa Sarbiyaa keessatti dhalate. Erga dhalateeyis haati isaa Illeeniin seera amantaa kiristaanummaa haala gaariidhaan barsiiftee jirti. Erga abbaan Qosxenxiinoos du’ee booda Qosxenxiinoos abbaa isaa bakka bu’ee mootii ta’e Roomaa Bahaa bulchaa ture. Bara sanatti mootichi Diiyooqilxiyaanos, “Manni waaq-harkee yaa banamu manni kiristaana yaa cufamu,” jedhee labsii waan baaseef kiristaanonni dhiigni isanii lola’uun akka qullubbiittii mummuraman. Manni kiristaanaas baay’ee gubate. Kiristaanonnis ni godaanan. Qosxenxiinoos hojii mootota kanaatti baay’ee gaddaa jiraata ture. Michuu mootii Diyooqlixiyaanoos kan ta’e akkuma isaa kristaanota irratti dhiibbaa guddaa geessisaa kan ture mooticha Maksmiyaanoos jedhamu Qosxenxiinoos ni moo’ate. Kan moo’ates samii keessatti mallattoo fannootiin, “Kanaan ni moota,” kan jedhu waan itti muldhateef meeshaa lolaa irratti mallattoo fannoo godhee lola ba’ee moo’ee Roomaa akkuma jirtutti of jala galche.
Kanaanis, gammadee Ephesqoophoosii Niqoomeediyaa Awusaniyoos harkatti cuuphamee kiristaana cimaas ta’e. Kiristaanonnis gammadanii, “Fannoon humna keenya fannoon fayyisaa keenya,” jedhan. Innis labsii Diyooqlixiyaanoosiin ba’ee ture diigee, “Manni waaqarkee (xaa’otaa) haa cufamu manni kiristaanaa haa banmamu,” jedhee labsii kiristaanota addunyaa hundaaf boqonnaa kenne ni baase. Manni kiristaanaa gadadoo waggaa 300 booda bar Qosxenxiinoositti haara galfii argatte. Innis mootii gaarii jedhamee yaadatama. Mirgaa fi carraa yeroo sana manni kiristaana argatte keessaa:
• Bara 315 seera ba’een manni Kiristaanaa kaffaltii gibiraa irraa bilisa taate
• Guyyaan dilbataa guyyaa boqonnaafi ayyaana kiristaanotaa ta’ee kan murtaa’e yeroo sana
• Namni qabeenya isa bataskanaaf nan kenna jennan manni kiristaanaa dhaaluuf mirga qabdi.
• Kiristaanummaan amantaa biyyoolessaa ta’e.
Bara 325, bara yaa’ii Niiqiyaatti hayyootni amantaa walitti qabamuun amanticha akka cimsan kan taasise mooticha kana. Kanaaf manni kiristaana
yeroo hunda isa yaadatti. Wantoota biroos waan heddu hojjete.
Guyyaan yaadannoo isaa Bitootessa 28. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Qulqulleettii Mootii Illeenii

Qulqulleettii mootii Illeeniin kan fannoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bakka awwaalamee akka bahu taasifteedha. Seenaan ishees, Abbaa warraa Tarbinoos jedhamu waliin jiraachaa turte.
Illeenii jechuun afaan Hibruutiin ‘bareedduu’ jechuudha. Illeeniin kan dhalatte dhaloota Kiristoos booda 247 tti magaalaa Bitaaniyaa kan Iyyaruusalemirraa kiilomeetira 5 qofa fagaattee argamtu keessattidha. (Seenaan iddoo dhaloota ishee kana Eeshiyaa xiqqoo keessatti bakka Bitaaniyaa jedhamutti kan booda Helenopolis Jedhamtee maqaan magaalatti Qosxonxinoosiin jijjiiramtetti jedhus jira).
Abbaan manaa Illeenii Tarbinoos jedhamu kun daldalaa ture. Bara sanatti daldalli biyya tokkoo gara biyya biraatti godhamu waggoota hedduu fudhata ture. Innis karaa dheeraa deemee waan daldaluuf manatti Illeeniidhaaf gargaartuu qacareefii mooraa keessa akka gadi hin baanee fi aduun akka hin dhoofne godhee gara daldalaatti biraa deeme. Illeeniin amantaa isheetti baay’ee cimtuu fi yeroo baay’ee hanga abbaan manaa ishee deebi’uti kadhaadhaan dabarsiti ture. Wangeelas ni beekti ture. Tarbinoos immoo kan daldala isaa xumuree gara biyyaatti deebi’u waggaa 3’n booda ture. Daldaltoonni kun waggaa sadii ykn afur yemmuu daldalanii gara mana isaanitti deebi’an karaa irratti waa’ee haadha warraa isaanii waliin haasa’u ture.
Isaanis akkas jedhu ture, “Egaa amma nu kunoo akkanatti dhamaanee aduufi qorraan gubannee gara biyya keenyaatti yoo deebinu haati manaa keenya yoona dhiira biraa baran ta’a,” waliin jechaa deemu turan. Yeroo kana Tarbinoos abbaan warraa Illeenii, “Ani kan keessan hin beeku malee haatii warraa koo Illeeniin garuu wanta akkanaa gonkuma ana irratti hin hojjettu; baayiseen ishii amana,” jedheen.
Illeeniinis erga abbaan warraa ishee daldalaaf ba’ee mana isheetti kadhachuu malee gad illee baatee dhiira ijaan agartee hin beektu ture. Yeroo sana namoota Tarbinoos waliin jiran keessaa tokko, “Ati gowwaadha abboo, sanyii Hewaan keessaa kan haadha warraa kee addamoo? Amma osoon dhaqee wajjin ciisee dhufe maal goota?” jedheen. Achumaan Tarbinoos, “Ani waan isin jettan kanatti hin amanu haadha warraa koos gonkuma hin shakku” jedheen. Yeroo sana namni gidiramaan daldaltoota keessaa inni tokko, “Yoon deemee haadha manaa kee dogongorsiisee dhufe maal naaf kennita?’ jedheen. Tarbinoos immoo, “Ani ati dhuguma Illeenii dogongorsiiftee dhufta taanaan bu’aan hanga ammaatti daldalee argadhe qabeenya koo kana hunda wajiin ni fudhatta,” jedhe. arbinoos kan kana jedhe haati warraa isaa gonkumaa akka amanamtuu taate waan beekuuf ture.
Daldalaa gidiramaan sunis yoo Illeenii dogongorse qabeenya hunduma fudhachuuf walii galee gara haadha warraa Tabinoositti kaan dursee adeeme. Yemmus gara ganda Illeeniin jiraattu ga’e, haadha warraa Tarbinoos natti agarsisaa,” jedhee namoota gaafate. “Isheen bar namatti hin muldhattu, keesummattuu gonkuma dhiiratti mul’attu,” jedhaniin. Innis mala baafatee, “Tole erga isheen hin dhuftu ta’e mee hojjettuu ishee naaf waamaa,” jedheen. “Isheellee siif ni waamna” jedhanii waamaniif. Innis hojjettuu Illeeniitiin, “Biyya fagoodhaa nama si dubbisu dhufeetu jira jedhii mee Illeenii naaf waami,” jedheen. Isheenis gara manaatti ol deebitee, “Namni si barbaada,” jettee gaafannaaniif Illeeniin fuula itti kennuu didde. Namichi sun ammas yeroo lammataaf, “Dhaqiitii nama qarshii baay’ee siif kennutu dhufe jedhii itti himi,” jedheen. Isheenis akkas jettee yemmuu itti himtu yemmus Illeeniin, “Anaan haadha warraa Tarbinoosiin akkas jettaa?” jettee qodaa harkaa qabduun gargaartuu ishee rukutteegadi baafte.
Yeroo sanas hojjettuun gadi baate dubbiin akka ta’uufii dide itti himte “Daldalichis mee maal gochuu naaf wayya ishee argachuuf,” jedhee gargaartuu ishee sana mariisise. Qarshii baay’ees akka kennuuf itti hime. Yeroo sana gargaartuun ishee, “Hidhannoo mormaa kudhaama Tarbinoosiifi Illeeniin qofti beekaan tokko morma Illeenii irra jira, isan siif fida fuutee Tarbinoositti agarsiiftee akka ishee wajjin ciiste itti himta,” jette Innis yaada kanatti gammade. Innis, “Daldaltoonni dhufanii jiru qophaa’aa” jedhee iyyuu eegale. Gargaartuun sunis yeroo sana ol deebitee Illeeniidhaan, “Daldaltoonni dhufan ka’ii dhiqadhu urgooftuus dibadhu,” jetteen. Isheenis “Maal yeroo biraa situ na dhiqa mitii,” jettee dhugaa seetee dhiqachuuf kaate.
Yemmuu dhiqattus hidhannoo morma irraa sana bakka dhiqattetti irraanfatte. Hojjettuun sunis fuutee namichaaf dallaa irraan darbiteef. Innis kudhaama mallattoo fannoo of irraa qabu sana fudhatee ka’ee gara Tarbinoositti deebi ‘e. Tarbinoosiin, “Kunoo haadha warraa kee wajjin ciiseen dhufe,” jedheen. Innis amanuu dide. Achumaan namtichi, “Kunoo inumaayyuu na jaalattee kudhaama kana naaf kennite,” jedhee sobee kudhaamicha hojettuun (mallattoo fannoo kan jedhus jira) Illeenii kenniteef sana Tarbinoositti agarsiise. Tarbinoosis kudhaama fannoo qabu sana isaafi ishee qofatu beeka waan ta’eef yemmuu argu dhuguma se’ee ofitti aaree; ni na’es. Akkuma jecha isaatti qabeenya isaa hunda daldalticha wajjin jiru sanaaf kennee harka duwwaa manati gale.
Yemmuu manatti galus bifti isaa gurraacha’ee, garmalee gaddee agarraan haati warra isaa Illeeniin, “Maal taate?” jettee gaafatte. Isheen baay’ee yaaddee eegaa turte. “Dur yoo galtu ni taphatta ture har’a maal taate?” jetteen. Innis, “Danbaliin ka’ee meeshaa kiyya hunda balleesse akkamiin hin aariin naan jetta,” jedheenii sobe. Isheenis dhugaa seetee, “Maaloo hin aariin haa
badu ati fira 50 yoo qabaatte, anis fira 50 yoon qabaadhe liqeeffannee daldallee bakka duraatti deebina,” jetteen. Wangeelas waan beektuf, “Waaqayyoo kan siif kenne yoo sirraa fudhate hin aarin” jetten.
Innis akka hiriyaa isaa waijin ciifte osoo itti hin himiin kan garaa isaa garaatti qabatee, “Biyyan kabajametti salphadhee taa’uu hin qabu baduun qaba,” jedhee baduuf ka’e. Isheenis, ‘Guyyaa gammachuu kee si faana dabarsee
guyyaa gaafa gaddaa fi rakkoo kee si biraa hafuu hin qabu,” jettee wajjin deemuuf kaate. Innis saanduqa dheerina hojjaa isheetiin hojjechiisee gaalatti fe’e gara bishaan galaanaa jiru cinaatti geesse. Achumaanis galaana irratti
saanduqa sana keessa godhee, “Osoon si amanuu na gantee nama biraa wajjin ciifte,” jedheen. Isheenis, “Maaloo akkas gonkuma hin raawwannee,” jettuuniis dhagahuu dide. “Kunoo mallattoon ani siif kenne kan aniifii ati qofti
beeknu akkamiin harka nama biraa bira gale ree?” jedhee mallattoo fannoo sana itti agarsiise. Innis, “Hojii badaa kana hojjette taanan Waaqaayyo si hin baasiin, hin hojjene yoo ta’e si haa baasu,” jedhee ishee bishaanirratti gate jalaa sokke. Yemmuus isheen Waaqayyotti boossee wareega Waaqayyoof wareegde. “Yoo bishaan kana keessaa na baafte ani fannoo kee isa bade sana gidiraa guddaadhanis ta’u barbaadeen arga,” jettee garaa isheetti Waaqayyoti himte. Danbaliin bishaaniis ishee fuudhee asii fi achi raasaa oolee biyya mootiin Roomaa qunisxaa (konsitaandiyoos) jedhamu bulchutti gate.
Namoonni galaana cinaatti qurxummi qaban saanduqicha arginaan (eegdotas jedha) saanduqni kun maal laata jedhanii itti fiiganii baasan. Yemmuu bananii ilaalanuu dubartii bareedduu dha. Isaan garuu qarshii daldaltoota jalaa danbaliin fudhate se’anii itti fiigan ture. Isheenis bareedduu waan tunef hundumtuu fuudhuuf irratti wal lolanii. Boooda garuu, “Mootii geessuu qabna,” jedhanii mootichatti kennan. Mootichis yemmuu argu bareedina ishee waan jaalateef fudhuuf karoorfate. Baatii 6’f masaraa keessatti waan gaarii akka nyaattee dhugduu fi urgooftuu gaariis akka dibattu erga godhee booddee ishee fuudhe. Isheenis dhaloota kiristoos booda bara 258 ti Qosxenxiinoos deesse. Isheenis ilma ishee waa’ee kiristaanummaa daa’imumma isaa eegaltee ni barsiifti ture. Erga ilmi ishee abbaa isaa bakka bu’ee Mootii ta’ee Roomaa akkuma jirutti of jala galchee booda mootittii Illeeniin wareega fannoo baasuu sana raawwachuuf bara 321 gara Iyyarusaaleem deemte. Yemmu achi geessus iddoon fannoon itti awwaalame nama itti himu dhabde.
Boodarra manguddoo Kiraakoos jedhamu tokko argatte inni malaan itti hime. Kana booda daamotii hiitee, ixaana baay’ee itti naqxee kadhaa eegalte. Kunis Fulbaana 16 ture. Aarri daamotii fi ixaanaas xiyya hojjetee bakka fa nnoon
gooftaa jirutti sagadee. Isaanis, bakka xiyyaan aaraa itti agarsiise sanatti
Fulbaana 17 qotuu eegalamee Bitootessa 10 ni ba’e. Yoo ba’us kan namoota gooftaa waliin fannifamaniis jira ture. Isaan keessaa fannoo gooftaa addaan baafachuuf nama du’e irra yoo kaa’an du’aa ni kaase, ija ni bane, kan dhibamaas ni fayyise.
Sana booda fannoo gooftaa fuudhanii kabajanii golgootatti bataskaana itti ijaarsiftee fannoo gooftaa itti galchan. Isheenis fannoo akkuma baasifteen waggaa isaatti bara 328 DH.K.B waggaa 80’n isheetti boqoteetti. Ayyaanni yaadannoo ishees Caamsaa 9.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni ishees nu waliin ta’u. Ameen!