Surafeel (Luboota Samii 24’n)

Surafeel jechuun afaan Ibraayisxiitiin hiikni isaa abiddoota jechuu yoo ta’u; luboota samiiti.
• Teessoo Waaqayyoo ni ulu (Mul’ 5:8).
• Mana qulqullummaa ishee samii keessa tajaajilu.
Waa’ee isaanis Raajaan Isaayyaas wayita dubbatu: –
• “Bara mootichi Uuziyaan du’e, gooftichi teessoo dheeraa fi ol ka’aa irra taa’ee andaarri uffata isaas mana qulqullummaa guutee nan arge. Suraafeel isa gararraadhaan ni dhaabatan; tokkoon tokkoon isaanii koochoo ja’a ja’a qabu turan:
o koochoo lama lamaan fuula isaanii,
o koochoo lama lamaan miila isaanii ni golboobbatu,
o koochoo lama lamaan ammoo ni balali’u turan” (Isa 6:1-3)
Lubootni samii kun, lakkofsaan 24. Uumamni isaanis, qaama ifaa irrayi. Koochoo jaha jaha qabu tokkoon tokkoon isaanii.
• Koochoo lamaan fuula isaanii dhoksu, Waaqayyoon si ilaaluu hin dandeenyu jechuun.
• Kochoo lamaan luka isaanii dhoksu, fuula kee dura dhaabachuu hin dadneeyu jechuuf.
• Kochoo lamaan ammoo, gamaa gamana balali’uun qulqulluu qulqulluu qulqulluu jedhanii ultu/tsinaa warqii qabatanii teessoo Sillaasee ulu. Ixaanaan kadhannaa namootaa ol ni baasu
• “Ergamaan Waaqayyoo kan biraa tokkos qodaa ixaana itti arsaan isa warqee irraa hojjetame baatee dhufee iddoo aarsaa dhaabate. Iddoo arsaa warqee irraa hojjetame isa teessicha fuula duraa sana irratti kadhata warra Waaqayyoof qulqulaa’an hunduma wajjin akka inni dhi’eessuf ixaanni baay ‘een ergamichaatti ni kenname, aarri ixaanichaa kudhata warra waaqayyoof qulqullaanii wajjin harka ergamaa sanaa keessaa gara fuula Waaqayyootti ol ba’e “(Mul’ 8:3)
• Ergamoonni kunniin Gonfoo warqees kaawwatu. Yeroo hundaa Waaqayyoon ni galateeffatu (Isa 6:1; Mul’ 4:11)
• Yeroo hunda namootaaf araara ni kadhatu (Zak 1:12
• Sadaasni 24 Ayyaanna kabaja isaaniti.
• Isaan jiraattota malee warra duuti irra hin jirreedha.
Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni Suraafeeliis nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *