Category Archives: Barumsaa Amantaa

WAA’EE WAL-QUNNAMTII SAALAA

Akka seera barsiisaa mana amantaa keenya kiristaanna ortodooksiitti Wal-qunnamtii saalaa jechuun haadha manaafi Abbaa manaa gidduutti walqunnamtii ykn wal bartee taasifamu jechuudha. Wal qunnamtiin saalaa abdii Addaamiif kenname hordofee kan dhufedha! Seenaan isaa duraaniis akkasidha: Addaamii fi Hewaan seera Waaqayyoo erga diiganii booda dafqa isaaniitiin dadhabanii akka jiraatan itti murtaa’e.
Yeroo kana Addaam “waa’ee foon kootii natti himteetta; waa’een lubbuu kootii hoo akkam ta’a?” Jedhee gaafate. Waaqayyos Waaqa dhiifamaa fi kan nama jaallatu waan ta’eef guyyaa shaniif walakkaa(ykn waggaa 5500) booda samii samiirraa bu’ee; dhala dhala kee (Durbee Maariyaam) irraa dhalatee, qullaa bu’ee, reebamee; fannootti fannifamee, foonsaa kutee dhiigasaa dhangalaasee, du’ee du’aa ka’ee akka isa fayyisu waadaa galeeraaf. Jechi abdii sun hanga raawwatutti Addaam fi Hewaan du’a Fooniitiin du’a lubbuu, bu’uu boollaatiin bu’uu si’ool itti murtaa’ee yeroo hunda gaddaaf boo’ichaan jiraataa turan. Kanaa booda Waaqayyo Gooftaan keenya Addaamiin jechi abdii “dhala dhala kee irraa dhaladheen si fayyisa” jedhe sun akka raawwatuuf wal-qunnamtii saalaa raawwachuun dirqama waan tureef Addaam Hewaaniin wal-bare(በግብር አወቃት). “Addaam haadha manaa isaan wal qunname Qaayeniinis deesse.” Uma 4:1

Seenaa kanarraa wanti hubannu, walqunnamtii saalaa raawwachuun gama tokkoon fedha foonii dandamachuuf, kara biraan ammoo sanyii baay’isuufi dhaloota itti fufsiisuuf namoota gaa’elaan murtaa’aniif sirna hojjetamu ta’uu isaati. Kanarra kan darbe, Waaqayyo; dhiirriifi dubartiin akka wal barbaadaniif ogummaa inni ittiin walitti hidhe kan agarsiisu dha.
Kaayyoowwan gaa’elaa lamaan jechuunis
=> Wal gargaaruufi
=> Sanyii bakka of buusuu kan walitti isaan hidhu wal-qunnamtii saalaa dha.
Haati manaaf abbaan manaa yeroo walqunnamtii miirri gammachuun isaan argatan, akka wal barbaadaniif daandii walitti isaan harkisu ta’aaf. Miirri wal qunnamtii saalaa osoo hin jiraannee, dhiirriifi dubartii wal barbaaduu dhiisuu danda’u ture. Sababni isaas fedha raawwachuuf osoo hin taanee dhala argachuuf qofa ykn walgargaaruuf jecha gara jireenya gaa’elaatti nama dhufu argachuun ni ulfaata ture. Kanaaf namni gaa’ela akka hin jibbineef Waaqayyo miira(wal-qunnamtii) dhiirriifi durbartiin ittiin wal barbaadan Uumeera. Haa ta’u malee karaa sirnaa fi seera qabuun yoo ta’een ala akka horii akka feeteen hin raawwatamu.

Addaamfi Hewaan wal qunnqmtiitiin kan wal baran Gannata keessaa ba’anii ergaa gaabbii galanii booda ta’uun isaa wal-qunnamtiin saalaa of eeggaannoo kan barbaadu ta’uu isaa agarsiisa. Gaa’elaan alatti wal-qunnamtiin saalaa akka hin raawwatamne manni Kiristaanaa keenya jabeessitee barsiisti. Gaa’elaan osoo hin murtaa’iin nama argame waliin ciisuun seera Waaqayyoo cabsuu; namummaa ofiis xureesuudha! Kanarra kan darbe dheekamsi Waaqayyo biraa namatti fidu hamaa ta’uu isaa hubachuun nurra jira. Kanaaf warri hin fuudhiin hanga fuunutti ulfina keenya eeggachuu; warri gaa’ela keessa jirrus hanga dhumaatti tokkummaa keenya jabeessuun ni mala. Sababa wal fuunee qofa sirnaan ala walqunnamtii saalaa raawwachuun akka hin barbaachifne hubachuun barbaachisaa dha.

Tokkoon tokkoon guyyaa; kan hojii, kan kadhannaa, kan Tsoomii, fi kan nyaachuu(gammachuu) akka qabu wal qunnamtii saalaa raawwachuufis sirni murtaa’e jira. Qophiin sammuu ga’aa fi walii galteen ni barbaachisa. Daa’imman gaa’elaan dhalatan eebbifamoo fi kan qulqullaa’an akka ta’aniif ciisicha gaa’elaa qulqulleessuun barbaachisaa dha.
=> Gaa’elli kabajamaa, ciisichi isaas qulqullaa’aa ta’uu qaba; gaalamootaafi ejjitoota irratti garuu Waaqayyo ni murteessa. (Ibr_13:4).
Walqunnamtii saalaa sirnaan ala raawwachuun ciisicha gaa’elaa xureessuu dha.

YEROOWWAAN WAL QUNNAMTIIN SAALAA HIN RAWWAATAMNEE
=> Yeroo Soomaa, Ayyaanaa fi laguu/da’umsaa/ulfaa adda baasuun raawwachuun barbaachisa dha. (Haqa Moot.(ፍትነ) 15:38-58.
=> Yeroo ulfaa fi yeroo qulqullaa’iinsaa; yeroo marsaa laguu fi da’umsaa(yoo ilma deesse hanga guyyaa 40 fi durbaaf 80 tii) wal qunnamtii saalaa raawwachuun. barbaachisaa miti. (Lew 8:18)
☞Qulqullu Baasiliyoos “Gaa’elli kee sirnaan ala akka hin taaneef yeroo qulqullaa’umma ishee, yeroo dhiiga ishee, haadha manaa kee bira hin ga’iin.” Jechuun yeroo ulfaa, da’umsaa fi yeroo marsaa laguu walqunnamtii saalaa raawwachuun akka hin barbaachifne ajajame(Haqa Moot. 24:64). Akkasumas erga ulfi ishee beekamee booda wal gargaariuf yoo ta’een ala wal qunnamtii saalaa raawwachuun akka hin malle seerri tumameera. Haqa Mot/ፍ.ነ24:838.
=> Guyyoota mana kiristaanaa deemamutti; Israa’eloonni yeroo Museen Waaqayyo waliin dubbatutti utuu hin ga’iin dura guyyoota 3 dura Qulqullaa’uu akka qaban, Uffata akka miiccatanii fi wal qunnamtii akka hin raawwanneef ajajamee ture. Kakuu haaraa keessattis kiriataanonni Wangeela dhaggeeffachuuf, kabajamaa Foonii fi dhiiga isaa fudhachuuf yeroo dhufan, Tsabala cuuphamuufi dhuguuf yeroo dhufan, ykn tajaajila biroof yoo dhufan Wal qunnamtii saalaarraa akka of qusatan ajajameera.(Bau 19:10-25).
=> Abbaa ykn haadha Kiristinnaa ta’uun nama cuubsisuuf yeroo dhufan guyyaa sana duraa fi booda guyyaa 2,2 of haa eeggatan. Kunis kabaja Afuura Qulqulluuf jechadha. Kennaan icciitii cuuphaa, kabajaa fi mucummaa kan kennisiisu waan ta’eef. Lubichi Zakkariyaas tajaajila mana Qulqullummaa erga xumuree guyyaa lama booda Eelsaabeex waliin wal arguun isaas kanaaf barumsa ta’a. Guyyaa lama booda haati manaa isaa Eelsaabeex ulfoofte akkuma jedhu.(Luq 1:24), Haqa Mot. Key 24:38)
Ayyaanota;
=> Sanbata xiqqaa, Dilbata fi Ayyaanota Gurguddoo irratti wal qunnamtii saalaa raawwachun dhorkaa dha. Kunis Mootummaa Waaqayyoo keessatti gaa’elaafi fedhiin foonii raawwachuun akka hin jirre beeksisuuf dha! Ayyaanonni fakkeenya Mootummaa Waaqayyoo dha. “Du’aa ka’uu lammaffaatti akka ergamoota Waaqaa ta’u malee hin fuudhan, hin eerumani” akkuma jedhu ( Mat 22:23)
=> “Waaqeffannaa qulqullaa’aa ta’ee fi xuraa’ina hin qabne Waaqayyo Abbaa biratti isa kana, xuraa’ina Addunyaa keessatti argamurraa qaama ofii qulqulleesuu dha!’ Jechuun Qulqullichi Yaa’iqoob akkuma dubbate (Yai 1:28). Guyyoota kanarratti gara mana Kiristaanaa deemuun Qulqulluu Foon isaa fi ulfaata Dhiiga isaa fudhachuun of eeggachuun barbaachisaa waan ta’eef dha.
☞”Fedha kee guyyaa koo Qulqullaa’aarra taasisuurra, Miilla kee sanbatarraa utuu deebistee, sanbataanis gammachuu, kan Waaqayyo Qulqulleesseenis “kabajamaa” utuu jettee, daandii mataa keetii taasisuurra, fedha kees argachuurra, waan yaraa dubbachuurraa of qusattee utuu kabajjee, yeroo sana Waaqayyottis ni gammadda; Ol-ka’iinsa lafaarras sin dhaaba, dhaalmaa abbaa kee Yaa’iqoobiinis sin nyaachisa” jedhaee barreeffameera. (ISAY 58:14-14).
Tsoomiiwwan:
=> “Yaa isa tsoomtuu, guutummaa qaama keetiin tsoomi, Afaan kee yaraa dubbachuurraa, arrabnii kees hamii fi arrabsoorraa, iji kee dubartoota ilaaluurraa, gurri kee sirbaafi qoosaa taphaa dhaggeeffachuurraa haa tsoomu” jedhamee akka dubbatame.
=> Haatii fi Abbaan manaa qannoonaa abbaan gaabbii isaaniif kennes haa ta’u kan ofiif qabatan hanga xummuranitti walqunnamtii saalaarraa of eeguun barbaachisaa dha.
Walumaa galatti haati manaa fi Abbaan manaa;
=> Yeroowwan Ulfaa;
=> Da’umsaa, marsaa ji’aa, akkasumas ayyaanotaa fi tsoomaarra wal qunnamtii saalaa raawwachuun akka hin malle manni kiristaanaa ni barsiifti.
Kanarraan kan hafe garuu seexanni daandii ittiin qoru akka hin arganneef Haatii fi Abaan manaa gargar ba’uu hin qaban.
“Kadhannaan akka jabaattaniif yeroof walii galteetiin yoo ta’erraa kan hafe walii keessan wal hin dhowwiinaa, ofbituu dhabuudhaan seexanni akka isin hin qorreef garuu waliin ta’aa!.”(1Qor 7:5)
Foon keessan qulqulleessuudhaan yeroo soomtanitti, yeroo kadhattanitti malee hojii keessan yeroo xumurtanitti gara fedha keessaniitti deebi’aa” jedha.
Kunis Haatii fi Abbaan manaa yeroowwan jedhamee ala utuu gargar hin ba’iin fedha isaanii akka raawwatan kan hubachiisu dha. Wal-qunnamtii badisaa fi Xuraa’inaaf raawwatamurraa nu haa eegu!
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Hangaa bara baraatti, Ameen!

NAMNI MAALIIF NAMA AJJEESSA?

Maqaa Abbaa kan Ilma kan Afuura qulqulluu Waaqa tokkoon, Ameen! Maatiiwwaan Waaqayyoo waaqayyon umurii irratti umurii guyyaa irrattis guyyaa isiniif kennee barreeffamaa kana kan dubbistaan hundii keessan Waaqayyoof galataa dhiyeessa. Nagaan maqaa Waaqayyoon bakka jirtaan hundaatti isiniif haa ta’u. Akkam nagaa jirtuu? Baga nagaa tattaan. Anis nagaa kootti. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!

Namni maaliif nama ajjeessa kan jedhuuf deebii hundii keenya bifa garagaraa ta’een itti lachuu ni dandeenya. Haa ta’u malee, Kan akka namni nama ajjeessu taasisu sababni hundaaf tokkoofi tokkoo qofaadha. Innis maali yoo jettan? Ganamummaa diina dhalli nama kan ta’ee ‘Seexanna’ yookiis ‘Daabiloos’ kan jedhamuudha. Yaa amantoota namni ummamaa uummamaan keessa guyyaa xumuraa yookiis guyyaa 6ffaa irraatti akka uummamee hundii keessan ni beektu miti? Eyyeen. Namni guyyaa gaafa jimaata ummamaa 22 irratti uummamee. Namni kun gaaffa ummamuu akkasumaan “TA’I” jedhamee hin ummamne. Waaqayyoon itti yaade, itti xinxallee, itti mari’attee, murtee irraa yeroo ga’eetti nama uume. Akka hin dogogorree kan inni mari’attee ummamaa wajjiin miti. Ofii isaa qaaman sadii waaqummaan tokkoo kan ta’ee Abbaa Ilmaa Afuura qulqulluu kan jennuudha. Barumsii akkasis immoo Iccittii Silaassee jedhamuun beekamaa.

Waaqayyoos yeroo nama ummee aangoo ummamni biroo hin qabnee namaaf laterraa. Innis aangoo bittu, aangoo hogganuu, aangoo mootii ta’uudha. (Uma. 1:26-28). Ummamtoota turaan keessa dursaa ergamoota kan ture “Saaxina’eel” aangoo ni barbaada, mootii ta’uus fedhuu isaa irraan kan ka’ee kufu danda’eerraa. Macaafni Maqabiyyaan jedhamu inni sadaffaa akka ibsuutti “Namni bakka seexanna akka uumameedha” (3Maq. 2:11) kunis Addaam Waaqayyoo akka galateeffattuf. Inni kan biraas Waaqayyoo amanamummaa “Saaxina’eel” irraa yeroo dhabeetti, aangoo Saaxina’eel barbaadu mootii ta’uu danda’uus namaf kenne jira.

Egaa Seexani guyyaa Addaam uumamee kaasse yeroo xiqqoo illee itti innaaffuu hin dhiisnes hin boqonnees. Seexannis yeroo dhumaaf yeroo gara qillillaa si’oolitti darbatamuuf jedhuu Waaqayoon kadhattee ture. Ati annan ergaa darbittee, nama biyyoo busuusu irraa ummamees erga jaallatte naaf eyyaami kadhannaa tokkoon si kadhadhaa jedheen. Kadhannaas isaas “Ani ijjoollee Addaam hundaatti haama nan hojjedha, Isaan dogogorsuun naaffis danda’amnaan waan hundaan isaanitti nan haama; Ijjoollee Addaam hundaatti yaara nan raawwaadha; biyya lafa jaallachus taanaan, dhugaattifi nyaata jaallachus taanaan, oduu jaallachuus taanaan, aangoofi mootummaa jaallachuus taanaan, bareedinafi midhaginnaas taanaan, beekumsaafi ogummaa jaallachuus taanaan, fayyaas taanaan, qabeenyas taanaan ….. waan hundaan isaan wajjiin nan wal lola; sababa isaanittinis teessoo koo irraa kufeen jira waan ta’eef ana wajjiin badiisa bara baraa gubbannaa bara bara kan ta’eetti na wajjin akka seenaan dandii waaqayyoo irraa nan isaan kaassa.” (3Maq. 2:2-7) Warra dandii isaa mmormaan; amantaan jabaattan hundaa immoo jireenya bara baraa akka argataan seexanni ofii isaa dubbatte jira. (1Maq. 1:20) jechuun kadhatteerraa. Waaqayyoo kadhannaa isaa kan hundaa tole jedheefi jira.

Egaa jalqabaas namni akka inni nama ajjeessu kan Qaayel barsiisee Seexanna har’a namni osoo hin beekin Seexannaan hogganamee obboollessa, obbolleetti isaa ajjeessa jira. Yaa nama seexanni ofii isa dhufee sitti hin dubbattu, afaan ati beektun, nama ati beeku irraa bule dhufee sitti dubbataa. Seexanni ofii isaa afuuradha hin muldhattuu, qaama hin qabu, kan inni seenus immoo laphee namadha. Innis ammajajii yookiis afaan Ingliffaan (Demon) kan jedhamuudha. Namni ofii waan ijaan argittuu qofa argachuuf jette ijii laphee nama garuu jammee jira, afuura akkamittu akkas akka godhuu hin beeku. Tokkummaa akka hin umnee, jaalalaa akka hin qabane, nagaan akka hin jire gochuun hundaa jibisisaa. Addunyaan wanta hin darbinnee, kan irraa hin dunnees itti fakkeessun cubbuu irraatti cubbuu akka namni hojjeettu godha. Namni yeroo hundaas cubbuu keessa akka inni deeddebi’uu taasisu jireenya bara baraa kan qopha’ee badiisa bara baraaf geessa.

Seexani Qaayel irraa bullee Abeellin ajjeessisee (Uma. 4:8) Aangoo jaallachisuu Sa’ool akka Daawit ajjeesuu taasise (1Sam. 19:1) Mootummaa biyya lafa Gooftaa keenyaa Iyyeesuus Kiristoositti agarsisuun gowwomsuu yaalleerraa (Mat. 4:8) Qulqulluu Isxifaanos dhagaan rukutamee akka du’uus ta’eerra (HoE. 7:54) Kana qofa miti qulqullootni, abbootni hedduun bifa gara garaan warreeggamuun du’uu danda’anni jiru. Har’as taanaan inni tokkoo aangoo isaa irraa turuuf jedhee dhala nama yakkaafi cubbuu malee akka ajjeessuf seexanni hojii ishee har’aas taanaan hojjechuu hin dhisnee.

Egaa Waaqayyoon warra boqottaan boqonnaa jireenya bara baraa haa keennuf, warra lubbuun jiruu hundaa keenya humna ittin addunyaa injiffanuu nuuf kennuun waa’ee jireenya bara baraaf nama jiraattu, fooniifi dhiigaa goofta fudhachuun nama mootummaa Waaqayyoo isa bara baraa dhaaluf egattus nu haa taasisu. Eebbii Abbaa Jaalalli Ilma tokkichumaan afuura qulqulluu, araarsummaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam, eggumsii ergamoota qulqulluu biyya keenyafi ummataa keenya, tokko tokkoo keenya hundaa wajjiin haa ta’u. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Yeroo hundaa galataa dhiyeessi

Jireenyi kee gaariis ta’ee yaara dhihee yeroo sif bari’uu galataa dhiyeessun jireenya kee keessatti akka ati yeroo hundaa gammachuun guyyaa biraa abdiin egaattuf sif gargaraa.

Waaqayyoon arjummaa isa tannaan dukkannaa limxii keessa si dabarsee ifaa haaraafi guyyaa haaraa akka argittuuf umurii kee irratti waan sif dabaleef ganamaa hiribaa ka’uun galateeffachun sif ni ta’aa. Kunis gammachuu ati guyyaa sana hin yaadne sif kennuun olmaan nagaafi jaalalaa akka oltuuf si gargaraa.

Yeroo amma bakkewwaan garagaratti haalli jirenya, dhibbaan siyaasafi dinagdee akkasumaas wantoonni garagaraa rakkisaa yeroo jiruutti ati garuu nageenya argattee akka barbaaden battee galtee, oltee bulaa jiraatas waan ta’eef galata dhiyeessuun sirraa ni egamaa.

Olmaan nagaan olteef galataa dhiyeessi. Galgaalli dukkana’ee akka sif bari’uuf galataa dhiyeessi. Bakka turtee bakka jirtuu yaadachun galataa dhiyeessi.

Garuu, sababaa ittif galata dhiyeesituu hin qabdu tannaan waanti tokkoo akka sitti hir’aatte jiruu yaadi. waan sitti hir’aatte kanas nama bira osoo hin tannee ati ofii keetti barbaade argachuu qabda.

Waan haaraa argachuu barbaada tannanis ati yeroo hundaa galataa dhiyeesuu siif ni ta’a.

Galataa dhiyeesuun qofa isaa galataa qofaa kan jedhuu osoo hin tannee, galannii kadhannaas akka of keessa qabuu hin dagattiin.

Galataaan dhiyeessa jettee yeroo yaadetti, achumaan kadhachaas akka jirtuu yaadatti qabadhu.

Namnii tokkoo yeroo galata dhiyeessuu, Waaqayyoon wamuun isaa waan hedduun akka isaaf dabaluu ta’aa malee waan isa jala hir’aattu hin jiru.

Egaa yaa waaqayyoo, na uumtee yeroo hundaa dabarsitee ifa haaraafi guyyaa haaraa waan naaf lattef sin galatteeffadha lapheefi yaada jedhuu qabachuun ogumaa guddaadha.

Seenaan Akkamitti hubatamaa?

  1. Seenaan Maali?

Namni waa’ee Seenaa yoggu gaafatamu ‘waan darbe tokko kan qoratu’ jechuun qofa ibsuu ni mala. Seenaan garuu waa’ee isa darbe qofa osoo hin taane isa darbe sana kan amma jirufi isa fuula-duratti dhufutti kan walitti hidhudha. Kanaafuu, Seenaan mudannoo darbe kan itti qorannu, bara keessa jiraannuuf barumsa kan itti fudhannu, akkasumas jireenya (kaayyoo) keenya fuula-duraaf wabii gaarii kan itti arganudha (Gizaw, 2005:43). Haala wal-fakkaatuun hayyuun Seenaafi Barsiisaan Yunivarsiitii Finfinnee Prof. Shifarraaw Baqqalaas: ‘seenaan kan darbe qofa miti; battaluma kanattillee kan hojjetamaa jirudha. Kanaafuu, seenaan akka bishaaniiti- kan darbe, kan jirufi kan dhufullee hunda walitti makata; kanneen sadan adda baasnee ibsuun ulfaata’ jedhu. Kanas ta’e sana garuu, dur eenyu akka turre, har’a eenyu akka taanefi akkamitti akka har’a keenya fakkaanne, borus maal ta’uuf akka dandeenyu kan nuuf ibsu seenaa dha.

2. Faayidaan (Galmi) Seenaa Qorachuu Maalii?

Seenaan baroota sadeen kan wal-quunnamsiisudha: kaleessa, har’afi boru. Dhaloonni haaraan har’aa seenaa irraa baratee yaada bareedaa akka burqisiisuuf, rakkoolee jiraniif furmaata akka soquuf, jabaatee hojjetee muuxannoo mo’achuu akka horatuuf isa gargaara (Mangistuufi Asaamminoo, Seenaa Bataskaanaa-2ffaa, f.3). Keessumaayyuu seenaan baroota darban keessa raawwate tokko bifa isaa jijjiiree mudachuun waan hin oolleef, kan mudatee darbe sana beekuun qorumsa dhufu hundarraa of-eeguuf fayyada. Kanaafuu seenaan darbe hunduu dhaloota amma jiruuf (fuul-duratti dhufuuf) barumsa, hubanoofi of-eeggannoo uumuuf gumaacha guddaa qaba. Seenaan waa’ee mudannoowwan darban adda addaa akka hubannu, kanneen tibbanaas akka qalbeeffannu, ijo dubbii tokko bu’uura isaarraa kaafnee akaa xiinxallu, mudannoos ta’e murtoo jireenya keenya keessaa haala amansiisaa ta’een (logically) akka simannu nu taasisa. Kanaafuu seenaan dhaloota odeeffannoo gahaa qabu (well informed), kan ofitti amanu (selfconfident) fi murtoo sirrii kennuu danda’u (decision maker) uumuuf shoora guddaa qaba.

‘Oolmaa keenya kaleessaa gamaaggamuun, har’a oogummaan jiraachuufi boruuf qophii gahaa gochuuf kan nama gargaaru seenaa dha; dame beekumsaa dogoggora darbe sirreesuuf, jalqabbiiwwan miidhagoo jajjabeessuuf, jijjiirama amalaas fiduuf gargaarudhas (Mangistuufi Asaamminoo, Seenaa Bataskaanaa-2ffaa, f.2). Namoonni seenaa darbe dagatan deebisanii dogoggoruun isaanii hin oolu. Warri seenaa yaadatan tokko tokkommoo irraa barachuuf otuu hin taane madaa durii tutuqanii caalaatti dhiigsuuf, aaloo bahuuf, ibidda jibbaa qabsiisuuf itti gargaaramuuf carraaqu- kuni duubatti hafummaadha malee tarkaanfii ammayyaa miti. Faayidaan seenaa inni ijoon garuu mudannoo dabaa abaaruufi irraa baratanii akka lamuu hin deebine dhorkuuf; isa gaariimmoo jajuuf, dabalanii simachuuf ture. Kan nama gaddisiisu garuu namni seenaa irraa barachuu hin dandeenye. Beektonni seenaa Bernard Shaw fi Hegel taajjabbii isaanii: ‘seenaa irraa kan barannu yoo jiraate sanyiin namaa seenaa irraa barachuu dadhabuusaati’ jechuun ibsu. Walumaagalatti qabxiilee kanneen hubachuun bara kana biyyaa keenya keessatti gaaffilee ‘walitti-dhufeenya sabni Oromofi Bataskaanni Ortodoksii qabaniin’ wal-qabatanii gaafataman hubachuuf (deebisuuf) nu gargaara. Haaluma kanaan ‘faayidaafi kaayyoon seenaa qorachuu maali?’ jennee haagafannu:

  • Seenaa dogoggoraa uumamee ture dabaluuf mo seenaa irraa barannee waan fooyya’e tokko hojjechuuf?
  • Namoota durii seenaa gurraacha galmeessisanii darban kaafnee abaaruu mo yaada wayyaa qabu haaraa maddisiisnee seenaa gaarii galmeessisuuf?
  • Seenaa jallatee darbe caalaatti jallisuuf mo yaada qajeelaa kenninee akka sirraa’u gumaachuuf?
  • Akka warra durii yaada boodeetti hafaa hordofnee badii dabalataa fiduuf mo akka dhaloota barate jaarraa 21ffaa fageessinee yaaduudhaan beekaafi ammayya’a ta’uu keenya mirkaneessuf?
  • Namni tokko ‘beekas’ kan jedhamu seenaa waan barateef mo beekumsa argate kanarratti hundaa’ee seenaa furmaata qabeessa hojjetee darbuuf yoo carraaqedha? kkf.

3. Bu’uuraalee Seenaa Hubachuuf Gargaaran

3.1. Yaroo, bakkafi mudannoo

Seenaa tokko sirriitti hubachuuf waa sadii beekuun murteessaadha: yeroo (time) fi bakka (place) seenaan suni itti raawwate, akkasumas mudannoo raawwate (event). Kanneen sadan irraa foxoqsanii seenaa dhugaatti hubachuun soba; yakkadhas. Seenaa waggootiin hedduu dura ta’ee darbe tokko yoggu dubbisnu haala hawwaasummaa, dinagdee, siyaasaafi aadaa yeroo sanaa irratti hundoofnee hubachuuf yaaluu (haala qabatamaa barichaa keessa ofcuuphuu) qabna malee qabxiilee kanneenirraa adda baasnee akka bara keenyaatti hiikuu hin qabnu. Fkn: seenaa bara mootota durii raawwate tokko ilaalcha har’a qabnuun hubannee guutummaa guutuutti ‘gaariidha’ ykn ‘dogoggoradha’ jechuun ibsa beektota seenaan ‘Anachronism’ jedhama; mudannoo seenaa keessaa tokko yeroo isa hin ilaallatiin keessa ukkaamsuu jechuudha. Har’arra dhaabbannee nama waggoota heduun dura jiraatee darbe fokkuuf ‘ebaluun akkana gochuu hinqabu ture’ jechuun kan fudhatama hinqabnes kanaaf dha. Yaada kaleessaafi yaada har’aa, dhaloota duriifi kan ammaa wal-bira qabnee madaaluun dogoggora; namni dhuunfaanillee ilaalchaan bilchaachaa waan deemuuf guyyaa hunda walqixa (dhaabbataa) miti. Har’i kaleessa irraa baratee boruuf karaa soquu qaba malee yakkuufi itti murteessuudhaan bu’aa hin argatu. Kana jechuun garuu seenaa keessatti dogoggorri hin jiru jechuu miti; toleeras, badeeras jechuuf garuu murtiin isaa akkas salphaa miti jechuuf malee. Yaada irratti kennuu yoo barbaannes ilaalcha har’afi asitti osoo hin taane yaadaan duubatti deebi’anii bakka isaan turan dhaabachuudhaan ta’uu mala. ‘Seenaa darbe waliin gamnoomaan araaramu malee doofummaan itti hin bu’an;… isa fuula-duraa malee kan darbe sirreessuu hin dandeenyu.’ (Gizaw, 2005:230, 251).

3.2. Madda sirrii gargaaramuu (Source)

Maddi odeeffannoo seenaa hedduudha: kan barreeffames, kan hin barreeffamnes ta’uu ni mala. Kanaafuu, namni seenaa dhugaa qoratufi barreessuuf fedhu tokko madda sirrii filachuu isaa mirkaneeffachuu qaba. Namni burqaa qulqulluurraa hin waraabne bishaan carii fida/dhuga jechuun soba. Bakka booruu irraa waraabanii seenaa boora’e barreessuun yakkamaa seenaa nama taasisa; dhaloota dhufus dhukkubsachiisa. Seenaa keenya keessatti madda dhabuu, kan jirus seeraan gargaaramuu dadhabuu, ykn kan fedha-ofii waliin deemu qofa filachuun ni mul’ata. Akka hayyoota Seenaatti maddi odeeffannoo seenaaf filatamu yoo ulaagaalee armaan gadii guuta ta’e dha:

  • B a r a se e n a a n s u ni r a a w w atetti y o o b a rr e effa m e ta’e (= yoo yeroon seenesichi itti jiraateefi seenaan suni itti raawwate walirraa fagaachaa deeman, amanamummaan madda odeeffannoo seenaa sanaa hir’achaa dhufa). Fkn: namni raawwii sana ijaan arge (eye witness) fudhatama guddaa qaba ; qaamaan bakka sanatti waan argamee hubateef. Odeeffannoon dhageettii-dhageettiidhaan darbu garuu guutummaa guutuutti soba jechuu baannullee dhugaan isaa qaqal’achafi dabaa deemuu isaa shakkii hin qabu.
  • M u u x a n n o o k allattii ( Dir e ct E x p erie n c e) : kunis ofiin dhimma sana keessatti hirmaachuun waan argamuuf amanamaadha. Fkn. Namni waraana keessatti hirmaate tokko kaan caalaa waa’ee waraanichaa yoo seenesse irraa bareeda; kan awwaaletu mardoo hima jedhu mitiiree.
  • Maddawwan dur – durii (Ancient Archives ) : isaan kuni barreeffamoota, hafteewwan meeshaa, wantoota bakkeewwan seen-qabeeyyii keessatti mul’atan hunda dabalatu. Afaan hin qaban malee ogeessa sirriitti isaan dubbisufi hiika sirrii kennu argannaan akka namaa soba hin beekan.
  • Eenyummaa s eenessitoota : namni seenaa barreessu tokko ofii oogummaa isaa qabaachuu qaba; eebbifamuu isaa osoo hin taanee beekumsaan. Dhimma barreessu sanaafis yeroodhaan dhiyoo (occasion proximate) ta’uu qaba. Kanaafuu, ‘eenyummaa barreessaa sanaa beekuun dhugaa seenaa sanaa madaaluuf karaa nuuf saaqa’ (Edward Kar, 1961). Fkn: namni seenaa Itoophiyaa barreessuu fedhu tokko lammii biyyaa ta’uun isaa waa’ee uummata seenaa barreessuuf sana sirriitti akka beeku isa taasisa; garuu qomoo isaaf jecha dhugaa akka hin jallisne of-eeggachuu qaba. Hunda dura sammuu aantummaarraa, ilaalcha dhuunfaafi hawwii keessasaa jirura fagaachuu qaba. ‘Namni seenaa barreessuuf yaadu tokko mana kitaabaa otuu hin seeniin dura ejjennoofi hawwii keessasaa jiran hunda ofirraa darbachuu qaba; ta’uu baannaan madaallii dhugaan deemuuf rakkata’ (Hobsbawm, 1990: article-3).

3.3. Ilaalcha Keenya Sirreessuu

Madda odeeffannoo seenaa waliin kan wal-qabatu qabxiin biraa ilaalcha nuyi barreessitoota warra lixaaf (foreign writers) kenninudha. Kuni namoota warra adii qofa kan ilaallatu miti; lammii biyyaa ta’aniis achitti waan barataniif ykn kitaabota isaanii dubbisanii yaada warra lixaa fe’amanii (baatanii) waan dhufaniif daawitii ormaan seenaa isaanii warra ilaalanis ni dabalata (Messay, 2006). Kan barreessitoota biyyaatiin barreeffame hundi sirriidha jechuu osoo hin taane ‘biyya keessa waan ta’aniif qofa’ tuffannee kaan jajna taanaan jecha ‘warqeen of-harkaa qaban hundi dhagaadha’ jedhamu nu yaadachiisa. Ilaalchi orma caalchifachuu akkasii kuni beektota seenaatiin ‘Euro-centrism’ jedhama (Messay, 2006:816). Akka jecha Gabra-Hiwot Baayikedany ibsanitti (2003:3-5), seenaa dhugaa barreessuun salphaa miti-kennaalee sadii gaafata: laphee dhugaa hubatu, sammuu loogummaa malee murteessufi dandeettii ifaan ibsuu (oogummaa, qooqa). Barreessitoonni biyya keenyaa hedduun isaanii garuu kanneen sadan dhabuudhaan dhimma guddaa dhiisanii isa xiqqaa barreessu, dhugaaf dhaabachuu dhiisanii oduu baraaf bitamu, seenaan barreessanis isa dubbisuuf ifa miti. ‘Seenaan ulfa dha-barreessaan seenaa tokko madda tokko ofii akka hubatettifi akka fedhetti akkasumas akka sadarkaa xiinxalasaatti waan hiika itti kennuuf oogummaa deessisuu gahaa qabaachuu qaba’ (Gizaw, 2005:79).

3.4. Miiraan oofamuu irraa of-eeguu

Seenaa hubachuufi barreessuun ‘dhugaaf bitamuu’ barbaada; deeggarsaanis ta’e jibbiinsaan guutamanii seenessuun adeemsa ammayaa miti. Namoonni tokko tokko garuu dhugaa ture dhiisanii fedhafi hawwii isaanii barreessu; miiraan oofamuu (sensual) jechuun kana. Seenaan ofii qabatamaa (objective) dha; garuu barreessitoonni yeroo hedduu dhiibbaa siyaasafi fedhii dhuunfaa (subjective) itti makuun ni mul’ata (Kim, 2010:1). Waan isaan yaadan tokko namni akka isaaniif fudhatu yoggu barbaadan dimshaashaan ‘seenaan akkana jedha’ jedhu; kitaaba kamifi fuula kamirratti akka jedhu garuu nuuf hin caqasan. Yoo caqasanimmoo yaada kitaabichi jedhu akka jirutti barreessuu dhiisanii jechafi hiika mataa isaanii itti kennu; ‘akkas jechuusaati’ jedhanii (distorted interpretation) kan barreessaan suni jechuu barbaade gara hawwii isaaniitti harkisuuf carraaqu. Adeemsi akkanaa kuni madda seenaa xureessuu (abusing historical sources) dha. Kaanimmoo filanoo dhuunfaa irratti hundaa’anii mada odeeffannoo seenaa keessaa kan barbaadan (yaada isaanii kan deeggaru qofa) fudhatu, kaan (kan yaada isaanii falmu) tuffatu; kunis dhugaa seenaaf bitamuu osoo hin taane fedhafi hawwii keenyatti harkisuudha. “Seenessitoonni haaraa dhufan heduun seenaa miirawaa (emotionally-bound) barreessu; kan isaan ‘Itoophiyaa’ jedhanis ishee ofii arguuf barbaadan dha” (Triulzi, 2002:279).

4. Yaada Xumuraa

Seenaa dhugaafi qabxii ‘bishaan fuudhu’ uummataaf dhiyeessuun wareegama barbaada: ofmo’uu, warra aangoo qaban falmuufi madda sirrii soquu nu gaafata. Namni seenaa barreessu yoo dhugaa mul’ise seenaa biraa hojjeta; yoo garaa guuttachuuf jecha dhugaa hir’ise garuu lafarratti seenaan, samiirratti Waaqni isa gaafata. Kanaafuu, seenaa barreessuufi hubachuun of-eeggannoo cimaa barbaada. Seenaan dhaloota jirufi dhufu qajeelchuuf (kallattii qaroominaa agarsiisuuf) malee isa darbe aaloo bahuuf hin barreeffamu-kuni adeemsa jaarraa 21ffaa miti. ‘Dogoggora seenaa keessaa dogoggoraan aaloo bahuun badii dachaadha’ (Gizaw, 2005:116). ‘Seenaan darbe sirrii miti’ kan jedhu yoo jiraate, oogummaafi wabii qabatamaan serreessuuf carraaqa malee barreeffama arrabsoon guutameefi humnaan adeemuun badii biraa hojjechuu dha. Tolaas ta’e badaa warra seenaa hijjetee du’e (reeffa) waliin wal’aansoo wal-qabuun qaroomina miti-isaan kana booda maaliif akka kana hojjetan deebii nuuf kennuu hin danda’an; ‘du’aa hin komatiin’ kan jedhamuufis kanaaf. Dhaloonni amma jirus badii akaakileefi abaabilee isaa duriif akka ‘hoolaa warajoo’ itti darbee komatamuufi lubbuu kennuu hinqabu; seenaa sana keessatti gahee waan hin qabneef. Amma kan nurraa eegamu ‘dhaloonni fuula-duraa akkamitti haa qajeelu?’ isa jedhu deebisuu dha. Qomoo kamirraayyuu hadhalannu, amantaa kamiyyuu ha hordofnu, seenaa hubachuun walnu dhabsiisuu hin qabu. Akka biyyaatti adda-addummaafi seenaa wal-nudhabsiisu caalaa tokkummaafi seenaa walitti nu hidhu qabna. Oduu tibbanaafi olola baraaf jennee seenaa micciiramaaf hin saaxilamnu. Garuu, kaan miidhaa isaa yaadee yeroo hunda boo’aa (crying victim), kaanimmoo biyya nagaatti hin farrisiinaa jedhee marmaratee yoo ciise (denial) yoomuu walii hin gallu; sunis qabbanaa’ee, kunis dammaqee marii waliiniif qophaa’uu qaba. Seenaan kamiyyuu dogoggora malee akka hin hojjetamu-xuriifi booruu qaba; kunimmoo seenaa addunyaa hunda keessa kan jiru malee nuun qofa kan mudate miti (Gizaw, 2005:103). Akka amantaattis yoo ilaalle, kan seenaa hojjetan namoota malee ergamoota waan hin taaneef ‘maaliif dogoggoran?’ hin jedhamu. Seenaan Itoophiyaa waa’ee isa darbee sirriitti ifa baasuu qaba; garuu qorannoo cimaafi sammuu qajeeltoorratti hundaa’uu malee dhiibbaa siyaasaan, aantummaa ykn ilaalcha dhuunfaarratti hundaa’uu hin qabu (Triulzi, 2002:287-288). Akkasumas, seenaan keenya dirree wal-quunnamtiifi walii-galtee malee meeshaa wal-dhabbii ta’uu hin qabu. Baroota dheeraaf gaariis ta’e badaa waliin dabarsineerra; waliin nyaannee dhugneerra; fuudhafi heerumaan maatii tokko taaneerra. Wal-diiguun caalaatti numaan miidha; diinotaa keenya tokkummaa keenyaan mo’atamanii turanimmoo gammachiisa-‘walii-galan, alaa galan’ jedha mitiiree Oromoon?!

Madda Odeeffannoo (References)

1. Hobsbawn, Eric J (1990). Nations & N ationalism Since 1780 . Cambridge University Press.

2. Kim, Ji Yang (2010). National Historiography of Ethiopia . Term paper, AP World History Class, Korean Minjok Leadership Academy International Program.

3. Messay Kebede (2006). Gebrehiwot Baykedagn, Eurocentrism, and the Decentering of Ethiopia. Journal of Black Studies, Vol.36, No.6, pp.815-832.

4. Triulzi, Alessandro (2002). Battling with the Past: New Frameworks for Ethiopian Historiography. In: Remapping Ethiopia: Socialism & After. Ohio University Press.

5. ግዛው ዘውዴ (2005 ዓ.ም)፤ ታሪክ፣ ትርክና ታሪካችን፤ አዲስ አበባ፡፡