Raajaa Eeliyaas

Eeliyaas jechuun Waaqayyo Gooftadha/ waaqadha jechuudha. Dhaloonni isaa gosa Leewwii irraa, abbaan isaa Iyyaseeniyuu yoo jedhamu haati isaa immoo Toonaa jedhamti. Biyyi isaa Tesbiyaa ishee Gale’aadidha. Qaamni isaa rifeensaan kan uffifamedha. Yoo dhalatus uffata abiddaan maramee dhalate. (2Mot. 1:8)
Bara Mootichi Aka’aabfi mootittiin Eelzaabel jedhaman kan luboota waaqharkee 850 bulchan, lakkii karaa waaq-harkee kana hin deeminaa yoo jedhee isaan gorsu isaan garuu isa dhagahuu hin barbaanne. Kanaaf, egaa waaq-harkeen keessan isin haa fayyisu jedhee waggaa 3 roobni akka hin roobne kadhatee samii cufeera. Laftis wanta biqilchitu akka hin qabaanne ni dhorke. (1Mot. 17:1, Room. 11:2-4, Yaa’i. 5:17-18) Eelzaabeel jalaa badeera gara lafa fagootti baqateera. Isaaf garuu arraagessi nyaata isaa fidaafii jiraate (1Moot. 17:2-7)
Booda nyaanni isaaf arraagessaan dhufu jalaa hafe, lafti inni bishaan irraa dhugus ni gogde. Waaqayyo,”Gara Saraptaa deemi,” jedheen. Innis ni dhaqee “Bishaan na obaasi waan nyatamus naaf kenni” jedheen. Isheenis “Egaaani wanta nyaatamu tanumaan qaba dhaqeen tolchee atis anis mucaan koos nyaanne duuna” jetteen. Eeliyaasis midhaan isheen qabatte sana.”Hanga buri beela darbutti haa sifaawu” jedhe. Yoo ol seentu daakunis dammis guutuu ta’ee agarte. Boodas mucaan dubartii sana jalaa du’e. Isheenis mucu ishee gara Eeliyaas fiddee kadhannaa gochuufiidhaan yeroo torba irratti kufee yoo ka’uun mucicha du ‘aa kaaseera (1Moot. 17:8-24)
Mootichis isa argatee,”Kan Israa’eel beelaan fixu si’ii?” jennaan. “Isin malee warri Waaq-harkeetti bulu; hanga yoomitti laphee lamaan okkoltan Be’aal’ Waaqa yoo ta’e isatti bulaa yookiin immoo Waaqayyo Waaqa yoo ta’e isatti tokko filadhaa,” jedheen. “Ammas wareega dhiyeessine isin kunoo luboota 450 kan waaq-harkee qabdu. Raajni Waaqayyo garuu anuma, wareeega dhiyeessinee isa Waaqayyo jaalatu haa ilaallu”jedheen. Yeroo kana wareega dhiyeessanii yoo eegan ibiddi samii irraa buutee wareega isaanii fudhachuu/gubuu’ didde. Inni garuu,”Waaqni keessan rafeera ta’a dhaqaatii kaasaa” jechaa itti qoosaa ture. Isaanis nafa isaani shoootalaan waraanaa hanga dhiigni isaanii bahutti kadhatanis hin taanefi. Isaan booda immoo inni dabaree isaatti aarsaa ni dhiyeesse, ibiddi samii dhufte aarsaa isaa ni gubdeef. Innis luboota waaq-harkee hunduma isaanii ajeesiseera. Kana booda gara tulluu Qarmeeloos irra bahee kadhatee duumessi xinnoon muldhatee yeruma sana roobni roobe guyyuma sana biqiltuun biqilee midhaanis gahee nyaatanii bulaniiru (1Mot 15:6). Eelzaabeel akka luboota waaq-harkee ajjeesise waan dhageesseef, “Anis bor akkasuman isa godha” jettee dhaadatte. (1Mot. 18:17 – 19:3) Ergamaan Waaqayyos ija Eelzaabeel jalaa akka baqatu itti himnaan rifatee gammoojji gammoojjii osoo deemu muka jalatti boqote. Ergamaan Waaqayyo, “Ka’i,” jedhee nyaata dhiyeesseef. Guyyaa 40 fi halkan 40 deemee Damaasqoo gaheera. Achiiti Eelsaan yoo qotu arge. Eelsaanis Qotiyyoo isaa qalee nyaachise faana bu’eera (lMot 19:1)
Aka’aab du’ee Aka’aaz mo’e. Innis waa’ee isaa yemmuu Eeliyaasin “gaafachiisutti “ni duuta malee hin fayyitu jedhani” jedhee itti erge. Akkuma raajaa Eeliyaas jedhe mootichis ni du’e. Yeroo guyyaan olbahuu isaa gahu Eelsaatiin “Gara Beetelan olbaha asitti na eegi,” jedheen. Eelsaan “si biraa hin hafu,” jedhee dide. Ammas,”Iyyaarikoon deema asitti na eegi” jedheen. Eelsaan ammas gonkuma akka isa biraa hin hafne kakate. Iyyaarikoos gahani,”Yoordaanosiin deema na eegi,” jedheen, “si biraa hin hafu,” jedheen. Yoordanoos uffata isaan bakka lamatti mure cehee. Eeliyaas Eelsaadhaan “wanta narraa barbaaddu na kadhadhu,” jedheen. “Afuurri kee dachaa lama ta’ee narra haa bulu,” jedheen Eelsaan. Innis “yoon ani fudhatamu yoo na agarte kadhannaan kee siif ni raawwatama,” jedheen. Saragallaan ibiddaa adda isaan baase. Eelsaanis yoo Eeliyaas argee,”Abbaakoo abbaakoo,” jedhee yoo waamu Eeliyaas uffata isaa bakka lamatti tarsaasee tokko darbeefii ol baheera (2Mot 2). Raajichi Miilkiyaas, “osoo guyyaan Waaqayyoo hin gahiin raajicha Eeliyaasiin nan isiniif erga,” jedhee raajii dubbateera. Miilk.4:5. Kana irraa kan ka’e namoonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin, “Eeliyaasidha, jedhu ture. Mar.8:28. Garuu Eeliyaas ta’ee kan dhufe Yohaannis cuuphaadha (Maat.11:14, Luuq.l:17). Yeroo Iyyesuus Kiristoos gaara Taaboor irratti ulfina isaa agarsiisutti Eeliyaas isa waliin dubbachaa ture (Maat.17:10-13, Luuq.9:30-33).
Guyyaan yaadannoo olbahuu raajaa Eeliyaas Amaijii guyyaa 6. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *