Raajaa Eelsaa

Eelsaa jechuun Waaqayyo fayyinaadha jechuudha. Abbaan isaa Yoosafiix jedhama; gosti isaa Yisaakooridha. Barsiisaan isaa raajaa Eeliyaas. Innis yeroo biraa gara dachee jiraattotaa ol bahu, “Waan narraa barbaaddu na kadhadhu yemmuu jedheenitti “kennaan kee lama ta’ee anarra haa bulu,” jedhee kadhatee waan tureef kennaan Eeliyaas Eelsaarra dacha ta’ee buleera. Kunis akka beekamuuf Eeliyaas nama du’e tokko kaase Eelsaan garuu nama lama kaase. Raajaa Eelsaan barsiisaa isaa gaggeessee yoordaanos lamatti hiree cehee yoo deebi’u gara magaalaa Iyyaarikoo seenee,”Bakka kana jiraachuun nuuf gaaridha,” jedhe. Kan isa simachuu dhufan garuu,”Biyyillee gaaridha bishaan ishee garuu hadhaawadha.” jedhaniin. Galii haaraan soogidda naaf fidaa jedheen. Innis, “Waaqayyo gooftaan Israa’eel kan du’u akka hin jiraanne bishaan kana fayyiseera, jedhe yoo irratti kadhatu bishaanichi kan mi’aawu ta’eera (2Moot2: 19-21). Achi darbee yoo Beeteel gahu moluu namicha moluu,” jedhanii arrabsan. Sababa kanaanis dheekkamee amaaketi lama bosonaa bahanii ijoollee 42 ajjeesaniiru (2Mot.2:21-25). Akkasumas Qarmeelositti dubartiin takka dhuftee kanan irraa liqeeffadhe na ajjeessuuf abbaan manaa koo du’eera rakkadhee jettee yemmuu isa kadhattetti mana ishee zayitaan guuteeraafi. (2Mot. 4:1-7). Dubartiin sunamawitii isa simattu takka ilma hin qabdu turte. Innis ilma ni deessa jedheenii; waggaatti ilma ni deesse. Ilmi ishees guddatee guyyaa tokko abbaa waliin deemee du’ee. Isheenis dhuftee Eelsaatti itti boosse innis mucaa ishee du’aa ni kaasef (2Mot. 4:25).
Bara beela tahettis duuka bu’aa isaa Giyaaziin, “Raajotaaf baala affeelii kenniif,” jedheen. Yoo dhandhaman itti hadhaaye jennaan, summiidha jedhaniin. Qamadii xinnoon akka tuqan itti himnaan isaanis akkuma jedhaman ni godhan; nyaanni sunis mi’aawee nyaatan. Akkasumas ammoo hojii ajaa’ibaa raajaa Eelsaan hojete keessaa Ni’imaan nama jedhamu mootii Sooriyaa ture. Lamxiin/dhukkuba gogaa nama addeessuun/ rukkutamee gaddee osoo jiruu dubartiin lammii Israa’elii kan mana mootichaa hojjettu takka “namni Eelsaa jedhamu jira osoo achi dhaqee ni fayya” jettee haadha manaatti himteef. Mootichis dhukkuba isaa irraa fayyuuf yemmuu garaa Eelsaatti dhufu “Dhaqiitii Yoordaanositti dhiqadhu” jedheen. Namichis, “Ergaa laga ta’ee biyya koo laggeen gurguddoon jiru mitii,” jedhee lole. Yeroo kana kan waliin turan, “Maaltu si dhibe ati akka inni siin jedhe maaf gootu” jedhaniin. Innis dhaqee si’a torba laga Yoordaanos keessa cuuphame; ni fayyes. Wanta qabatee dhufe keessaayis warqee Eelsaadhaaf dhiyeesse. Eelsaan garuu ni dide. Giyaaz keessa isaatti warqicha barbaadee ture. Booda erga isaan deemanii suuta jedhee duuban dhaqee warqee hanga tokko fudhate. Yeroo sana Eelsaan wanta Giyaaz gochaa jiru afuuraan ni arga ture. “Eessa dhaqxee dhufte?”jedhee Giyaaziin gaafannaan ni dhokse, kanaanis raajaa Eelsaan Giyaaziin “akkuma warqee isaa irraa fudhatte lamxii isaas irra fudhu” jennaaniin Giyaaz Iamxaa’eera(2Mot5).
Raajota keessaa manni nutti dhiphate mana nu ijaari jedhanin osoo muka muranii qottoon sibiilaa bishaan Yoordaanos jalaa seente. Innis muka cittuu irra godhee baaseeraaf. Booda mootiin Adeer, Israa’eloota mo’achuu waan dadhabeef “Eenyutu mootii Israa’elitti yeroo hunda gorsa kana kennaa?” jedhee namoota gaafate. Isaanis, “Raajicha Eelsaa jedhamu tokkotu jira. Isatu wanta mootichi raawwatu itti hima,” jedhaniin. Akka isa qabanii gara isaa fidanis ajaja dabarse. Giyaaz yeroo saragallaa baay’ee ta’anii dhufan argu ni sodaate. Eelsaan garuu,”Hin sodaatiin kan isaan bira jiru irra kan nu bira jirutu caala,” jedhee ijji isaas akka banamtu kadhate.
Eelsaanis kadhatee ijji namoota isa qabuu dhufanii akka jaamtu taasise, ni jaaman. Yemmuu kana Eelsaan isaan fuudhee gara mootii Israa’eel geessee ‘iji isaanii bade haa agartu’ jedhee kadhannaan hundumti ni argan. Mootiin Israa’eel immoo Raajaa Elsaadhaan “Jara kana ajeesuu?”jedhee yemmuu gaafatutti Eelsaan “Lakki nyaachisii obaasii ergi malee hin ajjeesiin” jedhee mootichi namoota kana nyaachisee obaasee ergeera. Kanaanis nagaan gara biyyaatti gaggeeffamani bara dheeraaf kan wal hin lolle ta’aniiru. Eelsaanis haala kanaan jiraate wagga 50 barsiisee nagaan boqoteera. Kan boodas Israa’eelonni nama Mo’abawiyaniin du’e tokko boolla isaarra yoo kaa’an du’aan ka’eera (2Mot 13:20).
Guyyaan yaadanno raajicha Eelsaas caamsaa 20 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu: sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *