About

Maaliif Toora Interneetiin kun? 

Kaayyoon toora interneetii kana inni guddaan “Sabni oromo afaan isaan akka waa’ee amantaa itti amanuu beekufi baruu taasisudha!” kun immo bara dheeraaf sabni oromoo afaan isaan waaqeffachuu akka hin dandeenye ta’uun jiraacha waan tureef; har’a garuu nutti dhalootni amma jiruu qabsoo hedduu ta’eefi ammaas qabsoon ciminaan itti fufuuf waa’ee afaan isaan amantaa isaa beeku akka inni qabu sirritti mirkaannessuufidha. Kana qofa jechuus osoo hin tannee “Ani sabni koo oromoon waa’ee amantaa ortodooksii afaan isaan maal akka ta’ee barruu qaba jedheen amana!” Har’a bakkee hedduutti oromoon hedduun afaan isaan faarfaachu, galateeffachuu, kadhachuu jalqabaa jira. Haa ta’uu malee, kun jalqabiidha malee kana caalatti itti fufuu isaa irraa jira. Anis  yeroo hundaa barreeffama waa’ee amantaan wal qabatuu ummataa addunyaa kana irraa jiraattan hundaa bira ga’uu akka danda’uutti barreessuun toora kana irratti dhobuu hin dagadhu. Kunis yeroo yeroon barreeffamaan ol dhobnuu kana irratti namootni ardii adda addaatti yeroo isaan fayyadamaan gaafan arguu kan duraa caalatti baay’iseen gammadaa. Gammachuun koo kun immoo sagalee waaqayyoo oromoonni bifa akkasiin yeroo isaan kan barbaadan argataan ni gammaadu waan ta’eef anis waaqaf galataan dhiyeessa.

Barasaafi Oromummaa

Ani Oromoodha. Oromumman koos bitamee yookiis guddiffachaan yookiis immoo maqaadhan kanan argadhee miti. Kanan dhaladhee Oromoo guddeddaan malee guddiffaachan miti. Orommummaan dhiigaa kooti dhigaa keessaa koo kan eenyuu iyyuu ittii naa jijjiirruu hin dandeenyee eenyuumaa koo isaa dhugaadha. Eenyummaa koo kannan eenyuu oliittii itti nan gammadaa. Garuu, beektaa sababaa gammachuu koo? Rakkoo hin qabu yoo hin beektu ta’ees nan sitti hima na dhagahii; sirriittis naa qalbeeffaadhu. Oromummaan koo kan keennatti malee kan kadhaannaa miti. Kan naaf kennaames gaafadheen fuudhe sitti hin fakkaattiin. Waaqni inni ardiin kana dirriirseefi sammii kana utubaa malee dhabee ofii isa feedha isaan kan inni naaf keenne kennaa koo isaa guddaadha. Anis kennaa koo kana dabarsee eenyuufi iyyuu hin keennu. Akkamiin keennaa koo kana dabarseen ormaaf kennaa? Mee ati yaa nama koo ofii ilaali. Kennaan koo kun har’a gahuuf aarsaa hedduuttu itti bahee. Oromoo ta’uu isaaniin goototni hedduun sirnaa abbaa irreen warraa nama nyaatuun lubbuun isaani darbee, kana qofaa settee dhiigaa hedduuttu itti dhangaala’ee, arsaa hedduuttuu itti ba’ee har’a as nuu birraa ga’ee. Atis mee ilaali eenyuumaa keennaan naaf kennammee; aarsaan itti ba’ee yoon har’a baraa dhalottaa koo kana keessa dabarsee ormaaf ladhee laffeen gootootaa qorattii ta’ee; dhiigii isaanii galanaa ta’ee akka inni naa liqimsuu dhugaan sitti hima akka ati naaf beektu.
Ani eenyuummaa kootti eenyuu caala itti nan boonna. Kannan itti bonnuu lafa ka’ee akkasummaan sababa laftii oromoo balaa ta’eef yookiis sababaa uummatni oromoo hedduu akka cirraacha galaana biraa; akka urjii sammii irraa ta’eef osoo hin tannee akkumaan duraan sitti himee ani oromoo tahuu koo qofaaf nan bonnaa. Kannan bonnuu kunnis aadaafi seenaa sabaa koo dagagsuufi bal’isuun eenyuu birraatti illee tannaan waa’ee aadaa sabaa koof osoo dubbaattii hin deebi’iin dubbaachuun malee ukkamsee, dhooksee, cunqursuun miti yookiis bakkaa oromoon hedduun argammannitti uffaattaa aadaa oromoo koo uffaadhee midhagee isaan birattii qofaa jaallattamuuf miti kannan ittin boonnu. Oromoon bara durii kaasse iyyuu kan inni dhiphaacha turees ormoottaan qofaa osoo hin tannnee Oromoo dhumaa obbolleessaa isaanittinii. Akka naa hubbaattu shakkii hin qabu. Kunnis, Oromoon durii irraa kaasse kan isaatti baqattee dabarsee hin laattu ni guuddiffata. Ani garuu, nan guddaadhe osoo hin tannee nan dhaladhee.
Ani dhaloottan oromoodha. Isaan kun garuu, sabaa oromoo kan cuunqursaan, kan dhiphisaan, kan rakkissaan waan tokkoo irraa ka’uunni innis oromoon lafa bal’aa akkumaa qabu albudaa inni lafa bal’aa kan irraa argattus hedduu akka ta’ee gaafii hin qabu. Yaa namaa koo kunnis maalif seette? Sababnii isa akkumaa jeeddalli gogaa hoolaa uffaatte hoolaa fakkaattu garuu immoo hoolaa hin tannee isaan kunnis oromoo fakkaattuu, uffaataa oromoos uffaattu, nyaata oromoos nyaatu garuu oromoo dhabaamsisuun kaayyoo isaanii isaa jalqabaafi xumurraatti. Ani garuu yaa namaa koo, barri namootta akkasii dhummaa jirtii ta’aa jedheen yaada. Ani oromoommuumma kootti nan gammaada. Gammachuun koo seenaa oromoo bal’isuufi tokkummaa sabaa koo arguun malee akka gaata muluu baqellaa waal harcasee ilaaluun miti. Har’a garuu, kannan baayee gadduu keessa tokkoo aadaa sabaa isaa bal’a kannaa yeroo isaan afaan oromoo beekna jedhan jal’isaan, balleessuf yaalli taassisaan gaafan arguu garaa naa gubbaattaa, yaada naa dhiphaatta, qalbii naa rarraa’aa. Aadaa sabaa koo ammayyeessuu barbaadu, bifaa birras itti naa jaala ummuu.
Yaa nama koo, ati maal jeettarree isaan kun yoo isaan caaltee malee jechaa kees hin fuudhattan sababnii isa waan tokkoo qofaadha. Innis isaan akkassii kun beekamtii qabachuu isaannii malee maal hojeecha akka jiraan waan dagattanniifi. Ati garuu, mee yeroo waltajjii irraatti affeerramtu sirrriitti caaqassi sirnaan hordooffi. Waan hedduu akkaa ati argaattu shaakkii hin qabu. Otummaa kun jiruu iyyuu garuu ani yaa nama koo waa’ee eenyuummaa koo sirriitti waannaan beekuuf itti hin leeyya’uu jabbaadhu nan jedhannis nan jechuu baattanis ani gonkumaa hin gabbuu. Mee hubbaadhu, osoo sabummaan filaannoon akkasumaa biyyiis tahee namnii hedduun miti afrikaa guttuun biyyoottaan guddaattan jiraatta malee biyyaa afrikaa kan hin jirtaan ture. Ani kanan eenyummaa kooti bonnuu sababnii inni birraan duraa yoon of fudhaadheen waanta bira fudhadhaa. Namni dursaa namummaafi eenyuummaa isaa hin fuudhanne gonkumaa lafa kannaa irraa jiraachuun itti ni ulfataa. Waa’een eenyuummaa ofii immoo dhugaadha waaan hundaa ni caalti.
Eenyuummaan kee maalattoo keedha. Eenyuummaan kee asxaa keedha. Goga bifaa kee jijjiiruu ni dandeessa. Garuu, gonkumaa enyuummaa kee jijjiirru hin dandeessuu. Sababni isaa, enyuummaan kee kan keessaa kee jiruudha malee isa alaan muldhattuu bifaa kee miti. Eenyuumaan kee kan laphee keetti qabattee sammuun kee yeroo maraa ittiin of beeku enyuummaa yeroo bara baraatti. Enyuumtu eenyuummaa isa haaqu yookiis faalluu hin dandaa’uu. Garuu, namnii kammuu of mormuu ni dandaa’aa. Namni eenyyuummaa isaa mormee immoo namaa sammuu isaan wal lolleedha namnii sammuu isaan wal lollee immoo nama maraattedha. Namni maraatte laphee dhabbee miti garuu sababaa yaadafi dhiphinnaa sammuu isaan wallii galluu hin dandeenyeef of gad dhisuuf dhirqamee. Namni lapheen isaa hojeechuu diddee ni du’aa malee hin jiraattu. Maalif seette? Motorraa konkoolata ni beekta yoo motorii kun hojjeechuu diddee konkolataan sun akka dhabaattuu eenyuumtuu hin shakkuu akkasummaa lapheen immoo motoraa ummaan nama keessa ka’ee yoo hojii dhabee ni du’aa jechuudha. Kannafu, Namni gaafa eenyummaa isaa fuudhachuu diddee sammuu isaan waal lollaa adeemsa keessa immoo daandii maraattuummaa irraa gala kannummaan marraatta jechuudha. Namni eenyummaa isaa hin fuudhanne namaa essaa akka dhufeefi essaa deemaa akkaa jiruu hin beeknedha. Nama akka godhaan ta’uu jechuudha. Kunis bishaan gabbattee irraafi alladduu bishaan keessaatti fakkeeffama jechuudha.
Hubbaadhu yaa nama koo, ati har’a waan guddaa argaachuuf akkaa naa biraa dhuftee shakkii hin qabuu. Waa’ee oromummaa keeffis kannaan duraa akkaa turtee caala akka har’aa egaltee yaada addaa gaariifi mishaa akka qabaattuu hin shakkuu. Anis, eenyuummaa koo isaa qallii kanna dabarseee gonkummaa ormaaf hin ladhu. Baraa dhaloottaa keenyaa kannaa keessa wantonnii hedduun sababaa oromoo ta’uu keenyaan nu muddaacha jiraan tokkoofi lamaa qofaa miti. Waan hedduudha; isaan kun hundii maalif seette? Guddaachuu ummaattaa oromoo waaan isaan hin jaallannef bakkaa gallun nuuf ta’uu hundaa nuu dhorkaattu. Ani garuu dhugaan sitti himaa akkummaa ni turtii malee ni urtii jettee boombiin ni turaa malee kan keenyaa hundaa ni deefannaa. Oromoon hundii inni kabbaafi kibbaa inni bahaafi dhihaa inni gidduu galleessaa martii tokkoo ta’uu qaba. Tokkoo jechuun lamaa yookiis sadii miti. Oromoon oromoodha malee sabaa lagaan, naannoon, caaffeen, goxiin, garreen waal hiruu miti.
Ani milkaa’iinnaa ummataa oromoof hojeechuun naaf ni ta’aa. Atis hojeechuuttuu siif ta’aa. Anifi ati kana hin hojeennuu tannaan maalirree orommummaan keenya. Oromoo oromoo jechuun qoftii bu’aa bussuu tokkoo iyyuu hin qabu. Guyyaan har’a, har’a keessaas ammaa. Nutti amma ittiin hin hojeennu tannaan eenyuu ittiin nuuf haa hojeettu?
Ani akkumaan duraan sitti himee oromoo ta’uun koo dhiigaa koon malee maqaa koon miti. Maqaan koo ittiin wammamaa moggassaa warrii koo naaf keennaniidha. Enyuummaan waan tokkoo yeroo maraa mogassaa maqaa isaa qofaan beekama miti. Kan nama ibsuu keessa namaadha. Yeroo ammaa maqaan oromoo hedduun waan baay’ee jaallattamuumaa argatteef ormoonni iyyuu mogaffaacha jiruu garuu keessi isaani waan biraadha maqaan isaanii garuu immoo kan keenyadha. Anis yaa namaa koo kannumaafi kan maqaan itti waamamaa malee enyuumaa ofii kan ibsuu miti kannan siin jedhe. Eenyuummaan kee dhokattaa keessaa laphee kee kan namnii hin arginee kan atiifi ati qofaan beektudha waa’ee sabummaa keetti. Hedduun har’a maqaa oromoo qabaachuun dinnaa oromoo akka ta’aan hin dagaattiin; akkasumaa maqaa oromoo osoo hin qabattiin waa ’ee oromoof jechaa oromummaa isaaniif jechaa kan of dabarsaan hedduun akkaa jiraannis hin irranfaattiin.
Yaa namaa koo, oduun sitti dheerreessee miti? Waa’een eenyuumaa koo dubbaattamee yookiis himaamee hin dhumuu. Ani garuu kannan dhumaa irraatti siin jechuu barbaaduu waan tokkoodha innis akkasi. Ati jireenya kee, barumsaa kee, hadhaa warraa kee, jaallale kee waan hundaa jijjiiruu dandeessa garuu gonkumaa gonkumaa eenyuummaa kee jijjiiruuu hin dandeessuu. Eenyuummaan ofii akka goddanniisaa kan nama irraa baduu hin dandeenyeedha. Ani ammaas dhugaan sitti himaa naa dhagaa’ii eenyuufi iyyuu tannaan waan qabduu kam iyyuu keennif garuu eenyummaa kee gonkummaa gonkummaa hin laatin. Eenyuummaa kee malee ati yoom iyyuu hin bareedu. Biyyaa feette deemi biyyaa feettes dhaqii eenyuummaa kee malee ati achiittis asiittis bareedu hin dandeessu. Ani ofii koo oromoo sabboonnaa isaa gochaan malee afaaniin hin boonnee ta’uu koo sitti himmerraa. Akkan midhaguu kan naa taassisuu eenyuummaa koo isaa maallatoo naaf ta’eedha malee isaa bakkeen mul’aattu bifa koo miti. Atis yaa nama koo, eenyuummaan kee si keessa jiraa of keessa baase mul’isuu kan dandaa’uu sii qofaadha. Yeroon ati itti mul’istuus ammaa kannaaf osoo yeroo qabduu yeroo kee itti fayyaadami. Waan ati booda argachuu hin dandeenyee yeroon akka sirraa hin dabbarsinee. Dhumaa irraatti waallalloo kanna gadii sirriitti naa caqassii. Waallallon koo gababaa ta’uus ergaan isaa garuu hedduu akkaa inni dheerrattuu shakkii hin qabuu kannaaf sirnaan naa qalbeeffaadhu!
BEING OROMOO IS NOT A CHOICE THAT IS A WILL OF GOD!!! I AM HAPPY TO BE OROMOO!!
Oromoo koo oromoo koo,
Aadaa bal’aa qabdaa Kan addunyaaf latuu,
Kan ofii dhisuudhaan maaf ormaa kadhaattu?
Oromummaa kooti boonu maafan dhisaa,
Aadaa koo ibsaachuu maalifan of dhoksaa,
Oromummaa koos maaliffaan ukkamsaa,
Baaaseen agarsiisaa addunyaatti mul’isaa,
Oromoo ta’uu koos isaa dhugaan ibsaa,
Dhara kan hin qabnee haqummaan oddeessaa,
Isaa kan koo ukkamseen biyyaa essaan geessaa?(2x)
Asumattaan ibsaa oromoo ta’uu koos har’ummaan beeksisaa,
Kannaa qofaa miti hojiin agarsiisaa,
Hojiin agarsiisaa seenaa saba bal’aa addunyaatti mul’isaa,
Warreen of dagataan tutuquun dàmaqsaa,
Bakkaa rafee turee nasuun rifachisaa,
Hiribbaas damaqsaa Seenaa saba bal’aa sirnaan agarsiisaa,
Wareen of dagataan hiribbaa damaqsaa,
Seenaa dhokfamees sirritti mul’isaa. (2x)
Orommummaan keennadha,
Kan naf lattamee dabarsee eenyuuttaan ladha?
Oromoo ta’uu koos sirriittan ibsaadha,
Oromummaa koos sirrittaan jaalladha,
Filaannoo koo miti keennaa ummamaatti,
Kanaaf itti hin gabbuu oromummaa kootti,
Dabarsees hin ladhuu badhasaaa addaatti,
Kan birraas hin feedhuu ofiis hin jijjiirru oromummaa kootti.(2x)
Addarraadhas jedhee ormaatti hin ladhu,
Waa’ee isaa kennaa koos gonkummaa hin dagadhuu,
Isaa kan koo jibbees kan ormaa hin jaaladhu,
Kennaa koos dabarsee ormaatti hin ladhu,
Oromoo ta’uu koos tassaa hin irranfadhuu.(2x)
Eenyuu feedhee argattee,
Sabbuummaa barbaadees jaallattee filaattee,
Hunduu irraanfattee keennan isaa argatee,
Osoon kana hin tannee ta’ee jechuun of cheepha’ee,
Saba biraa ta’uuf kuttatte hidhatte,
Wantaa hin jijjiiramnee jijjiiruu filaatte,
Maalummaa akka ta’ees of dagattee,
Seenaa isaa kan ormaa fudhee marxifattee,
Kansaa irraanfachuun kàn ormaa fuudhattee,
Aadaa isa baleessuuf ormaan mari’attee,
Dhabamsisuudhafiis hiidhatee itti kaattee! (2x)
Oromoommummaan keennaadha,
Kan keennes waaqadha,
Jaalachuun mirgaadhaa,
Baalleessuun yakkaadha,
Eebbissuun eebbaadha,
Kannaaf oromoo taa’uun yakkaa miti badhassaadha,
Badhasaa addaa keennaa uummammaadha,
Oromoommummaa kooti nan boonaa naan gammaadaa!!!(2x)


Egaa yaa nama koo, waan guddaa har’a akkaa argaattee hin shakkuu; yaadnifi qalbiin kee siif haa milka’uu qajeelatti ejjeedhuu ani oromoodha ebbaa malee abarsaa hin filaadhu jiraadhu gammaaddi oromummaa keettis boonnii oromoof hojeedhu oromoof jiraadhu inni foon laffee kee irraatti si hin midhuu jaalladhu dinnaa isaas irraa qoolladhu. Bobbaa’ii gali nagaan naaf jiraadhu oromoo ta’uu kees sirritti ibsaadhu. Yaa nama koo oromoo ta’uun koo naaf waan guddaadha. Gaafan sin jedhuu ani oromoo ta’ee nama lagaafi amantiin waal qodduu hin jaalladhu. Sababni isa, namni bifa kannaan oromummaa isaa ibsuu nama oromummaaf dhabaattu osoo hin tannee nama lagaafi amantiin jiraattudha. Isaan akkasii waaqni inni isaan ummee osoo isaan dhabamsiisee lammatta uummamuu danda’uu ta’ee osoo ummamnii gaariidhan jedhaa. Warrii akkasii warraa ergamaa amantii deeman malee warraa ergamaa sabaa deeman miti. Amantiin kan nama dhuunfatti lagni immoo tooftaa abbaan irree itti fayyaadamee ummataa bittuudha. Kunis, bifa isaaf toluun isaan garboomsuuf jechaa dinnummaa walli walli isaa wajjiin akka sabnii sun kaasufidha. Sanna booda ofii fidee ofii fiixe akkumaa jedhuu oromoon ofii akka namnii lagan waal qodduu godhuu ofii isaani immoo kottaa wallittaan isiin arrarsaa jedhu. Yaa nama koo ati nama beeka akka taatte si hin shakkuu jabbaadhu waa’ee eenyuummaa keef cimii. Sirrinnii jiruu yoo akka oromoon waal qodduu godhee illee ati garuu oromoon waal qooddutti hin amaniin. Kun kijibaa abbaa irreetti. Oromoon oromoodha malee lagan yookiis amantiin wal qoodda miti. Egaa dhumaa irratti oduu durii tokkoon si yaadachisaa naa hordoofi.
Dur jedhaan Leencaa, warrabeessafi jeedallaa turaan isaan sadaan iyyuu horii qabu. Leencii Sangaa qaba, Warrabeessii sa’aa qaba, jeedalli haarree qaba ture. Yeroo hundaa horii isaanni sadaan dabarreen tiikfattuu. Osoo dhumaa kannaan jirraanni gaaf tokkoo Leenci Warrabeessaan yaa waarrabessaa mee gaafiin si gaafadha? Jedheen. Warrabessis tole jedhe. Mee akkammiin horii keenya kana nyaannu jedhee gaafattten. Warrabessis maal rakkoo qaba ati kan kee nyaatta, ani kan koon nyaadha, jeedalli kan ishee nyaatti jedheen. Yeroo kana Leencii waan hedduu arreef abbootteen warrabeessa dhahee ijaa tokkoo ittii jamsee. Kan warrabeessi kannas hin dubbannee ni dhisee. Guyyaa bira immoo akkasumaa leenci jeedallan gaafatte. Yoos, jeedalli deebi akkas jedhuu laattef maali yaa obbo guddaa kun waan salphaa miti moo? Kan koo yoo ganamaa nyaatan, kan warrabeessa guyyaa yoo nyaattan, kan keessan immoo irbaatta godhattuu yeroo jettuu Leenci akkamitti akkas bartee jedhee gaafatten. Jeedallis ijaa warrabeesaa irraan barree jedhe. Egaa yaa nama koo, waanti ani jechuu barbaadee iffaa akka ta’ee abdii koodha. Nutti har’a isaa darbee irraa hin barru yoo ta’ee dinnii keenya yoom iyyuu nuuf hin cissuu. Seenaa darbee irraa haa barruu, Akkamiin oromoon akka miidhamma turan. Hin soddattin; Ani oromoodha!

Dhumaattis namootni dhuunfaan na qunnamuu barbaada yoo dhimmaa baay’ee barbaachisaadha ta’ee facebook irraan na dubbisaa.

Ani Barasaadha!

yoosaad.com/orthodox