Abeel
Abeel jechuun garraammii jechuudha. Dhala namaa keessaa kan dursee du’e isaadha. Abeeliifi Qaayel yemmuu dhalatan dubartoota waliin lakkuu lakkuu ta’anii dhalataniiru.
• Lakkuun Abeel Aqleema yoo jedhamtu
• Lakkuun Qaayel immoo Luud jedhamti turte.
Warri isaanis yeroo sanatti namni addunyaa kanarra waan hin jirreef lakkuuwwan kana wal jala jijjiirsisuun Obbolootaan wal fuusisan. Kanaaf, lakkuun Abeel Qaayeliif, lakkuun Qaayel immoo Abeeliif taate. Lakkuun Qaayel Luud bareedduu waan turteef Qaayel ishee fuudhuu barbaadee ture. Kanaaf, lamaan isaanii Waaqayyoof aarsaa dhiyeessanii, “Kan Waaqayyo aarsaa isaa fudhateef inni Luud haa fuudhu’ jedhanii waadaa walii galuun Waaqayyoof arsaa dhiyeessan. Hojiin isaanis
• Qaayel lafa qota ture;
• Abeel immoo horii horsiisa.
Qaayel keessa isaatti “Waaqayyo hin nyaatu hin maal isaaf godha.” jedhee aarsaa hashaafa/abaqii ta’e dhiyeesse. Abeel garuu hoolaa isaa keessaa kan bifa toluufi hin dulloomiin filatee dhiyeese.
Waaqayyos aarsaa Abeel ni jaallate. Yeroo kana Qaayel baay’ee gaddee osoo jiruu seexanni Gaardi’eel Jadhamu fakkeenya dargageessaatin itti dhufee “maaliif gaddita” jedhe innis wantaa ta’e hunda itti himate.
Yeroo kanas Gaardi’eel, “Maarree Abeeliin ajeesiitii dubartoota lamaanuu fuudhi,” jedheen. Duuti maal akka ta’e hin beeku waan tureef, “Akkamittan ajeesa?” jedhee isa gaafate. Yeroo kana seexanni akka inni aaruuf bifa arraagessaatiin waa Qaayel jalaa fudhate; innis aaree dhagaadhaan yoo rukkutu arraagessichi ni du’e. “Edaa kunis ni jiraa” kan jedhu dhaqee obboleessi isaa Abeel yeroo bishaan gadi jedhee dhugutti dhagaadhaan dhahee isa aijeese. Waaqayyo immoo Qaayeliin, “Abeel obboleessi kee eessa jira?” jedhee gaafate. Innis wanta godhe waan beekuuf, “Ani eegduu obboleessa kootii miti hin beeku,” jedhe. Waaqayyos, “Qaayeel maal goote? Dhiigni obboleessa kee Abeel lafarraa gara kootti iyya.” jedheen. Waaqayyos isatti ni dheekkame. Addaamis sababa kanaan gadda guddaa keessa bu’e. Booda garuu Waaqayyo Addaamiif bakka Abeel ilma ni kenneef. “Iddoo Abeel isa Qaayel ajjeesee, Waaqayyo isa kan biraa bakka naaf buuse,” jettee haati isaa Hewaan mucaa dhalateen ‘Seet’ jettee moggaafte. (Uum.4:1-15, Maat.23:35, Ibr.1 1:4; 12:24).
Guyyaan yaadannoo boqonnaa Abeelis Amajii 2. Galanni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u; hanga bara baraatti Ameen!