WAA’EE WAL-QUNNAMTII SAALAA

Akka seera barsiisaa mana amantaa keenya kiristaanna ortodooksiitti Wal-qunnamtii saalaa jechuun haadha manaafi Abbaa manaa gidduutti walqunnamtii ykn wal bartee taasifamu jechuudha. Wal qunnamtiin saalaa abdii Addaamiif kenname hordofee kan dhufedha! Seenaan isaa duraaniis akkasidha: Addaamii fi Hewaan seera Waaqayyoo erga diiganii booda dafqa isaaniitiin dadhabanii akka jiraatan itti murtaa’e.
Yeroo kana Addaam “waa’ee foon kootii natti himteetta; waa’een lubbuu kootii hoo akkam ta’a?” Jedhee gaafate. Waaqayyos Waaqa dhiifamaa fi kan nama jaallatu waan ta’eef guyyaa shaniif walakkaa(ykn waggaa 5500) booda samii samiirraa bu’ee; dhala dhala kee (Durbee Maariyaam) irraa dhalatee, qullaa bu’ee, reebamee; fannootti fannifamee, foonsaa kutee dhiigasaa dhangalaasee, du’ee du’aa ka’ee akka isa fayyisu waadaa galeeraaf. Jechi abdii sun hanga raawwatutti Addaam fi Hewaan du’a Fooniitiin du’a lubbuu, bu’uu boollaatiin bu’uu si’ool itti murtaa’ee yeroo hunda gaddaaf boo’ichaan jiraataa turan. Kanaa booda Waaqayyo Gooftaan keenya Addaamiin jechi abdii “dhala dhala kee irraa dhaladheen si fayyisa” jedhe sun akka raawwatuuf wal-qunnamtii saalaa raawwachuun dirqama waan tureef Addaam Hewaaniin wal-bare(በግብር አወቃት). “Addaam haadha manaa isaan wal qunname Qaayeniinis deesse.” Uma 4:1

Seenaa kanarraa wanti hubannu, walqunnamtii saalaa raawwachuun gama tokkoon fedha foonii dandamachuuf, kara biraan ammoo sanyii baay’isuufi dhaloota itti fufsiisuuf namoota gaa’elaan murtaa’aniif sirna hojjetamu ta’uu isaati. Kanarra kan darbe, Waaqayyo; dhiirriifi dubartiin akka wal barbaadaniif ogummaa inni ittiin walitti hidhe kan agarsiisu dha.
Kaayyoowwan gaa’elaa lamaan jechuunis
=> Wal gargaaruufi
=> Sanyii bakka of buusuu kan walitti isaan hidhu wal-qunnamtii saalaa dha.
Haati manaaf abbaan manaa yeroo walqunnamtii miirri gammachuun isaan argatan, akka wal barbaadaniif daandii walitti isaan harkisu ta’aaf. Miirri wal qunnamtii saalaa osoo hin jiraannee, dhiirriifi dubartii wal barbaaduu dhiisuu danda’u ture. Sababni isaas fedha raawwachuuf osoo hin taanee dhala argachuuf qofa ykn walgargaaruuf jecha gara jireenya gaa’elaatti nama dhufu argachuun ni ulfaata ture. Kanaaf namni gaa’ela akka hin jibbineef Waaqayyo miira(wal-qunnamtii) dhiirriifi durbartiin ittiin wal barbaadan Uumeera. Haa ta’u malee karaa sirnaa fi seera qabuun yoo ta’een ala akka horii akka feeteen hin raawwatamu.

Addaamfi Hewaan wal qunnqmtiitiin kan wal baran Gannata keessaa ba’anii ergaa gaabbii galanii booda ta’uun isaa wal-qunnamtiin saalaa of eeggaannoo kan barbaadu ta’uu isaa agarsiisa. Gaa’elaan alatti wal-qunnamtiin saalaa akka hin raawwatamne manni Kiristaanaa keenya jabeessitee barsiisti. Gaa’elaan osoo hin murtaa’iin nama argame waliin ciisuun seera Waaqayyoo cabsuu; namummaa ofiis xureesuudha! Kanarra kan darbe dheekamsi Waaqayyo biraa namatti fidu hamaa ta’uu isaa hubachuun nurra jira. Kanaaf warri hin fuudhiin hanga fuunutti ulfina keenya eeggachuu; warri gaa’ela keessa jirrus hanga dhumaatti tokkummaa keenya jabeessuun ni mala. Sababa wal fuunee qofa sirnaan ala walqunnamtii saalaa raawwachuun akka hin barbaachifne hubachuun barbaachisaa dha.

Tokkoon tokkoon guyyaa; kan hojii, kan kadhannaa, kan Tsoomii, fi kan nyaachuu(gammachuu) akka qabu wal qunnamtii saalaa raawwachuufis sirni murtaa’e jira. Qophiin sammuu ga’aa fi walii galteen ni barbaachisa. Daa’imman gaa’elaan dhalatan eebbifamoo fi kan qulqullaa’an akka ta’aniif ciisicha gaa’elaa qulqulleessuun barbaachisaa dha.
=> Gaa’elli kabajamaa, ciisichi isaas qulqullaa’aa ta’uu qaba; gaalamootaafi ejjitoota irratti garuu Waaqayyo ni murteessa. (Ibr_13:4).
Walqunnamtii saalaa sirnaan ala raawwachuun ciisicha gaa’elaa xureessuu dha.

YEROOWWAAN WAL QUNNAMTIIN SAALAA HIN RAWWAATAMNEE
=> Yeroo Soomaa, Ayyaanaa fi laguu/da’umsaa/ulfaa adda baasuun raawwachuun barbaachisa dha. (Haqa Moot.(ፍትነ) 15:38-58.
=> Yeroo ulfaa fi yeroo qulqullaa’iinsaa; yeroo marsaa laguu fi da’umsaa(yoo ilma deesse hanga guyyaa 40 fi durbaaf 80 tii) wal qunnamtii saalaa raawwachuun. barbaachisaa miti. (Lew 8:18)
☞Qulqullu Baasiliyoos “Gaa’elli kee sirnaan ala akka hin taaneef yeroo qulqullaa’umma ishee, yeroo dhiiga ishee, haadha manaa kee bira hin ga’iin.” Jechuun yeroo ulfaa, da’umsaa fi yeroo marsaa laguu walqunnamtii saalaa raawwachuun akka hin barbaachifne ajajame(Haqa Moot. 24:64). Akkasumas erga ulfi ishee beekamee booda wal gargaariuf yoo ta’een ala wal qunnamtii saalaa raawwachuun akka hin malle seerri tumameera. Haqa Mot/ፍ.ነ24:838.
=> Guyyoota mana kiristaanaa deemamutti; Israa’eloonni yeroo Museen Waaqayyo waliin dubbatutti utuu hin ga’iin dura guyyoota 3 dura Qulqullaa’uu akka qaban, Uffata akka miiccatanii fi wal qunnamtii akka hin raawwanneef ajajamee ture. Kakuu haaraa keessattis kiriataanonni Wangeela dhaggeeffachuuf, kabajamaa Foonii fi dhiiga isaa fudhachuuf yeroo dhufan, Tsabala cuuphamuufi dhuguuf yeroo dhufan, ykn tajaajila biroof yoo dhufan Wal qunnamtii saalaarraa akka of qusatan ajajameera.(Bau 19:10-25).
=> Abbaa ykn haadha Kiristinnaa ta’uun nama cuubsisuuf yeroo dhufan guyyaa sana duraa fi booda guyyaa 2,2 of haa eeggatan. Kunis kabaja Afuura Qulqulluuf jechadha. Kennaan icciitii cuuphaa, kabajaa fi mucummaa kan kennisiisu waan ta’eef. Lubichi Zakkariyaas tajaajila mana Qulqullummaa erga xumuree guyyaa lama booda Eelsaabeex waliin wal arguun isaas kanaaf barumsa ta’a. Guyyaa lama booda haati manaa isaa Eelsaabeex ulfoofte akkuma jedhu.(Luq 1:24), Haqa Mot. Key 24:38)
Ayyaanota;
=> Sanbata xiqqaa, Dilbata fi Ayyaanota Gurguddoo irratti wal qunnamtii saalaa raawwachun dhorkaa dha. Kunis Mootummaa Waaqayyoo keessatti gaa’elaafi fedhiin foonii raawwachuun akka hin jirre beeksisuuf dha! Ayyaanonni fakkeenya Mootummaa Waaqayyoo dha. “Du’aa ka’uu lammaffaatti akka ergamoota Waaqaa ta’u malee hin fuudhan, hin eerumani” akkuma jedhu ( Mat 22:23)
=> “Waaqeffannaa qulqullaa’aa ta’ee fi xuraa’ina hin qabne Waaqayyo Abbaa biratti isa kana, xuraa’ina Addunyaa keessatti argamurraa qaama ofii qulqulleesuu dha!’ Jechuun Qulqullichi Yaa’iqoob akkuma dubbate (Yai 1:28). Guyyoota kanarratti gara mana Kiristaanaa deemuun Qulqulluu Foon isaa fi ulfaata Dhiiga isaa fudhachuun of eeggachuun barbaachisaa waan ta’eef dha.
☞”Fedha kee guyyaa koo Qulqullaa’aarra taasisuurra, Miilla kee sanbatarraa utuu deebistee, sanbataanis gammachuu, kan Waaqayyo Qulqulleesseenis “kabajamaa” utuu jettee, daandii mataa keetii taasisuurra, fedha kees argachuurra, waan yaraa dubbachuurraa of qusattee utuu kabajjee, yeroo sana Waaqayyottis ni gammadda; Ol-ka’iinsa lafaarras sin dhaaba, dhaalmaa abbaa kee Yaa’iqoobiinis sin nyaachisa” jedhaee barreeffameera. (ISAY 58:14-14).
Tsoomiiwwan:
=> “Yaa isa tsoomtuu, guutummaa qaama keetiin tsoomi, Afaan kee yaraa dubbachuurraa, arrabnii kees hamii fi arrabsoorraa, iji kee dubartoota ilaaluurraa, gurri kee sirbaafi qoosaa taphaa dhaggeeffachuurraa haa tsoomu” jedhamee akka dubbatame.
=> Haatii fi Abbaan manaa qannoonaa abbaan gaabbii isaaniif kennes haa ta’u kan ofiif qabatan hanga xummuranitti walqunnamtii saalaarraa of eeguun barbaachisaa dha.
Walumaa galatti haati manaa fi Abbaan manaa;
=> Yeroowwan Ulfaa;
=> Da’umsaa, marsaa ji’aa, akkasumas ayyaanotaa fi tsoomaarra wal qunnamtii saalaa raawwachuun akka hin malle manni kiristaanaa ni barsiifti.
Kanarraan kan hafe garuu seexanni daandii ittiin qoru akka hin arganneef Haatii fi Abaan manaa gargar ba’uu hin qaban.
“Kadhannaan akka jabaattaniif yeroof walii galteetiin yoo ta’erraa kan hafe walii keessan wal hin dhowwiinaa, ofbituu dhabuudhaan seexanni akka isin hin qorreef garuu waliin ta’aa!.”(1Qor 7:5)
Foon keessan qulqulleessuudhaan yeroo soomtanitti, yeroo kadhattanitti malee hojii keessan yeroo xumurtanitti gara fedha keessaniitti deebi’aa” jedha.
Kunis Haatii fi Abbaan manaa yeroowwan jedhamee ala utuu gargar hin ba’iin fedha isaanii akka raawwatan kan hubachiisu dha. Wal-qunnamtii badisaa fi Xuraa’inaaf raawwatamurraa nu haa eegu!
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Hangaa bara baraatti, Ameen!

3 thoughts on “WAA’EE WAL-QUNNAMTII SAALAA”

  1. Nageenyi waaqayyoo isiniif haa bayyatuu bakka jirtanittii. Yeroo xuriin ykn laguun namaraa jiruutti kadhannaa ykn kitaaba qulqulluu dubbisuun ni danda’ama dhifama wajiin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *