Qulqulluu Na’aakutoo le’Aab

Bara 1201 keessa dhalate. Mucaa obboleessa Laallibalaati. Abbaan isaa Harbee, haati isaa immoo Markeezaa jedhamu. Yeroon inni dhalates galatoo xumuramuuf yemmuu Na’aakutoo La’aab jedhee diyaaqooniin lallabu wean ta’eef maqaan isaas Na’aakutoo La’aab jedhame moggaafameef. Akka duuka bu’aa yohaannis qeerrummaan kan jiraate dha. Qulqulluun kun kennan Afuura Qulqulluu irra ture, yeroo hunda gadadoo gooftarra gahaa ture kan yaadatu yoo ta’u, waggoota 40’f eeboo dhaabee, boolla keessatti eeboon isa waraanaa gadadoo gooftaa kan yaadachaa ture dha. Gooftaan keenya Iyyasus Kiristoosis hojii isaa kana argee, “Waggaa kana guutuu gadda koo kana yaadachaa kan turte dhiiga kees kan dhangalaaste mana qulqullummaa keetti argamanii kan kadhatan, iddoo kanallee qaamaan osoo hin dhaabbatii yaadaan kan amananii kadhatan hunda siifan maara. Kanaaf, hin gaddiin gammadi,” jedheen.
Atis hanga guyyaa dhufaatii lammaffaatti, hanga addunyaan kun darbuttis dhokadhuuti jiraadhu,” jedheen. “Hanga addunyaan kun darbuttis iddoo kanatti dhukkubsatoonni kan itti fayyan haa ta’an,” jedheen. Egaa waadaa ammas ija keenyaan deemnee arguu ni dandeenya.
Hanga har’aattis xaballi baaxii gubbaarraa gadi cophu hin gogu. Gannas bonas inumaayyu ganna hirdhata bona ni dabala. Innis baataskaana Ashiiteen Maariyaam jedhama. Bara 1211 ijaare. Ilma laallibalaa Yitbaarek mootummaa kenneefi Sadaasa 3 akkuma Heenok dhokateera. Kunis dhalatee waggaa 70tti. Qabsuura qulqulluu kanaan guyyaa 21 kan sukkuumame araarsummaa isaattis kan amaneef umuriin isaa akka dheeratu gooftaan waadaa galeeraaf. “Tolaa maqaa tolaatiin kan simatu gatii tolichaa argata. Dhuguman isiniin jedha, warreen xixiqqoo kanaaf bishaan qorraa xoofoo tokko yoo kennitaniif gatiin keessan isin jalaa hin badu.”(Mat 10:40).
Araarsummaafi sugni Na’aakutoo La’aab nu waliin haa ta’u. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Qulqulluu Laallibalaa

Qulqulluu Laallibalaan abbaan isaa Siyyum haati isaa immooo Kiriwarnaa jedhamu. Kan dhalate immoo muddee 29 dha. Yeroo dhalatutti kannisaan waan marfameef haati ‘maar yibalaal laal yibalaal’ jetteen afaan agawuun laal jechuun damma jechuudha. Laaliibalaan sirna mana kiristaana kitaaba kakuu moofaafi haaraa kan baratedha. Sana boodas obboleessi isaa Gabremaariyaam sirnaa bulchiinsa mootummaa barsiise. Garuu warri jala jiran oduu sobaa odeessanii Laallibalaafi Gabremaariyaam wallolchiisuun mootichaaf obboleettii kan taate, Laalibalaaf garuu intala abbaa qofa kan taate Yooditi waliin shira irratti dhoksaan dalagan. Laallibalaan yeroo hunda hadhooftuu gooftaan keenya dhuge yaadachuuf jimaata jimaata heexoo ni dhuga ture. Kan heexoo qopheessituuf immoo obboleettii Gabremaariyaamidha. Yeroo kana yemmuu heexoo qopheessituuf summii itti naqxee qopheessite. Kan heexoo sana gara Laallibalaatti fideefii dhufu yeroo xinnoo irraa dhamdhamu battalumatti ni du’e. Laallibalaanis yemmuu kana argu, “Namni kun sababa koon du’e mitii?” jedhee osoo akka nama ajjeessu beekuu heexoo summii qabu sana dhuge. Ergamaa Gabri’eelis lubbuu isaa gara samiitti geese, foon isaa garuu hin qorrine ture. Samii torbanis ni daawwachiise. Gooftaanis, “Ani warra Iyyerusaaleem salaamsachuu yemmuu deeman gammoojiitti dhuman yaadadheera. Bataskaana addaa ni ijaarta,” kan ati ijaartu namuu hin ijaaru jedheen.
Kanaanis, iddoo qulqullaa’oo daawachuun Yordaanosis argeera. kanaanis Waaqayyo waadaa galeef. Kana booda gadaamii/kawaala ‘Masqal kibran’ jirtutti geesse ergamaan Gabri’eel jalaa dhokate. Halkan san Waaqayyo abjuudhaan mootii Gabremaariyaamiin, “Aangoo kee Laallibalaaf kenni!” jedheen. Gabremaariyaamis akkuma qabsuura isaa irratti ibsame aangoo isaa dhiisee gara gadaamii galeera.
Laallibalaan magaalaa Rohaatti mana Kiristaanaa 11 ijaareera. Isaanis,
• Amanu’eel, B
• Beete Madanalem,
• Beete Maariyaam,
• Beete Mikaa’el,
• Beete Gabri’eel.
• Beete Masqel,
• Beete Goligootaa,
• Beete Giyoorgiis,
• Beete Marqooriyoos,
• Beete Libaanosiifi
• Beete Danaagilii dha.
Bataskaanota yemmuu ijaaru qabeenya isaa hunda waan itti fixateef haga dhabee rakkachuutti ga’ee akka ture seenaan qabsuura isaa ni dubbata.
Waxabajii 12 boqote. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullichaa kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Qulqulluu Harbee

Qulqulluu Harbeen hangafa qulqulluu Laallibalaati. Laallibalaa wajiin abbaadhaan malee haadhan tokko miti. Yeroo kana si booda kan dhalatu Laallibalaan ni moo’a jedhamee waan himameef seexanni hinaaffaan itti ka’e Laallibalaan akka du’uuf obboleettin Harbee heexoo waliin summii obaaste turte. Haa ta’u malee, Waaqaayyo waan isa eeguuf Laallibalaan hin duune, Booda hojii isaanii kanatti gaddanii qulqulluu Laallibalaa bakka jiru hanga Aksum deemanii dhiifama gaafatanii immimmaaniin mootumma isaanii gadhiisanii gadaamii galan. Obboleessa isaanii Laallibalaas ni moosisan. Erga gadaamii galaniis gooftaan abjuudhaan itti muldhatee, “Mucaa kabajni isaa guddaa tahe ni dhalchita waan ta’eef gara manaatti gali,” jedheen. Innis deebi’ee Naakutoo La’aab dhalche. Naakutoo La’aabis mootii gaarii yoo ta’u, kan guddise Laallibalaadha.
Abbaan kuni bara isaatti phaaphaasii Iskindiriyaa abuna Daani’eelin, “Afaan uummata kanaa kan dhagahan phaaphaasii uummata kana keessa nuf muudi!” jedhee barreesseefii ture. Yeroos sanatti garuu fudhatama hin arganne waan ta’eef dhimmichi achumaan hafe. Bataskaanota hedduus kan ijaarsisan yoo ta’u, “Ati gadadoo kiyya yaadachuudhaan halkanii guyyaa waan boosseef maqaa keetin kan beela’e kan nyaachiseefi kan dheebote kan Obaase nan mura,” jedhee gooftaan waadaa galeefii jira. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Qulqulloota Laastaafi Qulqulluu Yimrehaanne Kiristoos

Jaarraa hanga 13ffu kan jiraatan moototni Laastaa ykn Zaaguwee jedhamuun kan beekkaman yoo tahu akka Malketseedeeq lubummaa mootummaa waliin kan qabatan moototni afur jiru. Isaanis
• Yimrehaame Kiristoos,
• Laallibalaa,
• Qulqulluu Gabremaariyaam (Harbee)fi
• Qulqulluu Naakutoo La’aab jedhamu.

Qulqulluu Yimrehaanne Kiristoos
Qulqulluun kun immoo qeerrummaan kan jiraate luba, mootii fi kopheessa. Abbaan isaa Girmaa Siyyuum jedhama. Zihan Siyyuum abbaan qulqulluu Laallibalaa Xaxawudiim mootichiifi Gimaa Siyyuum obbolaadha. Yeroo qulqullichi dhalatu, abbaan isaa lubbuun hin turre. Jalqabuma gadaamessa haadha isaa keessatti waan filatameef guyyaa Roobiifi Jimaataa hanga sa’aa 9
haadha isaa hin hodhu ture. Haati isaa garuu jalqaba irraa fedhii Waaqayyoon kan ta’e ta’uu isaa waan hin hubatiniif baay’ee dhiphachaa turte. Xaxawudiim abjuudhaan isatti aanee kan mootii ta’ee muudamu Ytmrehaanne Kiristoos tahuu waan hubateef gara isaatti fidee guddise. Haa ta’u malee, kennaafi bareedina daa’ima kanaa, boodas immoo kan mootummaa isaa irra fudhatu ta’uu isaa yoo yaadatu itti hinaafee, “Maal gochuun qaba,” jedhee hammeenya irratti yaade. Yeroo kana namoonni tokko, “Eegduu tiksee taasisi, tokko immoo ajjeesi,” jedhanii irratti mari’achaa yemmuu jiranitti ergamaan Waaqayyoo haadha isaa harkaa butee gara Iyyarusaaleem geesse. Iyyerusaalemittis baratee hanga aangoo diyaaqonummaa fudhachuutti ga’e. Naannoo sanattis uummata barsiisuuun, kadhannaafi soomaan dabarse. Fedha isaa tahus garuu gooftaan Iyyarusaalemii haadha warraa horatee akka luba ta’u itti hime. Innis achuma Iyyarusaalemitti sirna takliiliin fuudhee lubummaa fudhate. Isaanis qeerdubrummaadhaan fuudhaa heerumaanis waggaa 40 ol jiraatan. Ergaan, “Gara biyya keessaniitti gali! Mootichi lubbuu kee barbaadu boqoteera” jedhu dhagahee haadha warraa isaa waliin gara Laastaa dhufe. Yeroo inni dhufus ummanni ililchaa simateera. Guyyuma sana mootii taasisanii muudan.
Muudamni isaa akka mootota biyya lafaa hin turre. Qulqulluu Rufaa’el ergamaan xoofoofi hibistii fidee waggoota 15’f isa gargaaraa sirna galatoo raawwateera.
Booda gargaarsa qulqulluu Rufaa’eliin gara hara Beenuutti deemee achittis uummata barsiisee cuuphe bineensota nama rakkisan hundumaas kadhannaa isaatiin humna isaanii ni dadhabsiise. Gooftanis Iyyarusaaleemitti duumessaan fe’ee isa geessee bakka kanatti mana kiristaanaa naaf ijaari jedheen. Innis Fulbaana 13 irraa eegalee Waxabajii 20 xumure. Taabota Qulqulluu Gabri’eel Waxabajii 21tti galche sirna galatoo raawwate. Qulqulluun kun osoo uummata dhiigaafi foon gooftaa kennuu aduun yemmuu itti dhiyu akkuma luba Iyyaasuu biiftuu dhaabeera.
Qulqulluu Yimrehaannee Kiristoos Onkoloolessa 19 boqotee achumatti awwaalame. Gooftan kan karra isaa dhaqeef waadaa araaraa kenneefii jira. Galanni Waaqayyoof u ‘u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Mootii Kaaleeb

Mootii Aksum ture. Kan muudames bara 485 yoo ta’u, hanga 515tti teessoo mootummaarra tureera. Ijoollees horateera. Baruumsa amantaas barateera. Amantaan isaas kan sirrii ta’eefi kan nama ajaa’ibsiisudha. Jaalalli haadha keeyaaf qabus addadha. Mootiin Ayihuud Finihaas jedhamu Naagiraan Yemen ammaatti Kiristoosiin ganaa jedhee nama ajjeessaa ture. Magaalattis guyyaa 40’f ibidda itti kaa’ee bobeesse. Seenaan isaa addunyaarratti dhagahamus kiristaanota sana baraaruuf kan yaale hin turre. Yeroo kana dhagahu gara bataskaanaa dhaqee sagadee, “Yaa gooftaa ani namoota dhiiga kiristaanaa dhangalaasan kana akkan haaloo bahuuf na gargaari. Baay’ina loltoota koon kanan of jaju miti; anis mo’amee kiristaanummaan akka hin tuffatamne achumatti na ajeesi,” jedhe akka kadhataniif monoksoota gadaamitti erge.
Osoo hin turinis farda, gaangee fi gaalaan Yemen gahe. Finihaasiin ajjeessee kiristaanota walaba baase. Imimmaaniifi dhiiga isaanii ni qoorseef. Manneen kiristaanaas ijaarefii gara Aksumitti deebi’e. Akkuma deebi’eenis gara Aksum Tsiyoon seenee, “Gooftaa koo wanta naa goote kana hundumaaf kanan kennu qaama koo malee qabeenya koo miti,” jedhee mootummaa isaa ilma isaatti dabarsee teessoo isaarra ka’ee gara kawaalaatti gale. Gonfoo Warqee kaawwachaa tures gara Iyyarusaaleem ergee abbaa Phanxaliyoon harkatti sirni monoksummaa raawwateef. Yeroo sanas qabeenya isaa keessaa kubbaayyaa tokkoofi qamisii tokko akkasumas qooddiroo/handaqqii tokko qofa fudhatee monokkose. Innis gadaamii keessatti namaan osoo wal hin argiin kadhannaafi soomaan erga jiraatee booda waggaa 70tti bara 529 boqoteera. Gooftaanis kabaja isa gonfachiiseera.
Ayyaanni yaadannoo isaas Caamsaa 20dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Mootota Abirihaa fi Atsibihaa

Moototni lamaan kuni lakkuudha. Warri isaanii mootii Taazeer/Ayizaanaa Ari’id fi haati isaanii immoo mootii Ayihawaa jedhamti/Soofiyaas jedhuun. Warri isaanii ijoollee dhabuun gaddaa turan. Guyyaa tokko waa’ee garraamurnmaa Waaqayyoo osoo waliin taphatanii Soofiyaan kadhannaa Haannaa, haadha Saamu’eel caqastee isheenis akkuma Haannaa subaa’eedhaan Waaqayyoon akka kadhattu mooticha gaafatte. Kanaanis kadhannaa koo, “Kan Kirubelirra jirtu boo’icha koo dhagayi,” jettee subaa’ee galtee osoo jirtu abjuu tokko agarte. Kunis, gaara irratti muka dhaabbate tokko agarte. Firiin ishees guutuu ture. Cinaan fiixee ishees kan lafa uffisan ture. Namni tokkos ifa uffatee fannoo kan qabdu ulee qabatee dhufe. Yaabbannoo/kortuu lamas qabatee yaabbannicha muka sana maddii bitaa fi mirgaan kaa’e. Mootittii Soofiyaaan garuu iccitiin kun galuufi didee baay’ee dhiphachaa turte. Kadhannaa erga gooteen booda Waaqayyo qulqulluu Mikaa’el gara isheetti ergee ibidda ifaa uffatee, “Kan fannoo qabatee yaabbannoo bitaa mirga teessisee Abune Salaamaa Fireeminaaxosidha. Uleen warqii harkatti qabate immoo cuuphaadha. Yaabbannoon lamaan ijoollee kee lamaan yoo ta’an kan achirra koranii bu’an immoo namootadha. Firiin isaan nyaatanis dhiigaafi foon Kiristoosidha” jedhee jalaa dhokate.
Haaluma walfakkaatuun mootichattis abjuudhaan, “Mootiin Waaqayyo kan sii kenne inquu kana hoodhu,” jedhee booda jalaa dhokate. Kanaan Soofiyaan ijoollee lama ulfaa’uun ijoollee lama deesse.
Kan dhalatanis Muddee 29 bara 312tti. Ijoolleen lamaan kun luba Anbaram irraa ooritii kan sirriitti baratan turan. Waggaa 12 isaanitti gara mana qulqullummaa galan. Haa ta’u malee, abbaan isaanii waan boqoteef uummanni nu bulchaa yemmuu jedhaniin isaan “Nuti Waaqayyoon tajaajilla,” jedhanii didan.
Yeroo muraasaaf haati isaanii biyya bulchitee turte. Kana booda Qulqulluu Mikaa’el Anbaramiin, “Fedha Waaqayyoo waan ta’eef lamaan isaaniyyuu siree tokkorratti haa mo’an,” jedheen. Haaluma kanaan waggaa 19 isaanitti Izaanaa fi Saayizaanaa jedhamanii muudaman. Akkuma mo’aniin amantaa qajeeltu barbaadutti ka’an. Jalqaba Fireminaaxoos gorsaa ta’e masara Isaanii keessa yeroo turetti isarraa wanta hunda baratan. “Nu cuuphi” jedhanii isa gaafatan. Inni garuu akka cuuphu hin dandeenye cuuphuudhaaf aangoon lubummaa akka barbaachisu itti hime. Isaanis Fireeminaaxosiin gara Misiraatti ergan. Phaaphaasiin yeroo sanaas qulqulluu Atinaatewoos waan tureef waggaa 5’f kakuu haaraa sirriitti barsiisee, “Si’ii ol kan seera, afaaniifi aadaa biyyattii beeku waan hin jirreef,” jedhee isuma phaaphaasii jalqabaa taasisee gara Aksumitti erge. Maqaa isaas abune Salaamaa jedhee kitaabota heddu waliin erge.
Abuna Salamaan erga biyyatti deebi’ee jalqaba mootota lamaan kana Izaanaafi Saayizaanaa boodas loltoota isaaniifi uummata cuuphee kiristaana taasise. Kana booda amanticha babaldhisuutti dadhaban. Manneen kiristaanaa 154 tahan baay’een isaanii holqa kan tahan guutummaa biyyattiitti ijaaran. Keessumattuu, Aksumitti mana Kiristaanaa Tsiyoon kan ijaaran haala adda ta’een ture. Isheenis Maqdasii 12 kan qabduudha. “Bakka kanatti mana naaf ijaaraa” ajajni jedhu waan dhufeef naannoon sun bishaan qaba ture. Ergamaan biyyoo Gannataa fidee itti facaasnaan lafa gogaa taate jirti. Isaanis Mana qulqullummaa adda taate ijaaran. Mana qulqullummaa kana akka ijaaraniif ogeessota 24 fichisiisanii turan. Isaanis
• namni 12 Giriik
• namni 12 immoo warra ijoolle ijoolle Kiiraam ogeeyyota Xiiroos turan.
Gooftaanis manni isin hojjettan kun akka Iyyarusaaleem ishee samiiti jedhee jalaa dhokate. Moototni kun Wallootti, Shawaatti, Gojaamittii fi Gondoritti bataskaanota hedduu ijaarsisanii jiru.
Yeroo boqotan sabbatni Waaqaa awwaala isaanii irratti dhaabatee mul’ate. Seera ooritii gara seera haaraatti kan jijiiran isaani dha. Bataskaana isaan akkasitti bareechanii ijaaran sana diina kiristaanaa kan taate, Yoodiit Gudiit jaarraa 10ffaa keessa gubdee jirti.
Qulqullootni kun lamaan hanga Shawaafi Yemenitti kiristaanummaa babaldhisanii turan.
• Abrahaan dhalatee waggaa 52 bara 364 Onkololessa 4tti
• Obboleessi immoo waggaa 15 booda bara 379 guyyaama Onkololessa 4 kana waggaa 67tti boqote.
Bara isaanitti murteen haqaa hin jal’anne, hiyyeessi hin miidhamne, diina isaanis hin balleessine, akka seera moototaatti karra isaanii duras eegdota hin dhaabne. Akkuma nama kamii adaba’abayii (dirree) irratti ba’anii eegduu tokko malee murteessaa turani. Saamtonni horii namaa fudhatan bara sanatti hin argamne. Guyyaa boqonnaa isaanis gooftaan keenya hojii gaarii isaan dalaganiin abdii waadaa kenneefi.
Maqaa keessan kan waame yaadannoo keessan kan taasises isiniifan fayyisa jedhee jira. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulloota kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaanis nu waliin haa ta’u. Ameen!

Mooticha Qosxenxiinoos

Bara 258 (akka faranjootati 272 kan jedhus jira) Mooticha Qunisxaa fi Qulqulleettii Mootii Illeenii irraa Sarbiyaa keessatti dhalate. Erga dhalateeyis haati isaa Illeeniin seera amantaa kiristaanummaa haala gaariidhaan barsiiftee jirti. Erga abbaan Qosxenxiinoos du’ee booda Qosxenxiinoos abbaa isaa bakka bu’ee mootii ta’e Roomaa Bahaa bulchaa ture. Bara sanatti mootichi Diiyooqilxiyaanos, “Manni waaq-harkee yaa banamu manni kiristaana yaa cufamu,” jedhee labsii waan baaseef kiristaanonni dhiigni isanii lola’uun akka qullubbiittii mummuraman. Manni kiristaanaas baay’ee gubate. Kiristaanonnis ni godaanan. Qosxenxiinoos hojii mootota kanaatti baay’ee gaddaa jiraata ture. Michuu mootii Diyooqlixiyaanoos kan ta’e akkuma isaa kristaanota irratti dhiibbaa guddaa geessisaa kan ture mooticha Maksmiyaanoos jedhamu Qosxenxiinoos ni moo’ate. Kan moo’ates samii keessatti mallattoo fannootiin, “Kanaan ni moota,” kan jedhu waan itti muldhateef meeshaa lolaa irratti mallattoo fannoo godhee lola ba’ee moo’ee Roomaa akkuma jirtutti of jala galche.
Kanaanis, gammadee Ephesqoophoosii Niqoomeediyaa Awusaniyoos harkatti cuuphamee kiristaana cimaas ta’e. Kiristaanonnis gammadanii, “Fannoon humna keenya fannoon fayyisaa keenya,” jedhan. Innis labsii Diyooqlixiyaanoosiin ba’ee ture diigee, “Manni waaqarkee (xaa’otaa) haa cufamu manni kiristaanaa haa banmamu,” jedhee labsii kiristaanota addunyaa hundaaf boqonnaa kenne ni baase. Manni kiristaanaa gadadoo waggaa 300 booda bar Qosxenxiinoositti haara galfii argatte. Innis mootii gaarii jedhamee yaadatama. Mirgaa fi carraa yeroo sana manni kiristaana argatte keessaa:
• Bara 315 seera ba’een manni Kiristaanaa kaffaltii gibiraa irraa bilisa taate
• Guyyaan dilbataa guyyaa boqonnaafi ayyaana kiristaanotaa ta’ee kan murtaa’e yeroo sana
• Namni qabeenya isa bataskanaaf nan kenna jennan manni kiristaanaa dhaaluuf mirga qabdi.
• Kiristaanummaan amantaa biyyoolessaa ta’e.
Bara 325, bara yaa’ii Niiqiyaatti hayyootni amantaa walitti qabamuun amanticha akka cimsan kan taasise mooticha kana. Kanaaf manni kiristaana
yeroo hunda isa yaadatti. Wantoota biroos waan heddu hojjete.
Guyyaan yaadannoo isaa Bitootessa 28. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Qulqulleettii Mootii Illeenii

Qulqulleettii mootii Illeeniin kan fannoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bakka awwaalamee akka bahu taasifteedha. Seenaan ishees, Abbaa warraa Tarbinoos jedhamu waliin jiraachaa turte.
Illeenii jechuun afaan Hibruutiin ‘bareedduu’ jechuudha. Illeeniin kan dhalatte dhaloota Kiristoos booda 247 tti magaalaa Bitaaniyaa kan Iyyaruusalemirraa kiilomeetira 5 qofa fagaattee argamtu keessattidha. (Seenaan iddoo dhaloota ishee kana Eeshiyaa xiqqoo keessatti bakka Bitaaniyaa jedhamutti kan booda Helenopolis Jedhamtee maqaan magaalatti Qosxonxinoosiin jijjiiramtetti jedhus jira).
Abbaan manaa Illeenii Tarbinoos jedhamu kun daldalaa ture. Bara sanatti daldalli biyya tokkoo gara biyya biraatti godhamu waggoota hedduu fudhata ture. Innis karaa dheeraa deemee waan daldaluuf manatti Illeeniidhaaf gargaartuu qacareefii mooraa keessa akka gadi hin baanee fi aduun akka hin dhoofne godhee gara daldalaatti biraa deeme. Illeeniin amantaa isheetti baay’ee cimtuu fi yeroo baay’ee hanga abbaan manaa ishee deebi’uti kadhaadhaan dabarsiti ture. Wangeelas ni beekti ture. Tarbinoos immoo kan daldala isaa xumuree gara biyyaatti deebi’u waggaa 3’n booda ture. Daldaltoonni kun waggaa sadii ykn afur yemmuu daldalanii gara mana isaanitti deebi’an karaa irratti waa’ee haadha warraa isaanii waliin haasa’u ture.
Isaanis akkas jedhu ture, “Egaa amma nu kunoo akkanatti dhamaanee aduufi qorraan gubannee gara biyya keenyaatti yoo deebinu haati manaa keenya yoona dhiira biraa baran ta’a,” waliin jechaa deemu turan. Yeroo kana Tarbinoos abbaan warraa Illeenii, “Ani kan keessan hin beeku malee haatii warraa koo Illeeniin garuu wanta akkanaa gonkuma ana irratti hin hojjettu; baayiseen ishii amana,” jedheen.
Illeeniinis erga abbaan warraa ishee daldalaaf ba’ee mana isheetti kadhachuu malee gad illee baatee dhiira ijaan agartee hin beektu ture. Yeroo sana namoota Tarbinoos waliin jiran keessaa tokko, “Ati gowwaadha abboo, sanyii Hewaan keessaa kan haadha warraa kee addamoo? Amma osoon dhaqee wajjin ciisee dhufe maal goota?” jedheen. Achumaan Tarbinoos, “Ani waan isin jettan kanatti hin amanu haadha warraa koos gonkuma hin shakku” jedheen. Yeroo sana namni gidiramaan daldaltoota keessaa inni tokko, “Yoon deemee haadha manaa kee dogongorsiisee dhufe maal naaf kennita?’ jedheen. Tarbinoos immoo, “Ani ati dhuguma Illeenii dogongorsiiftee dhufta taanaan bu’aan hanga ammaatti daldalee argadhe qabeenya koo kana hunda wajiin ni fudhatta,” jedhe. arbinoos kan kana jedhe haati warraa isaa gonkumaa akka amanamtuu taate waan beekuuf ture.
Daldalaa gidiramaan sunis yoo Illeenii dogongorse qabeenya hunduma fudhachuuf walii galee gara haadha warraa Tabinoositti kaan dursee adeeme. Yemmus gara ganda Illeeniin jiraattu ga’e, haadha warraa Tarbinoos natti agarsisaa,” jedhee namoota gaafate. “Isheen bar namatti hin muldhattu, keesummattuu gonkuma dhiiratti mul’attu,” jedhaniin. Innis mala baafatee, “Tole erga isheen hin dhuftu ta’e mee hojjettuu ishee naaf waamaa,” jedheen. “Isheellee siif ni waamna” jedhanii waamaniif. Innis hojjettuu Illeeniitiin, “Biyya fagoodhaa nama si dubbisu dhufeetu jira jedhii mee Illeenii naaf waami,” jedheen. Isheenis gara manaatti ol deebitee, “Namni si barbaada,” jettee gaafannaaniif Illeeniin fuula itti kennuu didde. Namichi sun ammas yeroo lammataaf, “Dhaqiitii nama qarshii baay’ee siif kennutu dhufe jedhii itti himi,” jedheen. Isheenis akkas jettee yemmuu itti himtu yemmus Illeeniin, “Anaan haadha warraa Tarbinoosiin akkas jettaa?” jettee qodaa harkaa qabduun gargaartuu ishee rukutteegadi baafte.
Yeroo sanas hojjettuun gadi baate dubbiin akka ta’uufii dide itti himte “Daldalichis mee maal gochuu naaf wayya ishee argachuuf,” jedhee gargaartuu ishee sana mariisise. Qarshii baay’ees akka kennuuf itti hime. Yeroo sana gargaartuun ishee, “Hidhannoo mormaa kudhaama Tarbinoosiifi Illeeniin qofti beekaan tokko morma Illeenii irra jira, isan siif fida fuutee Tarbinoositti agarsiiftee akka ishee wajjin ciiste itti himta,” jette Innis yaada kanatti gammade. Innis, “Daldaltoonni dhufanii jiru qophaa’aa” jedhee iyyuu eegale. Gargaartuun sunis yeroo sana ol deebitee Illeeniidhaan, “Daldaltoonni dhufan ka’ii dhiqadhu urgooftuus dibadhu,” jetteen. Isheenis “Maal yeroo biraa situ na dhiqa mitii,” jettee dhugaa seetee dhiqachuuf kaate.
Yemmuu dhiqattus hidhannoo morma irraa sana bakka dhiqattetti irraanfatte. Hojjettuun sunis fuutee namichaaf dallaa irraan darbiteef. Innis kudhaama mallattoo fannoo of irraa qabu sana fudhatee ka’ee gara Tarbinoositti deebi ‘e. Tarbinoosiin, “Kunoo haadha warraa kee wajjin ciiseen dhufe,” jedheen. Innis amanuu dide. Achumaan namtichi, “Kunoo inumaayyuu na jaalattee kudhaama kana naaf kennite,” jedhee sobee kudhaamicha hojettuun (mallattoo fannoo kan jedhus jira) Illeenii kenniteef sana Tarbinoositti agarsiise. Tarbinoosis kudhaama fannoo qabu sana isaafi ishee qofatu beeka waan ta’eef yemmuu argu dhuguma se’ee ofitti aaree; ni na’es. Akkuma jecha isaatti qabeenya isaa hunda daldalticha wajjin jiru sanaaf kennee harka duwwaa manati gale.
Yemmuu manatti galus bifti isaa gurraacha’ee, garmalee gaddee agarraan haati warra isaa Illeeniin, “Maal taate?” jettee gaafatte. Isheen baay’ee yaaddee eegaa turte. “Dur yoo galtu ni taphatta ture har’a maal taate?” jetteen. Innis, “Danbaliin ka’ee meeshaa kiyya hunda balleesse akkamiin hin aariin naan jetta,” jedheenii sobe. Isheenis dhugaa seetee, “Maaloo hin aariin haa
badu ati fira 50 yoo qabaatte, anis fira 50 yoon qabaadhe liqeeffannee daldallee bakka duraatti deebina,” jetteen. Wangeelas waan beektuf, “Waaqayyoo kan siif kenne yoo sirraa fudhate hin aarin” jetten.
Innis akka hiriyaa isaa waijin ciifte osoo itti hin himiin kan garaa isaa garaatti qabatee, “Biyyan kabajametti salphadhee taa’uu hin qabu baduun qaba,” jedhee baduuf ka’e. Isheenis, ‘Guyyaa gammachuu kee si faana dabarsee
guyyaa gaafa gaddaa fi rakkoo kee si biraa hafuu hin qabu,” jettee wajjin deemuuf kaate. Innis saanduqa dheerina hojjaa isheetiin hojjechiisee gaalatti fe’e gara bishaan galaanaa jiru cinaatti geesse. Achumaanis galaana irratti
saanduqa sana keessa godhee, “Osoon si amanuu na gantee nama biraa wajjin ciifte,” jedheen. Isheenis, “Maaloo akkas gonkuma hin raawwannee,” jettuuniis dhagahuu dide. “Kunoo mallattoon ani siif kenne kan aniifii ati qofti
beeknu akkamiin harka nama biraa bira gale ree?” jedhee mallattoo fannoo sana itti agarsiise. Innis, “Hojii badaa kana hojjette taanan Waaqaayyo si hin baasiin, hin hojjene yoo ta’e si haa baasu,” jedhee ishee bishaanirratti gate jalaa sokke. Yemmuus isheen Waaqayyotti boossee wareega Waaqayyoof wareegde. “Yoo bishaan kana keessaa na baafte ani fannoo kee isa bade sana gidiraa guddaadhanis ta’u barbaadeen arga,” jettee garaa isheetti Waaqayyoti himte. Danbaliin bishaaniis ishee fuudhee asii fi achi raasaa oolee biyya mootiin Roomaa qunisxaa (konsitaandiyoos) jedhamu bulchutti gate.
Namoonni galaana cinaatti qurxummi qaban saanduqicha arginaan (eegdotas jedha) saanduqni kun maal laata jedhanii itti fiiganii baasan. Yemmuu bananii ilaalanuu dubartii bareedduu dha. Isaan garuu qarshii daldaltoota jalaa danbaliin fudhate se’anii itti fiigan ture. Isheenis bareedduu waan tunef hundumtuu fuudhuuf irratti wal lolanii. Boooda garuu, “Mootii geessuu qabna,” jedhanii mootichatti kennan. Mootichis yemmuu argu bareedina ishee waan jaalateef fudhuuf karoorfate. Baatii 6’f masaraa keessatti waan gaarii akka nyaattee dhugduu fi urgooftuu gaariis akka dibattu erga godhee booddee ishee fuudhe. Isheenis dhaloota kiristoos booda bara 258 ti Qosxenxiinoos deesse. Isheenis ilma ishee waa’ee kiristaanummaa daa’imumma isaa eegaltee ni barsiifti ture. Erga ilmi ishee abbaa isaa bakka bu’ee Mootii ta’ee Roomaa akkuma jirutti of jala galchee booda mootittii Illeeniin wareega fannoo baasuu sana raawwachuuf bara 321 gara Iyyarusaaleem deemte. Yemmu achi geessus iddoon fannoon itti awwaalame nama itti himu dhabde.
Boodarra manguddoo Kiraakoos jedhamu tokko argatte inni malaan itti hime. Kana booda daamotii hiitee, ixaana baay’ee itti naqxee kadhaa eegalte. Kunis Fulbaana 16 ture. Aarri daamotii fi ixaanaas xiyya hojjetee bakka fa nnoon
gooftaa jirutti sagadee. Isaanis, bakka xiyyaan aaraa itti agarsiise sanatti
Fulbaana 17 qotuu eegalamee Bitootessa 10 ni ba’e. Yoo ba’us kan namoota gooftaa waliin fannifamaniis jira ture. Isaan keessaa fannoo gooftaa addaan baafachuuf nama du’e irra yoo kaa’an du’aa ni kaase, ija ni bane, kan dhibamaas ni fayyise.
Sana booda fannoo gooftaa fuudhanii kabajanii golgootatti bataskaana itti ijaarsiftee fannoo gooftaa itti galchan. Isheenis fannoo akkuma baasifteen waggaa isaatti bara 328 DH.K.B waggaa 80’n isheetti boqoteetti. Ayyaanni yaadannoo ishees Caamsaa 9.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni ishees nu waliin ta’u. Ameen!

Mootii Solomoon

Solomon jechuun nageenyawaa jechuudha. Abbaan isaa Daawit haati isaa immoo Beersaabeedha. Mootichi Daawit isa booda kan mootii ta’u Solomoon ta’uu dubbateera. Kanas Beersaabeetti himeera. Yeroo namni biraa Daawit booda aangoo qabachuu barbaadetti raajaa Naataan Beersaabeedhaan, “Dhaqi maaf akkas taha jedhiin anis immoo si duuba dhufee dubbii kee siifan cimsa.” jedhee gara Daawititti erge. Isheenis Daawit bira seentee, “Maali maaf akkas ta’a,” jetteen. Battaluma sanatti Naataan duuba dhufee akkasuma jedhee dubbii Beersaabee kana cimseef. Yeroo kana Daawit Beersaabee waamee “Dhugaa Waaqayyoo ana booda ilma keetu mooti ta’a,” jedhee kakateef.
Guyyuma sana, “Dibaati moosisaa,” jedhee raajaa Naataan fa’a ergeera. Isaanis isa dibuudhaan moosisaniiru. Garuu Abeseeloom, “Solomoon reefu daa’ima,” jedhee ofiif of muudee mootii ofiin jedhee ture. Yeroo gara masara mootummaas dibamee deebi’utti Daawit Solomonirratti harka isaa fe’ee, “Mootichaaf murtee kenni,” jedhee kadhateera. Innis uummata kana dhugaan akka bulchu gorseeni. Solomoon yeroo sanatti nama waggaa 12 ture. Daawit Solomooniin, “Ilma koo nama ta’i” jedhee waan gorseef gorsa abbaasaa kana dhagahee Gabaa’onitti aarsaa dhiyeesse. Gooftaan aarsaa Solomoonitti gammadee Solomooniin maal akka
barbaadu gaafateen, “Ani kanan si kadhadhu qabeenya miti bahaaf gala koo kan hin beekne daa’ima waanan ta’eef laphee hubatu kanan uummata kana ittiin bulchu naa kenni!” jedhee kadhateera. Gooftanis kan kadhattes kan hin kadhatiinis siif kenne jedheeniira (1Mot 3:4)
Mootii ta’ee murtee inni ogummadhaan guutamee dabarse keessaa tokko kana. Guyyaa tokko dubartoonni lama mana tokotti halkan tokkotti daa’ima dahanii tokko osoo raftu irra gara galtee daa’ima ishee waan ajjeefteef ishee kan biraa sana jalaa hattee of jala goote. Haati sun immoo yoo hirribaa kaatu mucaan kan ishee akka hin taane barte. Kana irratti wal lolanii dhufani nuuf murteessi jedhaniin.
Lamanuu nutu dhahe jedhan. Yeroo kana mootichi daa’imicha bakka lamatti baafadhaa jedheen. Isheen haati dhugaa sun garaan hin dandeenye ture. “Lakki ishiif haa ta’u malee bakka lamatti adda hin hiramiin,” jette. Isheen kuun garuu tole jette. Kanaan, “haadha dhugaan kan ‘ilmi koo akka hin duune’ jette sanadha jedhee ishee dhugaaf murteesseera. Kunis, Israa’eloota biratti ni dhagahame. Abbaan isaa Daawit mana qulqullummaa ijaaru yoo barbaadetti inni akka hin dandeenye ilmi isaa garuu akka ijaaru itti himamee ture. Solomoonis gooftaan ogummaa isaa ibseefii mana Waaaqayyoof ijaareera. Kadhannaas achinatti taasiseera. Waaqayyos nama achitti kadhatu akka maaruuf waada galeeraaf. Mana qulqullummaa kanas waggaa 20 keessati xumureera (2Seenaa baraa 8). Bara 586 Dh.K.D Silminaasoor mana qulqullumaa kana diigeera.
Booda garuu Solomoon Waaqayyoon mufachiisuu eegale. Kan dubartii heddu, jaalatu ta’e. Haadha mana 700 fi sanyoo 300 godhate. Dubartoonni kunis hanga waaqharkee isaaniif sagaduu gahutti laphee isaa jalaa fudhatan. Gooftaanis, “Ilma keerratti motumma kee bakka lamattan addaan baasa” jedhee adabeera. “Mooticha Daawitiif waadaa waanan seeneef si irratti wanta hamaa hin fidu,” jedhe (lMot 16).
Boodas gaabbii galee dhiifama erga gaafateen booda dhalatee wagga 52tti boqote. Waggaa 40 Israa’eliin bulcheera. Kitaabota hedduus barreesseera. Ayyaanni yaadannoo isaas Waxabajjii 23 dha.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!