Ergamaa Qulqulluu Uraa’eel
Jechi Uraa’eel jedhu jechoota lama ‘Ur’ fi eel’ irraa kan dhufe yoo ta’u, Gooftaa Ifaa jechuudha Akka barsiisa mana amantaa Ortodooksii Tawahidootti,
ergamoota hangafoota 7’n keessaa tokko, qulqulluu Uraa’eli.
Qulqulluu Uraa’eel
• Bakakkaafi
• Calaqqisa irratti kan muudameedha.
• Callaqqisa nagaaf akka ta’u ni bobbaasa Kitaaba Henok 6:2.
• Qulqulleettiin dubroo Maariyaam yemmuu gara Misraatti godaantu kan karaa masakaa/qajeelchaa tureedha.
• Ergamaa Qulqulluun kun, haati keenya qulqulleettii Dubroo Maariyaam yemmuu lubbuun jirtutti, gara samiitti fudhatee jalqaba Jannata boodas, mana hidhaa daawwachiseera. Kanarraayis kan ka’e, haati keenya yeroo hunda warra cubbuu hojjetaniif kan boossu kan kadhattu taatee jirti. Yeroo isheen baqattuttis, gara Itiyoophiyaa masakee fideera. Biyya kennaa ishees akka taatu itti agarsiiseera.
• Kan hanqinni beekkumsaa mudateef kan akka Izraa Suutu’eeliif, xoofoo kan obaase qulqulluu Uraa’eli.
• Yeroo Gooftaan fannifamuttis, dhiiga isaa addunyaa hundarratti kan facaase isadha.
• Abbaa Giyoorgis isan Gaasicccaafi abboota biro hedduu xoofoo beekkumsa yookiis laphee obaaseera.
Ayyaanni isaas waggaattis al sadi ni kabajama.
• Amaijii 22 kan itti muudame.
• Bitootessa 27 kan dhiiga Gooftaa addunyaa kanarratti facaasefi
• Adoolessa 22 manni kiristaana isaa kan itti kabajameedha.
Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni ergamaa qulqulluu Uraa’eel nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti Ameen!