Luba Melkeseedeeq

Melketseedeq jechuun mootii nagaa/tolummaa jechuudha. Akaakayyuun isaa Nooh. Nooh ilma isaa Seemiin, “Kaam irraa namni gaariin dhalateera dhaqii lafee Addaamiifi meeshaalee adda ta’an kana akka eegu godhi” jedhee itti hime. Meeshaaleen addaa kunis Ergamootni qulqulluu Mikaa’el, Qulqulluu Gabri’eel, Qulqulluu Rufaa’el Jannataa fidanii kan Addaamiif kennan boodas warri baha biiftuu sadan yemmuu Gooftaan dhalatu kan harka fuudhaa kennan Warqee, Ixaanaafi Qumbiin achirraa kan dhufeedha. Seemiis Melkeseedeeqin dhoksaadhaan fudhatee gara Golgootaa qajeelcha ergamaatiin geesse. Malkeseedeqis firaan adda bahee mataa hin haaddatu, quba(qeensa) hin qoratu, foon hin nyaatu, daadhiis hin dhugu ture.
Wayiniifi qamadiin aarsaa dhiyeessi jedhamee waan tureef aarsan inni dhiyeessu kan wayiniifi qamadiiti ture. Innis lafee abbootaa kan eegu ta’e. Yemmuu Abrahaam mootota Kolodogomor shanan moo’atee dhufu isatu simate. “Melkeseedeeqmootin Saaleem lubni Waaqayyoo olaanaas Abrahaamif hibistiifi daadhii wayinii fide. Isa eebbises. Abrahaam immoo wanta hundumaa irraa harka kudhan keessaa tokko isaaf ni kenneef (Uum. 14:17; Ibr.7:1).
Kana booda namoonni mootii nuuf ta’i jedhaniin. “Kan Waqaayyo akkan eeguuf natti kenne dhiisee hin deemu” jedhee dide. Garuu yemmu wal lolan ni araarsa, murtee isa dhugaas ni kenna waan tureef mootii nageenyaa jedhaniinii jiru.
Lubummaan Melkesedeeq kan kennameef Waaqayyo irraayi. Lubummaan isaas fakkeenya lubummaa gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Faar.110:4. Lubummaan isaallee kan Aarooniin akka caalu barraa’eera (Ibr.5:6-10; 6:20; 7) Jireenyi bara isaa jalqabaa akkuma hin beekamne jireenyi bara isaa dhumaas hin beekamne. Guyyaa kanatti dhalate guyyaa kanatti du’es wanti jedhame hin jiru.
Qulqulluu Phaawuloosis yoo isa ibsu, “Inni haadhafi abbaa hin qabu yookiin hidda dhalootaa hin qabu, jalqabaa fi dhuma hin qabu garuu akka ilma Waaqayyoo bara baraan luba ta’ee jiraata,” jedheera
Qulqulluu Phaawuloos ammas dabalee, “Egaa Abrahaam abbaan qomoo wanta booji’e keessaa kudhan keessaa tokko erga tokko isaaf kennee Melkeseedeeq kun guddaa attamii akka ture kanaan ni argitu?” jedha. (Ibr.7:4)
Haala filannoofi guddina isaa ibsuuf malee, sanyii isaarrayis adda ba’ee jiraachuu isaa ibsuuf malee namni sanyii Addaam irraa hidda latiinsa hin qabne hin jiru.
Gosa Kaam irraa akka dhalate, abbaan isaas Qaayinaan (Kennaa)akka ta’e abbootni mana kiristaanaa keenya ni barsiisu.
Ayyaanni yaadannoo Luba Melkeseedeeqis Qaammee 3.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *