GALATA ERGAMOOTAA
- Ergamoonni golgaa keessattiMaariyaamiin “Haddaas xaa’iwaa galanni siif haa ta’u” jechaa
ishee galateeffatu. Ergamaan Maariyaamiin “jecha fudhadhu” jedhe “gara kee ni dhufa garaa keettis ni bula”
akkamitti mana hiyyeessatti bula? Akkuma hiyyeessaattis samiirraa bu’ee amalummaashee, amalummasaa taasifatee dhalate.
- Ji’a ja’affaattis Gabri’eel ergamaan Waaqayyo Abbaa biraa ergamee gara biyya Naazreet Galiilaa jedhamtu, gara dubroo Yoseefiif
kaadhimamtee jirtu tokkotti, maqaan dubroo kanaas, Maariyaam jedhamti. Ergamaan gara isheetti seenee akkana jedheen. “Waaqayyo foon kee irraa foon lubbuu kee irraa lubbuu fudhatee waan sirraa nama ta’eef gammachuun siif ni ta’a, ati
dubartoota keessa kan eebbifamtedha.” Sagalee dhageesserraan kan ka’e naatee akkana jette, “Harka fuudhiin galata akkasii akkamitti naaf ta’a?” Ergamichis akkana jedheen “Yaa Maariyaam hin sodatiin Waaqayyoo
bira ulfina argattetta, kuno ni ulfooftaa Ilmaas ni dessa maqaa isaas Iyyesuus jette ni moggafta, Innis Ilmaa Waaqayyoo jabaa jedhama.
Waaqayyoos teessoo Daawit, kan Abbaasaa ni kennaaf, Innis lammii Yaa’iqoobi irratti bara-baraan ni mo’aa, Mootummaansaa dhuma hin qabu”
Maariyaamis Ergamichaan kun waan dinqiidha akkamitti naaf ta’a jette? Ergamichis deebisee akkana jedheen, Afuurri qulqulluu si eega, Humni Waaqayyoos sirra ni bula, kan sirraa dhaltu kunis sadan qulqulluu keessaa qulqulluu isa tokkodha kunoo lammii kee kan taate Elsaabexi osoo dhabduu taatee jirtuu dulluma keessa ulfooftee Ilmaas argatte.
Erga ulfoftees kunoo ji’a ja’a ta’e. Waaqayyof wanti dadhabamu hin jiru’oo.” Maariyaamis Ergamichan “Akkuma jecha keetii naaf haa ta’u ani Waaqayyoof garbiittisaati” jette.
- Gabri’eel Ergamaan,
“Yaa Dubroo Maariyaam
Ulfinniifi galanni siif haa ta’u.
Waaqa kan deesse
Galanni siif haa ta’u.
BultooWaaqayyoo waan taateef
Galanni siif haa ta’u
Godoo /dunkaana/ miidhagde waan taateef
Galanni siif haa ta’u
Obboleettii Ergamootaafi haadha saba hundumaa
Galanni siif haa ta’u
Giiftii hundumaa Maariyaam
Galanni siif haa ta’u
Haadha nageettii Maariyaam
Galanni siif haa ta’u
Waaqayyoo bultoosaa akka taatuuf waan si filateef
Galanni siif haa ta’u
Koochoo gugee warqeefi meetiidhan miidhagde waan taateef
Galanni siif haa ta’u
Cinaachikee lalisaa warqeedhaan kan midhage
Galanni siif haa ta’u
Haadha ifaa balbala bahaa
Galanni siif haa ta’u
Aduu irra harka torba kan iftu ulfini kees hundumaan ol kan ta’e
Galanni siif haa ta’u
Yaa Maariyaam kan filataman keessaa kan filatamte;
Galanni siif haa ta’u
Kan kabajaman keessaa kan kabajamte
Galanni siif haa ta’u
Gooftaafi Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoos irraa nuuf kadhadhu, akka nu fayyisuuf galata Abbaasaatiin Ergamoota qulqullaa’oo waliin yeroo dhufutti; qulqulloota karaa mirgasaa
Cubbamoota karaa bitaasaa yeroo dhabuu, nuunis wareegamaa Isxfaanoos Yohaannis Cuuphaa wajjin Qulqulootaafi Wareegamtoota hundumaa waliin akka nu dhaabuuf nuuf kadhadhu. Cubbuu keenyaas akka nuuf dhiisuuf bara-baraan Ameen.
yoosaad.com/orthodox