All posts by admin

Zakkaariyaas

Zkkaariyaas jechuun ‘Waaqayyo ni yaadata’ jechuudha. Ilma Barakiyuu kan ta’e Dh.K.D bara 520 kan jiraatedha. Raajicha Haagee waliin mana qulqullummaa ijaarsa isaa akka xumuran kan kakaasedha (Izra. 5:1). Dubbiin raajii isaas waamicha gara Waaqayyoo deebi’aa kan jedhu keessatti argama. Raaja Zakkaariyaas yeroo hedduu waa’ee gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos raajii dubbateera. Kanneen keessaas muraasni. (Zak. 6:12, 9:9, 11:13, 12:10, 13:7)
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Haagee

Haagee jechuun “gammachuu koo” jechuudha. Bara 520 Dh.K.D Yihudoota Iyyarusaaleem jiranitti raajii dubbateera. Isaan erga boojiidhaa deebi’anii booda mana qulqullummaa ijaaruuf eegalanii turan. Mormiin warra Saamraawiyaanotaa irraa waan isaan dhaqqabeef garuu addaan kutaniiru. Kunis osoo hin xumuramiin waggaa 16 ta’e. Raajichi Haageenis namoonni mana qulqullummaa akka ijaaran isaan kakaasaa tureera.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti; Ameen!

Sirnaa Gaa’elaa (Fuudhaafi Heerummaa)

SIRNAA GAA’ELAA
Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura qulqulluu Waaqayyoo tokkoon, Ameen! Maatiiwwan Waaqayyoo nageenyi Waaqayyoo, araarsumaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam bakka jirtaan biyya jirtaan hundaatti isiniif haa ta’u. Galanni Waaqayyof haa ta’u. Anis kunoo nagaa kootti. Hundumtii keessannis nagaa keessan jedhee nan abdaadha.
Maatiiwwaan Waaqayyoo barreeffamni har’aa yoo xiqqoo ishee kan dheeratu fakkaates garuu osoo hundii keessan dubbistani fiixanii akkasumaas hiriyoota keessan biroo qoodani natti tola. Gaaffin waa’ee gaa’elaa hundaa keenya kan ilaalattudha. Nutti gaa’ela akkamin fuudhu/heeruma akka barbaannu illee kan keessatti of ilaalu dandeenyudha. Barreeffama kana keessattis jalqabii gaa’elaa, barbaachisummaa gaa’elaa, raawwii sirna gaa’elaafi kennaan gaa’elaan argamaan maalfaa akka ta’aan ilaala. Hangaa dandeessan dubbisaa.

Gaa’eli kan jalqabame abbaa fi haadha ilma namaa hundaa Addaamiifi Hewaan gidduuttidha. Kan bu’urees hundaa’ol kan ta’e Waaqayyo uuma keenyadha. Waaqayyo qofummaa Addaam ilaalee
=> Namni qofaa isaa ta’uun gaarii miti jechuun gargaartu mijattuu (gaari) akka taatuuf cinaacha isaarra lafee tokko fuudhee Hewaaniin uumeef jedha. (Uma.2: 18-22).
=> Addaamis ishee uumamteef haadha manaa (niitii) isaa akka taatuuf ni jaalate isheen dhirarraa argamteetti, kanaaf dubartii yaa jedhamttu jedhe.(Uma 2:25)
Sirni fuudhaafi heerumaa seera qabeessa Addaamifi Hewaan giddutti jalqabame kun dhaloota irraa gara dhalootatti yemmu darbu namoota hedduu biratti heera fi sirna isaa eeguu dhiisullee warreen seera Waaqayyootti jiraatan biratti kabajaan eegamee tureera.
Bara Abbootii kan ture gaa’elli Noohii kan eebbifameedha. Maalif yoo jenne inni kan hin ejjine, seera gaa’elaa waan eegef badii bishaani jalaa hafeera. (Uma.7:9). Akkasumas kan Abrahamiifi Saaraa, Yisahaqfi Ribqaa, Yooseffi Asneet gaa’ela eebbifamaa ture.
Bara boodattis Gaa’elli qulqulluu Iyyaaqeemfi qulqulleettii Haannaa haadha Ifaa, kan Zakkaariyaas fi Eelsaabeexiin Yohannis Cuuphaa, Yishaaqifi Kiristiinaa Qulqulluu Yaareediin kan argamsiise gaa’ela qulqulluu dha.

BARBAACHISUMMAA GAA’ELAA
Gaa’elli fedha namaatiin osoo hin taane, fedha Waaqayyoon waan dhufeef (bu’urameeF); irra caalaattuu Gooftaan keenya cidha Qaanaa Zagaliilaa iRratti argamee hojii dinqii isaa jalqabaa waan raawwateef, Gaa’elli qulqulluudha jenna. Kananarraa ka’uun Abbootiin Qannoonaa Bataskaanatti “Nuti gaa’elli qulqullu akka ta’e, xurii akka hin qabne ni dubbanna.” jedhu.
Gababaa dhumaatti gaa’elli kan bu’urameef kaayyoo gurguddoo sadii(3) qaba.

  1. WAL-GARGAARUUF
    => (Uma.2: 18) “Namni qofaasaa ta’uun gaari miti, kan itti toltu gargaarttu yaa umaamnuuf” jechuun Waqayyoo kan dubbate walgargaarsa ibsa.
    Wal-gargaaruu yemmu jennu maatiisaanii (Gaa’ela) isaanii keessatti itti gaafatamummaa qixa qabaachuun jireenya foonii irraattis ta’ee jireenya afuuraa irratti qaamni jabina qabu isa laafee jiru (isa dadhabe) akka gargaaruu qabu ibsa.
  2. SANYII BAKKA BUUSUUF (AKKA WAL-HORANIIF)
    => uMA. 1:28 Baay’adhaa wal baay’isaa lafa (ardii) guutaa” jechuun Waaqayyoon kaayyoo nama dhiiraafi dubartii taasisee uumuun ibseera.
    => Faar. 127:3 “Haadhi manaa kee mana keessatti akka Waynii firii buuftuu; ijoolleen kee naannawaa (marsaa) gabataa nyaataa (maaddii) keetti akka biqila (calee) ejersaati. Kunoo namni Waaqayyoon Sodaatu (kabaju) akkanattis eebbifama jedha.
  3. EJJUURRA (SAGAAGALUU IRRAA) OF EEGUUF: Kun immoo kan ibsu fedhii foonii keenya fedha lubbuuf bichisiisuu yemmuu dadhabne waan gara ejjuutti nu galchuuf, miidhaa kana jalaa bahuuf gaa’elli barbaachisaadha.
    => 1Qor.7: 1-7 miidhaa ejjuutiif jecha wal fuudha; fedhii fooniin gubachuu mannaa wal fuudhuu wayya.
    Fedhiin foonii gaa’elaan raawwatamu xiinsammuunis ta’ee miirawaan fedhii wal fudhannaa (walitti makamuu) argamsiisa Kanaaf amantaadhaan “Qulqulluu” jedhameera (Ibro. 13:4).

RAAWWII SIRNA GAA’ELAA
=> Hundumtuu haalaanii fi sirnaan yaa ta’u .(1Qoro. 14:40)
Akkuma qulqulluun Phawuloos jedhe sirni gaa’elaa akaakuu callisanii akkuma fedhan saalli faallaa walii galan osoo hin taane heera mataa isaa
danda’een gaggeeffama. Fakkeenyaaf Kakuu moofaa keessatti
=> Firri wal hin fuudhu,
=> ormoota (kan amantaan wal hin fakkaanne) hin fuudhan ture ( Lak.18:6, 21:20, See.kee.7:3-4).
Kakuu haaraatti
=> Firummaan foonii yoo addaan fagaate malee wal hin fuudhan. (1Qoro. 5:1-5, 13.)
=> Waarsaa dhaaluun fuudhuun (heerumuun) dhoorkaadha. (Maar. 6:17) Maat.14:1-12 Yohaannis cuuphaan kanaaf wareegamame.
=> Amantaan kan wal hin fakkaaannen wal hin fuudhan. Garuu Qulqulluu Phaawloos akkuma jedhe qaamni hin amanne baratee gara amantaatti kan dhufu yoo ta’e ni danda’ama.
Kanaan alatti kan dhoorkameedha. Gaa’elli jaalala Kiristoos irraa addaan nu hin baasu, kanaafuu gaa’elli Kiristoosiin hin eebbifamne akka ejjummaatti lakaawwama. (1Qoro.7:12-17)
Gaa’elli mana amantaan kaayyoon isaa kan raawwatamuuf tokko ta’ullee raawwiin isaa bifa lamaan (2) geggeeffama.
1) Gaa’ela taklilii
2) Gaa’ela qurbaana jedhamuu.

1) GAA’ELA TAKLIILII
Taklilii jechuun “Gonfe, kabaje” jechuudha. Iccitii Taklilii kan jedhameef namootni (missirroo fi misirrittiin) dubrummaafi qeerrummaa isaanii eeganii, barumsafi gorsa abbaa gaabbii isaaniitiin turanii, cubbuu dalaganiif qalbii jijjiirratanii seera mana kiristaanaa isaanii guutanii kan argaman manni kiristaanaas sirna barbaachisu hunda rawwatteefii eeyyama Waaqayyootiin kan ittiin tokko ta’an Taklilii dha. Takliliin Sirna gaa’elaa waadaa misirrootaa kadhannaa lubootaan geggefamu yemmu ta’u sirna fuudhaafi heerumaa seera qabeessaafi diigamuu hin danddeenyedha. Sirni kunis gonkumaa dhugaa kan ta’u yeroo Qurbaana
Qulqulluun (fooniifi dhiiga isaatiin) guduunfamu qofadha. Warreen wal fuudhan lameen tokko kan taasisu Foonifi dhiiga Gooftaa waan ta’eef. dhumni iccitii Takliliis sirna kadhannaa qiddaaseeti.
Sirni gaa’ela takliilii warreen durbbumma foon isaanii eegan qofaaf raawwatama. Kan raawwatamu mana kiristaanaa keessatti qurbaanaafi qiddaaseenidha.
Cidha qaanaa Galiilaa irratti Gooftaan argamee akkuma eebbise abbootiin heera eebbaafi kadhannaa qiddaaseetiin raawwatu. Agnaxiyoosfi Xarxuuliis waa’ee gaa’elaa yemmu dubbatan “Gaa’ella takliilii Phaphaasiin mana kiristaanaa hin beekne gaa’ela osoo hin taane ejjuudha.” jedhu.
Haqa. Af. 24.Boqonnaa 5 .Waa’ee taklilii sirriitti dubbata. Misirroon firoottan isaa wajjin karaa kaabaa, missirrittiin immoo firoota ishee wajjin kibbaan dhaabatu.
Dura ta’aan Diyaaqonii fuldura mana qulqullummaa gara dhihaatti afaa afuun, teesso, goonfoo, uffata adii qopheessaf.Dibata qulqulluus lubichatu dhiheessa. Kanatti aansuun
=> Lubootni sirna Taklilii geggeessuuf.
=> Wangeellifi fannoon fuuldura isaanii taa’a.
=> Sirnichaaf meeshaaleen qulqulluu barbaachisan hunddi ni qophaa’u.
=>Uffannafi meeshaalee hunda irratti kadhannaan ni geggeeffama.
=> Yeroo gammachuus ta’ee gaddaa wal cina akka dhaabbatan waadaa waliif galu.
=> Misirroonni /aruzootni qubeellaa waaliif hidhu.
=> Kadhannaan kitaaba takliliirra ni geggeeffama.
=> Misirroonni meeroniidhaan dibamu.
=> Foonifi dhiiga Gooftaatiin guduunfamu.

2) GAA’ELAA QURBAANAA
Namoota durbbummaa (dingilinnaa) foonii isaani dhaban gorsa abbaa gaabbii isaaniin yoo gaabbii galuun sirnii gaa’elaa mana ammantatti ni raawwatamaaf.
=> Kadhannaan qophaa’e ni gaggeessamaaf,
=> Waadaa waliif galu,
=> Qubeelaa waadaa waliif hidhu.
=> Dhumarratti qurbaanaan gaa’ela isaanii raawwatu. Sababni isas kaayyoon gaa’elaa tokko gochuu waan ta’eef fooniifi dhiiga Gooftaan guduunfu.
=> Gonfoon hin godhamuuf
Sirni kun warreeen hadhi warraa (abbaan warraa) du’anii lammata fuudhaniif ni ta’a. Garuu lubootaaf hin hayyamamu. (Kan sababa ejjuun adda bahaniifis ni ta’a. kunis kan godhamuuf mana kiristaanaa rakkina ijoollee ishee kamiifuu furmaata qopheessuun sababa kanaan uummatni ishee akka abdii kutanii hin banne eegdee barsiistee waan barbachisa ta’e hunda akka ruwwattuufidha.

KENNAAWWAN GAA’ELAAN ARGAMAAN
A) Tokkummaa (makummaa): Namootni qaama lama turan akka laphee tokkootti yaaduun jecha tokko kan ittiin dubbatan iccitii gaa’elaa dha.
=> Foon tokko malee gara fuul-duraatti lama hin ta’an Waaqayyo kan walitti hidhe namni gargar hin baasu.”(Maat. 19:6)
B) Jaalala dhugaa fulla’aa ta’e
Bu’uurri jaalalaa dhugaa amantaadha (Kiristoosi). Gaa’ela keessatti qabeenyi guddaan jaalala dhugaafi fulla’aa ta’eedha. Jaalala dhugaan jiraannaan gaa’ela keessatti nageenyi wal danda’uu baay’ee jiraata. Abrahaamiifi Saaraan jaalala gaariin jiraatan jaalala isaanii Waaqayyoon waan raawwataniifi.
C) Firii Eebbifamoo (Ijoollee)
Gaa’ela eebbifamaa irraa firii (ijoollee) eebbifamootu argama. Fkn. Abrahaamiifi Saaraa irraa Yisihaaqitu argame.
=> Ijoolleen kennaa Waaqayyooti” akkuma jedhu. (Faar. 126:3)
Hub: Namni haadhi warraa isaa jalaa duute si’a sadi fuudhuu ni danda’a. Luba yoo ta’e garuu tokko iyyuu hin danda’u.

Warra fuudhanniifi heerumanii jiraan Waaqayyoon bultii isaanii isaaniif haa eebbisuu, Warreen si achiif fuudhafi heerumaaf jiraan hundaaf immoo waaqayyoo bultii gaarii ta’ee haa kennuuf. Hanga bara baraatti, Ameen!

Sofooniyaas

Sofooniyaas jechuun ‘Waaqayyo dhoksee’ jechuudha (Sof.2:3). ‘Waaqayyo kabaadha’ jechuudhas. Hizqiyaas akaakayyuu isaati. Sofooniyaas Yihudaa qofa irratti osoo hin taane murtee biyya lafaa irratti dhufuuf jirtu hunduma dubbate. Kan jiraates bara 640-609 Dh.K. D dha. Waa’ee gammachuu Iyyaruusaaleem ishee haaraas raajii dubbateera (Sof. 3:9).
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa
araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Inbaaqoom

Inbaaqoom jechuun ‘beekaa, hayyuu’ jechuudha. Dhaloonni isaa qomoo Simi’oon keessaati. Shuummoo affeelee warra haamaaniif laaqana yoo deemu ergamaan Waaaqayyoo, “Wanta qabatte deemtu kana Daani’el isa boolla keessatti gatameef gara biyya Baabiloonitti geessi,” jedheen. “Daani’eel eessa? Baabiloon immoo hin beeku,” jedhee ergamichaaf deebise. Ergamaan rifeensa mataa isaa qabee geessee boollicha raajichi Daani’eel keessatti darbame osoo hin baniin seenee nyaachisee osoo hin baniin bahe gara biyyaatti deebi’eera. Israa’elootas barsiisaa tureera. Innis Waaqayyo Teemanii ni dhufa, qulqullichis tulluu Faaraanii biyya Yihudaatis,” jedhee raajii dubbateera. Kan raajii dubbachaa tures bara 609-606tti Dh.K.D.
Ayyaanni yaadannoo isaa Caamsaa 24 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!33

Yoonaas

Yoonaas jechuun ‘gugee/garraamii/’ jechuudha. Innis kan jiraate bara Iyyoorbi’aam lammaffaati. Iyyoorbi’aam Sooriyaanota ari’ee akka daangaa Israa’el deebisu raajii dubbateera. Sagaleen Waaqayyoo, cubbuun jiraattota magaalaa Nanawee baay’achuu isaa agarraan gara raajicha Yoonaas dhufe. Sagaleen Waaqayyoo Yoonaas magaalaa Nanawee dhaqee akka lallabu itti hime. Yoonas garuu amala namoota biyya sanaa waan beekuuf magaala Nanawee dhaquu dhiisee gara Tarsees iddoo jedhamutti Waaqayyoo jalaa baqachuuf ka’e. Doonii gara Tarsees geessus yaabbatee gara tarseesitti qajeele.
Yeroo kana Waaqayyo danbalii hamaa galaana irratti akka ka’u ni godhe Dooniin raajichi Yoonaas fa’a yaabbatanis gamanaafi gamas raafamtee caccabuuf geesse. Hundumti isaanii sodaatanii iyyan. Akkuma isaanittis waaqa isaanii waaman. Ba’aan akka isaan irraa hirdhatuufis meeshaalee qaban hunda gara bishaaniitti baasanii darban. Yemmuu kuni hundi ta’u Yoonaas gara keessa doonichaatti hirribni hamaan fudhatee of gatee rafaa ture. Qajeelchaan doonichas gara Yoonaas dhufee, “Atihoo of gattee rafteetta! Ka’iiti akka hin banneef Waaqa kee waami ” Jedheen. Isaanis wanti hamaan kun saababa eenyuun akka nu argate koottaa ‘ carraa haa buufnu jedhanii yemmuu carricha buusan ba’e. Isaanis yemmuu sana Yoonaasiin, “Wanti hamaan kun akkamiin nu argate? Eessaa dhufte? Maal hojettas, biyyi kees eessa,” jedhanii jabeessanii gaafatan. Innis, “Ani biyya Hibruuti. Waaqa lafaafi galaana kana uumen waaqeffadha” jedheen.
Kanaafis, maal akka balleese gaafatan. Isaanis, “Kunoo danbaliin nu balleessuf ta’a maal wayya,” jedhanii isa gaafatan. Innis “Balleessaan kuni hundi kan isin argate sababa koon waan ta’eef gara galaanatti na darbadhaa,” jedhe. Isaan garuu jabeessani yabalanii ba’uuf yaalanille hin dandeenye. Booda garuu “Yaa Waaqayyoo ati akka barbaadde godhi! Situ beeka, cubbuu namicha kanarraa nu qulleessi,” jedhanii fuudhanii bishaanitti Yoonaasiin darban. Yemmuu kana danbaliin ka’aa ture ni dhaabate.
Waaqayyo immoo qurxummii guddaa Yoonaasiin akka liqimsuuf ni qopheese. Yoonaasis guyyaa sadiifi halkan sadii garaacha qurxummii guddaa sana keessa lubbuun isaa osoo hin ba’in bule. Yoonaasis garaacha qurxumichaa keessa taa’ee galata Waaqayyoof ni dhiheessa ture. Waaqayyo immoo kadhannaa isaa ni dhagahe gara dachee gogaatti baasee akka Yoonaasiin tufu Waaqayyo ni ajaje. Yoonaasis qurxumicha keessaa tufamee gara lafa gogaatti ni bate. Sagaleen Waaqayyoo ammas yeroo lammaffaaf gara Yoonaas akkas jdhee itti ni dhufe. Akkanas jedheen, “Yoonaas ka’iiti gara magaala guddittii Nanawee deemi! Waanan ani siin jedhus lallabiif,” jedheen. Yoonaas akka Waaqayyoon abboomametti ka’ee gara Nanawee ni adeeme. Nanaweenis magaalaa guddoo keessi ishees guyyaa sadi deemsisa ture. Yoonaasis, “Nanaween guyyaa sadi booda ni baddi ni garagalti,” jedhee lallabuu eegale. Uummanni Nanawees Waaqayyotti ni amananuun sooma labsa. Xiqqaa hanga guddaatti akka sooman ni ta’e. Mootiin biyya isaanillee dubbii kana ni dhagahe. Innis teessoo isaa irraa gadi bu’ee uffata bututtuu uffatee daaraa irra ni ta’ee ni gadde. Innis labsii ni baase. “Namni hundi loowwan illee osoo hin hafiin bishaanillee akka hin dhugne, hundi isaa gara Waaqayyootti haa iyyu,” jedhe. Waaqayyo immoo deebi’uufi gadduu isaanii ilaalee ni mararfateef, fi balleessaa jedhe sanas osoo itti hin fidiin hafe.
Waaqayyo dhiifama warra Nanaweetiif kennuun isaa garuu Yoonaas hin gammachiifne ture. Innis, “Raajaa sobaa naan jedhan badiin isinirra ni gaha jedhee lallabeen ture. Osoo homtuu hin ta’iin yoo hafu namoonni raajaa sobaa naan jedhu” jedhee sodaatee lole. Gara Waaqayyoottis “Anas du’a naaf wayya amma na ajjeesi” jedhe. Yoonaasis magaalitti keessaa gara alaatti (cinaatti) ba’ee waan ta’uuf jiru mana godoo (kabaa) kaneenatee ilaala ture. Waaqayyos buqqee halkan tokkotti magarsee kabaa (godoo) Yoonaas gaaddiddeesse. Yoonaasis ni gammade. Yemmuu bari’u garuu buqqee sana Waaqayyo rammoo ishee nyaatu qopheessee ni gogse. Yoonaasiin ho’i aduu mataa isaa hadooche. Kanaanis, Yoonaas nyaatamun buqqee sun baay’ee isa marare. Yoonaasis yemmuu goguu buqqee sana argu ammallee du’a naaf wayya jedhe ofitti aare. Egaa Waaqayyo Yoonaas barsiisuudhaaf halkan tokkotti buqqee daraarse, booda immoo barii ni gogse.
Waaqayyos Yoonaasiin akkas jedhee komate, “Ati buqqee kanaaf na loltaa?” jedheen. Innis “Eeyyee,” jedhe deebiseef, Waaqayyos, “Atillee buqqee itti dadhabdee hin dhaabneef, buqqee halkan tokkotti daraarte waan dhabdeef na lolta, ani egaa uummata Nanawee kan bitaaf mirga isaa hin beekneef baay’inni isaas uummata kuma 120 ol kan ta’an kanaaf yoo isaan na kadhatan akkamittin hin naaneeree?” jedhee deebiseefi.
Soomaafi gaddi namoota Nanawee bara gooftaan fooniin lafa kana irra deddeebi’aa barsiisaa turetti illee yaadatameera. barsiisaafis yaadannoo kabajaatiin ooleera.
“Namoonni Nanawee guyyaa murtiitti dhaloota si’anaa wajjin ka’anii ni dhiyaatu. Ittis ni murteessisisu. Isaan lallaba Yoonaas dhaga’anii yaada garaa isaanii geeddarataniiru; amma garuu, kunoo, inni Yoonaas irra caalu as jira. (Mat. 12:41)”
Kakuu haaraa keessatti Yoonaas halkan sadiifi guyyaa sadii garaacha qurxummii guddaa keessa buluun isaa fakkeenya gooftaan keenyaa Iyyesuus Kiristoos ilma namaaf jedhee foon uffatee lafa kana irratti dhalatee fannifamee, lubbuu isaa dabarsee kennuun halkan sadiifi guyyaa sadii awwaala keessa bulee booda du’a moo’atee ilma namaa hundaaf fayyina badhaasuu isaa kan ibsu dha. Kunis wangeela irratti, komiin ka’eera, “Uummani kun mallattoo barbaadu innis mallattoo Yoonas malee hin kennamuuf” jedhameera.
“Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture hunda ilmi namaas akkasuma guyyaa sadiifi halkan sadii garaa lafaa keessa turuuf jira” (Mat 12:40).
Ayyaanni yaadannoo boqonnaa isaas Fulbaana 25 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

WAA’EE WAL-QUNNAMTII SAALAA

Akka seera barsiisaa mana amantaa keenya kiristaanna ortodooksiitti Wal-qunnamtii saalaa jechuun haadha manaafi Abbaa manaa gidduutti walqunnamtii ykn wal bartee taasifamu jechuudha. Wal qunnamtiin saalaa abdii Addaamiif kenname hordofee kan dhufedha! Seenaan isaa duraaniis akkasidha: Addaamii fi Hewaan seera Waaqayyoo erga diiganii booda dafqa isaaniitiin dadhabanii akka jiraatan itti murtaa’e.
Yeroo kana Addaam “waa’ee foon kootii natti himteetta; waa’een lubbuu kootii hoo akkam ta’a?” Jedhee gaafate. Waaqayyos Waaqa dhiifamaa fi kan nama jaallatu waan ta’eef guyyaa shaniif walakkaa(ykn waggaa 5500) booda samii samiirraa bu’ee; dhala dhala kee (Durbee Maariyaam) irraa dhalatee, qullaa bu’ee, reebamee; fannootti fannifamee, foonsaa kutee dhiigasaa dhangalaasee, du’ee du’aa ka’ee akka isa fayyisu waadaa galeeraaf. Jechi abdii sun hanga raawwatutti Addaam fi Hewaan du’a Fooniitiin du’a lubbuu, bu’uu boollaatiin bu’uu si’ool itti murtaa’ee yeroo hunda gaddaaf boo’ichaan jiraataa turan. Kanaa booda Waaqayyo Gooftaan keenya Addaamiin jechi abdii “dhala dhala kee irraa dhaladheen si fayyisa” jedhe sun akka raawwatuuf wal-qunnamtii saalaa raawwachuun dirqama waan tureef Addaam Hewaaniin wal-bare(በግብር አወቃት). “Addaam haadha manaa isaan wal qunname Qaayeniinis deesse.” Uma 4:1

Seenaa kanarraa wanti hubannu, walqunnamtii saalaa raawwachuun gama tokkoon fedha foonii dandamachuuf, kara biraan ammoo sanyii baay’isuufi dhaloota itti fufsiisuuf namoota gaa’elaan murtaa’aniif sirna hojjetamu ta’uu isaati. Kanarra kan darbe, Waaqayyo; dhiirriifi dubartiin akka wal barbaadaniif ogummaa inni ittiin walitti hidhe kan agarsiisu dha.
Kaayyoowwan gaa’elaa lamaan jechuunis
=> Wal gargaaruufi
=> Sanyii bakka of buusuu kan walitti isaan hidhu wal-qunnamtii saalaa dha.
Haati manaaf abbaan manaa yeroo walqunnamtii miirri gammachuun isaan argatan, akka wal barbaadaniif daandii walitti isaan harkisu ta’aaf. Miirri wal qunnamtii saalaa osoo hin jiraannee, dhiirriifi dubartii wal barbaaduu dhiisuu danda’u ture. Sababni isaas fedha raawwachuuf osoo hin taanee dhala argachuuf qofa ykn walgargaaruuf jecha gara jireenya gaa’elaatti nama dhufu argachuun ni ulfaata ture. Kanaaf namni gaa’ela akka hin jibbineef Waaqayyo miira(wal-qunnamtii) dhiirriifi durbartiin ittiin wal barbaadan Uumeera. Haa ta’u malee karaa sirnaa fi seera qabuun yoo ta’een ala akka horii akka feeteen hin raawwatamu.

Addaamfi Hewaan wal qunnqmtiitiin kan wal baran Gannata keessaa ba’anii ergaa gaabbii galanii booda ta’uun isaa wal-qunnamtiin saalaa of eeggaannoo kan barbaadu ta’uu isaa agarsiisa. Gaa’elaan alatti wal-qunnamtiin saalaa akka hin raawwatamne manni Kiristaanaa keenya jabeessitee barsiisti. Gaa’elaan osoo hin murtaa’iin nama argame waliin ciisuun seera Waaqayyoo cabsuu; namummaa ofiis xureesuudha! Kanarra kan darbe dheekamsi Waaqayyo biraa namatti fidu hamaa ta’uu isaa hubachuun nurra jira. Kanaaf warri hin fuudhiin hanga fuunutti ulfina keenya eeggachuu; warri gaa’ela keessa jirrus hanga dhumaatti tokkummaa keenya jabeessuun ni mala. Sababa wal fuunee qofa sirnaan ala walqunnamtii saalaa raawwachuun akka hin barbaachifne hubachuun barbaachisaa dha.

Tokkoon tokkoon guyyaa; kan hojii, kan kadhannaa, kan Tsoomii, fi kan nyaachuu(gammachuu) akka qabu wal qunnamtii saalaa raawwachuufis sirni murtaa’e jira. Qophiin sammuu ga’aa fi walii galteen ni barbaachisa. Daa’imman gaa’elaan dhalatan eebbifamoo fi kan qulqullaa’an akka ta’aniif ciisicha gaa’elaa qulqulleessuun barbaachisaa dha.
=> Gaa’elli kabajamaa, ciisichi isaas qulqullaa’aa ta’uu qaba; gaalamootaafi ejjitoota irratti garuu Waaqayyo ni murteessa. (Ibr_13:4).
Walqunnamtii saalaa sirnaan ala raawwachuun ciisicha gaa’elaa xureessuu dha.

YEROOWWAAN WAL QUNNAMTIIN SAALAA HIN RAWWAATAMNEE
=> Yeroo Soomaa, Ayyaanaa fi laguu/da’umsaa/ulfaa adda baasuun raawwachuun barbaachisa dha. (Haqa Moot.(ፍትነ) 15:38-58.
=> Yeroo ulfaa fi yeroo qulqullaa’iinsaa; yeroo marsaa laguu fi da’umsaa(yoo ilma deesse hanga guyyaa 40 fi durbaaf 80 tii) wal qunnamtii saalaa raawwachuun. barbaachisaa miti. (Lew 8:18)
☞Qulqullu Baasiliyoos “Gaa’elli kee sirnaan ala akka hin taaneef yeroo qulqullaa’umma ishee, yeroo dhiiga ishee, haadha manaa kee bira hin ga’iin.” Jechuun yeroo ulfaa, da’umsaa fi yeroo marsaa laguu walqunnamtii saalaa raawwachuun akka hin barbaachifne ajajame(Haqa Moot. 24:64). Akkasumas erga ulfi ishee beekamee booda wal gargaariuf yoo ta’een ala wal qunnamtii saalaa raawwachuun akka hin malle seerri tumameera. Haqa Mot/ፍ.ነ24:838.
=> Guyyoota mana kiristaanaa deemamutti; Israa’eloonni yeroo Museen Waaqayyo waliin dubbatutti utuu hin ga’iin dura guyyoota 3 dura Qulqullaa’uu akka qaban, Uffata akka miiccatanii fi wal qunnamtii akka hin raawwanneef ajajamee ture. Kakuu haaraa keessattis kiriataanonni Wangeela dhaggeeffachuuf, kabajamaa Foonii fi dhiiga isaa fudhachuuf yeroo dhufan, Tsabala cuuphamuufi dhuguuf yeroo dhufan, ykn tajaajila biroof yoo dhufan Wal qunnamtii saalaarraa akka of qusatan ajajameera.(Bau 19:10-25).
=> Abbaa ykn haadha Kiristinnaa ta’uun nama cuubsisuuf yeroo dhufan guyyaa sana duraa fi booda guyyaa 2,2 of haa eeggatan. Kunis kabaja Afuura Qulqulluuf jechadha. Kennaan icciitii cuuphaa, kabajaa fi mucummaa kan kennisiisu waan ta’eef. Lubichi Zakkariyaas tajaajila mana Qulqullummaa erga xumuree guyyaa lama booda Eelsaabeex waliin wal arguun isaas kanaaf barumsa ta’a. Guyyaa lama booda haati manaa isaa Eelsaabeex ulfoofte akkuma jedhu.(Luq 1:24), Haqa Mot. Key 24:38)
Ayyaanota;
=> Sanbata xiqqaa, Dilbata fi Ayyaanota Gurguddoo irratti wal qunnamtii saalaa raawwachun dhorkaa dha. Kunis Mootummaa Waaqayyoo keessatti gaa’elaafi fedhiin foonii raawwachuun akka hin jirre beeksisuuf dha! Ayyaanonni fakkeenya Mootummaa Waaqayyoo dha. “Du’aa ka’uu lammaffaatti akka ergamoota Waaqaa ta’u malee hin fuudhan, hin eerumani” akkuma jedhu ( Mat 22:23)
=> “Waaqeffannaa qulqullaa’aa ta’ee fi xuraa’ina hin qabne Waaqayyo Abbaa biratti isa kana, xuraa’ina Addunyaa keessatti argamurraa qaama ofii qulqulleesuu dha!’ Jechuun Qulqullichi Yaa’iqoob akkuma dubbate (Yai 1:28). Guyyoota kanarratti gara mana Kiristaanaa deemuun Qulqulluu Foon isaa fi ulfaata Dhiiga isaa fudhachuun of eeggachuun barbaachisaa waan ta’eef dha.
☞”Fedha kee guyyaa koo Qulqullaa’aarra taasisuurra, Miilla kee sanbatarraa utuu deebistee, sanbataanis gammachuu, kan Waaqayyo Qulqulleesseenis “kabajamaa” utuu jettee, daandii mataa keetii taasisuurra, fedha kees argachuurra, waan yaraa dubbachuurraa of qusattee utuu kabajjee, yeroo sana Waaqayyottis ni gammadda; Ol-ka’iinsa lafaarras sin dhaaba, dhaalmaa abbaa kee Yaa’iqoobiinis sin nyaachisa” jedhaee barreeffameera. (ISAY 58:14-14).
Tsoomiiwwan:
=> “Yaa isa tsoomtuu, guutummaa qaama keetiin tsoomi, Afaan kee yaraa dubbachuurraa, arrabnii kees hamii fi arrabsoorraa, iji kee dubartoota ilaaluurraa, gurri kee sirbaafi qoosaa taphaa dhaggeeffachuurraa haa tsoomu” jedhamee akka dubbatame.
=> Haatii fi Abbaan manaa qannoonaa abbaan gaabbii isaaniif kennes haa ta’u kan ofiif qabatan hanga xummuranitti walqunnamtii saalaarraa of eeguun barbaachisaa dha.
Walumaa galatti haati manaa fi Abbaan manaa;
=> Yeroowwan Ulfaa;
=> Da’umsaa, marsaa ji’aa, akkasumas ayyaanotaa fi tsoomaarra wal qunnamtii saalaa raawwachuun akka hin malle manni kiristaanaa ni barsiifti.
Kanarraan kan hafe garuu seexanni daandii ittiin qoru akka hin arganneef Haatii fi Abaan manaa gargar ba’uu hin qaban.
“Kadhannaan akka jabaattaniif yeroof walii galteetiin yoo ta’erraa kan hafe walii keessan wal hin dhowwiinaa, ofbituu dhabuudhaan seexanni akka isin hin qorreef garuu waliin ta’aa!.”(1Qor 7:5)
Foon keessan qulqulleessuudhaan yeroo soomtanitti, yeroo kadhattanitti malee hojii keessan yeroo xumurtanitti gara fedha keessaniitti deebi’aa” jedha.
Kunis Haatii fi Abbaan manaa yeroowwan jedhamee ala utuu gargar hin ba’iin fedha isaanii akka raawwatan kan hubachiisu dha. Wal-qunnamtii badisaa fi Xuraa’inaaf raawwatamurraa nu haa eegu!
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Hangaa bara baraatti, Ameen!

Abdiyyuu

Abdiyyuu jechuun ‘tajaajilaa Waaqayyoo’ jechuudha. Elizaabeel yemmuu raajota Waaqayyo ajjeesisaa tunetti, raajota Waaqayyoo 100 fuudhee shantama shantamaan hiree holqa keessa kan dhokse dha. Osoo looniif bakka margi jiru barbaadu. Eeliyaas dhufuu isaa waan argeef, dhufaati raajicha Eeliyaas mootichatti himi jedheeti himeefi jira (1Mot 18:3). Murti Edomiyas irratti ta’uuf jirus kan barreesse isadha. Innis raaja isaa kan barreesse bara kufaatii Iyyarusaleem naannoo 848-589tti dha.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

NAMNI MAALIIF NAMA AJJEESSA?

Maqaa Abbaa kan Ilma kan Afuura qulqulluu Waaqa tokkoon, Ameen! Maatiiwwaan Waaqayyoo waaqayyon umurii irratti umurii guyyaa irrattis guyyaa isiniif kennee barreeffamaa kana kan dubbistaan hundii keessan Waaqayyoof galataa dhiyeessa. Nagaan maqaa Waaqayyoon bakka jirtaan hundaatti isiniif haa ta’u. Akkam nagaa jirtuu? Baga nagaa tattaan. Anis nagaa kootti. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!

Namni maaliif nama ajjeessa kan jedhuuf deebii hundii keenya bifa garagaraa ta’een itti lachuu ni dandeenya. Haa ta’u malee, Kan akka namni nama ajjeessu taasisu sababni hundaaf tokkoofi tokkoo qofaadha. Innis maali yoo jettan? Ganamummaa diina dhalli nama kan ta’ee ‘Seexanna’ yookiis ‘Daabiloos’ kan jedhamuudha. Yaa amantoota namni ummamaa uummamaan keessa guyyaa xumuraa yookiis guyyaa 6ffaa irraatti akka uummamee hundii keessan ni beektu miti? Eyyeen. Namni guyyaa gaafa jimaata ummamaa 22 irratti uummamee. Namni kun gaaffa ummamuu akkasumaan “TA’I” jedhamee hin ummamne. Waaqayyoon itti yaade, itti xinxallee, itti mari’attee, murtee irraa yeroo ga’eetti nama uume. Akka hin dogogorree kan inni mari’attee ummamaa wajjiin miti. Ofii isaa qaaman sadii waaqummaan tokkoo kan ta’ee Abbaa Ilmaa Afuura qulqulluu kan jennuudha. Barumsii akkasis immoo Iccittii Silaassee jedhamuun beekamaa.

Waaqayyoos yeroo nama ummee aangoo ummamni biroo hin qabnee namaaf laterraa. Innis aangoo bittu, aangoo hogganuu, aangoo mootii ta’uudha. (Uma. 1:26-28). Ummamtoota turaan keessa dursaa ergamoota kan ture “Saaxina’eel” aangoo ni barbaada, mootii ta’uus fedhuu isaa irraan kan ka’ee kufu danda’eerraa. Macaafni Maqabiyyaan jedhamu inni sadaffaa akka ibsuutti “Namni bakka seexanna akka uumameedha” (3Maq. 2:11) kunis Addaam Waaqayyoo akka galateeffattuf. Inni kan biraas Waaqayyoo amanamummaa “Saaxina’eel” irraa yeroo dhabeetti, aangoo Saaxina’eel barbaadu mootii ta’uu danda’uus namaf kenne jira.

Egaa Seexani guyyaa Addaam uumamee kaasse yeroo xiqqoo illee itti innaaffuu hin dhiisnes hin boqonnees. Seexannis yeroo dhumaaf yeroo gara qillillaa si’oolitti darbatamuuf jedhuu Waaqayoon kadhattee ture. Ati annan ergaa darbittee, nama biyyoo busuusu irraa ummamees erga jaallatte naaf eyyaami kadhannaa tokkoon si kadhadhaa jedheen. Kadhannaas isaas “Ani ijjoollee Addaam hundaatti haama nan hojjedha, Isaan dogogorsuun naaffis danda’amnaan waan hundaan isaanitti nan haama; Ijjoollee Addaam hundaatti yaara nan raawwaadha; biyya lafa jaallachus taanaan, dhugaattifi nyaata jaallachus taanaan, oduu jaallachuus taanaan, aangoofi mootummaa jaallachuus taanaan, bareedinafi midhaginnaas taanaan, beekumsaafi ogummaa jaallachuus taanaan, fayyaas taanaan, qabeenyas taanaan ….. waan hundaan isaan wajjiin nan wal lola; sababa isaanittinis teessoo koo irraa kufeen jira waan ta’eef ana wajjiin badiisa bara baraa gubbannaa bara bara kan ta’eetti na wajjin akka seenaan dandii waaqayyoo irraa nan isaan kaassa.” (3Maq. 2:2-7) Warra dandii isaa mmormaan; amantaan jabaattan hundaa immoo jireenya bara baraa akka argataan seexanni ofii isaa dubbatte jira. (1Maq. 1:20) jechuun kadhatteerraa. Waaqayyoo kadhannaa isaa kan hundaa tole jedheefi jira.

Egaa jalqabaas namni akka inni nama ajjeessu kan Qaayel barsiisee Seexanna har’a namni osoo hin beekin Seexannaan hogganamee obboollessa, obbolleetti isaa ajjeessa jira. Yaa nama seexanni ofii isa dhufee sitti hin dubbattu, afaan ati beektun, nama ati beeku irraa bule dhufee sitti dubbataa. Seexanni ofii isaa afuuradha hin muldhattuu, qaama hin qabu, kan inni seenus immoo laphee namadha. Innis ammajajii yookiis afaan Ingliffaan (Demon) kan jedhamuudha. Namni ofii waan ijaan argittuu qofa argachuuf jette ijii laphee nama garuu jammee jira, afuura akkamittu akkas akka godhuu hin beeku. Tokkummaa akka hin umnee, jaalalaa akka hin qabane, nagaan akka hin jire gochuun hundaa jibisisaa. Addunyaan wanta hin darbinnee, kan irraa hin dunnees itti fakkeessun cubbuu irraatti cubbuu akka namni hojjeettu godha. Namni yeroo hundaas cubbuu keessa akka inni deeddebi’uu taasisu jireenya bara baraa kan qopha’ee badiisa bara baraaf geessa.

Seexani Qaayel irraa bullee Abeellin ajjeessisee (Uma. 4:8) Aangoo jaallachisuu Sa’ool akka Daawit ajjeesuu taasise (1Sam. 19:1) Mootummaa biyya lafa Gooftaa keenyaa Iyyeesuus Kiristoositti agarsisuun gowwomsuu yaalleerraa (Mat. 4:8) Qulqulluu Isxifaanos dhagaan rukutamee akka du’uus ta’eerra (HoE. 7:54) Kana qofa miti qulqullootni, abbootni hedduun bifa gara garaan warreeggamuun du’uu danda’anni jiru. Har’as taanaan inni tokkoo aangoo isaa irraa turuuf jedhee dhala nama yakkaafi cubbuu malee akka ajjeessuf seexanni hojii ishee har’aas taanaan hojjechuu hin dhisnee.

Egaa Waaqayyoon warra boqottaan boqonnaa jireenya bara baraa haa keennuf, warra lubbuun jiruu hundaa keenya humna ittin addunyaa injiffanuu nuuf kennuun waa’ee jireenya bara baraaf nama jiraattu, fooniifi dhiigaa goofta fudhachuun nama mootummaa Waaqayyoo isa bara baraa dhaaluf egattus nu haa taasisu. Eebbii Abbaa Jaalalli Ilma tokkichumaan afuura qulqulluu, araarsummaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam, eggumsii ergamoota qulqulluu biyya keenyafi ummataa keenya, tokko tokkoo keenya hundaa wajjiin haa ta’u. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Iyyuu’eel

Iyyuu’eel jechuun ‘Waaqayyo Waaqa’ jechuu dha. Innis qomoo Roobeel irraa dhalate. Abbaan isaa Baatu’eel jedhama. Kan tajaajiles Yihudaafi Iyyaruusaleemitti yoo ta’u, kitaabni raajii isaa bara kam akka barraa’e wanti beekamu hin jiru. Raajii Iyyuu’eel irratti kan ibsame Waaqayyo bara dhumaatti warra foon uffatan hundumaa irratti afuura isaa akka dhangalaasuuuf abdii kennuu isaati (Iyu.2:28). Kitaabni isaas uummatichi dheekkamsa Waaqayyoo jalaa akka deebi’an, gaabbii akka galaniifi akka soomanis gochuufi. Raajii isaa kan barreesses isuma.
Ayyaanni yaadannoo isaas Onkololessa 21 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!