Mootii Aksum ture. Kan muudames bara 485 yoo ta’u, hanga 515tti teessoo mootummaarra tureera. Ijoollees horateera. Baruumsa amantaas barateera. Amantaan isaas kan sirrii ta’eefi kan nama ajaa’ibsiisudha. Jaalalli haadha keeyaaf qabus addadha. Mootiin Ayihuud Finihaas jedhamu Naagiraan Yemen ammaatti Kiristoosiin ganaa jedhee nama ajjeessaa ture. Magaalattis guyyaa 40’f ibidda itti kaa’ee bobeesse. Seenaan isaa addunyaarratti dhagahamus kiristaanota sana baraaruuf kan yaale hin turre. Yeroo kana dhagahu gara bataskaanaa dhaqee sagadee, “Yaa gooftaa ani namoota dhiiga kiristaanaa dhangalaasan kana akkan haaloo bahuuf na gargaari. Baay’ina loltoota koon kanan of jaju miti; anis mo’amee kiristaanummaan akka hin tuffatamne achumatti na ajeesi,” jedhe akka kadhataniif monoksoota gadaamitti erge.
Osoo hin turinis farda, gaangee fi gaalaan Yemen gahe. Finihaasiin ajjeessee kiristaanota walaba baase. Imimmaaniifi dhiiga isaanii ni qoorseef. Manneen kiristaanaas ijaarefii gara Aksumitti deebi’e. Akkuma deebi’eenis gara Aksum Tsiyoon seenee, “Gooftaa koo wanta naa goote kana hundumaaf kanan kennu qaama koo malee qabeenya koo miti,” jedhee mootummaa isaa ilma isaatti dabarsee teessoo isaarra ka’ee gara kawaalaatti gale. Gonfoo Warqee kaawwachaa tures gara Iyyarusaaleem ergee abbaa Phanxaliyoon harkatti sirni monoksummaa raawwateef. Yeroo sanas qabeenya isaa keessaa kubbaayyaa tokkoofi qamisii tokko akkasumas qooddiroo/handaqqii tokko qofa fudhatee monokkose. Innis gadaamii keessatti namaan osoo wal hin argiin kadhannaafi soomaan erga jiraatee booda waggaa 70tti bara 529 boqoteera. Gooftaanis kabaja isa gonfachiiseera.
Ayyaanni yaadannoo isaas Caamsaa 20dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!
Category Archives: Mootota Aksum
Mootota Abirihaa fi Atsibihaa
Moototni lamaan kuni lakkuudha. Warri isaanii mootii Taazeer/Ayizaanaa Ari’id fi haati isaanii immoo mootii Ayihawaa jedhamti/Soofiyaas jedhuun. Warri isaanii ijoollee dhabuun gaddaa turan. Guyyaa tokko waa’ee garraamurnmaa Waaqayyoo osoo waliin taphatanii Soofiyaan kadhannaa Haannaa, haadha Saamu’eel caqastee isheenis akkuma Haannaa subaa’eedhaan Waaqayyoon akka kadhattu mooticha gaafatte. Kanaanis kadhannaa koo, “Kan Kirubelirra jirtu boo’icha koo dhagayi,” jettee subaa’ee galtee osoo jirtu abjuu tokko agarte. Kunis, gaara irratti muka dhaabbate tokko agarte. Firiin ishees guutuu ture. Cinaan fiixee ishees kan lafa uffisan ture. Namni tokkos ifa uffatee fannoo kan qabdu ulee qabatee dhufe. Yaabbannoo/kortuu lamas qabatee yaabbannicha muka sana maddii bitaa fi mirgaan kaa’e. Mootittii Soofiyaaan garuu iccitiin kun galuufi didee baay’ee dhiphachaa turte. Kadhannaa erga gooteen booda Waaqayyo qulqulluu Mikaa’el gara isheetti ergee ibidda ifaa uffatee, “Kan fannoo qabatee yaabbannoo bitaa mirga teessisee Abune Salaamaa Fireeminaaxosidha. Uleen warqii harkatti qabate immoo cuuphaadha. Yaabbannoon lamaan ijoollee kee lamaan yoo ta’an kan achirra koranii bu’an immoo namootadha. Firiin isaan nyaatanis dhiigaafi foon Kiristoosidha” jedhee jalaa dhokate.
Haaluma walfakkaatuun mootichattis abjuudhaan, “Mootiin Waaqayyo kan sii kenne inquu kana hoodhu,” jedhee booda jalaa dhokate. Kanaan Soofiyaan ijoollee lama ulfaa’uun ijoollee lama deesse.
Kan dhalatanis Muddee 29 bara 312tti. Ijoolleen lamaan kun luba Anbaram irraa ooritii kan sirriitti baratan turan. Waggaa 12 isaanitti gara mana qulqullummaa galan. Haa ta’u malee, abbaan isaanii waan boqoteef uummanni nu bulchaa yemmuu jedhaniin isaan “Nuti Waaqayyoon tajaajilla,” jedhanii didan.
Yeroo muraasaaf haati isaanii biyya bulchitee turte. Kana booda Qulqulluu Mikaa’el Anbaramiin, “Fedha Waaqayyoo waan ta’eef lamaan isaaniyyuu siree tokkorratti haa mo’an,” jedheen. Haaluma kanaan waggaa 19 isaanitti Izaanaa fi Saayizaanaa jedhamanii muudaman. Akkuma mo’aniin amantaa qajeeltu barbaadutti ka’an. Jalqaba Fireminaaxoos gorsaa ta’e masara Isaanii keessa yeroo turetti isarraa wanta hunda baratan. “Nu cuuphi” jedhanii isa gaafatan. Inni garuu akka cuuphu hin dandeenye cuuphuudhaaf aangoon lubummaa akka barbaachisu itti hime. Isaanis Fireeminaaxosiin gara Misiraatti ergan. Phaaphaasiin yeroo sanaas qulqulluu Atinaatewoos waan tureef waggaa 5’f kakuu haaraa sirriitti barsiisee, “Si’ii ol kan seera, afaaniifi aadaa biyyattii beeku waan hin jirreef,” jedhee isuma phaaphaasii jalqabaa taasisee gara Aksumitti erge. Maqaa isaas abune Salaamaa jedhee kitaabota heddu waliin erge.
Abuna Salamaan erga biyyatti deebi’ee jalqaba mootota lamaan kana Izaanaafi Saayizaanaa boodas loltoota isaaniifi uummata cuuphee kiristaana taasise. Kana booda amanticha babaldhisuutti dadhaban. Manneen kiristaanaa 154 tahan baay’een isaanii holqa kan tahan guutummaa biyyattiitti ijaaran. Keessumattuu, Aksumitti mana Kiristaanaa Tsiyoon kan ijaaran haala adda ta’een ture. Isheenis Maqdasii 12 kan qabduudha. “Bakka kanatti mana naaf ijaaraa” ajajni jedhu waan dhufeef naannoon sun bishaan qaba ture. Ergamaan biyyoo Gannataa fidee itti facaasnaan lafa gogaa taate jirti. Isaanis Mana qulqullummaa adda taate ijaaran. Mana qulqullummaa kana akka ijaaraniif ogeessota 24 fichisiisanii turan. Isaanis
• namni 12 Giriik
• namni 12 immoo warra ijoolle ijoolle Kiiraam ogeeyyota Xiiroos turan.
Gooftaanis manni isin hojjettan kun akka Iyyarusaaleem ishee samiiti jedhee jalaa dhokate. Moototni kun Wallootti, Shawaatti, Gojaamittii fi Gondoritti bataskaanota hedduu ijaarsisanii jiru.
Yeroo boqotan sabbatni Waaqaa awwaala isaanii irratti dhaabatee mul’ate. Seera ooritii gara seera haaraatti kan jijiiran isaani dha. Bataskaana isaan akkasitti bareechanii ijaaran sana diina kiristaanaa kan taate, Yoodiit Gudiit jaarraa 10ffaa keessa gubdee jirti.
Qulqullootni kun lamaan hanga Shawaafi Yemenitti kiristaanummaa babaldhisanii turan.
• Abrahaan dhalatee waggaa 52 bara 364 Onkololessa 4tti
• Obboleessi immoo waggaa 15 booda bara 379 guyyaama Onkololessa 4 kana waggaa 67tti boqote.
Bara isaanitti murteen haqaa hin jal’anne, hiyyeessi hin miidhamne, diina isaanis hin balleessine, akka seera moototaatti karra isaanii duras eegdota hin dhaabne. Akkuma nama kamii adaba’abayii (dirree) irratti ba’anii eegduu tokko malee murteessaa turani. Saamtonni horii namaa fudhatan bara sanatti hin argamne. Guyyaa boqonnaa isaanis gooftaan keenya hojii gaarii isaan dalaganiin abdii waadaa kenneefi.
Maqaa keessan kan waame yaadannoo keessan kan taasises isiniifan fayyisa jedhee jira. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulloota kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaanis nu waliin haa ta’u. Ameen!