Iccitii Qurbaanaa

Guyyaa kamisaa galgala yommuu irbaata nyaatan gooftaan bixxillee/hibistii /
fuudhee, cabsee bartoota isaatiif kenne, “fudhadhaa, nyaadhaa, kun dhagna
kooti’’ jedhe, xoofoos fudhatee Waaqayyoof(Abbaadhaaf) galata galche,
isaanifis kennee “hundumti keessan kanatti dhugaa, kun dhiiga kooti, dhiigni
kun kakuu dhaabate sana cimsuuf dhiifama cubbuu namoota baay’etiif
dhangala’a” jedhe.Mat 26:26. Yoh 6:54 “foon koo kan nyaatu, dhiiga koo kan
dhugu jireenya bara baraa qaba.”
Kanaaf foon isaa fi dhiigini isaa har’a bataskaanatti yeroo hunda ni qophaa’a;
jijjiramees nyaataa fi dhiiga Iyasuus Kristoos isa dhugaa sana ni ta’a. Lubootnis
Maatii Waaqayyoof ni kennu. Yeroo hunda kan isa hinnyaannee jireenya bara
baraa waan hin qabneef. Kan isarraa nyaatu immoo hin beela’us hin dheebotus.
Kana immoo namni tokko cubbuurraa fagaatee osoo hin shakkin fudhachuu
qaba. Nama cubbuu isaatti gaabbe ta’uus qaba.
Qurbaana Fudhachuuf Wantooota guutamuu qaban:

  1. Cubbuu ofiittti gaabbuu, qiimii irraa bilisa ta’uu;
  2. Qurbaanan dura sa’aatii 18tiif midhaan nyaachuu dhaabuu;
  3. Qaamaan qulqulluu ta’uu;
  4. Wal-qunnamtii qaama saalaa irraa guyyoota muraasaaf fagaachuu dha.

Waaqayyoo Icitii kee kan nuun geese galatni siif haa ta’u. Hunduma keenya
Foon gooftaa nyaannee, Dhiiga gooftaa dhugnee akka jireenya bara baraa qooddannuuf, akka mootummaa Waaqayyoo dhaalluuf fedhiif jaalala
Waaqayyo nuuf haa. Ameen!

yoosaad.com/orthodox