Iccitii Sadummaa/Sillasee

Icitiiwwan shanan jiran kana keessaa dursinee beekuu kan qabnu iccitii
Sadummaati. Akkuma qulqulluu Qeerloos “hunduma duraJireenya sadummaa
ibsina” jedhe. Waaqayyoo durumaan dursee yeruma nama uumu qaamni isaa tokko ol ta’uu isaa jalqabumarraa kakuu moofaa keessatti yeroo nama uumu
ibseera.
“Koottaa akka bifa keenyaatti akka fakkeenya keenyaattis nama ni uumna”
Uma. 1:26. Jechi ‘koottaa’,’ ni uumna’, ‘keenya’ jedhu qaamni Waaqayyoo
tokko ol ta’uu isaa mul’isa.
Waaqayyo tokko dha; qamni isaa garuu sadii dha. Isaaniis Abbaa, Ilmaa fi
Hafuura Qulqulluudha. Nuttis Sadan Waaqa tokko jennee amanna. Barsiifni
akkanaa kunis iccitii sadummaa (Sillaasee) jedhama.

Waaqa tokko yoo jennuu:

Uumuudhaan, jireenyaan, taayitaadhaan, ‘malakootiidhaan’ (kan hin dune)
ta’uudhaan tokko jechuudha. Sillaaseen kabajan wal hin caalaan;
umuriidhaaniis wal hin dursan. Jireenyaan yoo jennuu immoo “Ani Abbaa
keessa Abbaanis Ana keessa akka jiru hin amantuu ree?” jedhame akkuma
ibsame waliin jireenyi isaanii tokko; Yoh 14:10

Sadii yoo jennu ammo:

A) Maqaadhaan:
Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu dha (Mat 28:19 “Dhaqaatii Maqaa Abbaa,
kan Ilmaa Kan Hafuura Qualqulluutiin isaan cuuphuudhaan saba hunduma
bartoota koo godhaa”) jedha.
B) Qaamaan:
Abbaa, Ilmii fi Hafuurri Qulqullun Qaama kophaatti of danda’e guutummaa
guutuuti sadiidha malee akka Addaam yookaan akka nama dhuunfaa tokkoo
qaaman tokko miti. Qaamaa sadii yoo jennu ammo akka qaama namaa
miti.Qaamni namaa murtaawaadha; kan muldhatuudhaas; xinnaadhaas; kan
tortorudhas. Qaamni Sillaasee garuu akkas miti. Ardii fi samii irratti, qillensaa fi gad fageenya keessatti kan guute, bakka hundattikan argamu, jiraataa bara
baraati.
C) Gochaan :
Gochaan yoo jennu Abbaan ni dhalche, Ilma Isaa tokkicha gara biyya lafaa
kanatti erge, Ilmi (Iyyasuus) immoo ni dhalate, ni ergame. Hafuurrii Qulqulluun
Immoo Abbaa irraa bahe/argame. Ilmaan wal qixxee tahe; Abbaa irraa bahe
(Afaan Gi’iziitiin Seretsee jedha”) jenna. Kan erges, kan ergames immoo
heeyyamuma Abbaatiin, heeyyama Ilammtiinis malee dirqamaan miti.
Kana yoo jennu Ilmi Abbaarra dhalatee yoo jennuu, Hafuurri Qulqulluunis
Abbaa Irraa bahe yoo jennu wal hindursan. Akka Ilmi namaa Abbaan
umuriidhaan ilma dursuu miti. Akka Abrahaam Yisihaaqiin dursu, Akka
Yisihaaq Ilma isaa Yaaqoobiin dursu, wal irraa dhalachuun sadummaa akkas
miti. Kun yeruma tokkotti kan ta’ee dha.Yeroon kun itti ta’es hin safaramu,
sammuun namaatiinis bira hin ga’amu. Waaqayyoo yeroo dursa Waan ta’eef.
Garuu qaamaan sadii ta’anis Waaqa tokko jenna malee Waaqa sadi gonkuma
hin jennu. Abbootiin, namootni akka iccitii sadummakana hubataniif fakkeenya
kennuu yaalaniiru, fakeenyi kennamus guutumatti ibsuu baatuus, fakkeenya
fakkeenyaa gadii ta’us. Fakkeenyaaf Aduun(biiftuun) Waa sadi qabdi:qaama,
ifaa fi o’a. Waa kana sadeen qabaattus garuu aduu sadii hin jennu.
Abbootni fakkeenya Ibiddaas ni kennu. Abidddi waa sadi qaba. Qaama, ifa fi
o’a. ‘Ibidda fidi’ yoo jennuu qaama isaa, ‘ibidda ibsi’ yoo jennuu ifa isaa,
‘ibidda o’ifanna’ yoo jennu immoo o’a isaa agarsiisa. Garuu Ibidda sadi hin
jennu. Ibidda tokko jenna malee. Iccitiin sadummaatiis akkasi. Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qlqulluu, garuu Waaqa tokko. Kanaaf qaama ibiddaa Abbaadhaan, ifa
Ilmaan, o’a isaa ammo Hafuura Qulqulluun wal fakkeessu.
Ammas Abbootni fakeenya kennan, Abbaan Lapheedha jedhu, Ilmi sagalee
dha, Hafuurri Qulqulluun immoo Hafuura jireenyaati jedhu. Kanaaf Laphee
Abbaatiin Yaadu, Sagalee Ilmaatiin Dubatu, Hafuura Qulqulluudhaan bara
baraaf jiraatu. Waliin jiraatu malee adda miti. Mootummaan isaanis adda miti.
Kanaaf Waaqa tokko jenna.
Hafuura Qulqulluun akkamitti Abbaa irraa bahe/argame/ kan jedhuuf immoo
namni beeku hin jiru; yaada sammuu ilma namaatii olwaan ta’eef. Akkasumatti
“yaa gooftaa kankee Dinqiidha/ajaa’ibadha jechuudha malee” jedhu abbootni.
Garuu waa’ee sadummaa qo’atanii bira gahuun hin danda’amu. Waa’ee
sadummaa qo’adheen bira gaha jechuun akka bishaan galaanaa, habbuuqadheen
fixa jechuuti.
Raajii Isaayyaasis yeroo sadi “Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqayyoo
gooftan maccaa” jedhee faarfachuun isaa Qaamni Waaqa sadi ta’uu hubachiisa.
Isa 6:3. Waaqa tokko ta’uusaa immoo “Waaqayyoo tokkicha malee kan biraa
akka hin jirre nuyi ni beekna” jedha 1qor 8:4. Waa’ee sadummaa hubachuuf
dabalataan caqasa kana ilaalaa Uma3:22, Uma 16:7, Uma 18:1,Yoh 14:11,Yoh
14:23.
Tokkuummaa fi sadummaa isaa akka beeknu icitii isaa kan nuun gahe
Waaqayyoo Maqaan isaa haa ulfaatu. Ameen!

yoosaad.com/orthodox