Iyyaasuu jechuun ‘qoricha/Waaqayyo fayyisaa’ jechuudha. Kan dhalates qomoo Efreem irraati. Abbaan isaa Nawee jedhama. Boqonnaa raajicha Musee booda, Israa’elootni gara biyya isaanitti yemmuu galan dursaa ta’uudhaan akkuma Museetti jabaatee uummaticha ni gageessa ture. Waadaa Waaqayyo, “Lafa boqonnaa isinin dhaalchisa,” jedhees qabatee adeemaa ture.
Iyyaasuun Israa’eloonni gara Iyyaarikoo yemmuu deeman jalqaba namoota 2 ergee Magaala Iyyaarikoo basaasaa jedheen. Iyyaarikoonis salphaatti akka diina harkatti hin kufneef mootiin isaanii dalla torba naannessee ijaaree ture. Namoota lamaan lyyasuun erge kan basaasuuf gara Iyyaarikoo seenan kana Warri Iyyaarikoo shakkanii yemmuu isaan ajjeesuu dhufanitti dubartiin Raakeeb jedhamtu isaan dhoksiteetti. Raakeeb basaastota kanaan, “Waaqayyo laficha dabarsee akka isinii kennu bareera, Waaqayyo akka isiniin sodaannu nu taasiseera. Namootni laficharra jiran hundumtuu fuula keessan sodaachuu irraa kan ka’ee baqaniiru….” yemmuu moo’atanii gara Iyyaarikoo galanitti
isheen isaaniif waan gaarii goote, isaanis isheefi maatii ishee akka yaadatanii badiinsa oolchan ni kadhatte. Yemmuu dhufanitti mana ishees akka baafatan mallattoo foo’aa diimaa foddaa isheerratti hiite. Israa’eloonnis Taabota Tsiyoon qabatanii Iyyaarikoo yeroo jaha marsanii yeroo torbaffaa irratti dallaan Iyyaarikoo ni diigamte. Raakeeb immoo mallattoo foo’aa diimaa sanaan addaa baafamtee Israa’elootaan osoo hin badiin hafte.
Iyyaasuun hanga diina isaanii injifatanitti akka biiftuun hin dhiineef “Aduun Gabaa’oon irrati haa dhaabattu. addeesis sulula Eelon irrati,” jedhee kadhatee akka aduun hin dhiine dhoorkeera (Iya. 10:12). Iyyaasuun boodarras Israa’eliin walitti qabee, “Waaqa keenyatti amantu moo waaqa Mo’aabotaatti amantuu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Waaqa keenyatti amannaa” jedhaniin. Innis kanaaf ragaa akka ta’uuf dhagaa tulluu Seeloo irratti dhaabe. Dhagaan kunis dhagaa lyyaasuun Israa’eloota waliin kakate jedhamee waamama. (Iyya.24)
Haala kanaan jiraate waggaa 110 tti boqoteera. Guyyaan yaadannoo saas Waxabajii 26 dha.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa taatu. Hanga bara baraatti, Ameen!