Bara 258 (akka faranjootati 272 kan jedhus jira) Mooticha Qunisxaa fi Qulqulleettii Mootii Illeenii irraa Sarbiyaa keessatti dhalate. Erga dhalateeyis haati isaa Illeeniin seera amantaa kiristaanummaa haala gaariidhaan barsiiftee jirti. Erga abbaan Qosxenxiinoos du’ee booda Qosxenxiinoos abbaa isaa bakka bu’ee mootii ta’e Roomaa Bahaa bulchaa ture. Bara sanatti mootichi Diiyooqilxiyaanos, “Manni waaq-harkee yaa banamu manni kiristaana yaa cufamu,” jedhee labsii waan baaseef kiristaanonni dhiigni isanii lola’uun akka qullubbiittii mummuraman. Manni kiristaanaas baay’ee gubate. Kiristaanonnis ni godaanan. Qosxenxiinoos hojii mootota kanaatti baay’ee gaddaa jiraata ture. Michuu mootii Diyooqlixiyaanoos kan ta’e akkuma isaa kristaanota irratti dhiibbaa guddaa geessisaa kan ture mooticha Maksmiyaanoos jedhamu Qosxenxiinoos ni moo’ate. Kan moo’ates samii keessatti mallattoo fannootiin, “Kanaan ni moota,” kan jedhu waan itti muldhateef meeshaa lolaa irratti mallattoo fannoo godhee lola ba’ee moo’ee Roomaa akkuma jirtutti of jala galche.
Kanaanis, gammadee Ephesqoophoosii Niqoomeediyaa Awusaniyoos harkatti cuuphamee kiristaana cimaas ta’e. Kiristaanonnis gammadanii, “Fannoon humna keenya fannoon fayyisaa keenya,” jedhan. Innis labsii Diyooqlixiyaanoosiin ba’ee ture diigee, “Manni waaqarkee (xaa’otaa) haa cufamu manni kiristaanaa haa banmamu,” jedhee labsii kiristaanota addunyaa hundaaf boqonnaa kenne ni baase. Manni kiristaanaa gadadoo waggaa 300 booda bar Qosxenxiinoositti haara galfii argatte. Innis mootii gaarii jedhamee yaadatama. Mirgaa fi carraa yeroo sana manni kiristaana argatte keessaa:
• Bara 315 seera ba’een manni Kiristaanaa kaffaltii gibiraa irraa bilisa taate
• Guyyaan dilbataa guyyaa boqonnaafi ayyaana kiristaanotaa ta’ee kan murtaa’e yeroo sana
• Namni qabeenya isa bataskanaaf nan kenna jennan manni kiristaanaa dhaaluuf mirga qabdi.
• Kiristaanummaan amantaa biyyoolessaa ta’e.
Bara 325, bara yaa’ii Niiqiyaatti hayyootni amantaa walitti qabamuun amanticha akka cimsan kan taasise mooticha kana. Kanaaf manni kiristaana
yeroo hunda isa yaadatti. Wantoota biroos waan heddu hojjete.
Guyyaan yaadannoo isaa Bitootessa 28. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!