Hoosee jechuun ‘Waaqayyo ni fayyisa’ jechuudha. Akkuma moggaasa Iyyesuus maqaa Iyesuus jedhu waliin hiikkaa walitti siqu qaba. Bara mootichi Iyyoorbi’aam lammafaan Samaariyaatti mootii ta’etti raajaa turedha. Kan jiraates DH.K.D bara 755-725. Ergaan raajii isaa inni guddaanis jaalalli Waaqayyoo kan hin jijjiiramne waan ta’eef waamichi isaas uummanni gara Waaqayyoon beekutti deebi’anii akka fayyaniifi (Hos 4:6,6:6).
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!
Tag Archives: raajota
Raajaa Daani’eel
Daani’eel jechuun ‘Waaqayyo abbaa murteeti/ ni muteessa’ jechuudha. Faarsi Baabilooniin booji’amee jiraataa kan ture yoo ta’u gosti isaa Yihuudaadha. Mootichi Nabukadanatsoor abjuu argee ganama yoo ka’u irraanfne. Ganama ka’ee luboota waaq-harkee waamee, “Abjuu adda ta’e tokko argeen ture garuu na jalaa bade. abjucha hiika isaa waliin natti himaa!” jedheen. Isaanis, “Abjicha abjootte nutti himi siif hiikna,” jedhaniin. Yeroo kana “Ani waantan abjoodhes irraanfadheera,” jedheen. Isaanis ergasuu kana hiikuu hin dandeenyu jedhaniin. Innis, “Maaliree farda miti isiniin hin gulufu, kana erga natti hin himnee maafan sin soora?” jedhee ajeesisuuf yoo isaan fudhatu Daani’eel arge. “Maal taatan?” jedhee isaan gaafate. “Mootichi abjuuu argee itti himuu wallaalle,” jedhaniin, “Guyyaa naa kenni ani nan siif hiika” jedhee gaafate. Mootichis, “Tole.” jedhee guyyaan 3 kennameef. Guyyaa sadii booda wanta mootichi abjootee ture hiika isaa waliin itti himeera. Kanaaf, mootichi isa muudera. Mooticha kana booda Bilxasoor isa boodas Daariyoos mootii ta’ee muudame. Warri Baabiloomtti hinaafaniis, “Daani’eel waaq-harkef hin sagadu,” jedhe jedhanii mootichaan wallolchiisan. Mootichis Daani’eliin “Maaf waaq-harkeef hin sagadne?” jennaan Daani’eel deebisee, “Hin nyaatu hin dhugu maafan sagadaaf,” jedheen? Mooticharraa lubootni waaq-harkee sobaanii, “Waaq-harkeen keenya ni nyaata ni dhugas,” jedhanii gowwomsanii fooniifi damma daadhiis irraa fuudhanii ofii isaanii, haadha manaafi ijoollee isaniif fudhatanii deemu ture. Kanaan mootichi chaappaa isaatiin chaappessee mana waaqharkee kana cufee deeme. Isaan immoo karra addaatiin seenanii wanta waaqharkeef dhiyaate sana sooratan. Mootichis, “Beel guddaadha Daani’eeliin qaanesse,” jedhe. Daani’el garuu akka Beel Waaqharkichi soorata achi keessa kaa’ame hin sooranne ni beeka waan ta’eef mallattoo kottee namaa lafarratti argee, “Kun kan eenyuuti?” jedhe. Kanaanis, lubootni waaqharkee kunniin akka dhoksaadhaan seenanii sooratan irra gahame. Mootichis kana argee, “Edaa natti taphattuu?” jedhee luboota xaa’otaa sana hunduma ajjeeseera.
Kana boodaas afuura xuraawaan kan irra bule jawwee guddaa tokkotti bulu ture. Mootichis, “sun illee hin nyaatu jette, kanaaf immoo kan nyaatuufi kan dhuguuf hin sagadduuree?” jedheen. Daani’eelis mootichaan. “Kana immoo eboofi gaachana osoo hin qabatiin nan ajjeesa.” jedheen. Motichis, “Tole dhaqi” jedheen. Akkuma kana dura barsiisan: hoolaa qalanii foon cooma rifeensaa fi galii qopheessee aarsee jawwicha eege. Jawween guddaan sunis akkuma barate halaakaa dhufee afaan isaa addaan bane. Daani’eelis Dhagaa gurraacha ho’isee, cooma waliin afaan jawwee sana keessa yemmuu kaa’uuf jawwichi garaan isaa addaan tarsa’ee du’eera.
Boodas namoonni mootichaan, “Kan si jaalatuuf si jibbu adda baasuuf guyyaa sadii nuu kenni,” jedhaniin. Daani’el immoo yoo fooddaa banee kadhatu arganii ajaja mootichaa cabseera jedhanii leencatti darban. Leenconni garuu isa nyaachu didanaan. “Hin beelofnee laataa maaf isa nyaachuu didan” jedhanii nyaata isaanii dhowwatan. Ergamaa Mikaa’eel afaan leencotaa waan cufeef isa hin tuqne ture. Raajichi Inbaaqoom warra haamaa haamuuf yoo laaqana fuudhee deemu, “Daani’eelif geessi,” jedhee ergamaan waan isa ajajeef rifeensa mataasaa qabee gara Baabiloon isa geessee boolla leenca keessatti nyaachisee obaase deebi’eera. Mootichis Daani’eeliin ni jaalata tureef wanta isa irra gahe beekuuf, “Mee akkam ta’e laata?” jedhee yoo deemu inni leencota waliin isa luka jalatti kufanii yoo kadhatu arge. Yeroo kana, “Waaqni Daani’eel guddaadha,” jedhee boolla keessu isa baaseera. Booda, “Mee leencotni kun isaan ni nyaatu moo ni dhiisu,” jedhe warra luboota waaqharkee sana gara boolla leencotaatti darbinaan walsaamum irra keessatti isaan caccabsanii nyaataniiru. Mootichis kana booda amanee uummannis akka amanu taasise. Ayyaanni yaadannoo boqonnu isaas Bitootessa 23 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hang bara baraatti. Ameen!
Raajaa Hizqi’eel
Hizqi’eel jechuun “Waaqayyo jabeenya ni kenna” jechuudha. Kan jiraate bara 1500 Dh.K.D. Qomoo Leewwii irraa dhalate. Abbaan isaa Buuz jedhama. Israa’eloonni booji’amanii Faarsii Baabiloon yemmu bu’anitti waggaa 30tti kennaan raaja dubbachu kennameef. Innis Israa’eloota booji’amaniif sagalee Waaqayyoo akka lallabu filatame (Hiz.2:14). Lubummaafi raagummaa tokko taasisee waggoota 20 barsiiseera. Innis dubbii raajii isaatiin haati keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam gooftaa osoo hin dahiin dura, erga deesse boodas yeroo ulfaas durba ta’uu ishee kan raajii dubbate (Hiz.44). Erga boojiidhaa deebi’anii booda Israa’eloonni waaq-harkee harka isaaniitiin hojetanitti buluu qabnaan isaanitti dheekkame. Sababa kanaan itti hinaafanii dhagaadhaan isa reebanii, abiddaan gubanii ajeesaniiru.
Ayyaanni yaadannoo isaatis Ebla 05 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!
Raajaa Eermiyaas
Eermiyaas jechuun ‘Waaqayyo ol nama qaba.’ jechuudha.
Kan gadaamessa haadhaa isaa keessaa filatames jechuudha. Abbaan isaa luba Kelqiyaas jedhama. Mootichi bara sanaa Ikooniyaan jedhama. Nabukadanatsoor Faarsi dhufee mooticha hidhee uummata booji’ee yoo deemu, obboleessi isaa Naataan karaa irratti eegee, “Osoo ana moosistee Israa’eel siif akka bitaman nan taasisa,” jedheenii aangoo kadhate. Nabukadanatsooris, “Maqaa koo akka hin ganne,” jedhee warra boojii irraa hafetti Sedeqiyaas jedhee muude. Innis waggaa 8 erga mooticha isa muudeef gabbaree of jabeessee booda isaaf bitamuu dide. Kanaaf, mootichi jalqaba Mo’abaawotaan, itti aansees immoo loltootuma ofiitiin marsee isa cinqinaan Sedeqiyaas gara raajicha Eermiyaasitti, “Maaloo naaf kadhadhu,” jedhee ergaa itti erge. Raaja Eermiyaasis, “Uummata waliin booji’amta,” jedhee deebiseef. Kanaanis Sedeqiyaas, “Ati anaaf waan gaarii dubbattee hin beektu.” jedhee boolla keessati hidhe. Waaqayyo Qulqulluu Mikaa’eel ergee, Abemeelikirra bulee boolla keessaa isa baaseera (Erm. 38:7). Israa’elonni lolli itti hammaannaan mooticha keenya malaan baasuu qabna jedhanii akka inni du’ee fakkeessanii, “Waayi waayi” jedhanii reerra godhanii yoo bahan Nabukadanatsoor kana argee, ‘Maalinni?” jedhee yemmuu isaan gaafatu, “Mootii keenyatu du’ee awwaaluuf deemaa jirra” jedhaniin. Innis gaddee “Isa silaa anatu dhiqe gannazuu (kafanuun) qaba ture, mee amma dhungadheen gageessa reeffa isaa naaf fidaa!” jedhe. Yoo fidanii kafana hiikan namichi hin duune iji isaa ni arga ture. Kanaanis, Nabukadanatsoor Sedeqiyaasiin, ‘Osoon si amanuu maaf na ganta amma immoo eessa deemuuf ree?’ jedhee, qondaaltotaatti gara galee, “Nama kana irratti maal murteessitu” jedhee gaafate. Isaanis. “Du’atu isaaf ta’a haa du’u,” jedhaniin. Nabukadanatsoor immoo deebisee, “Lakki akkas qofti gahaa miti.’ Jedhee ijoolle isaa 7’n ajjeesee, isa ija keessaa baasee Baabiloon geessee baaqelaa yoo hororu onneen isaa dhoote du’eera.
Eermiyaas duuka bu’oota Miidiyaam Abemeelikiifi Baarook jedhaman qaba. Isaanis yeroo waa’ee badiinsa lyyaruusaaleem dubbatu waan dhagahaniif, “Kana ijaan nu hin agarsisin!” jedhan. Yeroon yoo gahu Baarookiin awwaala moototaa eegsise; Abemelikiin immoo, “Baala qorichaa fidi” jedhe erge. Abemelik baalicha muree yoo mudaayi keessa godhee deebi’u karaarratti xinnoo aara galfachuuf muka tokko jala taa’e achumaan rafe. waggaa 66’f rafee sana booda hirriibaa dammaqeera. Inni garuu waggaa hanga kana rafuu isaa hin beekne ture. sirumaayyuu gaaddisni mukaa xinnoo waan jalaa siqeef, “Nan ture,” jedhee yoo ka’ee deemu karaan jalaa bade. Ergamaan Waaqayyoo tokko fakkeenya manguddootiin tabbarra yoo gadi deemu arge, “Maaloo Eermiyaasiin agarte?” jedhee gaafate. Jaarsichis, “Ati biyya keessa hin jirtumoo? Eermiyaas booji’amee gara Baabiloon erga deemee wagga 66 ta’eera.” jedheen. Yeroo kana Abemeeiik aaree, “Ati Jaarsa botontoradha osoon si arrabse anatti tola ooritiin (seerri) jaarsa kabaji jetti malee.” jedhe. Ergamichis wanta ta’e hunduma Abemeelikiif ni ibseef. Abemeelik yemmus, “Kunoo baalli ani kute yoom gogderee, bishaan ishees keessaa akka haaratti copha.” jennaan. ergamichi sun, “Akka badiinsa Iyyaruusaaleem hin agarreef Waaqayyo si jalaa dhokseera,” jedhee fuudhee deemee walitti Baarookiin argee morrmormatti walitti maraman, boodas kadhannaa yemmuu taasisan Israa’elootni boojiidhaa deebi’uuf waggaan 4 qofti akka isaan hafe hubatan. Kanas, ergaa barreessanii qoricha sanaafi xalayaa morma joobiraatti hidhanii gara Baabiloonitti erganiiru.
Eermiyaas namni du’ee yoo awwaala deemu gamoo jige jalatti reeffa sana boqochiisee osoo jiru joobirichi xalayaa sana buuseefi. Eermiyaasis waa’ee xalayichaa sana hubachuuf yemmuu nama du’e sana lukaan tuqutti, namni du’e sun ka’ee waa’ee xalayicha ergamee dhugaa bahee deebi’ee boqoteera. Ergaan xalayichaas, “Isin boojiidhaa deebi’uuf waggaan 4 qofa isin hafe warri ormoota /warra hin amanneen walfuutan hiikaa. seera keessanis cimsaa,” kan jedhu ture. Waggaa 4 booda fedha Waaqayyoon Eermiyaas Israa’eloota walitti qabee gara Iyyarusaalemitti deebi’eera. Yemmuus duuka bu’ootni Ermiyaas Abemeelikiifi Baarok isaan simachuuf bahan. Yemmus namoonni warra ormootaan walfuudhan Israa’eioota biraa hin hafnu jedhanii achitti horataniifi haadha manaa isaanii qabatanii. “Biyya keenyatti galuu eenyutu nu dhoowwa,” jedhanii waliin dhufanii turan. Abemelekiifi Baarookis kana yoo argan, “Maaliif akkas gootan? Ergaan keenyas akkas hin tune,” jennaan. “Haadha manaa keenya eenyutu fudhata? Biyya keenya eenyutu galuu nu dhorka? jedhanii dhufan.” jedheen. Warra gurguddoota filatanii warreen ormoota qabatanii dhufanim akka ari’an taasisan. Warri ari’aman kunis gara biyyaatti yemmuu deebi’an. “Kan dura nu tuffattanii deemtan amma maaf dhuftan.” jedhami warri biyyaa immoo deebisanii of irraa ari’an. Isaanis, Laga Yoordanos osoo hin ceehiin biyya godhatanii jiraatan. Maqaa biyyattiis, Samaariyaa’ jedhanii moggasan;
Samaariyaa jechuun Jaalannee jechuudha. Boojii booda Eerrmyaas mana qulqullummaa jige ijaarsisee meeshaa qulqullaa’oonis akka itti galu taasiseera. Innis ummata walitti qabee, “Egaa kana booda rakkinni akka kana duraa akka nu hin argane Waaqayyoon kadhachuutti haa jabaannu.” erga jedheenii booda waa’ee foonummaa yoo barsiisu, “Ilma Waaqaan arge nun jedhaa?” jedhanii dhagaan dhaananii ajjeesan. (Terefe. Em 11:54, Ibr. 11:37). Ayyaanni yaadannoo boqonnaa raajicha Ermiyaas Caamsa 05 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!