
Iccitii Qurbaanaa
Qurbaana jechi jedhu Jechaa Girik yeroo ta’u hiikni isaas
• Kennaa
• Aarsaa
• Mabaa
• Balchaa
• Qabeenya waaqayyoof dhiyaatu jechuu kan ibsuudha.
Akka seera kakuu moofaa keessatti Israa’eeloonni cubbuu isaaniif Waaqayyo akka araaramuuf (dhiisuuf) kan dhiyeessan aarsaa qurbaana ture.
Kakuu haaraa keessatti qurbaanni aarsaa waaqayyo ilmaan namaaf dhiyeesseedha.
Kakuu haaraa keessatti qurbaanni dhiigaafi foon gooftaa keenya I/Kiristoosiidha. (Yoh. 6:35, 1Qor. 5:7)
Kunis guyyaa kamisaa galgalaa kan jalqabeedha,( Mat. 26:26-28, 1Qor. 11:23-24) irratti kana yaadannoo kootiif godhaa jechuun isaa gidiraan ani fannoo irratti arge hunda, addunyaa maarri akka itti fayyuuf fooniifi dhiiga koo isinii kennuu koo yaadadhaa jechuu isaati, malee dhiignifi foon gooftaa nuti fudhannu, kan fayyina bara baraa itti argannu malee yaadannoof goona jechuu miti.
Fakkeenyummaa Iccitii Qurbaana kakuu Moofaa keessatti
Bara seera kakuu moofaatti abbootiin
• Beeyladoota irraa aarsaa (Ba’u. 29:39, Lew. 7:20 -30, Far. 49:8, 1Mot. 18:32 – 38)
• Miidhaan irraa ammo qurbaana qopheessuun Waaqayyoof aarsaa dhiyeessa turan (Kuf. 5:1)
Kunis kan qophaa’u guyyaa sanbataafi guyyaa ayyana gara garaatti ture.
Hangafti lubootaa jalqaba cubbuu isaaf itti aansuun cubbuu uummataaf kadhata (Ibro. 7:27)
• Aarsaa Malkatsedeqii (Uma. 14:18-21, Ibro. 7:1, Ibro. 10:4)
• Hoolaan faasikaa akka fakkeenya qurbaana kakuu haaraatti fudhatamu. (Ba’u. 12:3-6)
Qurbaana kakuu haaraa keessatti
Ilmaan Waaqayyoo erga taaneen booda jaalalaan, fooniifi dhiiga isaa, qurbaana qulqulluu nu hunduu akka kabajamnuuf jecha warra amananiif fayyina jireenyaa kan argamsiisuudha.
Aarsaan kunis bara hanga baraatti hin jijjiiramuu kanaafis ‘Aarsaa wangeelaa’ jedhamee waamama.
Qulqulluun Phaawuloosis kanumaaf jechaa ‘Warra qulqullaa’uuf jiraniif hanga bara baraatti kan ta’u aarsaa takkittii dhiyeesse.’ (Ibr. 10:14). Kanaaf foon isaafi dhiigni isaa hardha mana Kiristaanatti yeroo hundaa ni qophaa’a, jijjiiramees nyaataafi dhiiga gooftaa I/Kiristoos ni ta’a, lubootnis maatii waaqayyoof ni kennu.
• Yeroo hundaa kan isa hin nyaannee jireenya bara baraa waan hin qabneef. (Yoh. 6:53)
• Kan isarraa nyaatu hin beela’us hin dheebotus (Yoh. 6:35)
Gooftaan keenya I/Kiristoos “Ani kanan isiniif laadhu biddeena Museen isiniif kennu miti kan ani isiniif laadhu buddeena jireenya kan barri hin dangeessine kan guyyaan hin jijjiireedha… kanaafuu Namni dhiigaafi foon koo fudhate bara hanga baraatti ni jiraata” (Yoh. 6:31)
Kennaan Qurbaanan argamu:
• Cubbuu irraa nama dhiiqa (Ibro. 9:14)
• Jireenya bara baraa laata. (Yoh. 6:53, Rom. 11:21-24)
• Haqamaa cubbuu laata. (Maat. 26:17, 1Qor. 10:17)
• Luugama cubbuu ta’ee tajaajila, kennaa afuura qulqulluu waan nu laatuuf cubbuu ni laganna. (1Yoh. 6:53-55)
• Gidiraa gooftaa irra ga’e nama yaadachiisa. (Luq. 22:19)