Dursaa jechii Amanuu jedhuu hiikni isa addunyaa kanaafi ishee keessa kan jiraatu hunda bakka hin jirree (bakka hin beekamneetii) gara jireenyaatti kan fide yookiis kan uume Uumaan (Waaqayyo) jira jedhanii amanuu jechuudha. Samiifi keessa ishee kan iru, dacheefi wantoota dacheerra jiraatan hunda kan argamsiise ofii isaaf garuu argamsiisaa kan hin qabne uumaan (argamsiisaan) jira jedhanii amanuu jechuudha. kunis miira namaa shananiin qoratamee kan bira hin ga’amnee, kan qaamaan tuqnee mirkaneeffachuuf hin danda’amne garuu laphee keessatti “Eeyyee dhugaadha, akkasi” jechuun amanamuufi abdatamudha.
Hiika amanuu jedhuu kana irraa akkuma hubannuu, nuttis akka mana amantaa keenya kiristaanna ortodooksiitti kan amanuu yookiis waaqessinuu Waaqaa lafaafi samii uume malee ergamoota yookiis qulqulloota miti, garuu isaan ga’ee mataa isaanni danda’aan qabu. ga’ee isaanis aangoofi abboo waaqayyoon ofii isaa jaallatee isaaniifi kennedha malee nama ofii isaan kan isaan muddee miti. kan Waaqayyoo filaattee eenyuuttu salphisaa akkuma jedhu.
Egaa jalqabaa waa’ee araarsumaa dubroo maariyaam xiqqoo walliin ilaala.
Araarsituu jechuun araara jecha jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u, hiikni isaas wal diddaafi wal dhabiinsa hambisuu kan jedhuudha.
Araarsitoota kan jedhaan ammoo cubbamtoonni yoo cubbuu hojjetanitti gaddanii Waaqayyo akka araara isaanii godhu gara qulqullootaatti dhufan, qulqulloonnis waadaa isaaniif galamee wal diddaa sana Waaqayyoo dhiiseefi namoota cubbuu hojjetan sanaaf ni araarama.
Araarsumma ergamootaafi qulqulloota kam iyyuu dursuun, kiristaanonni hundi kan abdatan haadha Gooftaa keenya Iyyeesuus dubroo Maariyaamidha. Sababni isaas mataan mana kiristaanaa Iyyeesuus kiristoos waan ta’eef; mataa mana kiristaanaa kanaf kan buufata taatee gadaamessaa isheetti ji’a sagal baattee kan deessee waan taateefidha.
Adeemsa fayyuu ilma nama keessatti dubroo Maariyaamiin iddoo guddaa qabdi. Foon gooftaan uffatefi lubbuun gooftaan fudhates kan isheerra argamee malee eessayyu kan dhufe miti.
Guyyaa gooftaan godaanu wajjiin godaantee, lage ceetee, gamoojjii qaxxaamurtee, tulluu qaariitee wajjiin dheebotte, wajiin beeloftee, wajjiin boossee, wajiin naatee waan hunda wajjin taatee haadha guddifte akka taates beekamadha (Mat. 2:13, Mul. 12:14)
Waa’ee araarsummaa dubroo Maariyaamiis Mootichi Daawit akkas jechuun dubbateerraa. “Uffata warqeen miidhagdee haguugamtee mootittiin mirga kee ni dhaabatti, mucaa koo dhaga’i ilaalis, gurra kees natti qabi. Gosa kees mana abbaa kees irraanfadhu; mootiin miidhagina kee jaalateera. inni gooftaa keeti.”(Far. 44:9)
Egaa dubbiin kun kan akkasumaan dubbatamee hafu miti. Gooftaan dubbii raajotafi ooriitii keessa jechi tokko hafuurra osoo ardiifi samiin darbanii wayya(Mat. 5:18) jedheera.
Qulqulluun Gabri’eelin “Yaa Maariyaam Waaqayyo fulduratti surraa argatteetta, hin sodaatin,” (Luq. 1:36) jedhee kabajaan missiraachoo itti himeera.
‘Surraa’ kan jedhu hiikni isaa kabaja, dhagahamummafi araaraarsituu ta’uu ishee agarsiisa.
Waaqayyoo fuldurraatti surraa kan argataan araarsummaaf ni dhabaattu, ni araarsu, ni kadhaattus. kunis immoo Waaqayyoo feedha isa taanaan isaan filaate aangoo kanaaf. (Uma. 18:3, Uma. 18:23, Bau. 33:12, Lakk. 44:20, 2Sam. 24:17, Mat. 8:5, Mar. 9:17, Fil. 1:5) egaa kan Waaqayyoo fuulduratti surraa argatan hundi araarsummaa isaaniitiin akkas yoo hojjetan teessoo Waaqayyoo kan jedhamtee Maariyaamiin surraa isheedhaaf kennameen akka hadhumaatti kan ishee caalu hin jiru. kanaf yeroo mara mirga isaa dhaabbattee, nu araarsiti. (Faar. 44:9)
Araarsumaan Ergamoota hoo?
Jalqabummaa ergamoonni qulqulluun ilmi nama akka baduufi cubbuu hojjetu hin barbaadan. waa’ee kanas gooftaan keenya akkas jechuun dubbaterraa “Isaan xixiqqoo kana keessaa tokko illee akka hin tuffanne ilaalladhaa! Ani isinittan hima, Waaqa irraa ergamoonni warri isaan eeguudhaaf kennaman guyyaa hundumaa fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti ni argamu’oo” (Mat. 18:10) jedhe.
Ergamaan Waaqayyoo waa’ee warra Iyyarusaalem bittaa suukanneessaa keessa tturan, gidiraa hedduun dararamaa jiran kanaaf Waaqayyoo akka garaa laafuuf kadhateerraa. (Zak. 1:12)
Kana qofaas osoo hin tannee ergamoonni kadhaanna keenyas gara Waaqayyootti ol baasu (Xobit 12:15, HoE. 10:4)
Ergamoonni missiraachoo himoota (Uma. 16:11, Luq. 1:13, Luq. 1:26-27, Luq. 2:9-10)
Ergamoonni yeroo rakkoofi dhiphinaa nuuf dhaqqabu; nu fayyisuus (Far. 33/34 : 7, Mat. 28:5-6, Yoh. 20:1, Yoh. 20:12-13)
Ergamoonni yeroo balaatti dafanii nuuf dhaqqabu (Far. 90/91:11, Dan. 6:22, HoE. 5:19, HoE. 12:7)
Ergamoonni nama adabu (Lakk. 22:22-31, 2Sam. 24:16, Isa. 37:36, Luq. 1:19, HoE. 12:23)
Ergamootni seexana irratti aangoo ni qabaatu (Mul. 12:7)
Egaa waan hedduu qulqullootaa, ergamootaan kan wal qabatuu kaasun ni danda’amaa garuu nama dhaga’uufi baay’een hin barbaachisuu.