
Waa’ee Ergamoota Waaqayyoo
Ergamootni guyyaa dilbataa amala akka qillensaafi ibiddummaa qabaniin kan hin jirre irraa, gara jiranitti kan dhufaniidha/uumamaniidha.(Far.104:4)
Waaqayyo halkan Dilbatatti barii sa’aatii 9ffaa irraa eegalee,ergamoota gosa 100 godhee uume. Baay’inni ergamoota gosa tokkoo qofti, hanga baay’ina copha roobaa addunyaan uumamee hanga dabartutti jiranuuti.
Kanaaf
• sammuun namaa baay’ina isaanii lakkaawee bira hin gahu (Iyyoob 25:3; Erm 33:22).
Waaqayyo isaan uumee, gosa 10’n kudhaniin magaalota /samii 3 irra qubachiise (Kitaaba Aksimaaros). Isaanis,
• Iyyoor,
• samii Raamaafi
• Samii Erer jedhamu.
Waaqayyo ergamoota erga uumee booda, jalaa dhokate. Beekumsa qabaniin barbaadanii isa akka argataniif. Saaxinaa’el/Seexanni/ hangafa ergamoota hundaa ture; Waaqayyo isaan jalaa dhokachuu arginaan, sobaan anatu isin uume; anaaf sagadaa jedhee ergamootatti dubbate. Kanaanis, gadi darbatame, hangafummaan isas Qulqulluu Mikaa’eelif kenname.
Lolli guddaan samiirratti ta’e Mikaa’el ammoo, raayyaa isaa waliin Seexana ni moo’e. Ergamoonni afuurota, hin fuudhan hin heeruman, wal hin horan, saala hin qaban, hin du’an, hin dullooman.
• Ergamootni ga’een isaanii inni guddaan, boqonnaa malee Waaqayyon galateeffachuu, ergamuu, kadhannaa fi aarsaa amantootaa gara Waaqayyoo
• Olbaasu (Duuk.10:4, Xoobit 12:15, Mul.8:4),
• Ergamootni ni araarsu (Mi 18:10, Zak 1:12).
• Ergamootni missiraachoo himu (Luq. I :26).
• Yeroo dhiphinnaa nuuf qaqqabu, nu fayyisus, balaa jalaa nu oolchu (Faarfannaa 33/34:7)
• Ergamootni nama akka ajaja Waaqayyootti hin adeemne ni adabu (Bau 3:20, Lakk. 22:22-31, 2Sam 24:16,).
Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoosis akka dhalatu, kan Qulqulleettii Dubaroo Maariyaamitti hime ergamaa Gabri’eelidha jenneerra. Yemmuu itti himus, galateeffannaafi jechoota kabaja ibsanitti fayyadamuudhan, misraachoo itti hime. Wangeela Luqaas irratti akkuma ibsame, ergamaan kun gara Luba Zakariyasitti ergamee “Zakkariyaas, baga gammadde kadhannaan kee dhagahameera, haati warraa kee ni ulfoofti; ilmas ni deessi maqaan isaas, Yohaannis jedhama” jedhee yemmuu itti himutti, Zakaariyaas “ani manguddoo dadhabaadha yeroon daa’ima itti dhalchuu danda’us darbeera” jedhee yoo deebii deebisuuf, ergamaan Gabr’eeliinis “waan dubbii koo amanuu diddeef, hanga kanan ani sitti hime kun ta’utti, arrabni kee duudaa ni ta’a” jedheenii jira (Luq 1:8-21).
• Du’aa ka’uu gooftaa Iyyasuus namootaaf kan ibsan, akkasuma ergamootadha (Mat 28:5-7,Yoh 20:11-14).
• Mana hidhaas banuudhaan kan duuka bu’oota gooftaa hiikan, ergamtoota (Duuk.5:19).
Kanuma hundaaf, manni kiristaanaa keenya ergamoota ni kabajji, araarsummaa isaanittis ni amanti. Ni oolchu kan jedhuuf ammoo, Faarsaa Daawit akkasitti ifa godhee kaa’eera.
• “Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaataniitti ni buufata, inni isaan ni oolchas” Far 34:7. Jedha.
• Qulqulluu Phawuloosis, gooftaan ergamaa isaa ergee akka harka Heeroodisiifi ummata Yihuudootaa Phaawuloos irratti hammeenyi akka ta’uuf irraa akka baraare, barraa’ee jira (Duuka 12:11).
• Seera lakkoofsa 20:16 irrattiis “Nutis ni iyyine, Waaqayyos ergamaa isaa ergee nu baase “jedha.
Waaqayyo ofii isaatii ajjeesuufi fayyisuu gargaarsa tokko malee ni danda’a. Haa ta’u malee, ergamoota isaatiif aangoo kenna, isaanis ajaja Waaqayyootiin ni oolchu, ni fayyisu, ni ajjeesus.
Ni ajjeesu kan jedhuuf ammoo, kitaaba qulqulluu irraa fakkeenya yoo fudhanne: Hizqi ‘eel yeroo Sanaakireemin sodaachifametti, ergamaan Waaqayyoo Hizqi’eel akka gargaree, Sanaakireemis akka moo’ame ni hubanna(2Sen 32:21).
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!