soosinnaa jechuun garraamii jechuudha. Abbaan ishee Kelqiyaas, abbaan manaa ishee ammoo, Iyyo’aaqeem jedhama. Dubartii baay’ee bareedduu taatedha. Seera barsiifna kan jedhan, barsiisotni ishee barsiisan lama jaalalan kufan; isaan lamaanu gara garaati ishee barbaadutti ka’an. Isaan lamaanuu keessa isaanitti ishee argachuuf hawwu ture, garuu afaanii baasanii walitti hin himne. Guyyaa tokko kophaa kophaa isaanii osuma ishee argachuuf barbaadan, walitti dhufanii waan garaa isaanii walitti himatan. Isheenis qama ishee dhiqachuuf, iddoo dhiqannaa biqilootaan guuttame keessa yemmuu seentu, isaan dhokatanii ishee ilaalaa turan. Yemmuu gargaartonni ishee wantoota dhiqannaaf ta’u karra cufanii fuudhuu dhaqan, barsiisotni kun lamaan ka’anii gara Soosinnaatti fiigan. Isaanis bira dhaqanii akka isaan waliin ciiftuuf ‘tole nuun jedhi; yookaan yemmuu dargageessa waliin sagaagaltu ishee agarre jennee maqaa kee ballleessina; sirratti murteessisiifnee; dhagaadhan akka si dhaananii si ajjeesan taasifna” jedhaniin.
Isheenis yemmuu dubbii isaanii kana dhageessu, ni boosse ni gaddites. garuu, “namni narratti murteessuu irra, Waaqayyo osoo narratti murteessee wayya” jettee iyyite. Isaaniis waliin iyyan. Uummannis yemmuu wal gahu. dargageessa waliin osoo ciistu argine jedhaniin. Uummanis walgahee dhagaadhan reebamtee haa duutu. murtee jedhu itti murteessan. Uffata ishee irru baasuun, gara adababayiitti fudhatan. warri ishees waliin bo’an. Daa’imni Daani’eel jedhamu, “ani dhiiga dubartii kanaatirraa qulqulluudha” Jedhee, sagalee isaa ol kaasee dubbate. Ummannis gara inni dubbbatetti garagalan. Yeroo kana, Raaja Daani’eel “yaa beektota israa’eel, maal taatan? Osoo hin qoratin murteessitu moo?” haa qorannu” jedhee, jaroota lamaan gara gara baasuudhaan, maal jala Soosinnaan akka ciiftee gaafate. Inni tokko “muka Kook jedhamu jala” inni tokko ammoo, “muka Roomaan jedhamu jala yemmuu ciisan agarre” jedhaniin. Yemmuu kana, Daani’eel gara barsiisota sobdootaa kanatti garagalee “ergamaan Waaqayyoo isin ajjeesuuf ajajmeera” jedheen. Yeeruma sanatti bakka lamatti addan kukkutamanii du’aniiru. Ergamichi qulqulluu Mikaa•eel ture. Warri Soosinna akka isheen du’a jalaa baraaramte, beektonni Israa’eelis osoo hin qoratin dogongora uumuu irraa waan Waqaayyo isaan hambiseef, Daani’eelin baay’ee ol ol is qaban. Isheenis akkasumatti hojii gaaridhaaniifi amantaadhan cimtee Fulbaana,28 boqoteetti.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii kanaan nutti haa araaramu. Sugni ishees nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!
Tag Archives: abboota bara seera ooriitii
Raajaa Eelsaa
Eelsaa jechuun Waaqayyo fayyinaadha jechuudha. Abbaan isaa Yoosafiix jedhama; gosti isaa Yisaakooridha. Barsiisaan isaa raajaa Eeliyaas. Innis yeroo biraa gara dachee jiraattotaa ol bahu, “Waan narraa barbaaddu na kadhadhu yemmuu jedheenitti “kennaan kee lama ta’ee anarra haa bulu,” jedhee kadhatee waan tureef kennaan Eeliyaas Eelsaarra dacha ta’ee buleera. Kunis akka beekamuuf Eeliyaas nama du’e tokko kaase Eelsaan garuu nama lama kaase. Raajaa Eelsaan barsiisaa isaa gaggeessee yoordaanos lamatti hiree cehee yoo deebi’u gara magaalaa Iyyaarikoo seenee,”Bakka kana jiraachuun nuuf gaaridha,” jedhe. Kan isa simachuu dhufan garuu,”Biyyillee gaaridha bishaan ishee garuu hadhaawadha.” jedhaniin. Galii haaraan soogidda naaf fidaa jedheen. Innis, “Waaqayyo gooftaan Israa’eel kan du’u akka hin jiraanne bishaan kana fayyiseera, jedhe yoo irratti kadhatu bishaanichi kan mi’aawu ta’eera (2Moot2: 19-21). Achi darbee yoo Beeteel gahu moluu namicha moluu,” jedhanii arrabsan. Sababa kanaanis dheekkamee amaaketi lama bosonaa bahanii ijoollee 42 ajjeesaniiru (2Mot.2:21-25). Akkasumas Qarmeelositti dubartiin takka dhuftee kanan irraa liqeeffadhe na ajjeessuuf abbaan manaa koo du’eera rakkadhee jettee yemmuu isa kadhattetti mana ishee zayitaan guuteeraafi. (2Mot. 4:1-7). Dubartiin sunamawitii isa simattu takka ilma hin qabdu turte. Innis ilma ni deessa jedheenii; waggaatti ilma ni deesse. Ilmi ishees guddatee guyyaa tokko abbaa waliin deemee du’ee. Isheenis dhuftee Eelsaatti itti boosse innis mucaa ishee du’aa ni kaasef (2Mot. 4:25).
Bara beela tahettis duuka bu’aa isaa Giyaaziin, “Raajotaaf baala affeelii kenniif,” jedheen. Yoo dhandhaman itti hadhaaye jennaan, summiidha jedhaniin. Qamadii xinnoon akka tuqan itti himnaan isaanis akkuma jedhaman ni godhan; nyaanni sunis mi’aawee nyaatan. Akkasumas ammoo hojii ajaa’ibaa raajaa Eelsaan hojete keessaa Ni’imaan nama jedhamu mootii Sooriyaa ture. Lamxiin/dhukkuba gogaa nama addeessuun/ rukkutamee gaddee osoo jiruu dubartiin lammii Israa’elii kan mana mootichaa hojjettu takka “namni Eelsaa jedhamu jira osoo achi dhaqee ni fayya” jettee haadha manaatti himteef. Mootichis dhukkuba isaa irraa fayyuuf yemmuu garaa Eelsaatti dhufu “Dhaqiitii Yoordaanositti dhiqadhu” jedheen. Namichis, “Ergaa laga ta’ee biyya koo laggeen gurguddoon jiru mitii,” jedhee lole. Yeroo kana kan waliin turan, “Maaltu si dhibe ati akka inni siin jedhe maaf gootu” jedhaniin. Innis dhaqee si’a torba laga Yoordaanos keessa cuuphame; ni fayyes. Wanta qabatee dhufe keessaayis warqee Eelsaadhaaf dhiyeesse. Eelsaan garuu ni dide. Giyaaz keessa isaatti warqicha barbaadee ture. Booda erga isaan deemanii suuta jedhee duuban dhaqee warqee hanga tokko fudhate. Yeroo sana Eelsaan wanta Giyaaz gochaa jiru afuuraan ni arga ture. “Eessa dhaqxee dhufte?”jedhee Giyaaziin gaafannaan ni dhokse, kanaanis raajaa Eelsaan Giyaaziin “akkuma warqee isaa irraa fudhatte lamxii isaas irra fudhu” jennaaniin Giyaaz Iamxaa’eera(2Mot5).
Raajota keessaa manni nutti dhiphate mana nu ijaari jedhanin osoo muka muranii qottoon sibiilaa bishaan Yoordaanos jalaa seente. Innis muka cittuu irra godhee baaseeraaf. Booda mootiin Adeer, Israa’eloota mo’achuu waan dadhabeef “Eenyutu mootii Israa’elitti yeroo hunda gorsa kana kennaa?” jedhee namoota gaafate. Isaanis, “Raajicha Eelsaa jedhamu tokkotu jira. Isatu wanta mootichi raawwatu itti hima,” jedhaniin. Akka isa qabanii gara isaa fidanis ajaja dabarse. Giyaaz yeroo saragallaa baay’ee ta’anii dhufan argu ni sodaate. Eelsaan garuu,”Hin sodaatiin kan isaan bira jiru irra kan nu bira jirutu caala,” jedhee ijji isaas akka banamtu kadhate.
Eelsaanis kadhatee ijji namoota isa qabuu dhufanii akka jaamtu taasise, ni jaaman. Yemmuu kana Eelsaan isaan fuudhee gara mootii Israa’eel geessee ‘iji isaanii bade haa agartu’ jedhee kadhannaan hundumti ni argan. Mootiin Israa’eel immoo Raajaa Elsaadhaan “Jara kana ajeesuu?”jedhee yemmuu gaafatutti Eelsaan “Lakki nyaachisii obaasii ergi malee hin ajjeesiin” jedhee mootichi namoota kana nyaachisee obaasee ergeera. Kanaanis nagaan gara biyyaatti gaggeeffamani bara dheeraaf kan wal hin lolle ta’aniiru. Eelsaanis haala kanaan jiraate wagga 50 barsiisee nagaan boqoteera. Kan boodas Israa’eelonni nama Mo’abawiyaniin du’e tokko boolla isaarra yoo kaa’an du’aan ka’eera (2Mot 13:20).
Guyyaan yaadanno raajicha Eelsaas caamsaa 20 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu: sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!
Raajaa Eeliyaas
Eeliyaas jechuun Waaqayyo Gooftadha/ waaqadha jechuudha. Dhaloonni isaa gosa Leewwii irraa, abbaan isaa Iyyaseeniyuu yoo jedhamu haati isaa immoo Toonaa jedhamti. Biyyi isaa Tesbiyaa ishee Gale’aadidha. Qaamni isaa rifeensaan kan uffifamedha. Yoo dhalatus uffata abiddaan maramee dhalate. (2Mot. 1:8)
Bara Mootichi Aka’aabfi mootittiin Eelzaabel jedhaman kan luboota waaqharkee 850 bulchan, lakkii karaa waaq-harkee kana hin deeminaa yoo jedhee isaan gorsu isaan garuu isa dhagahuu hin barbaanne. Kanaaf, egaa waaq-harkeen keessan isin haa fayyisu jedhee waggaa 3 roobni akka hin roobne kadhatee samii cufeera. Laftis wanta biqilchitu akka hin qabaanne ni dhorke. (1Mot. 17:1, Room. 11:2-4, Yaa’i. 5:17-18) Eelzaabeel jalaa badeera gara lafa fagootti baqateera. Isaaf garuu arraagessi nyaata isaa fidaafii jiraate (1Moot. 17:2-7)
Booda nyaanni isaaf arraagessaan dhufu jalaa hafe, lafti inni bishaan irraa dhugus ni gogde. Waaqayyo,”Gara Saraptaa deemi,” jedheen. Innis ni dhaqee “Bishaan na obaasi waan nyatamus naaf kenni” jedheen. Isheenis “Egaaani wanta nyaatamu tanumaan qaba dhaqeen tolchee atis anis mucaan koos nyaanne duuna” jetteen. Eeliyaasis midhaan isheen qabatte sana.”Hanga buri beela darbutti haa sifaawu” jedhe. Yoo ol seentu daakunis dammis guutuu ta’ee agarte. Boodas mucaan dubartii sana jalaa du’e. Isheenis mucu ishee gara Eeliyaas fiddee kadhannaa gochuufiidhaan yeroo torba irratti kufee yoo ka’uun mucicha du ‘aa kaaseera (1Moot. 17:8-24)
Mootichis isa argatee,”Kan Israa’eel beelaan fixu si’ii?” jennaan. “Isin malee warri Waaq-harkeetti bulu; hanga yoomitti laphee lamaan okkoltan Be’aal’ Waaqa yoo ta’e isatti bulaa yookiin immoo Waaqayyo Waaqa yoo ta’e isatti tokko filadhaa,” jedheen. “Ammas wareega dhiyeessine isin kunoo luboota 450 kan waaq-harkee qabdu. Raajni Waaqayyo garuu anuma, wareeega dhiyeessinee isa Waaqayyo jaalatu haa ilaallu”jedheen. Yeroo kana wareega dhiyeessanii yoo eegan ibiddi samii irraa buutee wareega isaanii fudhachuu/gubuu’ didde. Inni garuu,”Waaqni keessan rafeera ta’a dhaqaatii kaasaa” jechaa itti qoosaa ture. Isaanis nafa isaani shoootalaan waraanaa hanga dhiigni isaanii bahutti kadhatanis hin taanefi. Isaan booda immoo inni dabaree isaatti aarsaa ni dhiyeesse, ibiddi samii dhufte aarsaa isaa ni gubdeef. Innis luboota waaq-harkee hunduma isaanii ajeesiseera. Kana booda gara tulluu Qarmeeloos irra bahee kadhatee duumessi xinnoon muldhatee yeruma sana roobni roobe guyyuma sana biqiltuun biqilee midhaanis gahee nyaatanii bulaniiru (1Mot 15:6). Eelzaabeel akka luboota waaq-harkee ajjeesise waan dhageesseef, “Anis bor akkasuman isa godha” jettee dhaadatte. (1Mot. 18:17 – 19:3) Ergamaan Waaqayyos ija Eelzaabeel jalaa akka baqatu itti himnaan rifatee gammoojji gammoojjii osoo deemu muka jalatti boqote. Ergamaan Waaqayyo, “Ka’i,” jedhee nyaata dhiyeesseef. Guyyaa 40 fi halkan 40 deemee Damaasqoo gaheera. Achiiti Eelsaan yoo qotu arge. Eelsaanis Qotiyyoo isaa qalee nyaachise faana bu’eera (lMot 19:1)
Aka’aab du’ee Aka’aaz mo’e. Innis waa’ee isaa yemmuu Eeliyaasin “gaafachiisutti “ni duuta malee hin fayyitu jedhani” jedhee itti erge. Akkuma raajaa Eeliyaas jedhe mootichis ni du’e. Yeroo guyyaan olbahuu isaa gahu Eelsaatiin “Gara Beetelan olbaha asitti na eegi,” jedheen. Eelsaan “si biraa hin hafu,” jedhee dide. Ammas,”Iyyaarikoon deema asitti na eegi” jedheen. Eelsaan ammas gonkuma akka isa biraa hin hafne kakate. Iyyaarikoos gahani,”Yoordaanosiin deema na eegi,” jedheen, “si biraa hin hafu,” jedheen. Yoordanoos uffata isaan bakka lamatti mure cehee. Eeliyaas Eelsaadhaan “wanta narraa barbaaddu na kadhadhu,” jedheen. “Afuurri kee dachaa lama ta’ee narra haa bulu,” jedheen Eelsaan. Innis “yoon ani fudhatamu yoo na agarte kadhannaan kee siif ni raawwatama,” jedheen. Saragallaan ibiddaa adda isaan baase. Eelsaanis yoo Eeliyaas argee,”Abbaakoo abbaakoo,” jedhee yoo waamu Eeliyaas uffata isaa bakka lamatti tarsaasee tokko darbeefii ol baheera (2Mot 2). Raajichi Miilkiyaas, “osoo guyyaan Waaqayyoo hin gahiin raajicha Eeliyaasiin nan isiniif erga,” jedhee raajii dubbateera. Miilk.4:5. Kana irraa kan ka’e namoonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin, “Eeliyaasidha, jedhu ture. Mar.8:28. Garuu Eeliyaas ta’ee kan dhufe Yohaannis cuuphaadha (Maat.11:14, Luuq.l:17). Yeroo Iyyesuus Kiristoos gaara Taaboor irratti ulfina isaa agarsiisutti Eeliyaas isa waliin dubbachaa ture (Maat.17:10-13, Luuq.9:30-33).
Guyyaan yaadannoo olbahuu raajaa Eeliyaas Amaijii guyyaa 6. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!
Naabutee
Mooticha Aka’aab jedhamu tokkotu Israaa’eloota bulchaa ture. Waan hundumaa qaba. Haa ta’u malee, waan qabu kana hunda keessaa waan tokkotu itti mul’ate Qabeenya lafaa wayinii Naabutee jalaa fudhachuuf baay’ee gojoma’ee, “Dhaaba wayinii kana naaf kenni yookaan natti gurguri,” jedheen. Nubuteen immoo “Dhaala (hambaa) abboota koo kana siif dabarsee hin kennu, waan akkanaa Waaqayyo ana irraa haa fageessu,” jedhee dide. Kanaanis, mootichi muufatee midhaan nyaachuu bishaan dhuguus dide. Haati warraa mootichaa Eelzaabeel mootichi maal akka ta’e gaafatte, innis waan ta’e hundaa itti hime. Eelzaabeelis Aka’aabiin, “Kanaaf akkas gadditaa? Ati amma mootummaa Israa’elootaa bulchitaa? amma ka’ii midhaan boru ganamaan dhaqxee laficha fudhatta” jetteen.
Kanaanis Eelzaabeel xalayaa sobaa qopheeffattee, “Kunoo Naabuteen Waaqayyoofi mooticha arrabse,” jettee namoota sobaan irratti dhugaa bahanis qopheessite. Dhagaadhaan rukkutanii dhiiga Naabutee dhangalaasuun Naabutee sobaan ajjeesan. Du’a isaa yemmuu dhageessu mootittiin kaatetu mootichaan, “Amma Naabuteen du’eeraatii ka’ii dhaqi bilisaan lafa isaa dhaali” jetteen. Aka’aabis ka’ee gara dhaaba wayinichaa fudhachuuf dhaqe. Waaqayyo abbaan dhugaa iyyaafi gadadoo toloota isaa dhagahuufi ilaaluuf guyyaafi halkan kan hin jenne, yeroo hundaa gurri isaa kan gara iyya qulqullootaa ta’e, sagaleen isaa gara raajaa Eeliyaas dhufe! Sagaleen Waaqayyoo Eeliyaasiin akkas jedheen, “Ka’iitii gara mooticha Aka’aab dhaqi, inni wayinicha fudhachuuf achi jira; akkasis jedhiin, “ajeefteeti dhaalteetii akkuma saroonni dhiiga Naabutee lafaa arraaban dhiiga kees lafa irra ni arraabu jedhiin,” jedheen. Raaja Eeliyaasis ka’ee kanuma Aka’aabitti himu dhaqe. Raaja Eeliyaas waa’ee balleessaa isaa itti himnaan yeroodhaaf Aka’aab ni rifate; gaddee gadi jedhee adeeme. Waaqayyos rifachuu isaa argee garaa laafeef. Haa ta’u malee, waggaa sadii booda Sooriyaanotaan wal waraanuuf gama Iyyoosaafxii mootii Yihuudaatiin gaaffin dhiyaateef. Aka’aabis dubbii raajaa Miikiyaas “Lolaaf hin ba’iin ni moo’atamtu,” isa jedhu didee waraanaaf bahe. Waraana irrattis Sooriyaanotaan waraanamee ni du’e. Dhiigi isaas saragallaa keessatti gadi nam’e, saragallichas bishaan sagaagaltoonni itti dhiqataniin dhiqan. Akkuma Waaqayyo jedhetti dhiiga isaa sareen ni dhugde. Akkuma inni dhiiga nama qulqulluu gadi naqe sana, dhiiga mooticha Aka’aab sareen lafaa arraabde (1Mot. 22:38).
Eelzaabeel isheen gorsa badaa gorsitee sobaan Naabutee ajjeesiftee (2Mot.9:26). “Kunoo dhugaan Waaqayyo jiraataan akkas jedha, dhiiga Naabuteefi dhiiga ijoollee isaa dhugumaan kaleessa argeera, qonna Naabutee kana kessattan biyyee sitti deebisa jedha Waaqayyo” akkuma jedhamee barraa’e, isheenis raayyaa Iyyuutiin gamoo irraa gadi darbamtee duute. Yemmuu awwaaluuf ta’anittis, lukaafi barruu harkaa isheen alatti qaamni ishee ciccitee faca’eera hoo hin argamne. Akkuma raajicha Eeliyaasiin dubbatame, foon isheellee sarootni lafa Naabutee isa qulqulluu irratti nyaatan (2Mot. 9:37)
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha Kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti; Ameen!