Mootii Daawit

Daawit qomoon isaa Yihuudaadha. Abbaan isaa Iseeyyoo ta’u haati isaa immoo Hublii jedhamu. Haati Daawit bareedduu turte. Ollaatti nama wayii jaalattee innis ishee jaalate. Lamaanuu fedha isaanii tahuu agarraan Iseey karaa dheeraan deema jedhee manaa bahuun halkan namicha sana fakkaatee dhokfatee dhufee ishee waliin bule. Haati Daawit guyyaa sana ture kan Daawitiin ulfoofte. Kanaaf, faarfannaa isaa irratti,
• “Kunoo haati koo badiidhaan na ulfooftee cubbuudhaanis na deesse,” kan jedheef Faar.50/51:5.
Hanga guddatuttis tiksee abbaasaa ture Saa’ool waliin yemmuu Filisxeemotatti duulanis Gooliyaadiin furrisaa (borongodaan) takkaaa adda dhahee isa ajeesee jira. 1Saam.17:45-51. Kanaanis,
• “Saa’ool kuma ajjeese Daawit kitila ajjeese,” jedhanii sirbaniif.
Kana irraa kan ka’e Saa’ool mootichi Daawititti hinaafe. Garuu, intala isaa Meelkooniin Daawitiif kennuufiidhaaf dura waadaa waan galeef isa dhorkachuu hin barbaanne. Saa’ool Daawitiin ajjeesuuf yemmuu mari’atettis Meelkool dhageesseee, Daawitii akka baqatu itti himtee jalaa dheesseera. Guyyaa tokkos Daawit bakka dhokatetti mooticha Saa’ooliin argee isa ajjeesuu osoo danda’uu dhiisee mallattoof qofa harkatti huccuu mooticha tarsaasee qabate. Saa’oolis yemmuu argu boo’eera.
Yeroo holqa Faaraan jiru namichi sooressi Naabaal jedhamu tokko sirna qopheessee nyaataafi dhugaatii qopheessee yoo nyaachisu argee Daawit namichaan, “Waan nyaatamu nuuf ergi jedha Daawit jedhaatii itti naaf himaa” jedheen. Namichis, “Daawit Eenyu?” jedhee dide. Haati warraa Naabaal immoo Abeegiyaa jedhamti. Hoolaa 5 qalsiistee Daawitiif ergiteefii jirti. Booda Naabaaliin, “Daawit si barbaadee dhufe.” jennaan rifatee guyyaa 10ffatti du’e. Abeegiyaatiinis gadda ishee erga fixattee booda Daawit haadha warra godhateera. Yemmuu Saa’ool Filisxeemota harkatti kufee du’us Daawit Saa’ooliifi ilma isaa Yoonaataaniif walaloo walaleessee boo’eera. Du’a Saa’ool boodas Daawit Mootii ta’ee muudameera. Taabota Tsiyoonis deebiseera. Meelkool yeroo inni Taabota Tsiyoon duratti utaalu agartee,
• “Mootiin akkamitti akkana ta’a?” jettee isa tuffatte. Tuffii ishee kanaanis Waaqayyo ishees dhala dhowwate (2Sam 6).
Bara sanattis raajaa Naataan Daawit bira yoo dhufu Daawitiin fuulli isaa gaddee arge. “Maal taatee gadditaa?” jedhee yemmuu gaafatu, “Ani mana bareedaa keessan taa’a Taabotni Waaqayyo immoo mana akkasii keessa taa’a” jedhe deebiseef. Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaruu barbaadee ture. Haa ta’u malee, “harka isaatti dhiigni namootaa waan dhangala’eef si osoo hin taane Ilma sirraa dhalatutu mana koo naaf hojjeta jedha Waaqayyo,” jedheen. Daawit Beersaabee argachuuf jedhee abbaa warraa ishee Ooriyooniin
ajjeesisee ture. Booda garuu hojii isaa kanatti gaabbee Waaqayyo dhiifama taasiseefii jira. Akkuma raajichi Naataan jedhe ilmi isaa Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaree jira.
Waaqayyo mooticha Daawitiif kennaawwan torba kenneeraaf. Isaanis
• kennaa raajii dubbachuu,
• kennaa fayyisuu,
• kennaa lubummaa,
• kennaa mootummaa,
• kennaa faarfannaa,
• kennaa humnaafi
• kennaa hedduu argateera.
Mootichi Daawit Israa’eliin waggaa 40f bulche. Kitaaba Faarfannaa boqonnaa 150 qabu isatu barreesse. Mudde 23 yaadannoo boqonnaa isaati.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *