
Maqaa Abbaa Ilma Afuuraa Qulqulluu Waaqa tokkoon. Ameen! Maatiiwwaan Waaqayyoo, Maqaa Kiristoosiin Kistaannoota, Maqaa Amanu’eliin amantoota kan jedhamtaan ijoollee haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam nagaan Waaqayyoo isa jiraata isiniif haa baay’atu. Waaqayyoon waan hundummaa gochuu ni danda’aa kun eenyuullee jala kan dhokkatee miti, namni hundiis kan beekudha. Har’a garuu kannan isiniif qoodu barbaade ‘WAA’EE WAAMAMU’ dur bara sabni Israa’el abboota firdiin bula turee Saa’ol kan jedhamuttuu ture. Namni kunis yeroo tokkoo harreen abbaa isa jala badnaan babaacha deema ture. Garuu, Waaqayyoon immoo saba Israa’elif Mootii akka inni ta’uu waan yaadef, gara Eliyaas deemun diibamuu danda’eerraa. (1Sam. 9:1 kaasse). Saa’ol ergaa mootii Israa’el ta’ee waan baay’ee hojjeterraa booda keessa kan Waaqayyoo goodhi jedhee dhisuun booji feedha isaafi warra isaa wajjiin turaani eguu jaallachun dandii Waaqa gad dhiiserraa. (1Sam. 15:10 – 35). Waaqayyoos namni bira akka mootii ta’uu waan barbaadef, turtiin mootii Saa’ol hin dheerattin hafe. Boodes Daawit lafa tikaa hoolaatti waamamuun mootii lamaffaa Israa’el ta’eerraa.
Egaa dubbiin dheeraattef harreetti hin fe’aamuu jedhama. Barreeffamaa har’a gabaabsuuf:
Saa’ol bakka harree barbaaduu waamamee (1Sam. 9:1) Daawit bakka hoolaa tiksuu waamame (1Sam. 16:1-13) Pheexros, Indiriyaas, Yoohannis, Yaa’iqob bakka qurxummii qabanii waamaman (Mat. 4:18 – 22) Saa’ol inni booda Phawuloos ta’ee ifaa addunya kan jedhamuu bakka Kiristoosfi kiristannootaa arii’atuu waamamee ( HoE. 9:4)
Egaa wanti guddaan Waaqayyoo nutti bakka kam iyyuu haa jiraannu yeroo kam keessa iyyuu haa jiraanu nu waamu isaafi waamamuu keenya beekudha. Erga waamamnees immoo itti jiraachuudha. Aangoof wamamnee tannan aangoo keenya seeraan itti fayyadamuu qaban, jireenyaaf wamamnee tannan jireenya wamamneef jiraachuu qabna. Wanta wamamneef jiraachuun dirqamaa keenyadha. Kan wamamneef hin jiraannu tannan nurra ni fudhattamaa. Nurra fudhammuu irra darbees dhiigaa qulqulloota hedduu dhangalasaa, namoota baay’ees ni balleessa akkumaa Saa’ol Daawitiin ajeessuuf jedhee Lubootafi namoota qulqulluu ajjeessa ture jechuudha(1Sam. 22:1-23).
Waaqayyoo akkumaa mootummaa Saa’ol jibbee, dabarsees kan biraaf kenne, wantaa ittif nu wammes akkasumaa ni taasisaa. Jireenyi biyya lafa ni darbaa, tokkos haa ta’uu lama ni darba, Jireenyi waaqayyoo kan bara baraatti. Amantiin waan jabannee yoo nutti fakkattees akka hin kufneef of haa eegnuu (1Qor. 10:12). Waaqayyoo hangaa dhumaatti nama cimee dhabbatu nuu taasisun dhaltuu mootummaa isaa kan bara baraa nu haa taasisu. Biyya keenyafi maatii keenya hundaas bakka jiraanitti; nunnis bakka jiruu hundaatti eegumsaa isaa nuuf haa baay’isuu. Ameen.