
Maqaa Abbaa kan Ilma kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokkoon Ameen. Maatiiwwaan Waaqa, Kiristoos kiristanaa kan jedhamtaan, Ijoolleen haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam bakka jirtaan hundaatti nagaan, araari, ayyaanni Waaqayyoo isiniif haa baay’atuu. Qulqulluun Yohannis mul’ataa isaa keessatti boqonaa 22: 11 irratti ‘Inni waan jal’aa hojjetu, jal’aa dhuma isaa haa hojjetu; inni xuraa’aan, ittumaa of haa xureessu; inni waan qajeelaa hojjetu, qajeelaa dhuma isa haa hojjetu; Inni waaqayyoof qulqullaa’e, isumaaf haa qulqullaa’u!’ jechuun ergamaan Waaqayyoo itti dubbatee. Sagaleen kun baay’ee kan nama sodaachisuu ta’uus garuu duraa sagallicha beekun badiisaa nama ni olchaa. Namni jal’innaa hojjetu gara qajeellumaatti, inni qajeelaa hojjechaa jiruu immoo akka itti fufuu ta’uudha.
Kan seeraa osoo beeku seera cabseefi kan seera osoo hin beekin seera cabsee wal qixaa adabama. Raajichi Daani’el raajii ergamaan itti hime macaafa kana cufi (Daan. 12 : 4) ka’ii malee hin baniin yeroon isaa hin geenye ittin jedhee, Qulqulluu Yohannisiin garuu yeroo ga’ee waan jiruufdubbii macaafa kana hin cufin ittin jedhee. (Mul. 22:10).
Waa’ee dubbii kana waan baay’ee barreessun ni danda’amaa garuu, caqasaa isaa arguun iyyuu waan guddaadha. Waaqayyoon nama sagalee isaa dhaga’ee lapheetti qabachuun dhaltuu mootummaa isaa hirmatuu maddii isaa nuu haa taasisuu. Galanni Waaqayyoof haa ta’u, Ameen!