Yaa Gooftaa si dhiisne gara eenyuu deemna?

Maqaa Abbaa Ilma Afuura Qulqulluu Waaqa tokkoon, Ameen!Ayyaani Waaqayyo, kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam, eeggumsii ergamoota qulqulluu bakka jirtaan biyya jirtaan hundaatti isiniif haa ta’u!”YAA GOOFTAA SI DHIISNE GARA EESSAA DEEMNA?

(Yoh. 6:68)” dubbii sagalee kana kan dubbattee Qulqulluu Pheexroos yeroo ta’uutti, Innis maal irraan ka’ee akkas jedhee yoo jenne guutu barreeffama kana ilaalu qabna (Yoh. 6: 40 – 68). Kunis gooftaan keenya I/Kiristoos waa’ee jireenya bara baraa, waa’ee fooniifi dhiigaa isaa nyaachuufi dhuguun dhalamuu barsiisaa ture. kana hundaa yeroo dhaga’annis dandeetti hubaana isaan ol ta’ee dhaga’aan. Achummaan hedduun ni rifataan gara boodaattis deebi’aan. Gooftaanis bartoota isaan isiin keessas deemu ni barbaadu tannan deema ittin jedhee. Achummaan qulqulluun Pheexroos ‘yaa gooftaa si dhiisne gara eenyuu deemna’ ittin jedhee.

Qulqulluun Pheexroos maaliif akkas jedhee? Sababni isaas:

1. Abbaa keenya Adaam Waaqayyoo dhiisuu isaa ni beeka ture, badisaa hedduun akka karaa isaa dhufees beekerraa. (Uma. 2:16) Akkasumaa jireenya bara baraa argachuuf akkumaa abboota Waaqayyoon filaadha jedherraa (Kess. 30:20) irraatti.

2. Gooftaan keenya I/Kiristoos Ilma Waaqayyoo ta’uu isaa hubaatterraa. (Yoh. 6:69)

3. Gooftaan keenya I/Kiristoos Waaqa ta’uu isaa hubaatterraa. (Mat. 17:5) Musee (33:18) fi Eliyaas (1Mot. 17:1 hangaa 2Mot. 2:11 ) Waaqayyon ulfinaa kee nuu argarsiisi jechaa kan turan gara taboor irraatti Waaqayyon arganirruu. Eliyaas hanga na ga’aa egaa na gara keetti na fudhadhuu jechuun kadhatterraa (1Mot. 19:4).

4. Gooftaa kan argattee waan hundaa waan argattuuf. (Fakk. 8:35, 1Yoh. 5:22, Yoh.6:47).5. Nutti waaqa biraa hin qabu si malee (1Sen. 17:20). waan ta’eef si dhisnee gara kam deemna jechuu danda’eerraa.


Egaa, Yaa maatiiwwan Waaqayyoo Waaqni inni nutti itti amanuu cubbuu nama namaaf kan dhisuudha, Cubbuu hojeedhe baderraa jettanii abdii hin kuttiina (Mat. 11:28-29, 1Xim. 15:16), har’as tannan boor yaa gooftaa si dhisnee essaa deemna jechuun gara mana isaatti deebi’a. Addunyaa oduu gosaafi lakkoofsa hin qabneen guyyaadha guyyaatti guuta jira, keessattu inni biyya keenya waan addaadha. Oduu hin dhaga’inaa sagalee waaqayyootti qabama jiraadha. Kan waaqessittaan nama miti, garuu isaa laafi samii kan diriirseedha malee. Warri biyya lafa waa’ee biyya lafa biyya lafa haasa’u (1Yoh.4:5). Kanaaf waa’ee biyya lafa baay’ee hin dhiphattinaa. Yaada keessan gara Waaqayyootti qaba.

Dhugumaa yaa Waaqayyoo si dhisnee eessa deemna? Waaqayyoo akka harka keenya haa qabu, inni yoo harkaa nu qabe nu hin lakkisuu, nutti yoo harka isaa qabanee gad lakkisuu ni dandeenya, inni abbaa amanamaafi dhugaadha, abdiin hundumaa keenyaas isaadha.Sagalee isa kan dubbisnee Waaqayyoon laphee keenya irraatti nuuf haa barreessee, Firii 30, 60, 100 busnee hirmattu maddi isa dhaltuu mootummaa isaa kan bara baraa nu haa taasisu. Eegumsi abbaa, jaalalli ilma tokichumaan afuuraa qulqulluu biyyaa keenya amantaa keenya, ummataa kiristannaa mara bakka jiruufi biyyaa jiruutti tokko tokkoo keenya irraa olee nuuf haa balu. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *