Iccitii Du’aa ka’uu

“Amma garuu Kiristoos kan muganiif hangafa ta’uudhaan du’aa ka’ee jira. Duuti gama namaattin waan dhufeef, du’aa ka’uun ammo gama namaatiin ta’ee jira. Hundumti Addaamiin akkuma du’an, hundumti ammo Kiristoosin jiraattota ni ta’u.” (1Qor. 15;20).

  • Jiraataa bara baraa kan ta’e fayyisaan keenya I/Kiristoos erga fannoo irratti lubbuu isa dabarsee kenne booda ni awwaalame.
  • Guyyaa sadiifi halkan sadiif awwaalaa keessa bulee.
  • Guyyaa sadaffaatti awwaalaa naaf banaa, kafana narra hiikaa osoo hin jedhin du’a injifatee boolla keessaa ni ka’e.

“Waaqayyoos akka nama hirriba dammaquutti ni ka’e, akka nama cimaa machiin daadhii isa dhiisetti; diinota isaa gara boodaatti rukute.”(Far. 77 (78) : 65)

Gooftaan keenya I/Kiristoos dhala nama mara irraa du’a isaatiin du’a barbadeessee, awwaala keessaa ka’eera. Nuttis akkasuma bara gara boodaa du’aa ni kaana. Iccitiin akkanaas Iccitii du’aa ka’uu jedhama.

Iccitummaan isaas, Namni erga du’ee foon isaa tortoree booda, deebi’ee lubbuu waliin tokko ta’uun, jiraataa bara baraa ta’uun isaa iccitii guddaadha.

  • “Waa’ee kana hin dinqisiifatinaa, warri du’anii awwalaman sagalee isaa yeroon itti dhagahan ni dhufa.” (Yoh. 5:28)
  • “Kiristoos warra du’an keessaa ka’uun isaa erga lallabamee attamitti isin keessaa kaan warri du’an hin jiru jechuu danda’uuree? Warri du’an ka’uun hin jiru erga ta’ee, Kiristoos ammo du’aa hin kaane. Kiristoos du’aa hin kaane erga ta’ee lallabuun keenya dhimma hin baasu, amanuun keessanis faayidaa hin qabu.” (1Qor. 15:12)

Yommuu du’aa kaanu immoo hojiin nu yeroo biyyaa lafa kana irratti hojjetaa turre nu waliin ni ka’a. Gooftaan keenya I/kiristoos qulqulloota isaa wajjiin ni dhufa.

  • “Yommus mallattoon Ilma namaa samii keessatti ni mul’ata, yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu boo’uf jiru, Ilmi namaa ammo dumeessoota samii irraa humnaafi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru.” (Mat.24:29)

Inni yeroo sanatti namoota gaarii hojjetan mirga isa, namoota yaraa hojjetan bitaa isaa irra ni dhaaba.

Warra gaarii hojjetanin:

  • “Isin ijoollee Abbaa kook an eebbifamtan gara koo koottaa, beela’ee na nyaachiftan, dheebodhee dheebuu na baaftan, keesummaa ta’ee na simattan, darree natti uffistan, dhukkubsadhee na gaafattan, hidhamee gara koo dhuftan” jedhaan. Isaaninis mootummaa Waaqayyoo ni dhaalchisa.

Warra gara bitaatti argamaniin garuu:

  • “Isin warra abaaramoo nana, ana biraa deemaa; beela’ee ana hin nyaachife, dheebodhee anan hin obsaasne, keessummaa ta’ee nah in simaanne, daareen ture, daara ana hin baafne; dhukkubsadheen ture; hidhameen ture isin ana hin gaafanne, isin gara ibidda bara baraa isa Seexanaafi ergamoota isaaf qophaa’e dhaqaa” (Mat. 25:41)

Namni yeroo du’aa ka’utti yeroo sadi ergamaan qulqulluu Mikaa’eel faaggaa (malakata) ni afuufa, labsiin ni darba.

Labsii jalqabaa irratti:

  • Foon namootaa bakka tokkotti walitti ni qabamu,
  • Kan tortore, kan bishaan nyaate, kan bubbeen fudhate,
  • Kan bineensi hamaan nyaatee hundi bakka tokkootti walitti ni qabamu.

Labsii yeroo lammaffaatti:

  • Hiddiifi foon lafeen wal qabatu,
  • Reeffa hoo’a (reeffa reef du’e) ni fakkaatu.
  • Qaama isaanii keessayis kan hir’atu hin jiraatu.

Labsii yeroo sadaffaatti:

  • Hundii du’aa ni ka’u.
  • Dhiirri kan wagga 30, dubartiin kan wagga 15 ta’uun akkuma Addaamiifi Hewaan yemmuu uumamaan sana fakkaatanii du’aa ni ka’u.
  • Kan gaarii hojjete biiftuurra harka 7 addaatetti ka’a.
  • Kan yaraa hojjete qurroorraa harkaa 7 gurraacha’ee ni ka’a.
  • Kan boo’an aka hin boonye, kan gammadan akka hin gammadne ta’a, kan quufan akka hin quufne, kan dheebotan akka hin dheebotne ni ta’u. (1Qor. 6:29)

Gooftaan jiraattitafi du’oota irratti murteessuu ni dhufa. Guyyaa dhufaatii isaas ergamoota isaatiin marsamee dhufa. (Mat. 24:29)

  • “Gooftaan yemmuu dhufu ergamoota isaa samii irraa sagalee faaggaa guddaa wajjiin ni erga, isaan ammo warra Waaqayyoof foo’aman kallatti arfanii, andaara bantii samii gar tokkoo hamma gara isa kaanittis walitti ni qabu.” (Mat 24:31).

Du’aa ka’uu boodaas

  • Fuudhafi heerumni dadhabbiifi jabinni, sooressiifi hiyyeessi, dullumni hin jiru;
  • Namoonni hundi haala wal fakkaataa ta’een ni argamu.
  • Dacheen kunis ni dabarti.
  • Si’ooliin ibidda gahannamiin bakka buuti,
  • Jannatni immoo Iyyaruusalem ishee samiitiin bakka buutti.

Egaa barumsii waa’ee Iccitii du’aa ka’uun wal qabattu bifa gababaan hangummaa ammatti kan dubbistaan fakkaata. Kutaa barumsaa biraa yeroo itti annu wal arginaa.

Eebbi Abbaa, Jaalalli Ilma, tokkichumaan afuura qulqulluu kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam, Eegumsii ergamoota qulqulluu, kadhannaan abbootaa warreegamtottaa qulqulluu biyyaa keenya Itiyoophiyaa, amantaa keenya kiristaannaa ortodooksii, ummataa kiristannaa maraa  bakkee gara garaa kan jiruu nu hundaa keenya irraa ollee nuuf haa bulu.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *