
Ergamaa Qulqulluu Rufaa’eel
Ergamoota hangafoota torban keessaa tokko ana Rufaa’eelidha. (Xoobiit 12:13)
Rufaa’eel jechuun, jechoota Hibruu lama irraa kan dhufe yoo ta’u, jechi
• ‘Ruufaa’ jedhu qoricha jechuu yemmuu ta’u,
• ‘eel’ kan jedhu kun ammoo, maqaan ergamoota hundumaa akkuma dhuma irratti jecha ‘eel qaban kan maqaan Waaqayyoo itti ibsamuudha.
• “Ergamaa koo si dura nan erga…. maqaan koo isa irraa waan jiruuf…hin dheekkamsiisin” akkuma jedhu (Ba’u 23:20).
Ergamaan kunis,
• aboo gadameessa hiikuu (deessun akka hiikkattu gochuuf aboon kan kennameef).
• dhukkuboota hamoo garaa garaa irraa akka nama fayyisuuf aboon kan kennameefidha.
• Ergamoota hangafoota torban keessayis isa tokkoodha.
• Madaa namaa irratti kan muudame tokko Rufu’eel (Heenook 6:3 akkuma jedhu.
Ergamaan kun keessumattuu, ayyaanni yaadannoo isaa Qaammee 3 yoo ta’u ta’u roobni guyyaa kana roobus akka xabalaatti fudhatama. Namoota itti amananii xabala kana dhuganis dhukkuba garaa garaa irraa kan baraaru, rooba araaraati jedhamee beekama.
Ergamaan kuni, akka kitaaba Xoobiit irratti ibsametti, nama Xoobiit jedhamuuf ija badde kan bane yoo ta’u, intala Raagu’eel, Saaraa kan jedhamtu ammoo, Seexana Asmaandiyoos jedhamu hanga isheen dhirsa torba heerumtee dhirsa ishee torbanuu irraa ajeesaa ture, akka ishee gadi lakkisu kan taasiseedha. Seenan isaas akka armaan gadiiti.
Xoobiit bara mootii Faars Silminaasor kan booji’ame kan gosa Niftaalem irraa dhalate, nama jabaa ture. Waaqayyo jaalala waan kenneef, mootichi aangoo guddaa isaaf kennee ture. Booda Mootichi Silminasoor du’ee Sanaakirem yoo bakka bu’u garuu, Xoobiit aangoo irraa ni bu’e.
Xoobiit ilma tokko kan maqaan isaa Xoobiya jedhamus qaba. Xoobit dulloome waan tureef, ilma isaa Xoobiyaa waame wanta hojjechuu qabu adda baasee itti hime Yaa ilma koo, osoon hin du’in niitii barbaadadhu jedheen. Qarshii Gabaheel bira adaraan teessisee tures, osoo ani hin du’in dhaqii fidi jedheen. Xoobiyaanis tole jedhe. Xoobiyaan iddoo biyya qarshiin jiru waan hin beekneef, nama miiltoo ta’uuf barbaaddachaa ture. Yeroo kana Qulqulluu Rufaa’el biyya sana akka deemu, karaa biyyichaas akka nama beekuutti nama fakkaatee Xoobiyaaf of ibse. Xoobiyaanis, miiltoo isaa kana abbaa isaa Xoobitiif beeksise. Ergamichi garuu, maqaa isaatin osoo hin taane ani Azaariyasin jedhama jedheet wal-bareenii ture. Xoobitis, Azariyaasin “egaa adaraa inni ilma koo tokkicha, manaa bahees hin beeku jedhee galaa qabsiisee erge. Azaariyaas ammoo, karaa itti agarsiisaa deemaa oolanii dhumarratti laga Xeegroositti dhufan. Yeroo kana Xoobiyaan nafa dhiqachuu gara lagaa bishaan gidduu seenee osoo jiru, qurxummiin tokko itti dhufe. Azaariyaasis qurxumicha sana qabi, gadi hin dhiisin jedheenii, qabanii waliin baasan. Sana booda, ergamichi hadhooftuufi tiruu isaa kana sirriitti guduunfii qabi, kan hafe garuu, bilcheessinee nyaanna jedheen.
Xoobiyaanis, qurxummicha qalee hadhooftuufi tiruu akkuma ergamaan sun jedheen guduunfatee qabate. Xoobiyaanis, nama isa waliin jiru kanaan “Kana maaf qabadhu naan jettee” jennan, namni Seexanni irra bule yoo itti aarsan seexanichi irraa bada jedheen. Osuma karaa deeman Qulqulluu Ruufa’eel namichaan, hardha mana Raagu’eel bulla, innis fira keeti, Saaraa kan jedhamtu intala bareedduu qaba. Akka sitti herumsiisu ittan siif hima” jedheen. Xoobiyaan garuu, isheen namni ishee fuudhe hundi irra du’a ani ammoo, abbaa koof tokkicha yoon du’e warra koo nama awwaalu hin argadhu nan sodaadha” jedheen. Rufa’eelis, abbaan kee fira warra kee keessaa malee hin fudhin kan siin jedhe hindagatin” jedheen. Anoo qoricha sittan agarsisa atis hin duutu. hadhooftuufi tiruu qabatte kana itti aarsi Seexanichis ni isinis jabaadhaa Waaqayyoon kadhadhaa jedheen. Xoobiyaanis, kana dhaga’ee gammadee fuudhuf murteesse.
Yeroo achi gahanis, Raagu’eel gammachuun simatee wanta isaanii hundaa hubatee, fira isaanii tahuus ni bare. Hoolaa qalee jaalala isaa ibseef. Ati ilma obboleessa kootiti jedheen. Innis, isa guyyaa ergamaan itti hime sana yaadatee Saaraa intala kee kana akka niitii naaf taatuuf naaf kenni jedheen. Abaan Saaraas, tole. keetumaa fudhu” jedhe. Mana tokkos Saaraa waliin erga galanii “egaa akka Waaqayyo nu qajeelchu haa kadhannu” jedhee. Booda hadhooftuu fi tiruu sana itti aarse. Yemmuu Xoobiyaan hadhooftuu fi tiruu sana aarsu, Seexanni Saaraa abbaa warraa ishee fuudhaa turan irraa ajjeesaa ture, kan Asmaandiyoos jedhamu sun, battalumatti Saaraa irraa bahee dheesse. Sana booda, itti hin deebine. Guyyaa sanas, nagaan bulan. Fuudhafi heerumni isaanis ni raawwate. Kanaaf, ergamaan kuni ergamaa gaa’elaas ni jedhama. Guyyaa 14ffaa cidhi erga raawwatee booda, gara biyyaa deebi’an. Raagu’eelis, qarshii jedhame sanas kenneefii eebbisee gara biyya isaanitti erge. Xoobit garuu, ilmi isaa erga deemee guyyaa hedduu waan ta’eef, mana taa’ee wanta hedduu yaadda’aa ture. Wanta hamaanis ilma isaa akka karaarratti hin arganne shakke. Yeroo ilmi isaa dhufus, simachuuf fiigee dhufe, iji isaa hin argu waan ta’eef ni kufe. Xoobiyaan garuu, ija abbaa isaa sana hadhooftufi tiruu qurxumichaa sana yoo itti dibu, ijji isaa ni fayyiteef. Egaa, guyyaan kun guyyaa ergamaan ija Xoobiit itti bane kan yaadannuudha. Yeroo boodas, Xoobiyaa fi Xoobiit oolmaa kana hunda kan isaanii oole nama Xoobiyaaf miiltoo ta’e kana waamanii, gatii isaa hundumas kennuufii barbaadan. Yeroo kanas, ergamichi “Isin Waaqayyo keessan galateeffadhaa, ani ergamaadha, hojiin koos kadhannaa namootaa kan olbaasan ergamoota torban keessaa tokkoodha” jedhee of ibse. Isaanis, dubbii kana yemmuu dhagahan, ergamichaaf kufanii sagadaniif. Waaqa abboota keenyaa Gooftaa galateeffatan.
Qulqulluun kun gosa Manaabirtii jedhamuuf, dursaa ta’ee muudameera. Yeroo tokkos, duuka butoonni Gooftaa qulqulluu Rufaa’eel nutti agarsiisi jennaan, qulqulluu Mikaa’eeliifi Gabri’eel waliin waamee kabaja isaa ibseefii, suga Waaqayyo kenneefis ibseefii deebi’eera. Guyyaa kanas, manni kiristaanaa maqaa isaatiin moggaafame, jaarraa 4ffaa keessa qulqulluu Teewofilos isa Iskindiriyaatiin ijaarameera. Kan ijaarrame ammoo, dugda odola guddaa qurxummii fakkaatu irratti. Bataskaanni sunis, gargaarsa ergamichaan waggoota 300 tajaajileera. Galatni Waaqayyoof haa ta’u;
Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni ergamaa qulqulluu Rufaa’eel nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!