Tag Archives: ergamaa

Ergamaa Qulqulluu Rufaa’eel

Ergamaa Qulqulluu Rufaa’eel
Ergamoota hangafoota torban keessaa tokko ana Rufaa’eelidha. (Xoobiit 12:13)
Rufaa’eel jechuun, jechoota Hibruu lama irraa kan dhufe yoo ta’u, jechi
• ‘Ruufaa’ jedhu qoricha jechuu yemmuu ta’u,
• ‘eel’ kan jedhu kun ammoo, maqaan ergamoota hundumaa akkuma dhuma irratti jecha ‘eel qaban kan maqaan Waaqayyoo itti ibsamuudha.
• “Ergamaa koo si dura nan erga…. maqaan koo isa irraa waan jiruuf…hin dheekkamsiisin” akkuma jedhu (Ba’u 23:20).
Ergamaan kunis,
• aboo gadameessa hiikuu (deessun akka hiikkattu gochuuf aboon kan kennameef).
• dhukkuboota hamoo garaa garaa irraa akka nama fayyisuuf aboon kan kennameefidha.
• Ergamoota hangafoota torban keessayis isa tokkoodha.
• Madaa namaa irratti kan muudame tokko Rufu’eel (Heenook 6:3 akkuma jedhu.
Ergamaan kun keessumattuu, ayyaanni yaadannoo isaa Qaammee 3 yoo ta’u ta’u roobni guyyaa kana roobus akka xabalaatti fudhatama. Namoota itti amananii xabala kana dhuganis dhukkuba garaa garaa irraa kan baraaru, rooba araaraati jedhamee beekama.
Ergamaan kuni, akka kitaaba Xoobiit irratti ibsametti, nama Xoobiit jedhamuuf ija badde kan bane yoo ta’u, intala Raagu’eel, Saaraa kan jedhamtu ammoo, Seexana Asmaandiyoos jedhamu hanga isheen dhirsa torba heerumtee dhirsa ishee torbanuu irraa ajeesaa ture, akka ishee gadi lakkisu kan taasiseedha. Seenan isaas akka armaan gadiiti.
Xoobiit bara mootii Faars Silminaasor kan booji’ame kan gosa Niftaalem irraa dhalate, nama jabaa ture. Waaqayyo jaalala waan kenneef, mootichi aangoo guddaa isaaf kennee ture. Booda Mootichi Silminasoor du’ee Sanaakirem yoo bakka bu’u garuu, Xoobiit aangoo irraa ni bu’e.
Xoobiit ilma tokko kan maqaan isaa Xoobiya jedhamus qaba. Xoobit dulloome waan tureef, ilma isaa Xoobiyaa waame wanta hojjechuu qabu adda baasee itti hime Yaa ilma koo, osoon hin du’in niitii barbaadadhu jedheen. Qarshii Gabaheel bira adaraan teessisee tures, osoo ani hin du’in dhaqii fidi jedheen. Xoobiyaanis tole jedhe. Xoobiyaan iddoo biyya qarshiin jiru waan hin beekneef, nama miiltoo ta’uuf barbaaddachaa ture. Yeroo kana Qulqulluu Rufaa’el biyya sana akka deemu, karaa biyyichaas akka nama beekuutti nama fakkaatee Xoobiyaaf of ibse. Xoobiyaanis, miiltoo isaa kana abbaa isaa Xoobitiif beeksise. Ergamichi garuu, maqaa isaatin osoo hin taane ani Azaariyasin jedhama jedheet wal-bareenii ture. Xoobitis, Azariyaasin “egaa adaraa inni ilma koo tokkicha, manaa bahees hin beeku jedhee galaa qabsiisee erge. Azaariyaas ammoo, karaa itti agarsiisaa deemaa oolanii dhumarratti laga Xeegroositti dhufan. Yeroo kana Xoobiyaan nafa dhiqachuu gara lagaa bishaan gidduu seenee osoo jiru, qurxummiin tokko itti dhufe. Azaariyaasis qurxumicha sana qabi, gadi hin dhiisin jedheenii, qabanii waliin baasan. Sana booda, ergamichi hadhooftuufi tiruu isaa kana sirriitti guduunfii qabi, kan hafe garuu, bilcheessinee nyaanna jedheen.
Xoobiyaanis, qurxummicha qalee hadhooftuufi tiruu akkuma ergamaan sun jedheen guduunfatee qabate. Xoobiyaanis, nama isa waliin jiru kanaan “Kana maaf qabadhu naan jettee” jennan, namni Seexanni irra bule yoo itti aarsan seexanichi irraa bada jedheen. Osuma karaa deeman Qulqulluu Ruufa’eel namichaan, hardha mana Raagu’eel bulla, innis fira keeti, Saaraa kan jedhamtu intala bareedduu qaba. Akka sitti herumsiisu ittan siif hima” jedheen. Xoobiyaan garuu, isheen namni ishee fuudhe hundi irra du’a ani ammoo, abbaa koof tokkicha yoon du’e warra koo nama awwaalu hin argadhu nan sodaadha” jedheen. Rufa’eelis, abbaan kee fira warra kee keessaa malee hin fudhin kan siin jedhe hindagatin” jedheen. Anoo qoricha sittan agarsisa atis hin duutu. hadhooftuufi tiruu qabatte kana itti aarsi Seexanichis ni isinis jabaadhaa Waaqayyoon kadhadhaa jedheen. Xoobiyaanis, kana dhaga’ee gammadee fuudhuf murteesse.
Yeroo achi gahanis, Raagu’eel gammachuun simatee wanta isaanii hundaa hubatee, fira isaanii tahuus ni bare. Hoolaa qalee jaalala isaa ibseef. Ati ilma obboleessa kootiti jedheen. Innis, isa guyyaa ergamaan itti hime sana yaadatee Saaraa intala kee kana akka niitii naaf taatuuf naaf kenni jedheen. Abaan Saaraas, tole. keetumaa fudhu” jedhe. Mana tokkos Saaraa waliin erga galanii “egaa akka Waaqayyo nu qajeelchu haa kadhannu” jedhee. Booda hadhooftuu fi tiruu sana itti aarse. Yemmuu Xoobiyaan hadhooftuu fi tiruu sana aarsu, Seexanni Saaraa abbaa warraa ishee fuudhaa turan irraa ajjeesaa ture, kan Asmaandiyoos jedhamu sun, battalumatti Saaraa irraa bahee dheesse. Sana booda, itti hin deebine. Guyyaa sanas, nagaan bulan. Fuudhafi heerumni isaanis ni raawwate. Kanaaf, ergamaan kuni ergamaa gaa’elaas ni jedhama. Guyyaa 14ffaa cidhi erga raawwatee booda, gara biyyaa deebi’an. Raagu’eelis, qarshii jedhame sanas kenneefii eebbisee gara biyya isaanitti erge. Xoobit garuu, ilmi isaa erga deemee guyyaa hedduu waan ta’eef, mana taa’ee wanta hedduu yaadda’aa ture. Wanta hamaanis ilma isaa akka karaarratti hin arganne shakke. Yeroo ilmi isaa dhufus, simachuuf fiigee dhufe, iji isaa hin argu waan ta’eef ni kufe. Xoobiyaan garuu, ija abbaa isaa sana hadhooftufi tiruu qurxumichaa sana yoo itti dibu, ijji isaa ni fayyiteef. Egaa, guyyaan kun guyyaa ergamaan ija Xoobiit itti bane kan yaadannuudha. Yeroo boodas, Xoobiyaa fi Xoobiit oolmaa kana hunda kan isaanii oole nama Xoobiyaaf miiltoo ta’e kana waamanii, gatii isaa hundumas kennuufii barbaadan. Yeroo kanas, ergamichi “Isin Waaqayyo keessan galateeffadhaa, ani ergamaadha, hojiin koos kadhannaa namootaa kan olbaasan ergamoota torban keessaa tokkoodha” jedhee of ibse. Isaanis, dubbii kana yemmuu dhagahan, ergamichaaf kufanii sagadaniif. Waaqa abboota keenyaa Gooftaa galateeffatan.
Qulqulluun kun gosa Manaabirtii jedhamuuf, dursaa ta’ee muudameera. Yeroo tokkos, duuka butoonni Gooftaa qulqulluu Rufaa’eel nutti agarsiisi jennaan, qulqulluu Mikaa’eeliifi Gabri’eel waliin waamee kabaja isaa ibseefii, suga Waaqayyo kenneefis ibseefii deebi’eera. Guyyaa kanas, manni kiristaanaa maqaa isaatiin moggaafame, jaarraa 4ffaa keessa qulqulluu Teewofilos isa Iskindiriyaatiin ijaarameera. Kan ijaarrame ammoo, dugda odola guddaa qurxummii fakkaatu irratti. Bataskaanni sunis, gargaarsa ergamichaan waggoota 300 tajaajileera. Galatni Waaqayyoof haa ta’u;
Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni ergamaa qulqulluu Rufaa’eel nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Ergamaa Qulqulluu Gabri’eel

Ergamaa Qulqulluu Gabri’eel
Gabri’eel jechuun, “ILma Waaqayyoo kan fakkaatu Gooftaafi tajaajilaa” jechuudha; Iccitii waloomaa “Waaqni nama taa’e; namnis Waaqa ta’e” jedhus qaba. Ergamaa Gabri’eeliin inni Raamaaa, dur yemmuu qorumsa Saaxinaa’eeliin ergamoonni raasaman, kan tasgabbeesse “Waaqa nu uume hanga argannutti tokkoon tokkoon keenya cimnee haa dhaabannu” jedhee, samii ergamootaa irratti Seexanaaf akka hin saganne kan tasgabbeesseedha.
Ergamaan kuni,
• Ijoollee sadan labooba ibiddaatti darbaman kan baase dha (Dan. 3: l).
• “Nagaan siif haa ta’u” jedhee missiraachoo haadha keenya dubroo Maariyaamitti kan himee dha (Luq 1 :28).
• Lubni Zakkaariyaas dubbii isaa amanuu didnaan, kan afaan lubichaa duuchuun/cufuun adabeedha (Luq 1:20).
• Fuula Waaqayyoo dura kan dhaabbatuudha (Luq 1:19).
Dhaabachuu jechuun, ergamuuf, nuuf kadhachuuf, ija Waaqayyoo keessa kan ilaaluudha.
• Qulqulluu fi Daa’ima kan ta’e Qiirqoosii fi Iyyaluuxaa abidda boba’u keessaa baasee, kan bishaan qabbanaa’aa akka daakan taasiseedha (Dirsaana Gabri’eelii).
Ayyaanota gurguddoo qulqulluu Gabri’eel keessaa kan Muddee 19 fi Adoolessa 19 haala adda ta’een kabajamu.
Muddee 19 kan yaadatamu seenaa Anaaniyaa, Azaariyaafi Misaa’eliin kan walqabatudha. Nabukadanatsoor abbaa isaanii Iyyaaqeem waliin booji’ee, masara isaa keessatti guddisee isaan barsiise. Isaan namoota masara keessatti coomaafi daadhii isaaniif fidaniin “midhaan dheedhiifi bishaan qofa nuuf fidi kana hin nyaannu” jedhaniin. Namni isaaniif nyaata fidus, yoo huqqattanii isin arge anaan ammoo naan lola jedheen. Isaan agruu, “guyyaa 10 nuuf kenni” jedhanii guyyaa 10 dheedhiifi bishaan qofa dhuguudhaan, warra cooma yaatan caalaa cululuqaniiru. Baruumsa isaanii erga xumuranii boodas, Nabukadanatsoor isaan ni muude.
Nbukadanatsoor waaq-harkee warqee irraa hojjetame dhaabee, warri bulchiinsa isaa jala jiran hundi akka sagadaniif labsiidhaan ajajeen. Ijoolleen kun garuu, waaq-harkee harka namaatin tolfameef hin sagadnu jedhanii didan. Mootichis, kana yemmuu dhagahu isaan waamee akka waaq-harkee inni dhaabeef sagadan akeekkeachiise, yoo akkas gochuu baatan garuu, kan isaatii isaan baasu akka hin jirre isaanitti ni hime. Isaan garuu, Waaqani nu waaqeeffannu abidda laboobaa kana keessaa nu baasuu danda’a, harka kee irrayis nu baraara, kanaaf, hin sagadnu” jedhaniin. Innis, abidda laboobaa nama sodaachisu keessatti akka darbataman taasise. Qulqulluu Gabari’eel garuu, battala sana bu’ee muka fannootiin abidicha yemmuu tuqu, abidichi ni dhaame, uffata isaanii irrayyuu hin buune. Isaan abidda laboobu keessaa Waaqayyo waan isaan baraareef, sagalee isaanii olkaasanii Waaqayyoon galateeffatu ture. Nabukadanatsooriis yemmuu isaan galateeffatan sagalee isanii dhagahee, daddafee ka’ee “kan abiddatti darbine namoota sadi hin turree? Amma garuu, namootni afur yemmuu abidda keessa dedddeebi’an nan arga; homtuu isaan hin tuqne; inni afraffaan kun ilma Waaqayyoo fakkaata” jedhee, “kootaa bahaa” jedheeniira. Isaanis, fayyuma isaanii ni ba’an. Innis, Waaqayyof ni sagade; Waaqa isaanittis ni amane.
• Maqaan ijoollee kana sadanii inni biraas Sidraaq, Misaaq fi Abdinaagoo jedhamus (Dan 3:22).
Qulqulluu Gabri’eel, Adoolessa 19 haala addaatin ni yaadatama. Kunis, qulqulluu Gabri’eel Daa’ima kan ta’e Qiirqoosiifi haadha isaa Iyyeluuxaa guyyaa ibidda keessaa baasedha. Qulqulluu Qiirqoos, biyyi isaa Room Angebeenay yoo ta’u, abbaan isaa Qozmoos, haati isaa ammoo, Iyyaluxaa jedhamti. Bara Diyooqilxiyaanoos mootii ta’ee biyya bulchaa turetti, labsii manni kiristaanaa haa cufamu, manni waaq-harkee/Waaq-harkee haa banamu jedhu baase. Kunis, bara 303 yoo ta’u, yereoo kana kiristaanonni hedduun kan ajjeefaman gariin ammoo, kan biyyaa baqataniidha. Iyyaluxaanis, ilma ishee waggaa 3 qabattee, biyya Iqooniyoon jedhamutti baqatte. Kan biyya isheen itti baqatte bulchaa ture ammoo, Illeskindiroos jedhama. Illeskindiroosis, lyyeluuxaadhaan Waaqayyo dhiisiitii xaa’otatti buli jedheen. Isheen garuu. ija osoo qabu kan hin agarre, gurras osoo qabu kan hin dhageenye, atumti harka keetiin kan tolchite, ani waaqolii namni harkaan tolcheef hin sagadu” jetteen.
Yoo waaq-harkeef sagaduu didde ammoo, seyfidhaanin morma kee sirra mura jedheen. Yeroo kana isheenis, mee mucaa daa’ima kana gaafadhu jette deebisteef. Innis, “mucaannana, warqee heddu siifan kennaa xaa’ota kanaaf sagadi!” jedhee Qiirqoosiin gowwoomsuu barbaade. Qulqulluu Qiirqoos garuu, afuurri Waaqayyoo waan irra buleef, “ani kan ofii isaanituu baraaruu hin dandeenye, waaq-harkeef hin sagadu”jedhee diduun, waa’ee amantaa isaa ragaa ba’e yeroo kanas, mootichi dallanee gaanii/manqallii guddaatti bishaan danfisaatii keessati isaan affeelaa jedhee ajaje. Sagaleen danfa bishaanichaas fagootti dhagahama ture. Yeroo kana, lyyaluxaatti sodaan dhagahamnaan, daa’ima kan ta’e Qiirqoos, haadha koo jabaadhu, du’a lammataa hin duunutii, duraan Anaaniyaa, Azaariyaafi Misaa’elii kan ibidda keessaa baase, Waaqayyo ergamaa isaa nuuf ergee nuunis nu baraara jedheenii jajjabeessee, gara bishaanicha danfaa jirutti masakaa/qajeelchaa ture. Isheenis, yeroo kana kutattee sodaa ishee hundumaa balleessitee gara kuteenyan wareegamuuf, gara bishaan danfaa jirutti waliin seente.
Yeroo kanas, Waaqayyo ergamaa qulqulluu Gabri’eel ergee Fannoo isaatiin yemmuu bishaanicha tuqu, bishaanichi ni diilallaa’e. Qaama isaanis ta’ee uffata isaanii irra, wanti hamaan tokkoyyuu tasumaa hin geenye. Warri naannoo sana turan kan ajaa’iba ta’e kana daawwatan, Waaqa lyyaluxaafi Qiirqoositti amanuudhaan wareegamanii jiru.
Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni ergamaa qulqulluu Gabri’eeliis nu waliin haa ta’u. hanga bara baraatti. Ameen!