Tag Archives: abboota bara seera laphee

Nooh

Nooh jechuun gammachuu, boqonnaa jechuudha. Addaam irraa dhaloota 10ffaa dha. (Uum.5:28-29). Bara Nooh turetti Waaqayyo jal’inni namaa lafa irratti baay’achuu irraa kan ka’e ni gadde ni gaabbes. Kanaanis,
• Naman uume hundumaa nan haxaa’a, bineensotas, kan muunyuqanis, kan balali’an hundumaas nan balleessa, ani uumama koo jibbeera’ jedhe (Uum.6).
Nooh garuu Waaqayyoon duratti faara tolaadhaan ilaalama ture. Nooh waggaa 500
yemmu guutu gooftaan “cubbuu namootni hojjetan irraa kan ka’e, ‘Ani lafa bishaaniin balleessun heda si waliin garuu kakuu koo nan raawwadha, doonii hojjedhu’ jedheen. Nooh yeroo sanatti qajeelummaa barsiisa ture (Uum.6:3,1Phex3:20,2Phex.2:5).
Nooh yeroo sanas ijoollee sadi Kaam, Seemfi Yaafet jedhaman qaba. Noohis akkuma jedhame doonii hojjetee ni xummure. Kutaa sadiis akka qabaatu akkuma Waaqayyo itti agarsiises ni godhe. Gosa uumama lafa kanarra jiran hundumaas lama lama dhiiraafi dhalaa godhee bineensotas, allaattiwwanis hundumaa gara doonitti ni galche. Isaa fi maatiin isaa hundumti gara doonii akka galan Waaqayyo ni ajajeen. Yeroo bishaan badinsaa dhufutti Nooh waggaa 600 ture. Inniifi maatiin isaa erga galanii booda halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama Waaqayyo rooba ni roobse; lubbuu qabeeyyiin hundi warra doonii keessa jiraniin alatti haxa’amanii ni dhuman (Uum.7).
Waaqayyo immoo warra doonii keessa jiran ni yaadate. Doonichi ka’ee ji’a torbaafi guyyaa 17ffaa isaatti tulluu Araarat irratti ni qubate; bishaanichis gadi ni gale. Nooh akka bishaan hir’ate ilaalee akka deebi’uuf
• Jalqaba arraagessa erge. Arraagessichis bahee gara isaatti hin deebi’in hafe.
• Lammata immoo gugee(bullaallaa) erge; isheenis bakka qubattu dhabdee deebite.
Ammas guyyaa torba booda gugee biraa erge; baala ejersaa afaanitti qabattee deebite. Kanaan, Nooh bishaanichi akka gadi xinnaate ni bare. Waaqayyo Noohitti akka achi keessaa bahan itti hime, uumamtootni doonii keessa turan hundumti isaanii ni ba’an.
Noohis aarsaa Waaqayyoof dhiyeesse. Waqayyos biyya lafaa bishaaniin akka hin balleessine Noohiif waadaa galeef. (Uum.8). Waaqayyo Noohiifi ijoollee isaan”horaa baay’adhaa” jedhee eebbiseen. (Uum.9:1-7; 19:10).
Boodas Nooh lafa qotuudhaan kan jiraatu ta’e. Daadhii wayinii dhugee hanga machaa’utti gaheera ijoollee isaatifis lafa addaan qoodeera (Uum.9:20-27). Waggaa 950 boodas boqoteera.
Ayyaanni boqonnaa isaas Amajjii guyyaa 06 kabajama. Galanni Waaqayyoof haa tau Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen.