Tag Archives: abbota bara seera oriitii

Iyyoob

Iyyoob jechuun garraammii, danda’aa jechuudha. Biyyi isaa Ootsi jedhamti. Abrahaam irraa dhaloota shanaffaa dha. Kunis, Abrahaam, Yisihaaq, Yaa’iqoob, Eesaawu, Raagu’eel, Zaaraa, Zaaran immoo Iyyoob dhalche. Haati isaa Baasuraasaa jedhamti. Ijoollee dhiiraa torbaafi dubara sadi qaba. Maqaa ijoolleefi haadha warraa isaan akkasumas maqaa isaatin guyyaatti yeroo lama aarsaa Waaqayyoof dhiyeessa ture. Yeroo ergamaan Waaqayyo fuula dura Waaqayyootti dhiyaatu seexannis waliin dhiyaate Waaqayyos,”Ilma koo na jaalatu Iyyoob agartee?”jedheen. Seexannii, “Argeera waan qabeenya qabuuf si jaalate malee osoo dhabee si gana’ jedhee Waaqayyoof deebise. Waaqayyos akka isa qoru eeyyameef. Isa garuu akka hin ajjeesne ni ajaje. Seexannis tiksoota isaa ajjeesee, beeyiladoota isaa hundumaa jalaa fixe. Ammas ijoollee isaa hundumaa jalaa fixe. Iyyoob garuu, “Waaqayyo naa kenne Waaqayyo fudhate,” jedhe. Seexannis “Iyyoob kan akkasitti obse akkasumaan miti osoo dhukkubaan rukuttee si gana,” jedhee Waaqayyotti dubbate, dubbii hammeenyaa waan irraa dhabeef.
Kanaaf seexanni Iyyoobiin dhukkuba hamaan rukkute. Fooliin hamaa foon isaas nama teessisuu dhorke. Qarshiin waan jalaa dhumeef haati manaa isaa kadhattee nyaachisuu eegalte. Seexanni akka namoonni hin kadhatamneefif laphee isaanii itti jabeesse. Isheenis dhumarratti,”Hanga yoomiitti akkanatti jiraatta Waaqayyoon ganii du’i,” jetteen. Innis deebisee, “Akkamitti akka dubartii dadhabduutti haasofta,” jedheen. “Waaqayyo harkaa waan gaarii fudhannee amma immoo waan hamaa fudhachuu hin qabnuuree?”jedheen.
Kana booda Baldayus, Saafiriifi Eelfaaz kan jedhaman hiriyootni isaa isa gaafachuu dhufan. Iyyoob guyyaa itti dhalate ni abaare. Booda qorumsa seexanaa hunduma ni mo’ate. Laga Yoordaanosittis dhaqee dhiqatee fayye. Qabeenyi isaas dura kan turerra dacha ta’eeraaf. Dura saawwan dhibba torba, qotiyyoon dhibba shan, hoolaan kuma sadiifi harreen dhibba Shan turan. Amma garuu dachaa ta’aniif. Innis ijoollee jalaa duute bakka isaanii Waaqayyo
ijoollee ni kenneef. Ijoollee dhiiraa 7fi dubara 3 argate. Ijoolleen isaa
dubartootaas bareedinaan kan isaan gitu hin turre.
Waggaa 140 jiraatee ijoollee ijoollee isaa argee boqote.
Guyyan yaadannoo isaas Fulbaana 1 guyyaa itti dhiqatee madaa isaarraa fayyeedha. Caamsaan 2 ammoo yaadannoo guyyaa boqonnaa isaati.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha Kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu wajjiin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!