Qulqulleettii Maanyaarnii Misirii (Maariyaam yoo jennu maqaattu wal fakkate malee qulqulleettii durroo Maariyamii haadha Gooftaa lyyasuus jechuu miti). Biyyi dhaloota ishee Misiriidha. Waggaa 12 yemmuu guuttutti warra irraa addaan baatee magaalaa guddittii btyya Misirii kan turte Aleeksaanderiyaaatti galte. Alexaandariyaan yeroo sanas ta’ee amma magaalaa guddinaan addunyaa irraatti beekamteedha. Maariyaam baay’ee bareedduu, ija qalbii irraa si haa hanbisu kan hin jenneen hin jiru ture. Kan dhiira hundaa hawwisiitu turte. Erga magaalaa Alexaanderiyaatti galtee booda hojiin ishee dhiira dogongorsuudha, diina dhala namaa kan ta’e diyaabiloos ishee ishee itti fayyadamuudhaan namoota hedduu qoraa, karaa irraas balleessaa ture. Magaalaa sana keessa namni ishee hin beekne hin turre. Dargaggoonni hedduunis gocha yaraa Kanaan ishee beeku turen.
Osoo hojii Kanaan akkanati jiraattu, guyyaa tokkoo qarqara galaanaa Meeditiraaniyaanitti yemmuu namootni walitti qabaman argite. Jarri kun eessa deemuu jettees gaafatte. Isaanis warra biyya Llibiyaafi biyya Misiraatti gara Iyyaruusaalemitti ayyaana Fannnoo gooftaa Iyyesuus kabajuuf imala hafuuraa taasisan ta’uu isaanii ni barte. Isheeniis wajjin deemuuf of qopheessite. Haa ta’u malee qarshii kaffaltuufi galaa ga’aa imalaaf ta’u hin qabdu turte. Isheeniis
Bareedina isheetti baayyee waan koortuuf, dhlira abbaa fedhee jilbiiffachiisuu nan danda’a jette waan yaadduuf qarshii fi galaa harkaa dhabuun hin yaaddessine ture. Bareedina isheetiin akka hin kaffalchiisne, ykn immoo bakka gatii doonii foon ishee kennuudhaan akka dabartuuf abdattee turte. Doonii kessattis ta’ee ta’ee erga doonii irraa buutee booda hojii cubbuu sana hin dhiisne ture. Iyyaruusaaleem geesses immoo hanga guyyaan kabaja ayyaanaa ga’utti hojuma yartuu sana hojjechaa turte.
Gaafa guyyaa ayyaanaa sana ganama namoonnii hedduun mana kiristaanaa awwaalaa gooftaa Iyyesuus Kiristoos irratti ijaarameetti dhungachuuf yoo deeman argitee, namootatti makamtee wajjiin dallaa ol seenuuf yoo barbaaddetti garuu humni duubatti harkisu tokko itti dhagahame, seenuu ni dahabde. Ammas irra deddeebitee yemmuu ol seenuuf yaaltu humni tokko duubatti harkisa ture. Dadhabnaan teessem ‘Dubartii waan ta’eef moo?’ jettee keessa isheetti kofalte, waan dubartii taateef dadhabde itti fakkaate. Xinnoo haara galfattees yemmuu yaaltu gonkuma ol seenuu ni dadhabde. Yeroo ka dhiphatre yemmuu jirtutti, kan ishee ol seensisuu dhoowwee hojii isheen hojjetaa turte sana akka ta’e ni hubatte. Yeroo sana bo’uufi mankaraaruu eegalte, cubbuun isheen hojjetaa turte sunis ifa ta’ee itti uldhate.
Yeroo sanatti fakkii dubroo Maariyaamii karra dallaa mana kiristaanichaa biratti argite, dhaqxee jalatti kuftee boossee kadhatte, Waaqayyos akka araara buusuuf ilma isheen akka araarsituuf giiftii Maariyaamii ni kadhatte, gombifamtees boosse. Carraa tokko qofa akka argattuufi lammata akka cubbuu hojjetaa turte sanatti akka hin deebines waadaa galte. Yemmuu kadhaa ishee fixxu kaatee nagaan ol seente. Yeroo sanas ol seentee fannoo gooftaa kirkiruudhaaniifi sodaa guddaadhan dhungatte. Badiinsa ijoollee isaa kan hin barbaanne Waaqayyo gaabbii ishee eega ture. Erga fannoo gooftaa dhungattee boodaas gadi baate gara fakkii Maariyaamii dallaa dura jiruu sanatti deebitee, iddoo waadaa galte sanatti ‘Ani cubbuu koo irraa kan ka’e waanan dubbadhu hin qabu, giiftii koo harka koo qabi karaan fayyina argadhutti na geessi, biyyan dhufetti deebi’uu hin barbaadu’ jettee kadhatte. Yemmuus sagaleen “Yoo laga Yoordaanoos ceete fayyina guddaa ni argatta” jedhu fakkii sanarraa dhageesse. Yeruma sana baatee laga Yoordaanos ceete; gammooojii Yoordaanoos kan bishaan hin qabne, kan qorri halkanii nama cabbeessu, kan ho’i aduu guyyaa nama waxalu keessa seente. Achi keessaas hanga wagga 47 jiraattutti nama ijaan hin argine turte.
Gammoojii Yoordaanoos keessatti beelaafi dheebuu akkasumas oo’aa fi qorra irraa kan ka’e yeroo baay’ee du’aaf geessee fayyiti turte. Jireenya hadhaawaa fi dheebuun, beelli, daarri, kophummaafi qorumsa biroos baay’ee jabaa ta’e ni dandeesse, fedhii foon isheetiifiis deebii osoo hin kennin, hunduma irraanfattee jiraatte. Namnis gammoojii sana waan hin dhaqneef kophaa jiraatte. Gammachuun yemmuu magaalaa keessa jirtu dabarsaa turte sunis sammuu isheetti deddeebi’ee jeeqaa ture. Kana hundaa garuu qabsuuraafi kadhaa wal irraa hin cinneen gargaarsa gooftaatiin dabarte. Osoo akkanaan lafa gammoojii kana keessa kophaa jiraattuu, waggaa 47 booda seenaan ishee akka irraanfatamee hin hafneefi namootaaf barumsa akka ta’uuf Waaqayyo waan barbaaduuf taateen tokko uummame. Innis akka itti aanutti gabaabbatee dhihaateera.
Kawaala biyya Filisxeemii jiru tokkotu ture. Kawaalan kun hin banamu ture, nama ergamee meeshaa monoksootaaf bituuf gadi ba’u malee monoksoonni achii keessa jiraataan namaan wal arguun dhoowwadha ture. Akka danbiifi seera kawaala sanaatti monoksoonni jiraatan yemmuu soomni gooftaa Iyyesuus guddichi seenu hundi isaaniituu gargar ba’anii kophaa isaanii bakka wal hin agarretti dabarsu ture. Gammoojjii keessatti kophaa kophaatti dabarsu ture, kan gar gadaamitti deebi’anis guyyaa ayyaana Hosaa’inaa faaruudhaan ture.
Isaan keessaa fedhii Waaqayyootiin lubni Zosimaas jedhamu tokko gara kawaala isheen jirtu kanatti soomana gooftaa kophaa isaa ta’ee gammoojjii Yoordaanos keessatti dabarsuuf dhufe. Innis gammoojjii saba keessa guyyoota digdamaaf (20) osoo wal irraa hin kutin lukaan deemee achii ga’e. Garuu fedhiin Waaqayyoo keessa jirti. Innis yeroo kadhaa sa’aatii jahaa dhiheessu turetti, tasa alaalaatti waan nama arge itti fakkaate. Na’ee itti fiige, namni inni arge sunis jalaa kaate, maqaa Waaqayyootiin akka dhaabbatu deddeebisee gaafate. Kana inni sunis dhagaa jala jalaa seenee “Abbaa koo Zosimaas maaloo ani dubartiidha, uffatas hin qabu akkuma agartu kunoo qullaan jiraa, kanaaf uffata mormatti maratte kana anaaf kenniitii anis isa maradheen dhufee eebba sirraa fudhadhaa” ittiin jette. Yemmuu kana Zosimaas uffata isaa ofirraa fuudhee itti darbe. Uffata Zosimaas itti sana uffattee itti muuldhatte, erga wagga 47ti uffata hin qabdu ture. Uffanni isheen uffattes kan yeroo Iyyaruusaaleem dhaqxu uffate sana malee isa booda uffata biroo hin uffanne. Uffaticha Zosimaas uffattee gara fuuldura isaa dhufte.
Isheniis qulqulleettii Maariyaamii kan Misiraa sana turte, ‘Zosimas’ jettee maqaadhaan waan waamteef ni na’e. Na eebbisi ati luba waan taateef jetten. Luba ta’uu isaas osoo hoomtuu itti hin himiin beekte. Yero kana Zosimaas ni na’e, ni rifates. Akkamittin beekte jedhees dinqame. Waan afuura wayii wajjiin haasa’us itti fakkaate. Yeroo sanatti Maariyaam ‘Zosimaas hin na’in ani dubartii dadhabduu tokkoodha’ jetteen.
Zosimaas seenaa kee hunda maaloo tokkollee nah in dhoksiin jedhee gaafate. Aka kadhaadhaan isa yaadattus ni kadhate. Akkamitti kophaa ishee gammoojjii kana keessaatti wagga hamma kanaa akka dabarsites ni gaafate. Isheeniis ‘maaloo qormaatni ani keessa darbe sun deebi’ee waan natti dhufee deeebi’ee jilbiiffatamuuf natti fakkaata nah in gaafatin, ani dubartii cubbamtuudha” jetteen. Innis deddeebi’ee kadhannaan qabsuura keessa dabarsitee qormaata hedduu ture itti himte. Isaan keessaayyis jiruun yeroo isheen ijoollee turte gammachuun yeroo dargagummaa sun akkamitti sammuu isheetti deddeebi’ee ishee jeeqaa akka ture hunda itti himte. Innis baay’ee ajaa’ibsiifate ishee arguu isaatiifis ni gammade. Waaqayyoonis ni galateeffate. Silaa kan akkanaatiis ni jiraa jedhe dinqame. Inni duraan namni akka koo qabsuura gaggeesse hin jiru ani hundumaa nan beeka jedhee yaadaa ture. Waaqayyos yaadni isaa kun yaraa akka ta’e itti ibsuufii waan barbaadeefi seenaa Maariyaam itti agarsiise.
Kana booda Zosimaasiin akkas jetteen “Ani kunoo ergan Yoordaanos ce’ee qurbaana gooftaa hin arganne maaloo bara dhufu yoo soomni gooftaa ga’u kawaala keesssati hafti. guyyaa kamisaas cinaa Yordaanositti Qurbaana anaaf fidi” jetteen. Namni tokko yookaan lama tajaajilli gadaamichaa akka addaan hin cinneef kawaala keessatti ni hafa ture. Kanaan walii galanii hanga soomana gooftaa bara egeree wal arganitti addaan bahan. Ish
eenis hangan nagaan boqadhutti waan argite hunda nama tokkotti akka hin himne jetteenii akeekkachiifte waan turteef Zosimaas yemmuu gara kawaala isaatti deebi’u waan arge kana namittu hin himne ture. Dhoksee laphee isaa keessa kaa’e. Kana booda Zosimaas hanga soomni waggaa itti aanuu deebi’ee dhufutti baay’ee muddame, yeroonis itti dheerate. Ishees arguuf baay’ee hawwe.
Yemmuu waggaan guutuus akkuma waliin jedhan guyyaa kamisaa qiddaasee kamisa (Tselote-Hamus) sana inni Qurbaana fideefii qarqara Yoordaanoositti dhufe. Isheeniis harka isheetiin mallattoo fannootiin mallatteessitee bishaan Yoordaanoos irra deemaa gara Zoosimaas dhufte. Innis bishaan irra Iukaan deemuu ishee yoo argu baay’ee dinqisiifate. Qurbaana gooftaas ni kenneefi. Erga Qurbaana fudhattes booda ija ishee gara samiitti ol qabdee galateeffatte. Ijji koo fayyisuu kee argeeraa; kana booda nagaan na boqachiisi jettee kadhatte. Ergasiis Zosimaas bara itti annu bakka bara duraa itti arge sanatti akka dhufu gaafattee eebbiftee gara gammooojjitti deebite.
Hanga kanatti garuu maqaan kee eenyu jedhee ishee hin gaafanne ture. Kana gochuu dhabuusaatiinis ofitti aaree baay’ee gadde. Bara dhufun gaafadha jedhe gara kawaala isaatti deebi’e. wagga itti aanu akkuma baramee yemmuu baatiin soomaa dhufu gara kawaala isheen jirtuu san ani dhaqe. Isheen garuu boqottee turte. Foon ishees osoo waa tokko hin ta’in arge. Innis baay’ee gadde, ni boo’e yeroo nahee jirutti, barreeffama tokko reeffa ishee cinaatti ni arge akkas kan jedhu, ‘Zosimaas ergan guyyaa qurbaana gooftaa fedhadheetii boqadheera, foon maariyaam asumatti awwaali’ kan jedhu ture. Yemmus maqaan ishee Maariyaam akka jedham ni bare. Kan inni deemsaaf guyyaa 20 itti fudhate isheen guyyaa tokkoon ga’uun ishees isa dinqe. Foon ishee wagga tokkoof osoo waa tokkoo hin ta’in turuun isaas ni dinqisiifate. Battalumatti leenci bosonaa ba’ee boolla qote. Innis foon Maariyaam ni awwaale. Erga sanii gara kawaalatti deebi’ee seenaa ishee hunda tokkoon tokkoon obboleewwan isaa monoksootatti ni hime isaanis baay’ee tokko ni dinqiisifatan. Seenaa isheefii qabsuura ishees kabaja guddaafi jaalala guddaadhaan eegan.
Maariyaam biyya Misiraa kan boqottee Ebla 6 bara 522 dhaloota Kiristoos booda ture. Galatni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqulleetti kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni qulqulleettittis nu walliin haa ta’u. hanga bara baraatti, Ameen!