Mootii Aksum ture. Kan muudames bara 485 yoo ta’u, hanga 515tti teessoo mootummaarra tureera. Ijoollees horateera. Baruumsa amantaas barateera. Amantaan isaas kan sirrii ta’eefi kan nama ajaa’ibsiisudha. Jaalalli haadha keeyaaf qabus addadha. Mootiin Ayihuud Finihaas jedhamu Naagiraan Yemen ammaatti Kiristoosiin ganaa jedhee nama ajjeessaa ture. Magaalattis guyyaa 40’f ibidda itti kaa’ee bobeesse. Seenaan isaa addunyaarratti dhagahamus kiristaanota sana baraaruuf kan yaale hin turre. Yeroo kana dhagahu gara bataskaanaa dhaqee sagadee, “Yaa gooftaa ani namoota dhiiga kiristaanaa dhangalaasan kana akkan haaloo bahuuf na gargaari. Baay’ina loltoota koon kanan of jaju miti; anis mo’amee kiristaanummaan akka hin tuffatamne achumatti na ajeesi,” jedhe akka kadhataniif monoksoota gadaamitti erge.
Osoo hin turinis farda, gaangee fi gaalaan Yemen gahe. Finihaasiin ajjeessee kiristaanota walaba baase. Imimmaaniifi dhiiga isaanii ni qoorseef. Manneen kiristaanaas ijaarefii gara Aksumitti deebi’e. Akkuma deebi’eenis gara Aksum Tsiyoon seenee, “Gooftaa koo wanta naa goote kana hundumaaf kanan kennu qaama koo malee qabeenya koo miti,” jedhee mootummaa isaa ilma isaatti dabarsee teessoo isaarra ka’ee gara kawaalaatti gale. Gonfoo Warqee kaawwachaa tures gara Iyyarusaaleem ergee abbaa Phanxaliyoon harkatti sirni monoksummaa raawwateef. Yeroo sanas qabeenya isaa keessaa kubbaayyaa tokkoofi qamisii tokko akkasumas qooddiroo/handaqqii tokko qofa fudhatee monokkose. Innis gadaamii keessatti namaan osoo wal hin argiin kadhannaafi soomaan erga jiraatee booda waggaa 70tti bara 529 boqoteera. Gooftaanis kabaja isa gonfachiiseera.
Ayyaanni yaadannoo isaas Caamsaa 20dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!
Tag Archives: mootota
Mootota Abirihaa fi Atsibihaa
Moototni lamaan kuni lakkuudha. Warri isaanii mootii Taazeer/Ayizaanaa Ari’id fi haati isaanii immoo mootii Ayihawaa jedhamti/Soofiyaas jedhuun. Warri isaanii ijoollee dhabuun gaddaa turan. Guyyaa tokko waa’ee garraamurnmaa Waaqayyoo osoo waliin taphatanii Soofiyaan kadhannaa Haannaa, haadha Saamu’eel caqastee isheenis akkuma Haannaa subaa’eedhaan Waaqayyoon akka kadhattu mooticha gaafatte. Kanaanis kadhannaa koo, “Kan Kirubelirra jirtu boo’icha koo dhagayi,” jettee subaa’ee galtee osoo jirtu abjuu tokko agarte. Kunis, gaara irratti muka dhaabbate tokko agarte. Firiin ishees guutuu ture. Cinaan fiixee ishees kan lafa uffisan ture. Namni tokkos ifa uffatee fannoo kan qabdu ulee qabatee dhufe. Yaabbannoo/kortuu lamas qabatee yaabbannicha muka sana maddii bitaa fi mirgaan kaa’e. Mootittii Soofiyaaan garuu iccitiin kun galuufi didee baay’ee dhiphachaa turte. Kadhannaa erga gooteen booda Waaqayyo qulqulluu Mikaa’el gara isheetti ergee ibidda ifaa uffatee, “Kan fannoo qabatee yaabbannoo bitaa mirga teessisee Abune Salaamaa Fireeminaaxosidha. Uleen warqii harkatti qabate immoo cuuphaadha. Yaabbannoon lamaan ijoollee kee lamaan yoo ta’an kan achirra koranii bu’an immoo namootadha. Firiin isaan nyaatanis dhiigaafi foon Kiristoosidha” jedhee jalaa dhokate.
Haaluma walfakkaatuun mootichattis abjuudhaan, “Mootiin Waaqayyo kan sii kenne inquu kana hoodhu,” jedhee booda jalaa dhokate. Kanaan Soofiyaan ijoollee lama ulfaa’uun ijoollee lama deesse.
Kan dhalatanis Muddee 29 bara 312tti. Ijoolleen lamaan kun luba Anbaram irraa ooritii kan sirriitti baratan turan. Waggaa 12 isaanitti gara mana qulqullummaa galan. Haa ta’u malee, abbaan isaanii waan boqoteef uummanni nu bulchaa yemmuu jedhaniin isaan “Nuti Waaqayyoon tajaajilla,” jedhanii didan.
Yeroo muraasaaf haati isaanii biyya bulchitee turte. Kana booda Qulqulluu Mikaa’el Anbaramiin, “Fedha Waaqayyoo waan ta’eef lamaan isaaniyyuu siree tokkorratti haa mo’an,” jedheen. Haaluma kanaan waggaa 19 isaanitti Izaanaa fi Saayizaanaa jedhamanii muudaman. Akkuma mo’aniin amantaa qajeeltu barbaadutti ka’an. Jalqaba Fireminaaxoos gorsaa ta’e masara Isaanii keessa yeroo turetti isarraa wanta hunda baratan. “Nu cuuphi” jedhanii isa gaafatan. Inni garuu akka cuuphu hin dandeenye cuuphuudhaaf aangoon lubummaa akka barbaachisu itti hime. Isaanis Fireeminaaxosiin gara Misiraatti ergan. Phaaphaasiin yeroo sanaas qulqulluu Atinaatewoos waan tureef waggaa 5’f kakuu haaraa sirriitti barsiisee, “Si’ii ol kan seera, afaaniifi aadaa biyyattii beeku waan hin jirreef,” jedhee isuma phaaphaasii jalqabaa taasisee gara Aksumitti erge. Maqaa isaas abune Salaamaa jedhee kitaabota heddu waliin erge.
Abuna Salamaan erga biyyatti deebi’ee jalqaba mootota lamaan kana Izaanaafi Saayizaanaa boodas loltoota isaaniifi uummata cuuphee kiristaana taasise. Kana booda amanticha babaldhisuutti dadhaban. Manneen kiristaanaa 154 tahan baay’een isaanii holqa kan tahan guutummaa biyyattiitti ijaaran. Keessumattuu, Aksumitti mana Kiristaanaa Tsiyoon kan ijaaran haala adda ta’een ture. Isheenis Maqdasii 12 kan qabduudha. “Bakka kanatti mana naaf ijaaraa” ajajni jedhu waan dhufeef naannoon sun bishaan qaba ture. Ergamaan biyyoo Gannataa fidee itti facaasnaan lafa gogaa taate jirti. Isaanis Mana qulqullummaa adda taate ijaaran. Mana qulqullummaa kana akka ijaaraniif ogeessota 24 fichisiisanii turan. Isaanis
• namni 12 Giriik
• namni 12 immoo warra ijoolle ijoolle Kiiraam ogeeyyota Xiiroos turan.
Gooftaanis manni isin hojjettan kun akka Iyyarusaaleem ishee samiiti jedhee jalaa dhokate. Moototni kun Wallootti, Shawaatti, Gojaamittii fi Gondoritti bataskaanota hedduu ijaarsisanii jiru.
Yeroo boqotan sabbatni Waaqaa awwaala isaanii irratti dhaabatee mul’ate. Seera ooritii gara seera haaraatti kan jijiiran isaani dha. Bataskaana isaan akkasitti bareechanii ijaaran sana diina kiristaanaa kan taate, Yoodiit Gudiit jaarraa 10ffaa keessa gubdee jirti.
Qulqullootni kun lamaan hanga Shawaafi Yemenitti kiristaanummaa babaldhisanii turan.
• Abrahaan dhalatee waggaa 52 bara 364 Onkololessa 4tti
• Obboleessi immoo waggaa 15 booda bara 379 guyyaama Onkololessa 4 kana waggaa 67tti boqote.
Bara isaanitti murteen haqaa hin jal’anne, hiyyeessi hin miidhamne, diina isaanis hin balleessine, akka seera moototaatti karra isaanii duras eegdota hin dhaabne. Akkuma nama kamii adaba’abayii (dirree) irratti ba’anii eegduu tokko malee murteessaa turani. Saamtonni horii namaa fudhatan bara sanatti hin argamne. Guyyaa boqonnaa isaanis gooftaan keenya hojii gaarii isaan dalaganiin abdii waadaa kenneefi.
Maqaa keessan kan waame yaadannoo keessan kan taasises isiniifan fayyisa jedhee jira. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulloota kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaanis nu waliin haa ta’u. Ameen!
Mooticha Qosxenxiinoos
Bara 258 (akka faranjootati 272 kan jedhus jira) Mooticha Qunisxaa fi Qulqulleettii Mootii Illeenii irraa Sarbiyaa keessatti dhalate. Erga dhalateeyis haati isaa Illeeniin seera amantaa kiristaanummaa haala gaariidhaan barsiiftee jirti. Erga abbaan Qosxenxiinoos du’ee booda Qosxenxiinoos abbaa isaa bakka bu’ee mootii ta’e Roomaa Bahaa bulchaa ture. Bara sanatti mootichi Diiyooqilxiyaanos, “Manni waaq-harkee yaa banamu manni kiristaana yaa cufamu,” jedhee labsii waan baaseef kiristaanonni dhiigni isanii lola’uun akka qullubbiittii mummuraman. Manni kiristaanaas baay’ee gubate. Kiristaanonnis ni godaanan. Qosxenxiinoos hojii mootota kanaatti baay’ee gaddaa jiraata ture. Michuu mootii Diyooqlixiyaanoos kan ta’e akkuma isaa kristaanota irratti dhiibbaa guddaa geessisaa kan ture mooticha Maksmiyaanoos jedhamu Qosxenxiinoos ni moo’ate. Kan moo’ates samii keessatti mallattoo fannootiin, “Kanaan ni moota,” kan jedhu waan itti muldhateef meeshaa lolaa irratti mallattoo fannoo godhee lola ba’ee moo’ee Roomaa akkuma jirtutti of jala galche.
Kanaanis, gammadee Ephesqoophoosii Niqoomeediyaa Awusaniyoos harkatti cuuphamee kiristaana cimaas ta’e. Kiristaanonnis gammadanii, “Fannoon humna keenya fannoon fayyisaa keenya,” jedhan. Innis labsii Diyooqlixiyaanoosiin ba’ee ture diigee, “Manni waaqarkee (xaa’otaa) haa cufamu manni kiristaanaa haa banmamu,” jedhee labsii kiristaanota addunyaa hundaaf boqonnaa kenne ni baase. Manni kiristaanaa gadadoo waggaa 300 booda bar Qosxenxiinoositti haara galfii argatte. Innis mootii gaarii jedhamee yaadatama. Mirgaa fi carraa yeroo sana manni kiristaana argatte keessaa:
• Bara 315 seera ba’een manni Kiristaanaa kaffaltii gibiraa irraa bilisa taate
• Guyyaan dilbataa guyyaa boqonnaafi ayyaana kiristaanotaa ta’ee kan murtaa’e yeroo sana
• Namni qabeenya isa bataskanaaf nan kenna jennan manni kiristaanaa dhaaluuf mirga qabdi.
• Kiristaanummaan amantaa biyyoolessaa ta’e.
Bara 325, bara yaa’ii Niiqiyaatti hayyootni amantaa walitti qabamuun amanticha akka cimsan kan taasise mooticha kana. Kanaaf manni kiristaana
yeroo hunda isa yaadatti. Wantoota biroos waan heddu hojjete.
Guyyaan yaadannoo isaa Bitootessa 28. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!
Qulqulleettii Mootii Illeenii
Qulqulleettii mootii Illeeniin kan fannoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bakka awwaalamee akka bahu taasifteedha. Seenaan ishees, Abbaa warraa Tarbinoos jedhamu waliin jiraachaa turte.
Illeenii jechuun afaan Hibruutiin ‘bareedduu’ jechuudha. Illeeniin kan dhalatte dhaloota Kiristoos booda 247 tti magaalaa Bitaaniyaa kan Iyyaruusalemirraa kiilomeetira 5 qofa fagaattee argamtu keessattidha. (Seenaan iddoo dhaloota ishee kana Eeshiyaa xiqqoo keessatti bakka Bitaaniyaa jedhamutti kan booda Helenopolis Jedhamtee maqaan magaalatti Qosxonxinoosiin jijjiiramtetti jedhus jira).
Abbaan manaa Illeenii Tarbinoos jedhamu kun daldalaa ture. Bara sanatti daldalli biyya tokkoo gara biyya biraatti godhamu waggoota hedduu fudhata ture. Innis karaa dheeraa deemee waan daldaluuf manatti Illeeniidhaaf gargaartuu qacareefii mooraa keessa akka gadi hin baanee fi aduun akka hin dhoofne godhee gara daldalaatti biraa deeme. Illeeniin amantaa isheetti baay’ee cimtuu fi yeroo baay’ee hanga abbaan manaa ishee deebi’uti kadhaadhaan dabarsiti ture. Wangeelas ni beekti ture. Tarbinoos immoo kan daldala isaa xumuree gara biyyaatti deebi’u waggaa 3’n booda ture. Daldaltoonni kun waggaa sadii ykn afur yemmuu daldalanii gara mana isaanitti deebi’an karaa irratti waa’ee haadha warraa isaanii waliin haasa’u ture.
Isaanis akkas jedhu ture, “Egaa amma nu kunoo akkanatti dhamaanee aduufi qorraan gubannee gara biyya keenyaatti yoo deebinu haati manaa keenya yoona dhiira biraa baran ta’a,” waliin jechaa deemu turan. Yeroo kana Tarbinoos abbaan warraa Illeenii, “Ani kan keessan hin beeku malee haatii warraa koo Illeeniin garuu wanta akkanaa gonkuma ana irratti hin hojjettu; baayiseen ishii amana,” jedheen.
Illeeniinis erga abbaan warraa ishee daldalaaf ba’ee mana isheetti kadhachuu malee gad illee baatee dhiira ijaan agartee hin beektu ture. Yeroo sana namoota Tarbinoos waliin jiran keessaa tokko, “Ati gowwaadha abboo, sanyii Hewaan keessaa kan haadha warraa kee addamoo? Amma osoon dhaqee wajjin ciisee dhufe maal goota?” jedheen. Achumaan Tarbinoos, “Ani waan isin jettan kanatti hin amanu haadha warraa koos gonkuma hin shakku” jedheen. Yeroo sana namni gidiramaan daldaltoota keessaa inni tokko, “Yoon deemee haadha manaa kee dogongorsiisee dhufe maal naaf kennita?’ jedheen. Tarbinoos immoo, “Ani ati dhuguma Illeenii dogongorsiiftee dhufta taanaan bu’aan hanga ammaatti daldalee argadhe qabeenya koo kana hunda wajiin ni fudhatta,” jedhe. arbinoos kan kana jedhe haati warraa isaa gonkumaa akka amanamtuu taate waan beekuuf ture.
Daldalaa gidiramaan sunis yoo Illeenii dogongorse qabeenya hunduma fudhachuuf walii galee gara haadha warraa Tabinoositti kaan dursee adeeme. Yemmus gara ganda Illeeniin jiraattu ga’e, haadha warraa Tarbinoos natti agarsisaa,” jedhee namoota gaafate. “Isheen bar namatti hin muldhattu, keesummattuu gonkuma dhiiratti mul’attu,” jedhaniin. Innis mala baafatee, “Tole erga isheen hin dhuftu ta’e mee hojjettuu ishee naaf waamaa,” jedheen. “Isheellee siif ni waamna” jedhanii waamaniif. Innis hojjettuu Illeeniitiin, “Biyya fagoodhaa nama si dubbisu dhufeetu jira jedhii mee Illeenii naaf waami,” jedheen. Isheenis gara manaatti ol deebitee, “Namni si barbaada,” jettee gaafannaaniif Illeeniin fuula itti kennuu didde. Namichi sun ammas yeroo lammataaf, “Dhaqiitii nama qarshii baay’ee siif kennutu dhufe jedhii itti himi,” jedheen. Isheenis akkas jettee yemmuu itti himtu yemmus Illeeniin, “Anaan haadha warraa Tarbinoosiin akkas jettaa?” jettee qodaa harkaa qabduun gargaartuu ishee rukutteegadi baafte.
Yeroo sanas hojjettuun gadi baate dubbiin akka ta’uufii dide itti himte “Daldalichis mee maal gochuu naaf wayya ishee argachuuf,” jedhee gargaartuu ishee sana mariisise. Qarshii baay’ees akka kennuuf itti hime. Yeroo sana gargaartuun ishee, “Hidhannoo mormaa kudhaama Tarbinoosiifi Illeeniin qofti beekaan tokko morma Illeenii irra jira, isan siif fida fuutee Tarbinoositti agarsiiftee akka ishee wajjin ciiste itti himta,” jette Innis yaada kanatti gammade. Innis, “Daldaltoonni dhufanii jiru qophaa’aa” jedhee iyyuu eegale. Gargaartuun sunis yeroo sana ol deebitee Illeeniidhaan, “Daldaltoonni dhufan ka’ii dhiqadhu urgooftuus dibadhu,” jetteen. Isheenis “Maal yeroo biraa situ na dhiqa mitii,” jettee dhugaa seetee dhiqachuuf kaate.
Yemmuu dhiqattus hidhannoo morma irraa sana bakka dhiqattetti irraanfatte. Hojjettuun sunis fuutee namichaaf dallaa irraan darbiteef. Innis kudhaama mallattoo fannoo of irraa qabu sana fudhatee ka’ee gara Tarbinoositti deebi ‘e. Tarbinoosiin, “Kunoo haadha warraa kee wajjin ciiseen dhufe,” jedheen. Innis amanuu dide. Achumaan namtichi, “Kunoo inumaayyuu na jaalattee kudhaama kana naaf kennite,” jedhee sobee kudhaamicha hojettuun (mallattoo fannoo kan jedhus jira) Illeenii kenniteef sana Tarbinoositti agarsiise. Tarbinoosis kudhaama fannoo qabu sana isaafi ishee qofatu beeka waan ta’eef yemmuu argu dhuguma se’ee ofitti aaree; ni na’es. Akkuma jecha isaatti qabeenya isaa hunda daldalticha wajjin jiru sanaaf kennee harka duwwaa manati gale.
Yemmuu manatti galus bifti isaa gurraacha’ee, garmalee gaddee agarraan haati warra isaa Illeeniin, “Maal taate?” jettee gaafatte. Isheen baay’ee yaaddee eegaa turte. “Dur yoo galtu ni taphatta ture har’a maal taate?” jetteen. Innis, “Danbaliin ka’ee meeshaa kiyya hunda balleesse akkamiin hin aariin naan jetta,” jedheenii sobe. Isheenis dhugaa seetee, “Maaloo hin aariin haa
badu ati fira 50 yoo qabaatte, anis fira 50 yoon qabaadhe liqeeffannee daldallee bakka duraatti deebina,” jetteen. Wangeelas waan beektuf, “Waaqayyoo kan siif kenne yoo sirraa fudhate hin aarin” jetten.
Innis akka hiriyaa isaa waijin ciifte osoo itti hin himiin kan garaa isaa garaatti qabatee, “Biyyan kabajametti salphadhee taa’uu hin qabu baduun qaba,” jedhee baduuf ka’e. Isheenis, ‘Guyyaa gammachuu kee si faana dabarsee
guyyaa gaafa gaddaa fi rakkoo kee si biraa hafuu hin qabu,” jettee wajjin deemuuf kaate. Innis saanduqa dheerina hojjaa isheetiin hojjechiisee gaalatti fe’e gara bishaan galaanaa jiru cinaatti geesse. Achumaanis galaana irratti
saanduqa sana keessa godhee, “Osoon si amanuu na gantee nama biraa wajjin ciifte,” jedheen. Isheenis, “Maaloo akkas gonkuma hin raawwannee,” jettuuniis dhagahuu dide. “Kunoo mallattoon ani siif kenne kan aniifii ati qofti
beeknu akkamiin harka nama biraa bira gale ree?” jedhee mallattoo fannoo sana itti agarsiise. Innis, “Hojii badaa kana hojjette taanan Waaqaayyo si hin baasiin, hin hojjene yoo ta’e si haa baasu,” jedhee ishee bishaanirratti gate jalaa sokke. Yemmuus isheen Waaqayyotti boossee wareega Waaqayyoof wareegde. “Yoo bishaan kana keessaa na baafte ani fannoo kee isa bade sana gidiraa guddaadhanis ta’u barbaadeen arga,” jettee garaa isheetti Waaqayyoti himte. Danbaliin bishaaniis ishee fuudhee asii fi achi raasaa oolee biyya mootiin Roomaa qunisxaa (konsitaandiyoos) jedhamu bulchutti gate.
Namoonni galaana cinaatti qurxummi qaban saanduqicha arginaan (eegdotas jedha) saanduqni kun maal laata jedhanii itti fiiganii baasan. Yemmuu bananii ilaalanuu dubartii bareedduu dha. Isaan garuu qarshii daldaltoota jalaa danbaliin fudhate se’anii itti fiigan ture. Isheenis bareedduu waan tunef hundumtuu fuudhuuf irratti wal lolanii. Boooda garuu, “Mootii geessuu qabna,” jedhanii mootichatti kennan. Mootichis yemmuu argu bareedina ishee waan jaalateef fudhuuf karoorfate. Baatii 6’f masaraa keessatti waan gaarii akka nyaattee dhugduu fi urgooftuu gaariis akka dibattu erga godhee booddee ishee fuudhe. Isheenis dhaloota kiristoos booda bara 258 ti Qosxenxiinoos deesse. Isheenis ilma ishee waa’ee kiristaanummaa daa’imumma isaa eegaltee ni barsiifti ture. Erga ilmi ishee abbaa isaa bakka bu’ee Mootii ta’ee Roomaa akkuma jirutti of jala galchee booda mootittii Illeeniin wareega fannoo baasuu sana raawwachuuf bara 321 gara Iyyarusaaleem deemte. Yemmu achi geessus iddoon fannoon itti awwaalame nama itti himu dhabde.
Boodarra manguddoo Kiraakoos jedhamu tokko argatte inni malaan itti hime. Kana booda daamotii hiitee, ixaana baay’ee itti naqxee kadhaa eegalte. Kunis Fulbaana 16 ture. Aarri daamotii fi ixaanaas xiyya hojjetee bakka fa
nnoon
gooftaa jirutti sagadee. Isaanis, bakka xiyyaan aaraa itti agarsiise sanatti
Fulbaana 17 qotuu eegalamee Bitootessa 10 ni ba’e. Yoo ba’us kan namoota gooftaa waliin fannifamaniis jira ture. Isaan keessaa fannoo gooftaa addaan baafachuuf nama du’e irra yoo kaa’an du’aa ni kaase, ija ni bane, kan dhibamaas ni fayyise.
Sana booda fannoo gooftaa fuudhanii kabajanii golgootatti bataskaana itti ijaarsiftee fannoo gooftaa itti galchan. Isheenis fannoo akkuma baasifteen waggaa isaatti bara 328 DH.K.B waggaa 80’n isheetti boqoteetti. Ayyaanni yaadannoo ishees Caamsaa 9.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni ishees nu waliin ta’u. Ameen!
Mootii Daawit
Daawit qomoon isaa Yihuudaadha. Abbaan isaa Iseeyyoo ta’u haati isaa immoo Hublii jedhamu. Haati Daawit bareedduu turte. Ollaatti nama wayii jaalattee innis ishee jaalate. Lamaanuu fedha isaanii tahuu agarraan Iseey karaa dheeraan deema jedhee manaa bahuun halkan namicha sana fakkaatee dhokfatee dhufee ishee waliin bule. Haati Daawit guyyaa sana ture kan Daawitiin ulfoofte. Kanaaf, faarfannaa isaa irratti,
• “Kunoo haati koo badiidhaan na ulfooftee cubbuudhaanis na deesse,” kan jedheef Faar.50/51:5.
Hanga guddatuttis tiksee abbaasaa ture Saa’ool waliin yemmuu Filisxeemotatti duulanis Gooliyaadiin furrisaa (borongodaan) takkaaa adda dhahee isa ajeesee jira. 1Saam.17:45-51. Kanaanis,
• “Saa’ool kuma ajjeese Daawit kitila ajjeese,” jedhanii sirbaniif.
Kana irraa kan ka’e Saa’ool mootichi Daawititti hinaafe. Garuu, intala isaa Meelkooniin Daawitiif kennuufiidhaaf dura waadaa waan galeef isa dhorkachuu hin barbaanne. Saa’ool Daawitiin ajjeesuuf yemmuu mari’atettis Meelkool dhageesseee, Daawitii akka baqatu itti himtee jalaa dheesseera. Guyyaa tokkos Daawit bakka dhokatetti mooticha Saa’ooliin argee isa ajjeesuu osoo danda’uu dhiisee mallattoof qofa harkatti huccuu mooticha tarsaasee qabate. Saa’oolis yemmuu argu boo’eera.
Yeroo holqa Faaraan jiru namichi sooressi Naabaal jedhamu tokko sirna qopheessee nyaataafi dhugaatii qopheessee yoo nyaachisu argee Daawit namichaan, “Waan nyaatamu nuuf ergi jedha Daawit jedhaatii itti naaf himaa” jedheen. Namichis, “Daawit Eenyu?” jedhee dide. Haati warraa Naabaal immoo Abeegiyaa jedhamti. Hoolaa 5 qalsiistee Daawitiif ergiteefii jirti. Booda Naabaaliin, “Daawit si barbaadee dhufe.” jennaan rifatee guyyaa 10ffatti du’e. Abeegiyaatiinis gadda ishee erga fixattee booda Daawit haadha warra godhateera. Yemmuu Saa’ool Filisxeemota harkatti kufee du’us Daawit Saa’ooliifi ilma isaa Yoonaataaniif walaloo walaleessee boo’eera. Du’a Saa’ool boodas Daawit Mootii ta’ee muudameera. Taabota Tsiyoonis deebiseera. Meelkool yeroo inni Taabota Tsiyoon duratti utaalu agartee,
• “Mootiin akkamitti akkana ta’a?” jettee isa tuffatte. Tuffii ishee kanaanis Waaqayyo ishees dhala dhowwate (2Sam 6).
Bara sanattis raajaa Naataan Daawit bira yoo dhufu Daawitiin fuulli isaa gaddee arge. “Maal taatee gadditaa?” jedhee yemmuu gaafatu, “Ani mana bareedaa keessan taa’a Taabotni Waaqayyo immoo mana akkasii keessa taa’a” jedhe deebiseef. Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaruu barbaadee ture. Haa ta’u malee, “harka isaatti dhiigni namootaa waan dhangala’eef si osoo hin taane Ilma sirraa dhalatutu mana koo naaf hojjeta jedha Waaqayyo,” jedheen. Daawit Beersaabee argachuuf jedhee abbaa warraa ishee Ooriyooniin
ajjeesisee ture. Booda garuu hojii isaa kanatti gaabbee Waaqayyo dhiifama taasiseefii jira. Akkuma raajichi Naataan jedhe ilmi isaa Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaree jira.
Waaqayyo mooticha Daawitiif kennaawwan torba kenneeraaf. Isaanis
• kennaa raajii dubbachuu,
• kennaa fayyisuu,
• kennaa lubummaa,
• kennaa mootummaa,
• kennaa faarfannaa,
• kennaa humnaafi
• kennaa hedduu argateera.
Mootichi Daawit Israa’eliin waggaa 40f bulche. Kitaaba Faarfannaa boqonnaa 150 qabu isatu barreesse. Mudde 23 yaadannoo boqonnaa isaati.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!
Geediyoon
Dhaloonni isaa qomoo Minaasee keessati. Abbaan isaa Iiyyoo’aas jedhama. Oofiraa keessa jiraataa ture. Guyyaa tokko midiyamota jalaa dheessuuf halkan yoo dhokatee qamadii dhahu ergamaan Waaqayyoo itti muldhatee, “Gooftaan sirra buleen, ‘Israa’eloota Midiyaam jalaa bilisa baasa koottu siin jedha’ jedhiin” jedheen. Geediyoonis ergamichaan, “Erga akkas ta’ee na eegi,” jedhee sa’a qalee wareega dhiyeesseera. Ergamaan qabannaa isaatiin aarsaa inni dhiyeesse tuqnaaniif gubateeraaf. Geediyoonis deebisee, “Oobdiirra rifeensa hoolaa nan diriirsa, sana booda yoo fixeensi rifeensa kana qofaarra bu’ee lafti kaan immoo gogaa ta’e ati narra bultee ijoollee Israa’eel akka fayyistu nan bara” jedheen. Akkuma jedhe fixeensi rifeensicha irra qofa bu’e. Kana qabatee gara qomoo isaatti ergaa ergee namoota kuma 32 walitti Gooftaanis, “Namoonni ati walitti qabde baay’ataniiru, jabina keenyaan diina moone akka hin jenne kan sodaate haa deebi’u,” jedheen. Yeroo kana kumni 22 keessaa ni deebi’an. Ammas lagarra gahanii, “Warra jilbiiffatanii bishaan dhugan deebisi,” jedhamnaa ni deebise. Namoota 300 qofa qabate Midiyaamotatti duule. Gara isaaniittis nama ergisiisee waan jarri jettus erga dhagayee booda, “Faaggaa 300fi Faanosa 300 qopheessuun akkan ani isinitti agarsiisu taasisaa!” jedheen. Yoo achi gahu humni kan Waaqayyoti jedhee faanosii dhaamsee faaggaa afuufe. Midiyaamonni rifatanii baqataniiru (Abboota Murtee 7:1)
Sana booda Israa’eloonni, “Siif bitamna,” jennaan, “Waaqayyoof bitamaa! Anaaf garuu warqiifi meetii naa kennaa,” jedheen. Geediyoon ijoollee 70 dhalcheera (Abboota Murtee 8:31).
Walumaa galatti seenaan isaa kitaaba abboota Firdii/Murtii/ boqonnaa 6-9 irratti bal’inaan ni argama.
Guyyaan yaadannoo isaas Muddee 16 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa
ta’u. Ameen!
Somsoon
Somsoon jechuun ‘Waaqayyoof isa haaraa’ jechuudha. Qomoo Daan irraa dhalate. Haati isaa Intikuyi abbaan immoo Maanuhee jedhama. Haati isaa dhala dhabdee yeroo dheeraaf boo’aafi gaddaa turte. Guyyaa tokko garuu osoo isheen qoraan guuraa jirtu ergamaan Waaqayyoo gara isheen qoraan guuraa jirtu ergamaan Waaqayyoo gara isheetti dhufee, “Ilma waan deessuuf daadhi waynii hin dhugin akkasumas wanta xuraa’a ta’e nyaachurraa of qusadhu! mucaa dhalatu kanas Waaqayyoon jalqaba irraa waan filatameef mataa isaarra haadduu(qarabaa) hin kaa’inaa (rifeensa isaa murinaa)” jedheen. Isheenis wanta dhageesse kana abbaa manaa isheetti himte. Abbaan manaa ishees, “Yaa gooftaa namni Waaqayyoo inni ati ergitee turte sun deebi’ee gara keenya dhufee mucaa dhalatu sana akkamiin akka guddisnu nutti haa himuuf si kadhanna” jedhe. (Abboota Murtii 13:8). Waaqayyo kadhata Maanuhee ni dhaga’e. Ergamichi nama fakkaate sunis lammata itti muldhate wanta dura dubbate irra deebi’ee ibseef. Maanuheeniifi haati manaa isaa qalma re’ee aarsaaf dhiyeessanii ergamichis labooba ibiddaan qalma isaan dhiyeessan keessa gara samiitti yemmuu ol ba’u ni arganii adda isaaniitiinis gadi ni gombifaman. Akkuma jedhames haati warraa Maanuhee Somsooniin ulfoofte deesse.
Somsoon dhalate erga guddatees, jabaa cimaa ta’e. Waggaa 15 yoo ta’u abbaa isaa waliin gara Timnaat osoo deemanii gara bosonaa seenee osoo jiru leenci itti dhufnaan harka isaatiin (aboottee isaatiin) dhahee leencicha ajjeesee bira darbeera. Timnaatitti dubartii bareedduu tokko argee abbaadhaan, “Na fuusisi malee,” jedheen. Abbaan isaa garuu, “Sanyii keenya warra abdii qabu seeraan buluufi warra dhagna qabate keessa ni dhabde moo?” jedhee dide. Somsoon garuu, “Isheen ija kootti tolteerti na fuusisi” jedheen.
Guyyaa muraasa booddee ishee fuudhudhaaf yoo deebi’u yaadate leencicha kana dura abootteedhaan dhahee ajeesse sana yoo ilaalu qoonqoo leencicha du’ee keessatti kanniisni damma dammeessitee turte. Dammicha sana muree haadhafi abbaa isaa nyaachise. Ergasiis dhaqee intalattii/shamarritti/ wajjin ni haasa’e itti toltes. Abbaan isaas gara mana shamara ishee Somsoon fuudhuuf dubbate bira ni dhaqee sana booda cidhis ni qophaa’e. Warri naannoo sanaas cidhi qophaa’uu agarraan namoota 30 hamaamota qopheessan. Somsoon warra hamaamota dhufan kana hibboo guyyaa sadi keessatti deebi’u isaan gaafate. Yoo deebisuu baatan garuu wayyaa quncee talbaarra hojjetame soddomaafi uffata guutu soddoma naaf kennitu jedheen. Hibbichi inni gaafates akkas jedha:
“Isa nyaatu keessaa wanta nyaatamutu ba’e; isa jabaa keessa wanta mi’aawutu ba’e,” jedheen.
Isaan garuu guyyaa sadi keessatti hiikkaa hibboo sanaa himuu hin dandeenye. Garuu, haadha manaa isaa gaafatanii isheen isatti boossee iccitii isaa dhageessee firoottan isheetti himte. Iccitiin hibboo isaas leencaa fi damma isa seenaa Somsoon raawwate sana ta’uu itti himan.
Innis, “Osoo ishii dirqisiinu baattanii hin beektan ture,” jedhee moo’amuu isaatiif wanta gaafateme inni ni kaffale. Aarii guddaadhaan manasaatti gale. Warri Filisxeemotaas haadha manaa isaa warra inni miinjee godhate keessaa tokkotti jalaa heerumsiisan.
Yeroo kana dhagahu Somsoon waangoo 300 qabee xomboora itti hidhee isaan midhaanitti gadhiise midhaan Filisxeemotaa gube. Innis holqa Etaam keessa taa’e. Warri Filisxeemotaas sababa inni haadha manaa isaa nama biraatti jalaa heerumsiisaniif balaan kun akka isaan irra gahe yemmuu hubatan haadha mana isaafi abbaa manaa ishee ni guban. Holqa sana keessayis hidhanii funyoon qabanii gara Filisxeemotaa deeman. Ummanis Somsoonitti wacuu eegale. Afuurri Waaqayyos isaaf ni dhufeef. Yeroo sanas Somsoon lafee mangaagaa harree tokko fudhatee ittiin namoota kuma tokko ajeese. Iddoo sanas ‘Raamaat Lehi’ jedheen. Innis ‘tulluu lafee mangaagaa’ jechuudha.
Somsoon yeroo sanatti garmalee bishaan dheebote. Waaqayyoonis ni kadhate. Waaqayyos kadhaa isaa ni dhagahee bishaan mangaagaa harree sana keessaa ni burqisiisef, innis dhugee jabaate. Bara sanattis Somsoon waggaa 20’f Israa’eloota bulche.
Ergasii booda Somsoon dubartii Daliilaa jedhamtu tokko ni jaalate. Humni isaas garmalee jabaa ture. Kanaaf, warri Filisxeemotaa gara dubartittii dhaqanii, “Humna inni ittiin dadhabu gaafadhuu nutti himi,” jedhaniin, Isheenis isatti watwaatte jennaan yeroo lama sadi sobee wanta biraa itti hime.
Boodas diinni kee siif dhufan yoo jettuun ni ka’a. Xumura irratti garuu, “Ati sin jaaladha jetta malee ana hin jaalattu humni kee kun eessaa akka dhufe natti hin himtuu?” jettee dhiphistee qabatte. Innis humni isaa rifeensa isaa keessa akka ta’e; erga dhalatetiis akka rifeensa hin haaddanne isa dhugaa hime. Isheenis, daadhi wayniitiin macheessitee rifeensa mataa isaa irraa haaddee. Sana booda yemmuu isheen, “Somsoon ka’i diinonni kee siif dhufan,” jettuun humni isaa isa waliin waan hin turreef danda’ee hin kaane. Kanaanis qabamee harka diinota isaatti kufe. Diinonni isaas sibiilan miilla isaa hidhanii, ija isaa lamaan keessaa baasuun akka midhaan daaku taasisan.
Rifeensi mataa isaas yeroo guddachaa dhufutti humni isaa deebi’aafii dhufe. Guyyaa tokko ayyaana taasisanii, “Namicha jaamaa sana nuuf fidamee nuhaa taphachiisu,” jedhaniin. Namni tokko isa masakaa fidee isaan gidduu dhaabe. Yeroo kana Somsoon utubaa manaa harka lamaan qabatee, “Yaa Waaqa gooftaa koo bakka ija koo lamaanii lubbuun koo har’a warra Ilooflii waliin
hu baatu,” jedhee utubaa tokko harka bitaan utubaa tokkos harka mirgaan yoo rukutu kan darbii gubbaa jiranis kan lafa jiranis hundumti badaniiru. Osoo lubbuun jiru kan ajeese irra kan yeroo kana ajeesetu baay’ata.
Somsoon kan jiraate naannoo bara 1300 Dh.K.D dura(Abboota Murtee Boq. 13 hanga 16).
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!