Cuuphaa Gooftaa Keenya Iyeesus Kiristoos

#CUUPHAA_GOOFTAAMaqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulquluu Waaqa Tokko Ameen.Wasggoota 1981 har’aa duubatti deebinee yoo ilaalluu hojiiwwan gurguddoo ardii ykn lafa kana iraatti hojjetaman keessaa tokko kan galaana #YOORDANOOSITTI cuuphaamuu goofta keenya iyyasuus kiristoosidha.Cuuphamuu gooftaan waliin wal qabatee hubannoof akka ta’uutti mata duree 5 gabaabsinee walii haa ilaalluu

1FFAA #Gooftaan_keenya_maalif_cuuphaame?

Qaamotaa sadaan keessa tokko kan ta’e ilmi yoo foon waliin wal simeyyuu inni Gooftaa gooftotaa, mootii moototaa, waaqa waaqotaa dha. Mul.yoh 17:14, 19:16. Seer.kee.Dee 10:17, 1xim 7:15. =>Gooftaan keenya qoricha keenya iyyasuus kiristoos nan kabajama kan hin jenne kabajamaa mootiin ta’a kan hin jenne mootii bara baraa ta’ee otuu jiruu maaliif cuuphaamuun isa barbaachise? Gooftaan keenya kan cuuphame akka keenya mucummaa argachuuf miti. Sababni isaas gooftaan keenya osoo addunyaan hin uumamiin Abbaa irraa amalummaa isaa kan ta’e waaqa abbaa irraa dhalateera waan ta’eef.Kana ilaalchisee abbaan keenyaa qulqullichi Daawit Faar 2:7 “ Waaqayyo nan jedhe ati mucaa kooti ani har’an si argadhe ykn dhale.” Jechuun dubbateera.Ogeessichi solomoonis Fakk 8:23-25 ” Duruma bara baraa irraa jalqabeen muudame osoo lafti hin uumamiin dura, osoo hurriiwwan hin jiraatiin ni dhaladhee; osoo burqaawwan bishaan hin maddiin, osoo tulluuwwaan hin hundaa’iin tabbaawwan, dhaladhe. Jechuun Dhaloota duraa Ilmaa dhugaa baheera. Dhalootaa duraa inni jedhamus uumamtoota dura osoo yeroowwan hin uumamiinii fi dabareen wal hin jijjiiriin Ilmi hamma Abbaa gahee Abbaa fakkaatee Abbaa irraa haadha malee dhalachuu isaa dha. Dhalachuu isaa booda immoo Giiftii keenya qulqulleetti Dubroo Maariyaam irraa Abbaa malee dhalachuu isaa dha. Kanaaf Gooftaan keenya kan cuuphame mucummaa argachuuf akka hin taane ni hubanna.

#MAALIIF_CUUPHAMEREE?

1.1 #Akka_iccitiin_Ifa_bahuf

Yeroo Gooftaan keenya cuuphame kna dhala namaaf Ifatti hin beekamne iccitiin guddaan mul’ateera. Innis iccitii sadummaa ykn sillaasee iccitii sadummaa fi tokkummaa Waaqayyoo.mat 3:16-17, marq 1:9-11, luq 3:21 “kunoo samiiwwan ni banaman; Afuurri waaqayyoos akka gugee yommuu bu’u isarras yommuu dhufu arge. Kunoo sagaleenis samii irraa dhufee kanin isatti gammadu ilmi koo ani jaaladhuu kana dha.” Jecha jedhu keessaa akkumaa hubannu qaamonni sadanuu ifa bahaniiru.Yeroo kana maqaan qaamoota sadanii Ifatti beekame. Sababa kanaaf yeroon kun yeroo ifa bahuu ykn bara ifaa jechamuun waamama.

1.2 #Akka_Raajichi_Raawwatamuuf_Raajichi_Daawwit

Faar 113:3-8 “Galaannis ni argite ni baqattes Yoordaanosis gara booddeetti deebi’e. Tulluuwwan akka korrommii,tabbawwanis akka korbeeyyii utaalan.Yaa galaanitti,akkana kan baqatte atis Yaa Yoordaanos, gara booddeetti kan deebite maal taatan?Isin tulluuwwan, akka koromoolii, yaa gaarreen, akka korbeeyyii kan utaaltan maaliif? Waaqa Yaa’iqoob duraa, Gooftaa duraa lafti ni raafamte. dhagichis gara burqa bishaaniitti gophoonis gara haroo bishaaniitti jijjiirame” jedhamee raajiin dubbatame akka raawwatuuf Gooftaan cuuphame.

1.3 #Fakkeenyummaaf

Yoh 13:15 ” Akka ani isiniif raawwadhe isinis akka raawwattaniif fakkeenya isiniif kenneera” jechuun akkuma dubbate gooftaan keenya nu’iif fakkeenya ta’uuf galaana #Yoordaanositti_harka_Qulquluu_Yohaannisiin cuuphameera.

Qulqulluu #pheexiroos1phex 2:21 ” kiristoos immoo akka isa faana buutaniif fakkeenya isiniif dhiisee waa’ee keessaniif gidiraa fudhateera.” Akkuma jeche cuuphamuun Gooftaa keenyaa fakkeenya ta’uufi dha.Gooftaan keenya gara yoordaanos deemee uumamaa isaa kan ta’e harka qulqulluu Yohaannisiin cuuphameera. Kunis har’a “Nuti Mootota, Abbootii murtii, Abbootii aangoo waan taaneef isin luubonni bakka nuti jirruu koottaa nu cuuphaa!” Akka hin jenneef fakkeenya nuu ta’uuf dha. Eenyu iyyuu haa ta’u eenyu kan cuuphamu harka luubotaan mana qulqullummaatti dha waan ta’eef.Kakuu Haaraa keessatti namoonni ijoollee isaanii fudhatanii gara mana kiristaanaa deemuun akkuma isaanii mucummaa Waaqayyoo ykn Sillaasee argatan taasisuu.

#kitaaba_qulqulluu_keessatti_Liidiyaan maatiiwwan ishee waliin cuuphamteetti.Hoj.Du.ka 16:15.Maatii kana keessattis daa’immanis jaarsoliinis akka cuuphaman malee daa’immanis fo’ee hanbisuun warra kaan akka cuuphan hin barreeffamne. Kan amante Liidiyaa yommuu taatu kan cuuphaman garuu maatiiwwan ishee hunda dha. Akkuma kitaaba kuufalee keessattiKuf 4:9-12 ” Addaam lafa irratti uumame irraa guyyaa 40 erga guutee booda akka ishee bituu fi eeguuf gara Gannataa galchine haadha manaa isaas guyyaa 80tti ishee galchine” jedhamee dubbatame Iccitii kanaan dhiirri dhalatee gaafa guyya 40tti, dhalaan ykn dubbarri immoo dhalatte gaafa guyyaa 80tti cuuphamu.Addaam erga uumamee guyya 40tti, Hewaan immoo erga uumamtee guyyaa 80tti mucummaa isaanii Waaqayyo irraa isaaniif kenname fudhachiisaniiru waan ta’eef nutis mucummaa sana deebisuuf guyya 40 fi 80tti cuuphamna.

2ffaa #Gooftaan_Maaliif_Yoordaanositti_cuuphame?

2.1 #Raajicha_raawwachuuf armaan olitti akkuma kaasne raajiin Raajaa Daawitiin dubbatame akka Gooftaan yoordaanositti cuuphamu dubbatera. Faar 113:38.Raajii kana raawwaachuuf Gooftaan Yoordaanositti cuuphame.

2.2 #Xaalayaa_gidiraa_keenya_barbaadeessuuf. Erga Addaamii fi Hewaan Gannata keessaa godaananii Diyaabiloos jaallee isaanii fakkaatee isaanitti dhiyaachuun “Akkan gidiraa keessan isiniif salphisu maqaa garbummaa keessan barreessaa naaf kennaa!” Isaaniin jedhe.Isaanis dhugaa isaanitti fakkaate “Addaam garbicha Diyaabiloosi dha. Hewaan garbitti Diyaabiloosi dha.” Jedhanii kennaniif. Innis tokko si’oolitti isa hafee immoo Yoordaanositti darbate. Gooftaanis xalayaa garbummaa isa Yoordaanositti darbatame cuuphaa isaatiin akka namummaa isaatti irra ejjatee, akka waaqummaa isaattis baqsee; isa si’oolitti darbatame immoo erga fannoo irratti du’ee booda lubbuun gara si’ool deemee akka gagaa baqsee nuuf balleesseera. Qol 1:14Sababa kanaaf gooftaan keenya Yoordaanositti cuuphame.

3ffaa Taabotonni Maaliif Bultoo isaanii irraa_Gara_Galaana_cuuphaa_deemanii_kabajuu?

Gooftaan keenya #Iyyasuus_kiristoos waaqa waaqotaa, Mooti Moototaa ta’ee osoo jiruu gara #Yoordaanositti gad bu’ee harka Qulqulluu Yohaannisiin cuuphame.uumaan gara Qulqulluu #Yohaannis deemee cuuphamuu isaa yaadachuuf bultoo isaa kan ta’an #Taabootonni gara galaana cuuphaa deemu. Akkuma gooftaan keenyaYoordaanositti cuuphamee Yoordaanosiin eebbise taabootonnis galaana cuuphaa eebbisuuf bahu.

4ffaa #Maqaa_Eenyuun_Cuuphame?

Nuti yoo cuuphamne maqaaa abbaa, ilmaa, afuura qulqulluutiin. Inni garuu uumaa waan ta’eef maqaa eenyuun cuuphame? Gaaffii kana cuuphaan isaa qulqulluu #Yohaannis ” warra kaan maqaa keetinan Cuupha si’iin immoo maal jedheen cuupha?” Jedhee gaafatee turee. Gooftaanis “Ilma Eebbifamaa ifoomsaa ifaa dhiifama nuuf godhi, luubni bara baraa akka malka tsaadeeq si dha.” Jedhii na cuuphi jedhee jennaan qulqulluun Yohaannisis akka ajajametti raawwateera.

5ffaa #Ayyaanicha_Maalif_Kabajnaa?

Manni kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa ayyaana cuuphaa gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos bara baraan ni kabajji.Ayyaana cuuphaa kan bara baraan kabajnu amaleeffannaan otoo hin ta’iin ayyaanicha irraa sugaa fi gargaarsa Waaqayyoo argachuuf. Kunis akkuma Israa’eeloonni waan Waaqayyo isaaniif taasise yaadachuuf waggaa waggaan kabajan jechuu dha. Seer.lakk 15:3, maat 26:2. Kan Ayyaana cuuphaa Gooftaa keenyaa kabajnu sugaa fi gargaarsa argachuuf malee guyyaa sana kan galaana cuuphaatti cuuphanu mucummaa argachuuf miti. Cuuphaa mucummaa kan cuuphamnu yeroo tokko qofa dha.Eef 4:5 ” Gooftaan tokko, amantaan tokko, cuuphaan tokko” akkuma jedhe.Kana jechuun garuu, guyyaa ayyaana cuuphaa, cuuphaan mucummaa argamisiisu gonkuma hin jiruu jechuu miti. Cuuphaan mucummaa guyyaa kana daa’immanis ta’e, ga’eessota qophaa’aniif raawwachuu ni danda’a. Walumaagalatti, hamma eebba argachuuf ayyaana cuuphaa kabajuuf baanetti waantoota hojjennu ofirraa deebinee haa hubannu. Baay’ee isaani dhuguu fi machaa’uun, sirbuun,gareen wal qoqqooduun wal loluu fi wal reebuun, dubroota rakkisuun osoo hin ta’iin mataa keenya gad qabachuu fi qulqullinaan ta’uun barbaachisaa dha.Taaboota fuulduratti hojiiwwan salphinaa raawwachuun nama balleessa. Seer.lakk 16:1-35.Ayyaanichi kan kabajamu waan hojii foonii fi waan lafa irraa argachuuf osoo hin ta’iin suga samii argachuuf ta’uu isaa haa hubannu.kanaafuu, guyyaan boru sana bishaan kadhannaa qulqulleessan eebbifameen akka qaamni keessan eebbifamuuf cuuphamuuf qophaa’aa!!! Koottaa.Xabalichaanis (Hora sanaanis) dhukkuba irraa ni fayyitu, sugan ni argattu. Guyyatti barnoota dheeraa dura akka yeroo gooftaa cuuphamu akka geessanitti taasisaa!!!.Gammachuu guddaan kabajaa!!! Akkuma har’a raawwatame taasisaatii jaalleewwanii fi firoottan keessan waliin tokkummaadhaan kabaja!!!Warrii biyya hambaa jirtaan immoo barrulee toora inteerneetaa fi yuutubiidhaan sirnaa kabaja ayyaanicha hordofaa akka kabajjan Waaqayyoo isin haa gargaaruu. AmeenWaaqayyo gargaarsaa fi suga ayyaanichaa irraa nu hirmaachisu! Ameen.Galanni Waaqayyoof haa ta’uu ameen. Waaqayyo kadhannaa qulqullootaan kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni wareegamtootas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Araarsummaan haadhaa keenyaa nu waliin haa jiraatuu. Ameen!!! #Gadaan_quufaa_gabbina_haa_ta‘uu_leelee. Ayyaan gaarii

Kabaja Qulqulloota

Kabaja qulqullootaa jechuun warra Waaqayyoo isa qulqulluutti amananii eebbaa fi ulfina guddaa akka argataniif Waaqayyo kan isaan badhaaseedha.
Jechi qulqulloota jedhu afaan Gi’iiziitiin ቅዱሳን (Qiddusaan) jechuu yemmuu ta’u, afaan oromoottin immoo:

  • Galateeffamaa
  • Kabajamaafi
  • Qulqulluu adda kan ta’e jechuu dha.

Jechi Qulqulluu (ቅዱስ) jedhu hunda dura kan ittiin waamamu ykn kan inni kennamuuf waaqayyo isa jiraataadhaaf. Qulqullummaan waaqayyo kan mataa isaati. Qulqulluun akka waaqayyoo hin jiru. Kitaaba qulqulluu keessatti waa’een kanaa barreeffamee jira. Fkn:

  • 1Sam 2:2 irratti harmeen Saamu’eel Haannaan qulqulluun akka Waaqayyoo hin jiru jetteetti.
  • S/Ba’uu 15:10 irratti Raajichi Waaqawoo museen qulqullummaadhaan kan ulfaate kan akka Waaqawoo hin jiru jedheera.
  • Isa. 40:25 irraatti qulqulluu kan ta’e Waaqayyo eenyuutti fakkeeffama.
  • Isa. 57:15 irratti immoo inni bara baraan kan jiraatu waaqa qulqulluu ol.
  • Luq. 1:35 irratti humni Waaqa Abbaa si golbooba, Afuurri qulqulluun sirra bula, kan sirraa dhalatu immoo qulqulluu ilma Waaqayyoo jedhama.
  • Luq. 1:49 Waaqayyo inni jabaan waan guddaa naaf godhe maqaan isaas qulqulluu dha.

Egaa kannneen kanaaf kana fakkaatan qulqullummaa waaqayyoo kan ibsan heddumminaan barreeffamanii jiru. Akkasumas immoo wantoota garaa garaaf jechi qulqulluu jedhu kennameefii kitaaba qulqulluu keessattii ni argina. Haa jiraatan iyyuu malee, qulqullummaan isaanii Waaqayyo kan mataa isaatii irraa kan kenneefiidha. Fkn.

  1. Jecha qulqullummaa jedhu mucaa namaaf kenneeraa.
    • S.Lew. 19:2, 1Phex. 1:13-15 ani waaqayyo uumaan keessan qulqulluu akkan ta’e isinis qulqulloota ta’aa jechuudhaan.
  2. Iddoo (ቦታ) dhaaf jecha qulqulluu jedhu kenneeraaf. S.Ba’uu 3:-5, Ivyaasuu 5:-25 irratti iddoo ati dhaabbattee jirtu qulqulluu waan ta’eef kophee kee ofirraa baafadhu jechuudhaan.
    • Tulluun gaafa sana fakkeenya mana kiristiyaanaa waan taateef manni kiristiyaanaa immoo iddoo qulqulluu waan ta’eef mana waaqayyootti yemmuu ol seennu kophee miilla keenyaa akka baafannu nu akeekkachiisa.
    • S.Ba’uu 36:1 Waaqayyo ogummaa fi hubannaa Baatsili’eelii fi Oliibaayiif dunkaana qulqulluu waaqavyoof akka hojjetaniif kenneef jedha.
    • 2S. Bara 7:15-16 irratti waaqayyo gooftaan mana qulqullummaa Solomoon ijaare ani filadheera; ani qulqulleesseera; iji koo yeroo hundumaa achi ilaala; gurri koos gara iddoo kadhannaa kana dhaggeeffata jedhee jira.
    • Far. 15:12 irratti mana kee isa qulqulluu sana keessa eenyuutu jiraataa? Jedhee dubbata.
  3. Guyyaa itti boqotee oole qulqulluu akka inni jedhamu godheera.
    • S.um. 2:2-3 irraatti waaqayyo guyyaa isa torbaffaa ni eebbise; ni qulqulleesse. S/Lew. 23:3 iddoo jiraattu hundumaatti sanbatni guyyaa waaqayyo qulqulleesse waan ta’eef hojii foonii kamillee hin hojjetin.
  4. Meeshaaleen mana qulqullummaa keessaa waaqayyo ittiin tajaajilamu qulqulluu ni jedhama.
    • S/Ba’uu 30:26 kanan ittiin waaqeffamu dunkaana irraa ka’ee qodaa adda addaa mana koo keessa jiraatan dibata qulqulluu dibuudhaan akka isaan naaf qulqullaa’an goota jedhee Waaqayyo Musee ajaje.
    • Bau. 40:8-16 namni isatti bu’u ni qulqullaa’a ykn qulqullummaa ni argata jedhamee jira. Sirni kun dhalootaa hanga dhalootaattis ni jiraata.
    • Bau. 30:31 kanaaf har’a manni qulqullummaa haaraan yemmuu ijaaramu, qodaan mana qulqullummaa haaraanis yemmuu bitamu, dibatni kun ni dibama.
    • Meeshaa dibata kanaan dibamee qulqullaa’e jireenya dhuunfaadhaaf fudhachuun nama adabsiisa. Dan. 5:1
  5. Nyaata (ህብስት) Qurbaana mana waaqayyoo keessaa namaaf kennamu qulqulluu ni jedhama.
    • 2Sam. 21:4 Lubichi Abemelek Mooticha Daawwitiin Hibistii qulqullaa’e malee nyaata uummatni nyaatu hin jiru ittiin jedhe. Kunis immoo namoota qulqullaa’aniif kan kennamuu dha. Duuka bu’oonni kee qulqullummaa qabaannaan garuu fudhachuu ni danda’u jedhe.

Egaa walumaa galatti jechoonni waa’ee qulqullummaa dubbatan kanneen kana fakkaatan kitaaba qulqulluu keessa baaveen ni jiru. Qulqullummaan kunis waaqayyoo isa qulqulluu irraa kan kennameefiidha. Waan qulqulluu ta’ee fi hin taanees seera isaa hundumaas ijoollee Isiraa’eeliin akka barsiisu waaqayyo Musee ajajeera. S/Lew. 10: 10

Galanni Waaqayyoo jiraataf bara hanga baraatti haa ta’u. Ameen!

Qulqulluu Na’aakutoo le’Aab

Bara 1201 keessa dhalate. Mucaa obboleessa Laallibalaati. Abbaan isaa Harbee, haati isaa immoo Markeezaa jedhamu. Yeroon inni dhalates galatoo xumuramuuf yemmuu Na’aakutoo La’aab jedhee diyaaqooniin lallabu wean ta’eef maqaan isaas Na’aakutoo La’aab jedhame moggaafameef. Akka duuka bu’aa yohaannis qeerrummaan kan jiraate dha. Qulqulluun kun kennan Afuura Qulqulluu irra ture, yeroo hunda gadadoo gooftarra gahaa ture kan yaadatu yoo ta’u, waggoota 40’f eeboo dhaabee, boolla keessatti eeboon isa waraanaa gadadoo gooftaa kan yaadachaa ture dha. Gooftaan keenya Iyyasus Kiristoosis hojii isaa kana argee, “Waggaa kana guutuu gadda koo kana yaadachaa kan turte dhiiga kees kan dhangalaaste mana qulqullummaa keetti argamanii kan kadhatan, iddoo kanallee qaamaan osoo hin dhaabbatii yaadaan kan amananii kadhatan hunda siifan maara. Kanaaf, hin gaddiin gammadi,” jedheen.
Atis hanga guyyaa dhufaatii lammaffaatti, hanga addunyaan kun darbuttis dhokadhuuti jiraadhu,” jedheen. “Hanga addunyaan kun darbuttis iddoo kanatti dhukkubsatoonni kan itti fayyan haa ta’an,” jedheen. Egaa waadaa ammas ija keenyaan deemnee arguu ni dandeenya.
Hanga har’aattis xaballi baaxii gubbaarraa gadi cophu hin gogu. Gannas bonas inumaayyu ganna hirdhata bona ni dabala. Innis baataskaana Ashiiteen Maariyaam jedhama. Bara 1211 ijaare. Ilma laallibalaa Yitbaarek mootummaa kenneefi Sadaasa 3 akkuma Heenok dhokateera. Kunis dhalatee waggaa 70tti. Qabsuura qulqulluu kanaan guyyaa 21 kan sukkuumame araarsummaa isaattis kan amaneef umuriin isaa akka dheeratu gooftaan waadaa galeeraaf. “Tolaa maqaa tolaatiin kan simatu gatii tolichaa argata. Dhuguman isiniin jedha, warreen xixiqqoo kanaaf bishaan qorraa xoofoo tokko yoo kennitaniif gatiin keessan isin jalaa hin badu.”(Mat 10:40).
Araarsummaafi sugni Na’aakutoo La’aab nu waliin haa ta’u. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Qulqulluu Laallibalaa

Qulqulluu Laallibalaan abbaan isaa Siyyum haati isaa immooo Kiriwarnaa jedhamu. Kan dhalate immoo muddee 29 dha. Yeroo dhalatutti kannisaan waan marfameef haati ‘maar yibalaal laal yibalaal’ jetteen afaan agawuun laal jechuun damma jechuudha. Laaliibalaan sirna mana kiristaana kitaaba kakuu moofaafi haaraa kan baratedha. Sana boodas obboleessi isaa Gabremaariyaam sirnaa bulchiinsa mootummaa barsiise. Garuu warri jala jiran oduu sobaa odeessanii Laallibalaafi Gabremaariyaam wallolchiisuun mootichaaf obboleettii kan taate, Laalibalaaf garuu intala abbaa qofa kan taate Yooditi waliin shira irratti dhoksaan dalagan. Laallibalaan yeroo hunda hadhooftuu gooftaan keenya dhuge yaadachuuf jimaata jimaata heexoo ni dhuga ture. Kan heexoo qopheessituuf immoo obboleettii Gabremaariyaamidha. Yeroo kana yemmuu heexoo qopheessituuf summii itti naqxee qopheessite. Kan heexoo sana gara Laallibalaatti fideefii dhufu yeroo xinnoo irraa dhamdhamu battalumatti ni du’e. Laallibalaanis yemmuu kana argu, “Namni kun sababa koon du’e mitii?” jedhee osoo akka nama ajjeessu beekuu heexoo summii qabu sana dhuge. Ergamaa Gabri’eelis lubbuu isaa gara samiitti geese, foon isaa garuu hin qorrine ture. Samii torbanis ni daawwachiise. Gooftaanis, “Ani warra Iyyerusaaleem salaamsachuu yemmuu deeman gammoojiitti dhuman yaadadheera. Bataskaana addaa ni ijaarta,” kan ati ijaartu namuu hin ijaaru jedheen.
Kanaanis, iddoo qulqullaa’oo daawachuun Yordaanosis argeera. kanaanis Waaqayyo waadaa galeef. Kana booda gadaamii/kawaala ‘Masqal kibran’ jirtutti geesse ergamaan Gabri’eel jalaa dhokate. Halkan san Waaqayyo abjuudhaan mootii Gabremaariyaamiin, “Aangoo kee Laallibalaaf kenni!” jedheen. Gabremaariyaamis akkuma qabsuura isaa irratti ibsame aangoo isaa dhiisee gara gadaamii galeera.
Laallibalaan magaalaa Rohaatti mana Kiristaanaa 11 ijaareera. Isaanis,
• Amanu’eel, B
• Beete Madanalem,
• Beete Maariyaam,
• Beete Mikaa’el,
• Beete Gabri’eel.
• Beete Masqel,
• Beete Goligootaa,
• Beete Giyoorgiis,
• Beete Marqooriyoos,
• Beete Libaanosiifi
• Beete Danaagilii dha.
Bataskaanota yemmuu ijaaru qabeenya isaa hunda waan itti fixateef haga dhabee rakkachuutti ga’ee akka ture seenaan qabsuura isaa ni dubbata.
Waxabajii 12 boqote. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullichaa kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Qulqulluu Harbee

Qulqulluu Harbeen hangafa qulqulluu Laallibalaati. Laallibalaa wajiin abbaadhaan malee haadhan tokko miti. Yeroo kana si booda kan dhalatu Laallibalaan ni moo’a jedhamee waan himameef seexanni hinaaffaan itti ka’e Laallibalaan akka du’uuf obboleettin Harbee heexoo waliin summii obaaste turte. Haa ta’u malee, Waaqaayyo waan isa eeguuf Laallibalaan hin duune, Booda hojii isaanii kanatti gaddanii qulqulluu Laallibalaa bakka jiru hanga Aksum deemanii dhiifama gaafatanii immimmaaniin mootumma isaanii gadhiisanii gadaamii galan. Obboleessa isaanii Laallibalaas ni moosisan. Erga gadaamii galaniis gooftaan abjuudhaan itti muldhatee, “Mucaa kabajni isaa guddaa tahe ni dhalchita waan ta’eef gara manaatti gali,” jedheen. Innis deebi’ee Naakutoo La’aab dhalche. Naakutoo La’aabis mootii gaarii yoo ta’u, kan guddise Laallibalaadha.
Abbaan kuni bara isaatti phaaphaasii Iskindiriyaa abuna Daani’eelin, “Afaan uummata kanaa kan dhagahan phaaphaasii uummata kana keessa nuf muudi!” jedhee barreesseefii ture. Yeroos sanatti garuu fudhatama hin arganne waan ta’eef dhimmichi achumaan hafe. Bataskaanota hedduus kan ijaarsisan yoo ta’u, “Ati gadadoo kiyya yaadachuudhaan halkanii guyyaa waan boosseef maqaa keetin kan beela’e kan nyaachiseefi kan dheebote kan Obaase nan mura,” jedhee gooftaan waadaa galeefii jira. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Qulqulloota Laastaafi Qulqulluu Yimrehaanne Kiristoos

Jaarraa hanga 13ffu kan jiraatan moototni Laastaa ykn Zaaguwee jedhamuun kan beekkaman yoo tahu akka Malketseedeeq lubummaa mootummaa waliin kan qabatan moototni afur jiru. Isaanis
• Yimrehaame Kiristoos,
• Laallibalaa,
• Qulqulluu Gabremaariyaam (Harbee)fi
• Qulqulluu Naakutoo La’aab jedhamu.

Qulqulluu Yimrehaanne Kiristoos
Qulqulluun kun immoo qeerrummaan kan jiraate luba, mootii fi kopheessa. Abbaan isaa Girmaa Siyyuum jedhama. Zihan Siyyuum abbaan qulqulluu Laallibalaa Xaxawudiim mootichiifi Gimaa Siyyuum obbolaadha. Yeroo qulqullichi dhalatu, abbaan isaa lubbuun hin turre. Jalqabuma gadaamessa haadha isaa keessatti waan filatameef guyyaa Roobiifi Jimaataa hanga sa’aa 9
haadha isaa hin hodhu ture. Haati isaa garuu jalqaba irraa fedhii Waaqayyoon kan ta’e ta’uu isaa waan hin hubatiniif baay’ee dhiphachaa turte. Xaxawudiim abjuudhaan isatti aanee kan mootii ta’ee muudamu Ytmrehaanne Kiristoos tahuu waan hubateef gara isaatti fidee guddise. Haa ta’u malee, kennaafi bareedina daa’ima kanaa, boodas immoo kan mootummaa isaa irra fudhatu ta’uu isaa yoo yaadatu itti hinaafee, “Maal gochuun qaba,” jedhee hammeenya irratti yaade. Yeroo kana namoonni tokko, “Eegduu tiksee taasisi, tokko immoo ajjeesi,” jedhanii irratti mari’achaa yemmuu jiranitti ergamaan Waaqayyoo haadha isaa harkaa butee gara Iyyarusaaleem geesse. Iyyerusaalemittis baratee hanga aangoo diyaaqonummaa fudhachuutti ga’e. Naannoo sanattis uummata barsiisuuun, kadhannaafi soomaan dabarse. Fedha isaa tahus garuu gooftaan Iyyarusaalemii haadha warraa horatee akka luba ta’u itti hime. Innis achuma Iyyarusaalemitti sirna takliiliin fuudhee lubummaa fudhate. Isaanis qeerdubrummaadhaan fuudhaa heerumaanis waggaa 40 ol jiraatan. Ergaan, “Gara biyya keessaniitti gali! Mootichi lubbuu kee barbaadu boqoteera” jedhu dhagahee haadha warraa isaa waliin gara Laastaa dhufe. Yeroo inni dhufus ummanni ililchaa simateera. Guyyuma sana mootii taasisanii muudan.
Muudamni isaa akka mootota biyya lafaa hin turre. Qulqulluu Rufaa’el ergamaan xoofoofi hibistii fidee waggoota 15’f isa gargaaraa sirna galatoo raawwateera.
Booda gargaarsa qulqulluu Rufaa’eliin gara hara Beenuutti deemee achittis uummata barsiisee cuuphe bineensota nama rakkisan hundumaas kadhannaa isaatiin humna isaanii ni dadhabsiise. Gooftanis Iyyarusaaleemitti duumessaan fe’ee isa geessee bakka kanatti mana kiristaanaa naaf ijaari jedheen. Innis Fulbaana 13 irraa eegalee Waxabajii 20 xumure. Taabota Qulqulluu Gabri’eel Waxabajii 21tti galche sirna galatoo raawwate. Qulqulluun kun osoo uummata dhiigaafi foon gooftaa kennuu aduun yemmuu itti dhiyu akkuma luba Iyyaasuu biiftuu dhaabeera.
Qulqulluu Yimrehaannee Kiristoos Onkoloolessa 19 boqotee achumatti awwaalame. Gooftan kan karra isaa dhaqeef waadaa araaraa kenneefii jira. Galanni Waaqayyoof u ‘u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Mootii Kaaleeb

Mootii Aksum ture. Kan muudames bara 485 yoo ta’u, hanga 515tti teessoo mootummaarra tureera. Ijoollees horateera. Baruumsa amantaas barateera. Amantaan isaas kan sirrii ta’eefi kan nama ajaa’ibsiisudha. Jaalalli haadha keeyaaf qabus addadha. Mootiin Ayihuud Finihaas jedhamu Naagiraan Yemen ammaatti Kiristoosiin ganaa jedhee nama ajjeessaa ture. Magaalattis guyyaa 40’f ibidda itti kaa’ee bobeesse. Seenaan isaa addunyaarratti dhagahamus kiristaanota sana baraaruuf kan yaale hin turre. Yeroo kana dhagahu gara bataskaanaa dhaqee sagadee, “Yaa gooftaa ani namoota dhiiga kiristaanaa dhangalaasan kana akkan haaloo bahuuf na gargaari. Baay’ina loltoota koon kanan of jaju miti; anis mo’amee kiristaanummaan akka hin tuffatamne achumatti na ajeesi,” jedhe akka kadhataniif monoksoota gadaamitti erge.
Osoo hin turinis farda, gaangee fi gaalaan Yemen gahe. Finihaasiin ajjeessee kiristaanota walaba baase. Imimmaaniifi dhiiga isaanii ni qoorseef. Manneen kiristaanaas ijaarefii gara Aksumitti deebi’e. Akkuma deebi’eenis gara Aksum Tsiyoon seenee, “Gooftaa koo wanta naa goote kana hundumaaf kanan kennu qaama koo malee qabeenya koo miti,” jedhee mootummaa isaa ilma isaatti dabarsee teessoo isaarra ka’ee gara kawaalaatti gale. Gonfoo Warqee kaawwachaa tures gara Iyyarusaaleem ergee abbaa Phanxaliyoon harkatti sirni monoksummaa raawwateef. Yeroo sanas qabeenya isaa keessaa kubbaayyaa tokkoofi qamisii tokko akkasumas qooddiroo/handaqqii tokko qofa fudhatee monokkose. Innis gadaamii keessatti namaan osoo wal hin argiin kadhannaafi soomaan erga jiraatee booda waggaa 70tti bara 529 boqoteera. Gooftaanis kabaja isa gonfachiiseera.
Ayyaanni yaadannoo isaas Caamsaa 20dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Mootota Abirihaa fi Atsibihaa

Moototni lamaan kuni lakkuudha. Warri isaanii mootii Taazeer/Ayizaanaa Ari’id fi haati isaanii immoo mootii Ayihawaa jedhamti/Soofiyaas jedhuun. Warri isaanii ijoollee dhabuun gaddaa turan. Guyyaa tokko waa’ee garraamurnmaa Waaqayyoo osoo waliin taphatanii Soofiyaan kadhannaa Haannaa, haadha Saamu’eel caqastee isheenis akkuma Haannaa subaa’eedhaan Waaqayyoon akka kadhattu mooticha gaafatte. Kanaanis kadhannaa koo, “Kan Kirubelirra jirtu boo’icha koo dhagayi,” jettee subaa’ee galtee osoo jirtu abjuu tokko agarte. Kunis, gaara irratti muka dhaabbate tokko agarte. Firiin ishees guutuu ture. Cinaan fiixee ishees kan lafa uffisan ture. Namni tokkos ifa uffatee fannoo kan qabdu ulee qabatee dhufe. Yaabbannoo/kortuu lamas qabatee yaabbannicha muka sana maddii bitaa fi mirgaan kaa’e. Mootittii Soofiyaaan garuu iccitiin kun galuufi didee baay’ee dhiphachaa turte. Kadhannaa erga gooteen booda Waaqayyo qulqulluu Mikaa’el gara isheetti ergee ibidda ifaa uffatee, “Kan fannoo qabatee yaabbannoo bitaa mirga teessisee Abune Salaamaa Fireeminaaxosidha. Uleen warqii harkatti qabate immoo cuuphaadha. Yaabbannoon lamaan ijoollee kee lamaan yoo ta’an kan achirra koranii bu’an immoo namootadha. Firiin isaan nyaatanis dhiigaafi foon Kiristoosidha” jedhee jalaa dhokate.
Haaluma walfakkaatuun mootichattis abjuudhaan, “Mootiin Waaqayyo kan sii kenne inquu kana hoodhu,” jedhee booda jalaa dhokate. Kanaan Soofiyaan ijoollee lama ulfaa’uun ijoollee lama deesse.
Kan dhalatanis Muddee 29 bara 312tti. Ijoolleen lamaan kun luba Anbaram irraa ooritii kan sirriitti baratan turan. Waggaa 12 isaanitti gara mana qulqullummaa galan. Haa ta’u malee, abbaan isaanii waan boqoteef uummanni nu bulchaa yemmuu jedhaniin isaan “Nuti Waaqayyoon tajaajilla,” jedhanii didan.
Yeroo muraasaaf haati isaanii biyya bulchitee turte. Kana booda Qulqulluu Mikaa’el Anbaramiin, “Fedha Waaqayyoo waan ta’eef lamaan isaaniyyuu siree tokkorratti haa mo’an,” jedheen. Haaluma kanaan waggaa 19 isaanitti Izaanaa fi Saayizaanaa jedhamanii muudaman. Akkuma mo’aniin amantaa qajeeltu barbaadutti ka’an. Jalqaba Fireminaaxoos gorsaa ta’e masara Isaanii keessa yeroo turetti isarraa wanta hunda baratan. “Nu cuuphi” jedhanii isa gaafatan. Inni garuu akka cuuphu hin dandeenye cuuphuudhaaf aangoon lubummaa akka barbaachisu itti hime. Isaanis Fireeminaaxosiin gara Misiraatti ergan. Phaaphaasiin yeroo sanaas qulqulluu Atinaatewoos waan tureef waggaa 5’f kakuu haaraa sirriitti barsiisee, “Si’ii ol kan seera, afaaniifi aadaa biyyattii beeku waan hin jirreef,” jedhee isuma phaaphaasii jalqabaa taasisee gara Aksumitti erge. Maqaa isaas abune Salaamaa jedhee kitaabota heddu waliin erge.
Abuna Salamaan erga biyyatti deebi’ee jalqaba mootota lamaan kana Izaanaafi Saayizaanaa boodas loltoota isaaniifi uummata cuuphee kiristaana taasise. Kana booda amanticha babaldhisuutti dadhaban. Manneen kiristaanaa 154 tahan baay’een isaanii holqa kan tahan guutummaa biyyattiitti ijaaran. Keessumattuu, Aksumitti mana Kiristaanaa Tsiyoon kan ijaaran haala adda ta’een ture. Isheenis Maqdasii 12 kan qabduudha. “Bakka kanatti mana naaf ijaaraa” ajajni jedhu waan dhufeef naannoon sun bishaan qaba ture. Ergamaan biyyoo Gannataa fidee itti facaasnaan lafa gogaa taate jirti. Isaanis Mana qulqullummaa adda taate ijaaran. Mana qulqullummaa kana akka ijaaraniif ogeessota 24 fichisiisanii turan. Isaanis
• namni 12 Giriik
• namni 12 immoo warra ijoolle ijoolle Kiiraam ogeeyyota Xiiroos turan.
Gooftaanis manni isin hojjettan kun akka Iyyarusaaleem ishee samiiti jedhee jalaa dhokate. Moototni kun Wallootti, Shawaatti, Gojaamittii fi Gondoritti bataskaanota hedduu ijaarsisanii jiru.
Yeroo boqotan sabbatni Waaqaa awwaala isaanii irratti dhaabatee mul’ate. Seera ooritii gara seera haaraatti kan jijiiran isaani dha. Bataskaana isaan akkasitti bareechanii ijaaran sana diina kiristaanaa kan taate, Yoodiit Gudiit jaarraa 10ffaa keessa gubdee jirti.
Qulqullootni kun lamaan hanga Shawaafi Yemenitti kiristaanummaa babaldhisanii turan.
• Abrahaan dhalatee waggaa 52 bara 364 Onkololessa 4tti
• Obboleessi immoo waggaa 15 booda bara 379 guyyaama Onkololessa 4 kana waggaa 67tti boqote.
Bara isaanitti murteen haqaa hin jal’anne, hiyyeessi hin miidhamne, diina isaanis hin balleessine, akka seera moototaatti karra isaanii duras eegdota hin dhaabne. Akkuma nama kamii adaba’abayii (dirree) irratti ba’anii eegduu tokko malee murteessaa turani. Saamtonni horii namaa fudhatan bara sanatti hin argamne. Guyyaa boqonnaa isaanis gooftaan keenya hojii gaarii isaan dalaganiin abdii waadaa kenneefi.
Maqaa keessan kan waame yaadannoo keessan kan taasises isiniifan fayyisa jedhee jira. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulloota kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaanis nu waliin haa ta’u. Ameen!

Mooticha Qosxenxiinoos

Bara 258 (akka faranjootati 272 kan jedhus jira) Mooticha Qunisxaa fi Qulqulleettii Mootii Illeenii irraa Sarbiyaa keessatti dhalate. Erga dhalateeyis haati isaa Illeeniin seera amantaa kiristaanummaa haala gaariidhaan barsiiftee jirti. Erga abbaan Qosxenxiinoos du’ee booda Qosxenxiinoos abbaa isaa bakka bu’ee mootii ta’e Roomaa Bahaa bulchaa ture. Bara sanatti mootichi Diiyooqilxiyaanos, “Manni waaq-harkee yaa banamu manni kiristaana yaa cufamu,” jedhee labsii waan baaseef kiristaanonni dhiigni isanii lola’uun akka qullubbiittii mummuraman. Manni kiristaanaas baay’ee gubate. Kiristaanonnis ni godaanan. Qosxenxiinoos hojii mootota kanaatti baay’ee gaddaa jiraata ture. Michuu mootii Diyooqlixiyaanoos kan ta’e akkuma isaa kristaanota irratti dhiibbaa guddaa geessisaa kan ture mooticha Maksmiyaanoos jedhamu Qosxenxiinoos ni moo’ate. Kan moo’ates samii keessatti mallattoo fannootiin, “Kanaan ni moota,” kan jedhu waan itti muldhateef meeshaa lolaa irratti mallattoo fannoo godhee lola ba’ee moo’ee Roomaa akkuma jirtutti of jala galche.
Kanaanis, gammadee Ephesqoophoosii Niqoomeediyaa Awusaniyoos harkatti cuuphamee kiristaana cimaas ta’e. Kiristaanonnis gammadanii, “Fannoon humna keenya fannoon fayyisaa keenya,” jedhan. Innis labsii Diyooqlixiyaanoosiin ba’ee ture diigee, “Manni waaqarkee (xaa’otaa) haa cufamu manni kiristaanaa haa banmamu,” jedhee labsii kiristaanota addunyaa hundaaf boqonnaa kenne ni baase. Manni kiristaanaa gadadoo waggaa 300 booda bar Qosxenxiinoositti haara galfii argatte. Innis mootii gaarii jedhamee yaadatama. Mirgaa fi carraa yeroo sana manni kiristaana argatte keessaa:
• Bara 315 seera ba’een manni Kiristaanaa kaffaltii gibiraa irraa bilisa taate
• Guyyaan dilbataa guyyaa boqonnaafi ayyaana kiristaanotaa ta’ee kan murtaa’e yeroo sana
• Namni qabeenya isa bataskanaaf nan kenna jennan manni kiristaanaa dhaaluuf mirga qabdi.
• Kiristaanummaan amantaa biyyoolessaa ta’e.
Bara 325, bara yaa’ii Niiqiyaatti hayyootni amantaa walitti qabamuun amanticha akka cimsan kan taasise mooticha kana. Kanaaf manni kiristaana
yeroo hunda isa yaadatti. Wantoota biroos waan heddu hojjete.
Guyyaan yaadannoo isaa Bitootessa 28. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

yoosaad.com/orthodox