Qulqulleettii mootii Illeeniin kan fannoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bakka awwaalamee akka bahu taasifteedha. Seenaan ishees, Abbaa warraa Tarbinoos jedhamu waliin jiraachaa turte.
Illeenii jechuun afaan Hibruutiin ‘bareedduu’ jechuudha. Illeeniin kan dhalatte dhaloota Kiristoos booda 247 tti magaalaa Bitaaniyaa kan Iyyaruusalemirraa kiilomeetira 5 qofa fagaattee argamtu keessattidha. (Seenaan iddoo dhaloota ishee kana Eeshiyaa xiqqoo keessatti bakka Bitaaniyaa jedhamutti kan booda Helenopolis Jedhamtee maqaan magaalatti Qosxonxinoosiin jijjiiramtetti jedhus jira).
Abbaan manaa Illeenii Tarbinoos jedhamu kun daldalaa ture. Bara sanatti daldalli biyya tokkoo gara biyya biraatti godhamu waggoota hedduu fudhata ture. Innis karaa dheeraa deemee waan daldaluuf manatti Illeeniidhaaf gargaartuu qacareefii mooraa keessa akka gadi hin baanee fi aduun akka hin dhoofne godhee gara daldalaatti biraa deeme. Illeeniin amantaa isheetti baay’ee cimtuu fi yeroo baay’ee hanga abbaan manaa ishee deebi’uti kadhaadhaan dabarsiti ture. Wangeelas ni beekti ture. Tarbinoos immoo kan daldala isaa xumuree gara biyyaatti deebi’u waggaa 3’n booda ture. Daldaltoonni kun waggaa sadii ykn afur yemmuu daldalanii gara mana isaanitti deebi’an karaa irratti waa’ee haadha warraa isaanii waliin haasa’u ture.
Isaanis akkas jedhu ture, “Egaa amma nu kunoo akkanatti dhamaanee aduufi qorraan gubannee gara biyya keenyaatti yoo deebinu haati manaa keenya yoona dhiira biraa baran ta’a,” waliin jechaa deemu turan. Yeroo kana Tarbinoos abbaan warraa Illeenii, “Ani kan keessan hin beeku malee haatii warraa koo Illeeniin garuu wanta akkanaa gonkuma ana irratti hin hojjettu; baayiseen ishii amana,” jedheen.
Illeeniinis erga abbaan warraa ishee daldalaaf ba’ee mana isheetti kadhachuu malee gad illee baatee dhiira ijaan agartee hin beektu ture. Yeroo sana namoota Tarbinoos waliin jiran keessaa tokko, “Ati gowwaadha abboo, sanyii Hewaan keessaa kan haadha warraa kee addamoo? Amma osoon dhaqee wajjin ciisee dhufe maal goota?” jedheen. Achumaan Tarbinoos, “Ani waan isin jettan kanatti hin amanu haadha warraa koos gonkuma hin shakku” jedheen. Yeroo sana namni gidiramaan daldaltoota keessaa inni tokko, “Yoon deemee haadha manaa kee dogongorsiisee dhufe maal naaf kennita?’ jedheen. Tarbinoos immoo, “Ani ati dhuguma Illeenii dogongorsiiftee dhufta taanaan bu’aan hanga ammaatti daldalee argadhe qabeenya koo kana hunda wajiin ni fudhatta,” jedhe. arbinoos kan kana jedhe haati warraa isaa gonkumaa akka amanamtuu taate waan beekuuf ture.
Daldalaa gidiramaan sunis yoo Illeenii dogongorse qabeenya hunduma fudhachuuf walii galee gara haadha warraa Tabinoositti kaan dursee adeeme. Yemmus gara ganda Illeeniin jiraattu ga’e, haadha warraa Tarbinoos natti agarsisaa,” jedhee namoota gaafate. “Isheen bar namatti hin muldhattu, keesummattuu gonkuma dhiiratti mul’attu,” jedhaniin. Innis mala baafatee, “Tole erga isheen hin dhuftu ta’e mee hojjettuu ishee naaf waamaa,” jedheen. “Isheellee siif ni waamna” jedhanii waamaniif. Innis hojjettuu Illeeniitiin, “Biyya fagoodhaa nama si dubbisu dhufeetu jira jedhii mee Illeenii naaf waami,” jedheen. Isheenis gara manaatti ol deebitee, “Namni si barbaada,” jettee gaafannaaniif Illeeniin fuula itti kennuu didde. Namichi sun ammas yeroo lammataaf, “Dhaqiitii nama qarshii baay’ee siif kennutu dhufe jedhii itti himi,” jedheen. Isheenis akkas jettee yemmuu itti himtu yemmus Illeeniin, “Anaan haadha warraa Tarbinoosiin akkas jettaa?” jettee qodaa harkaa qabduun gargaartuu ishee rukutteegadi baafte.
Yeroo sanas hojjettuun gadi baate dubbiin akka ta’uufii dide itti himte “Daldalichis mee maal gochuu naaf wayya ishee argachuuf,” jedhee gargaartuu ishee sana mariisise. Qarshii baay’ees akka kennuuf itti hime. Yeroo sana gargaartuun ishee, “Hidhannoo mormaa kudhaama Tarbinoosiifi Illeeniin qofti beekaan tokko morma Illeenii irra jira, isan siif fida fuutee Tarbinoositti agarsiiftee akka ishee wajjin ciiste itti himta,” jette Innis yaada kanatti gammade. Innis, “Daldaltoonni dhufanii jiru qophaa’aa” jedhee iyyuu eegale. Gargaartuun sunis yeroo sana ol deebitee Illeeniidhaan, “Daldaltoonni dhufan ka’ii dhiqadhu urgooftuus dibadhu,” jetteen. Isheenis “Maal yeroo biraa situ na dhiqa mitii,” jettee dhugaa seetee dhiqachuuf kaate.
Yemmuu dhiqattus hidhannoo morma irraa sana bakka dhiqattetti irraanfatte. Hojjettuun sunis fuutee namichaaf dallaa irraan darbiteef. Innis kudhaama mallattoo fannoo of irraa qabu sana fudhatee ka’ee gara Tarbinoositti deebi ‘e. Tarbinoosiin, “Kunoo haadha warraa kee wajjin ciiseen dhufe,” jedheen. Innis amanuu dide. Achumaan namtichi, “Kunoo inumaayyuu na jaalattee kudhaama kana naaf kennite,” jedhee sobee kudhaamicha hojettuun (mallattoo fannoo kan jedhus jira) Illeenii kenniteef sana Tarbinoositti agarsiise. Tarbinoosis kudhaama fannoo qabu sana isaafi ishee qofatu beeka waan ta’eef yemmuu argu dhuguma se’ee ofitti aaree; ni na’es. Akkuma jecha isaatti qabeenya isaa hunda daldalticha wajjin jiru sanaaf kennee harka duwwaa manati gale.
Yemmuu manatti galus bifti isaa gurraacha’ee, garmalee gaddee agarraan haati warra isaa Illeeniin, “Maal taate?” jettee gaafatte. Isheen baay’ee yaaddee eegaa turte. “Dur yoo galtu ni taphatta ture har’a maal taate?” jetteen. Innis, “Danbaliin ka’ee meeshaa kiyya hunda balleesse akkamiin hin aariin naan jetta,” jedheenii sobe. Isheenis dhugaa seetee, “Maaloo hin aariin haa
badu ati fira 50 yoo qabaatte, anis fira 50 yoon qabaadhe liqeeffannee daldallee bakka duraatti deebina,” jetteen. Wangeelas waan beektuf, “Waaqayyoo kan siif kenne yoo sirraa fudhate hin aarin” jetten.
Innis akka hiriyaa isaa waijin ciifte osoo itti hin himiin kan garaa isaa garaatti qabatee, “Biyyan kabajametti salphadhee taa’uu hin qabu baduun qaba,” jedhee baduuf ka’e. Isheenis, ‘Guyyaa gammachuu kee si faana dabarsee
guyyaa gaafa gaddaa fi rakkoo kee si biraa hafuu hin qabu,” jettee wajjin deemuuf kaate. Innis saanduqa dheerina hojjaa isheetiin hojjechiisee gaalatti fe’e gara bishaan galaanaa jiru cinaatti geesse. Achumaanis galaana irratti
saanduqa sana keessa godhee, “Osoon si amanuu na gantee nama biraa wajjin ciifte,” jedheen. Isheenis, “Maaloo akkas gonkuma hin raawwannee,” jettuuniis dhagahuu dide. “Kunoo mallattoon ani siif kenne kan aniifii ati qofti
beeknu akkamiin harka nama biraa bira gale ree?” jedhee mallattoo fannoo sana itti agarsiise. Innis, “Hojii badaa kana hojjette taanan Waaqaayyo si hin baasiin, hin hojjene yoo ta’e si haa baasu,” jedhee ishee bishaanirratti gate jalaa sokke. Yemmuus isheen Waaqayyotti boossee wareega Waaqayyoof wareegde. “Yoo bishaan kana keessaa na baafte ani fannoo kee isa bade sana gidiraa guddaadhanis ta’u barbaadeen arga,” jettee garaa isheetti Waaqayyoti himte. Danbaliin bishaaniis ishee fuudhee asii fi achi raasaa oolee biyya mootiin Roomaa qunisxaa (konsitaandiyoos) jedhamu bulchutti gate.
Namoonni galaana cinaatti qurxummi qaban saanduqicha arginaan (eegdotas jedha) saanduqni kun maal laata jedhanii itti fiiganii baasan. Yemmuu bananii ilaalanuu dubartii bareedduu dha. Isaan garuu qarshii daldaltoota jalaa danbaliin fudhate se’anii itti fiigan ture. Isheenis bareedduu waan tunef hundumtuu fuudhuuf irratti wal lolanii. Boooda garuu, “Mootii geessuu qabna,” jedhanii mootichatti kennan. Mootichis yemmuu argu bareedina ishee waan jaalateef fudhuuf karoorfate. Baatii 6’f masaraa keessatti waan gaarii akka nyaattee dhugduu fi urgooftuu gaariis akka dibattu erga godhee booddee ishee fuudhe. Isheenis dhaloota kiristoos booda bara 258 ti Qosxenxiinoos deesse. Isheenis ilma ishee waa’ee kiristaanummaa daa’imumma isaa eegaltee ni barsiifti ture. Erga ilmi ishee abbaa isaa bakka bu’ee Mootii ta’ee Roomaa akkuma jirutti of jala galchee booda mootittii Illeeniin wareega fannoo baasuu sana raawwachuuf bara 321 gara Iyyarusaaleem deemte. Yemmu achi geessus iddoon fannoon itti awwaalame nama itti himu dhabde.
Boodarra manguddoo Kiraakoos jedhamu tokko argatte inni malaan itti hime. Kana booda daamotii hiitee, ixaana baay’ee itti naqxee kadhaa eegalte. Kunis Fulbaana 16 ture. Aarri daamotii fi ixaanaas xiyya hojjetee bakka fa
nnoon
gooftaa jirutti sagadee. Isaanis, bakka xiyyaan aaraa itti agarsiise sanatti
Fulbaana 17 qotuu eegalamee Bitootessa 10 ni ba’e. Yoo ba’us kan namoota gooftaa waliin fannifamaniis jira ture. Isaan keessaa fannoo gooftaa addaan baafachuuf nama du’e irra yoo kaa’an du’aa ni kaase, ija ni bane, kan dhibamaas ni fayyise.
Sana booda fannoo gooftaa fuudhanii kabajanii golgootatti bataskaana itti ijaarsiftee fannoo gooftaa itti galchan. Isheenis fannoo akkuma baasifteen waggaa isaatti bara 328 DH.K.B waggaa 80’n isheetti boqoteetti. Ayyaanni yaadannoo ishees Caamsaa 9.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni ishees nu waliin ta’u. Ameen!
Mootii Solomoon
Solomon jechuun nageenyawaa jechuudha. Abbaan isaa Daawit haati isaa immoo Beersaabeedha. Mootichi Daawit isa booda kan mootii ta’u Solomoon ta’uu dubbateera. Kanas Beersaabeetti himeera. Yeroo namni biraa Daawit booda aangoo qabachuu barbaadetti raajaa Naataan Beersaabeedhaan, “Dhaqi maaf akkas taha jedhiin anis immoo si duuba dhufee dubbii kee siifan cimsa.” jedhee gara Daawititti erge. Isheenis Daawit bira seentee, “Maali maaf akkas ta’a,” jetteen. Battaluma sanatti Naataan duuba dhufee akkasuma jedhee dubbii Beersaabee kana cimseef. Yeroo kana Daawit Beersaabee waamee “Dhugaa Waaqayyoo ana booda ilma keetu mooti ta’a,” jedhee kakateef.
Guyyuma sana, “Dibaati moosisaa,” jedhee raajaa Naataan fa’a ergeera. Isaanis isa dibuudhaan moosisaniiru. Garuu Abeseeloom, “Solomoon reefu daa’ima,” jedhee ofiif of muudee mootii ofiin jedhee ture. Yeroo gara masara mootummaas dibamee deebi’utti Daawit Solomonirratti harka isaa fe’ee, “Mootichaaf murtee kenni,” jedhee kadhateera. Innis uummata kana dhugaan akka bulchu gorseeni. Solomoon yeroo sanatti nama waggaa 12 ture. Daawit Solomooniin, “Ilma koo nama ta’i” jedhee waan gorseef gorsa abbaasaa kana dhagahee Gabaa’onitti aarsaa dhiyeesse. Gooftaan aarsaa Solomoonitti gammadee Solomooniin maal akka
barbaadu gaafateen, “Ani kanan si kadhadhu qabeenya miti bahaaf gala koo kan hin beekne daa’ima waanan ta’eef laphee hubatu kanan uummata kana ittiin bulchu naa kenni!” jedhee kadhateera. Gooftanis kan kadhattes kan hin kadhatiinis siif kenne jedheeniira (1Mot 3:4)
Mootii ta’ee murtee inni ogummadhaan guutamee dabarse keessaa tokko kana. Guyyaa tokko dubartoonni lama mana tokotti halkan tokkotti daa’ima dahanii tokko osoo raftu irra gara galtee daa’ima ishee waan ajjeefteef ishee kan biraa sana jalaa hattee of jala goote. Haati sun immoo yoo hirribaa kaatu mucaan kan ishee akka hin taane barte. Kana irratti wal lolanii dhufani nuuf murteessi jedhaniin.
Lamanuu nutu dhahe jedhan. Yeroo kana mootichi daa’imicha bakka lamatti baafadhaa jedheen. Isheen haati dhugaa sun garaan hin dandeenye ture. “Lakki ishiif haa ta’u malee bakka lamatti adda hin hiramiin,” jette. Isheen kuun garuu tole jette. Kanaan, “haadha dhugaan kan ‘ilmi koo akka hin duune’ jette sanadha jedhee ishee dhugaaf murteesseera. Kunis, Israa’eloota biratti ni dhagahame. Abbaan isaa Daawit mana qulqullummaa ijaaru yoo barbaadetti inni akka hin dandeenye ilmi isaa garuu akka ijaaru itti himamee ture. Solomoonis gooftaan ogummaa isaa ibseefii mana Waaaqayyoof ijaareera. Kadhannaas achinatti taasiseera. Waaqayyos nama achitti kadhatu akka maaruuf waada galeeraaf. Mana qulqullummaa kanas waggaa 20 keessati xumureera (2Seenaa baraa 8). Bara 586 Dh.K.D Silminaasoor mana qulqullumaa kana diigeera.
Booda garuu Solomoon Waaqayyoon mufachiisuu eegale. Kan dubartii heddu, jaalatu ta’e. Haadha mana 700 fi sanyoo 300 godhate. Dubartoonni kunis hanga waaqharkee isaaniif sagaduu gahutti laphee isaa jalaa fudhatan. Gooftaanis, “Ilma keerratti motumma kee bakka lamattan addaan baasa” jedhee adabeera. “Mooticha Daawitiif waadaa waanan seeneef si irratti wanta hamaa hin fidu,” jedhe (lMot 16).
Boodas gaabbii galee dhiifama erga gaafateen booda dhalatee wagga 52tti boqote. Waggaa 40 Israa’eliin bulcheera. Kitaabota hedduus barreesseera. Ayyaanni yaadannoo isaas Waxabajjii 23 dha.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!
Mootii Daawit
Daawit qomoon isaa Yihuudaadha. Abbaan isaa Iseeyyoo ta’u haati isaa immoo Hublii jedhamu. Haati Daawit bareedduu turte. Ollaatti nama wayii jaalattee innis ishee jaalate. Lamaanuu fedha isaanii tahuu agarraan Iseey karaa dheeraan deema jedhee manaa bahuun halkan namicha sana fakkaatee dhokfatee dhufee ishee waliin bule. Haati Daawit guyyaa sana ture kan Daawitiin ulfoofte. Kanaaf, faarfannaa isaa irratti,
• “Kunoo haati koo badiidhaan na ulfooftee cubbuudhaanis na deesse,” kan jedheef Faar.50/51:5.
Hanga guddatuttis tiksee abbaasaa ture Saa’ool waliin yemmuu Filisxeemotatti duulanis Gooliyaadiin furrisaa (borongodaan) takkaaa adda dhahee isa ajeesee jira. 1Saam.17:45-51. Kanaanis,
• “Saa’ool kuma ajjeese Daawit kitila ajjeese,” jedhanii sirbaniif.
Kana irraa kan ka’e Saa’ool mootichi Daawititti hinaafe. Garuu, intala isaa Meelkooniin Daawitiif kennuufiidhaaf dura waadaa waan galeef isa dhorkachuu hin barbaanne. Saa’ool Daawitiin ajjeesuuf yemmuu mari’atettis Meelkool dhageesseee, Daawitii akka baqatu itti himtee jalaa dheesseera. Guyyaa tokkos Daawit bakka dhokatetti mooticha Saa’ooliin argee isa ajjeesuu osoo danda’uu dhiisee mallattoof qofa harkatti huccuu mooticha tarsaasee qabate. Saa’oolis yemmuu argu boo’eera.
Yeroo holqa Faaraan jiru namichi sooressi Naabaal jedhamu tokko sirna qopheessee nyaataafi dhugaatii qopheessee yoo nyaachisu argee Daawit namichaan, “Waan nyaatamu nuuf ergi jedha Daawit jedhaatii itti naaf himaa” jedheen. Namichis, “Daawit Eenyu?” jedhee dide. Haati warraa Naabaal immoo Abeegiyaa jedhamti. Hoolaa 5 qalsiistee Daawitiif ergiteefii jirti. Booda Naabaaliin, “Daawit si barbaadee dhufe.” jennaan rifatee guyyaa 10ffatti du’e. Abeegiyaatiinis gadda ishee erga fixattee booda Daawit haadha warra godhateera. Yemmuu Saa’ool Filisxeemota harkatti kufee du’us Daawit Saa’ooliifi ilma isaa Yoonaataaniif walaloo walaleessee boo’eera. Du’a Saa’ool boodas Daawit Mootii ta’ee muudameera. Taabota Tsiyoonis deebiseera. Meelkool yeroo inni Taabota Tsiyoon duratti utaalu agartee,
• “Mootiin akkamitti akkana ta’a?” jettee isa tuffatte. Tuffii ishee kanaanis Waaqayyo ishees dhala dhowwate (2Sam 6).
Bara sanattis raajaa Naataan Daawit bira yoo dhufu Daawitiin fuulli isaa gaddee arge. “Maal taatee gadditaa?” jedhee yemmuu gaafatu, “Ani mana bareedaa keessan taa’a Taabotni Waaqayyo immoo mana akkasii keessa taa’a” jedhe deebiseef. Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaruu barbaadee ture. Haa ta’u malee, “harka isaatti dhiigni namootaa waan dhangala’eef si osoo hin taane Ilma sirraa dhalatutu mana koo naaf hojjeta jedha Waaqayyo,” jedheen. Daawit Beersaabee argachuuf jedhee abbaa warraa ishee Ooriyooniin
ajjeesisee ture. Booda garuu hojii isaa kanatti gaabbee Waaqayyo dhiifama taasiseefii jira. Akkuma raajichi Naataan jedhe ilmi isaa Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaree jira.
Waaqayyo mooticha Daawitiif kennaawwan torba kenneeraaf. Isaanis
• kennaa raajii dubbachuu,
• kennaa fayyisuu,
• kennaa lubummaa,
• kennaa mootummaa,
• kennaa faarfannaa,
• kennaa humnaafi
• kennaa hedduu argateera.
Mootichi Daawit Israa’eliin waggaa 40f bulche. Kitaaba Faarfannaa boqonnaa 150 qabu isatu barreesse. Mudde 23 yaadannoo boqonnaa isaati.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!
Geediyoon
Dhaloonni isaa qomoo Minaasee keessati. Abbaan isaa Iiyyoo’aas jedhama. Oofiraa keessa jiraataa ture. Guyyaa tokko midiyamota jalaa dheessuuf halkan yoo dhokatee qamadii dhahu ergamaan Waaqayyoo itti muldhatee, “Gooftaan sirra buleen, ‘Israa’eloota Midiyaam jalaa bilisa baasa koottu siin jedha’ jedhiin” jedheen. Geediyoonis ergamichaan, “Erga akkas ta’ee na eegi,” jedhee sa’a qalee wareega dhiyeesseera. Ergamaan qabannaa isaatiin aarsaa inni dhiyeesse tuqnaaniif gubateeraaf. Geediyoonis deebisee, “Oobdiirra rifeensa hoolaa nan diriirsa, sana booda yoo fixeensi rifeensa kana qofaarra bu’ee lafti kaan immoo gogaa ta’e ati narra bultee ijoollee Israa’eel akka fayyistu nan bara” jedheen. Akkuma jedhe fixeensi rifeensicha irra qofa bu’e. Kana qabatee gara qomoo isaatti ergaa ergee namoota kuma 32 walitti Gooftaanis, “Namoonni ati walitti qabde baay’ataniiru, jabina keenyaan diina moone akka hin jenne kan sodaate haa deebi’u,” jedheen. Yeroo kana kumni 22 keessaa ni deebi’an. Ammas lagarra gahanii, “Warra jilbiiffatanii bishaan dhugan deebisi,” jedhamnaa ni deebise. Namoota 300 qofa qabate Midiyaamotatti duule. Gara isaaniittis nama ergisiisee waan jarri jettus erga dhagayee booda, “Faaggaa 300fi Faanosa 300 qopheessuun akkan ani isinitti agarsiisu taasisaa!” jedheen. Yoo achi gahu humni kan Waaqayyoti jedhee faanosii dhaamsee faaggaa afuufe. Midiyaamonni rifatanii baqataniiru (Abboota Murtee 7:1)
Sana booda Israa’eloonni, “Siif bitamna,” jennaan, “Waaqayyoof bitamaa! Anaaf garuu warqiifi meetii naa kennaa,” jedheen. Geediyoon ijoollee 70 dhalcheera (Abboota Murtee 8:31).
Walumaa galatti seenaan isaa kitaaba abboota Firdii/Murtii/ boqonnaa 6-9 irratti bal’inaan ni argama.
Guyyaan yaadannoo isaas Muddee 16 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa
ta’u. Ameen!
Somsoon
Somsoon jechuun ‘Waaqayyoof isa haaraa’ jechuudha. Qomoo Daan irraa dhalate. Haati isaa Intikuyi abbaan immoo Maanuhee jedhama. Haati isaa dhala dhabdee yeroo dheeraaf boo’aafi gaddaa turte. Guyyaa tokko garuu osoo isheen qoraan guuraa jirtu ergamaan Waaqayyoo gara isheen qoraan guuraa jirtu ergamaan Waaqayyoo gara isheetti dhufee, “Ilma waan deessuuf daadhi waynii hin dhugin akkasumas wanta xuraa’a ta’e nyaachurraa of qusadhu! mucaa dhalatu kanas Waaqayyoon jalqaba irraa waan filatameef mataa isaarra haadduu(qarabaa) hin kaa’inaa (rifeensa isaa murinaa)” jedheen. Isheenis wanta dhageesse kana abbaa manaa isheetti himte. Abbaan manaa ishees, “Yaa gooftaa namni Waaqayyoo inni ati ergitee turte sun deebi’ee gara keenya dhufee mucaa dhalatu sana akkamiin akka guddisnu nutti haa himuuf si kadhanna” jedhe. (Abboota Murtii 13:8). Waaqayyo kadhata Maanuhee ni dhaga’e. Ergamichi nama fakkaate sunis lammata itti muldhate wanta dura dubbate irra deebi’ee ibseef. Maanuheeniifi haati manaa isaa qalma re’ee aarsaaf dhiyeessanii ergamichis labooba ibiddaan qalma isaan dhiyeessan keessa gara samiitti yemmuu ol ba’u ni arganii adda isaaniitiinis gadi ni gombifaman. Akkuma jedhames haati warraa Maanuhee Somsooniin ulfoofte deesse.
Somsoon dhalate erga guddatees, jabaa cimaa ta’e. Waggaa 15 yoo ta’u abbaa isaa waliin gara Timnaat osoo deemanii gara bosonaa seenee osoo jiru leenci itti dhufnaan harka isaatiin (aboottee isaatiin) dhahee leencicha ajjeesee bira darbeera. Timnaatitti dubartii bareedduu tokko argee abbaadhaan, “Na fuusisi malee,” jedheen. Abbaan isaa garuu, “Sanyii keenya warra abdii qabu seeraan buluufi warra dhagna qabate keessa ni dhabde moo?” jedhee dide. Somsoon garuu, “Isheen ija kootti tolteerti na fuusisi” jedheen.
Guyyaa muraasa booddee ishee fuudhudhaaf yoo deebi’u yaadate leencicha kana dura abootteedhaan dhahee ajeesse sana yoo ilaalu qoonqoo leencicha du’ee keessatti kanniisni damma dammeessitee turte. Dammicha sana muree haadhafi abbaa isaa nyaachise. Ergasiis dhaqee intalattii/shamarritti/ wajjin ni haasa’e itti toltes. Abbaan isaas gara mana shamara ishee Somsoon fuudhuuf dubbate bira ni dhaqee sana booda cidhis ni qophaa’e. Warri naannoo sanaas cidhi qophaa’uu agarraan namoota 30 hamaamota qopheessan. Somsoon warra hamaamota dhufan kana hibboo guyyaa sadi keessatti deebi’u isaan gaafate. Yoo deebisuu baatan garuu wayyaa quncee talbaarra hojjetame soddomaafi uffata guutu soddoma naaf kennitu jedheen. Hibbichi inni gaafates akkas jedha:
“Isa nyaatu keessaa wanta nyaatamutu ba’e; isa jabaa keessa wanta mi’aawutu ba’e,” jedheen.
Isaan garuu guyyaa sadi keessatti hiikkaa hibboo sanaa himuu hin dandeenye. Garuu, haadha manaa isaa gaafatanii isheen isatti boossee iccitii isaa dhageessee firoottan isheetti himte. Iccitiin hibboo isaas leencaa fi damma isa seenaa Somsoon raawwate sana ta’uu itti himan.
Innis, “Osoo ishii dirqisiinu baattanii hin beektan ture,” jedhee moo’amuu isaatiif wanta gaafateme inni ni kaffale. Aarii guddaadhaan manasaatti gale. Warri Filisxeemotaas haadha manaa isaa warra inni miinjee godhate keessaa tokkotti jalaa heerumsiisan.
Yeroo kana dhagahu Somsoon waangoo 300 qabee xomboora itti hidhee isaan midhaanitti gadhiise midhaan Filisxeemotaa gube. Innis holqa Etaam keessa taa’e. Warri Filisxeemotaas sababa inni haadha manaa isaa nama biraatti jalaa heerumsiisaniif balaan kun akka isaan irra gahe yemmuu hubatan haadha mana isaafi abbaa manaa ishee ni guban. Holqa sana keessayis hidhanii funyoon qabanii gara Filisxeemotaa deeman. Ummanis Somsoonitti wacuu eegale. Afuurri Waaqayyos isaaf ni dhufeef. Yeroo sanas Somsoon lafee mangaagaa harree tokko fudhatee ittiin namoota kuma tokko ajeese. Iddoo sanas ‘Raamaat Lehi’ jedheen. Innis ‘tulluu lafee mangaagaa’ jechuudha.
Somsoon yeroo sanatti garmalee bishaan dheebote. Waaqayyoonis ni kadhate. Waaqayyos kadhaa isaa ni dhagahee bishaan mangaagaa harree sana keessaa ni burqisiisef, innis dhugee jabaate. Bara sanattis Somsoon waggaa 20’f Israa’eloota bulche.
Ergasii booda Somsoon dubartii Daliilaa jedhamtu tokko ni jaalate. Humni isaas garmalee jabaa ture. Kanaaf, warri Filisxeemotaa gara dubartittii dhaqanii, “Humna inni ittiin dadhabu gaafadhuu nutti himi,” jedhaniin, Isheenis isatti watwaatte jennaan yeroo lama sadi sobee wanta biraa itti hime.
Boodas diinni kee siif dhufan yoo jettuun ni ka’a. Xumura irratti garuu, “Ati sin jaaladha jetta malee ana hin jaalattu humni kee kun eessaa akka dhufe natti hin himtuu?” jettee dhiphistee qabatte. Innis humni isaa rifeensa isaa keessa akka ta’e; erga dhalatetiis akka rifeensa hin haaddanne isa dhugaa hime. Isheenis, daadhi wayniitiin macheessitee rifeensa mataa isaa irraa haaddee. Sana booda yemmuu isheen, “Somsoon ka’i diinonni kee siif dhufan,” jettuun humni isaa isa waliin waan hin turreef danda’ee hin kaane. Kanaanis qabamee harka diinota isaatti kufe. Diinonni isaas sibiilan miilla isaa hidhanii, ija isaa lamaan keessaa baasuun akka midhaan daaku taasisan.
Rifeensi mataa isaas yeroo guddachaa dhufutti humni isaa deebi’aafii dhufe. Guyyaa tokko ayyaana taasisanii, “Namicha jaamaa sana nuuf fidamee nuhaa taphachiisu,” jedhaniin. Namni tokko isa masakaa fidee isaan gidduu dhaabe. Yeroo kana Somsoon utubaa manaa harka lamaan qabatee, “Yaa Waaqa gooftaa koo bakka ija koo lamaanii lubbuun koo har’a warra Ilooflii waliin
hu baatu,” jedhee utubaa tokko harka bitaan utubaa tokkos harka mirgaan yoo rukutu kan darbii gubbaa jiranis kan lafa jiranis hundumti badaniiru. Osoo lubbuun jiru kan ajeese irra kan yeroo kana ajeesetu baay’ata.
Somsoon kan jiraate naannoo bara 1300 Dh.K.D dura(Abboota Murtee Boq. 13 hanga 16).
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!
Ani Oromoodha
Oromumman koos bitamee yookiis guddiffachaan yookiis immoo maqaadhan kanan argadhee miti. Kanan dhaladhee Oromoo guddeddaan malee guddiffaachan miti. Orommummaan dhiigaa kooti dhigaa keessaa koo kan eenyuu iyyuu ittii naa jijjiirruu hin dandeenyee eenyuumaa koo isaa dhugaadha. Eenyummaa koo kannan eenyuu oliittii itti nan gammadaa. Garuu, beektaa sababaa gammachuu koo? Rakkoo hin qabu yoo hin beektu ta’ees nan sitti hima na dhagahii; sirriittis naa qalbeeffaadhu. Oromummaan koo kan keennatti malee kan kadhaannaa miti. Kan naaf kennaames gaafadheen fuudhe sitti hin fakkaattiin. Waaqni inni ardiin kana dirriirseefi sammii kana utubaa malee dhabee ofii isa feedha isaan kan inni naaf keenne kennaa koo isaa guddaadha. Anis kennaa koo kana dabarsee eenyuufi iyyuu hin keennu. Akkamiin keennaa koo kana dabarseen ormaaf kennaa? Mee ati yaa nama koo ofii ilaali. Kennaan koo kun har’a gahuuf aarsaa hedduuttu itti bahee. Oromoo ta’uu isaaniin goototni hedduun sirnaa abbaa irreen warraa nama nyaatuun lubbuun isaani darbee, kana qofaa settee dhiigaa hedduuttu itti dhangaala’ee, arsaa hedduuttuu itti ba’ee har’a as nuu birraa ga’ee. Atis mee ilaali eenyuumaa keennaan naaf kennammee; aarsaan itti ba’ee yoon har’a baraa dhalottaa koo kana keessa dabarsee ormaaf ladhee laffeen gootootaa qorattii ta’ee; dhiigii isaanii galanaa ta’ee akka inni naa liqimsuu dhugaan sitti hima akka ati naaf beektu.
Ani eenyuummaa kootti eenyuu caala itti nan boonna. Kannan itti bonnuu lafa ka’ee akkasummaan sababa laftii oromoo balaa ta’eef yookiis sababaa uummatni oromoo hedduu akka cirraacha galaana biraa; akka urjii sammii irraa ta’eef osoo hin tannee akkumaan duraan sitti himee ani oromoo tahuu koo qofaaf nan bonnaa. Kannan bonnuu kunnis aadaafi seenaa sabaa koo dagagsuufi bal’isuun eenyuu birraatti illee tannaan waa’ee aadaa sabaa koof osoo dubbaattii hin deebi’iin dubbaachuun malee ukkamsee, dhooksee, cunqursuun miti yookiis bakkaa oromoon hedduun argammannitti uffaattaa aadaa oromoo koo uffaadhee midhagee isaan birattii qofaa jaallattamuuf miti kannan ittin boonnu. Oromoon bara durii kaasse iyyuu kan inni dhiphaacha turees ormoottaan qofaa osoo hin tannnee Oromoo dhumaa obbolleessaa isaanittinii. Akka naa hubbaattu shakkii hin qabu. Kunnis, Oromoon durii irraa kaasse kan isaatti baqattee dabarsee hin laattu ni guuddiffata. Ani garuu, nan guddaadhe osoo hin tannee nan dhaladhee.
Ani dhaloottan oromoodha. Isaan kun garuu, sabaa oromoo kan cuunqursaan, kan dhiphisaan, kan rakkissaan waan tokkoo irraa ka’uunni innis oromoon lafa bal’aa akkumaa qabu albudaa inni lafa bal’aa kan irraa argattus hedduu akka ta’ee gaafii hin qabu. Yaa namaa koo kunnis maalif seette? Sababnii isa akkumaa jeeddalli gogaa hoolaa uffaatte hoolaa fakkaattu garuu immoo hoolaa hin tannee isaan kunnis oromoo fakkaattuu, uffaataa oromoos uffaattu, nyaata oromoos nyaatu garuu oromoo dhabaamsisuun kaayyoo isaanii isaa jalqabaafi xumurraatti. Ani garuu yaa namaa koo, barri namootta akkasii dhummaa jirtii ta’aa jedheen yaada. Ani oromoommuumma kootti nan gammaada. Gammachuun koo seenaa oromoo bal’isuufi tokkummaa sabaa koo arguun malee akka gaata muluu baqellaa waal harcasee ilaaluun miti. Har’a garuu, kannan baayee gadduu keessa tokkoo aadaa sabaa isaa bal’a kannaa yeroo isaan afaan oromoo beekna jedhan jal’isaan, balleessuf yaalli taassisaan gaafan arguu garaa naa gubbaattaa, yaada naa dhiphaatta, qalbii naa rarraa’aa. Aadaa sabaa koo ammayyeessuu barbaadu, bifaa birras itti naa jaala ummuu.
Yaa nama koo, ati maal jeettarree isaan kun yoo isaan caaltee malee jechaa kees hin fuudhattan sababnii isa waan tokkoo qofaadha. Innis isaan akkassii kun beekamtii qabachuu isaannii malee maal hojeecha akka jiraan waan dagattanniifi. Ati garuu, mee yeroo waltajjii irraatti affeerramtu sirrriitti caaqassi sirnaan hordooffi. Waan hedduu akkaa ati argaattu shaakkii hin qabu. Otummaa kun jiruu iyyuu garuu ani yaa nama koo waa’ee eenyuummaa koo sirriitti waannaan beekuuf itti hin leeyya’uu jabbaadhu nan jedhannis nan jechuu baattanis ani gonkumaa hin gabbuu. Mee hubbaadhu, osoo sabummaan filaannoon akkasumaa biyyiis tahee namnii hedduun miti afrikaa guttuun biyyoottaan guddaattan jiraatta malee biyyaa afrikaa kan hin jirtaan ture. Ani kanan eenyummaa kooti bonnuu sababnii inni birraan duraa yoon of fudhaadheen waanta bira fudhadhaa. Namni dursaa namummaafi eenyuummaa isaa hin fuudhanne gonkumaa lafa kannaa irraa jiraachuun itti ni ulfataa. Waa’een eenyuummaa ofii immoo dhugaadha waaan hundaa ni caalti.
Eenyuummaan kee maalattoo keedha. Eenyuummaan kee asxaa keedha. Goga bifaa kee jijjiiruu ni dandeessa. Garuu, gonkumaa enyuummaa kee jijjiirru hin dandeessuu. Sababni isaa, enyuummaan kee kan keessaa kee jiruudha malee isa alaan muldhattuu bifaa kee miti. Eenyuumaan kee kan laphee keetti qabattee sammuun kee yeroo maraa ittiin of beeku enyuummaa yeroo bara baraatti. Enyuumtu eenyuummaa isa haaqu yookiis faalluu hin dandaa’uu. Garuu, namnii kammuu of mormuu ni dandaa’aa. Namni eenyyuummaa isaa mormee immoo namaa sammuu isaan wal lolleedha namnii sammuu isaan wal lollee immoo nama maraattedha. Namni maraatte laphee dhabbee miti garuu sababaa yaadafi dhiphinnaa sammuu isaan wallii galluu hin dandeenyeef of gad dhisuuf dhirqamee. Namni lapheen isaa hojeechuu diddee ni du’aa malee hin jiraattu. Maalif seette? Motorraa konkoolata ni beekta yoo motorii kun hojjeechuu diddee konkolataan sun akka dhabaattuu eenyuumtuu hin shakkuu akkasummaa lapheen immoo motoraa ummaan nama keessa ka’ee yoo hojii dhabee ni du’aa jechuudha. Kannafu, Namni gaafa eenyummaa isaa fuudhachuu diddee sammuu isaan waal lollaa adeemsa keessa immoo daandii maraattuummaa irraa gala kannummaan marraatta jechuudha. Namni eenyummaa isaa hin fuudhanne namaa essaa akka dhufeefi essaa deemaa akkaa jiruu hin beeknedha. Nama akka godhaan ta’uu jechuudha. Kunis bishaan gabbattee irraafi alladduu bishaan keessaatti fakkeeffama jechuudha.
Hubbaadhu yaa nama koo, ati har’a waan guddaa argaachuuf akkaa naa biraa dhuftee shakkii hin qabuu. Waa’ee oromummaa keeffis kannaan duraa akkaa turtee caala akka har’aa egaltee yaada addaa gaariifi mishaa akka qabaattuu hin shakkuu. Anis, eenyuummaa koo isaa qallii kanna dabarseee gonkummaa ormaaf hin ladhu. Baraa dhaloottaa keenyaa kannaa keessa wantonnii hedduun sababaa oromoo ta’uu keenyaan nu muddaacha jiraan tokkoofi lamaa qofaa miti. Waan hedduudha; isaan kun hundii maalif seette? Guddaachuu ummaattaa oromoo waaan isaan hin jaallannef bakkaa gallun nuuf ta’uu hundaa nuu dhorkaattu. Ani garuu dhugaan sitti himaa akkummaa ni turtii malee ni urtii jettee boombiin ni turaa malee kan keenyaa hundaa ni deefannaa. Oromoon hundii inni kabbaafi kibbaa inni bahaafi dhihaa inni gidduu galleessaa martii tokkoo ta’uu qaba. Tokkoo jechuun lamaa yookiis sadii miti. Oromoon oromoodha malee sabaa lagaan, naannoon, caaffeen, goxiin, garreen waal hiruu miti.
Ani milkaa’iinnaa ummataa oromoof hojeechuun naaf ni ta’aa. Atis hojeechuuttuu siif ta’aa. Anifi ati kana hin hojeennuu tannaan maalirree orommummaan keenya. Oromoo oromoo jechuun qoftii bu’aa bussuu tokkoo iyyuu hin qabu. Guyyaan har’a, har’a keessaas ammaa. Nutti amma ittiin hin hojeennu tannaan eenyuu ittiin nuuf haa hojeettu?
Ani akkumaan duraan sitti himee oromoo ta’uun koo dhiigaa koon malee maqaa koon miti. Maqaan koo ittiin wammamaa moggassaa warrii koo naaf keennaniidha. Enyuummaan waan tokkoo yeroo maraa mogassaa maqaa isaa qofaan beekama miti. Kan nama ibsuu keessa namaadha. Yeroo ammaa maqaan oromoo hedduun waan baay’ee jaallattamuumaa argatteef ormoonni iyyuu mogaffaacha jiruu garuu keessi isaani waan biraadha maqaan isaanii garuu immoo kan keenyadha. Anis yaa namaa koo kannumaafi kan maqaan itti waamamaa malee enyuumaa ofii kan ibsuu miti kannan siin jedhe. Eenyuummaan kee dhokattaa keessaa laphee kee kan namnii hin arginee kan atiifi ati qofaan beektudha waa’ee sabummaa keetti. Hedduun har’a maqaa oromoo qabaachuun dinnaa oromoo akka ta’aan hin dagaattiin; akkasumaa maqaa oromoo osoo hin qabattiin waa’ee oromoof jecha
a oromummaa isaaniif jechaa kan of dabarsaan hedduun akkaa jiraannis hin irranfaattiin.
Yaa namaa koo, oduun sitti dheerreessee miti? Waa’een eenyuumaa koo dubbaattamee yookiis himaamee hin dhumuu. Ani garuu kannan dhumaa irraatti siin jechuu barbaaduu waan tokkoodha innis akkasi. Ati jireenya kee, barumsaa kee, hadhaa warraa kee, jaallale kee waan hundaa jijjiiruu dandeessa garuu gonkumaa gonkumaa eenyuummaa kee jijjiiruuu hin dandeessuu. Eenyuummaan ofii akka goddanniisaa kan nama irraa baduu hin dandeenyeedha. Ani ammaas dhugaan sitti himaa naa dhagaa’ii eenyuufi iyyuu tannaan waan qabduu kam iyyuu keennif garuu eenyummaa kee gonkummaa gonkummaa hin laatin. Eenyuummaa kee malee ati yoom iyyuu hin bareedu. Biyyaa feette deemi biyyaa feettes dhaqii eenyuummaa kee malee ati achiittis asiittis bareedu hin dandeessu. Ani ofii koo oromoo sabboonnaa isaa gochaan malee afaaniin hin boonnee ta’uu koo sitti himmerraa. Akkan midhaguu kan naa taassisuu eenyuummaa koo isaa maallatoo naaf ta’eedha malee isaa bakkeen mul’aattu bifa koo miti. Atis yaa nama koo, eenyuummaan kee si keessa jiraa of keessa baase mul’isuu kan dandaa’uu sii qofaadha. Yeroon ati itti mul’istuus ammaa kannaaf osoo yeroo qabduu yeroo kee itti fayyaadami. Waan ati booda argachuu hin dandeenyee yeroon akka sirraa hin dabbarsinee. Dhumaa irraatti waallalloo kanna gadii sirriitti naa caqassii. Waallallon koo gababaa ta’uus ergaan isaa garuu hedduu akkaa inni dheerrattuu shakkii hin qabuu kannaaf sirnaan naa qalbeeffaadhu!
BEING OROMOO IS NOT A CHOICE THAT IS A WILL OF GOD!!! I AM HAPPY TO BE OROMOO!!
Oromoo koo oromoo koo,
Aadaa bal’aa qabdaa Kan addunyaaf latuu,
Kan ofii dhisuudhaan maaf ormaa kadhaattu?
Oromummaa kooti boonu maafan dhisaa,
Aadaa koo ibsaachuu maalifan of dhoksaa,
Oromummaa koos maaliffaan ukkamsaa,
Baaaseen agarsiisaa addunyaatti mul’isaa,
Oromoo ta’uu koos isaa dhugaan ibsaa,
Dhara kan hin qabnee haqummaan oddeessaa,
Isaa kan koo ukkamseen biyyaa essaan geessaa? (2x)
Asumattaan ibsaa oromoo ta’uu koos har’ummaan beeksisaa,
Kannaa qofaa miti hojiin agarsiisaa,
Hojiin agarsiisaa seenaa saba bal’aa addunyaatti mul’isaa,
Warreen of dagataan tutuquun dàmaqsaa,
Bakkaa rafee turee nasuun rifachisaa,
Hiribbaas damaqsaa Seenaa saba bal’aa sirnaan agarsiisaa,
Wareen of dagataan hiribbaa damaqsaa,
Seenaa dhokfamees sirritti mul’isaa. (2x)
Orommummaan keennadha,
Kan naf lattamee dabarsee eenyuuttaan ladha?
Oromoo ta’uu koos sirriittan ibsaadha,
Oromummaa koos sirrittaan jaalladha,
Filaannoo koo miti keennaa ummamaatti,
Kanaaf itti hin gabbuu oromummaa kootti,
Dabarsees hin ladhuu badhasaaa addaatti,
Kan birraas hin feedhuu ofiis hin jijjiirru oromummaa kootti.(2x)
Addarraadhas jedhee ormaatti hin ladhu,
Waa’ee isaa kennaa koos gonkummaa hin dagadhuu,
Isaa kan koo jibbees kan ormaa hin jaaladhu,
Kennaa koos dabarsee ormaatti hin ladhu,
Oromoo ta’uu koos tassaa hin irranfadhuu.(2x)
Eenyuu feedhee argattee,
Sabbuummaa barbaadees jaallattee filaattee,
Hunduu irraanfattee keennan isaa argatee,
Osoon kana hin tannee ta’ee jechuun of cheepha’ee,
Saba biraa ta’uuf kuttatte hidhatte,
Wantaa hin jijjiiramnee jijjiiruu filaatte,
Maalummaa akka ta’ees of dagattee,
Seenaa isaa kan ormaa fudhee marxifattee,
Kansaa irraanfachuun kàn ormaa fuudhattee,
Aadaa isa baleessuuf ormaan mari’attee,
Dhabamsisuudhafiis hiidhatee itti kaattee! (2x)
Oromoommummaan keennaadha,
Kan keennes waaqadha,
Jaalachuun mirgaadhaa,
Baalleessuun yakkaadha,
Eebbissuun eebbaadha,
Kannaaf oromoo taa’uun yakkaa miti badhassaadha,
Badhasaa addaa keennaa uummammaadha,
Oromoommummaa kooti nan boonaa naan gammaadaa!!!(2x)
Egaa yaa nama koo, waan guddaa har’a akkaa argaattee hin shakkuu; yaadnifi qalbiin kee siif haa milka’uu qajeelatti ejjeedhuu ani oromoodha ebbaa malee abarsaa hin filaadhu jiraadhu gammaaddi oromummaa keettis boonnii oromoof hojeedhu oromoof jiraadhu inni foon laffee kee irraatti si hin midhuu jaalladhu dinnaa isaas irraa qoolladhu. Bobbaa’ii gali nagaan naaf jiraadhu oromoo ta’uu kees sirritti ibsaadhu. Yaa nama koo oromoo ta’uun koo naaf waan guddaadha. Gaafan sin jedhuu ani oromoo ta’ee nama lagaafi amantiin waal qodduu hin jaalladhu. Sababni isa, namni bifa kannaan oromummaa isaa ibsuu nama oromummaaf dhabaattu osoo hin tannee nama lagaafi amantiin jiraattudha. Isaan akkasii waaqni inni isaan ummee osoo isaan dhabamsiisee lammatta uummamuu danda’uu ta’ee osoo ummamnii gaariidhan jedhaa. Warrii akkasii warraa ergamaa amantii deeman malee warraa ergamaa sabaa deeman miti. Amantiin kan nama dhuunfatti lagni immoo tooftaa abbaan irree itti fayyaadamee ummataa bittuudha. Kunis, bifa isaaf toluun isaan garboomsuuf jechaa dinnummaa walli walli isaa wajjiin akka sabnii sun kaasufidha. Sanna booda ofii fidee ofii fiixe akkumaa jedhuu oromoon ofii akka namnii lagan waal qodduu godhuu ofii isaani immoo kottaa wallittaan isiin arrarsaa jedhu. Yaa nama koo ati nama beeka akka taatte si hin shakkuu jabbaadhu waa’ee eenyuummaa keef cimii. Sirrinnii jiruu yoo akka oromoon waal qodduu godhee illee ati garuu oromoon waal qooddutti hin amaniin. Kun kijibaa abbaa irreetti. Oromoon oromoodha malee lagan yookiis amantiin wal qoodda miti. Egaa dhumaa irratti oduu durii tokkoon si yaadachisaa naa hordoofi.
Dur jedhaan Leencaa, warrabeessafi jeedallaa turaan isaan sadaan iyyuu horii qabu. Leencii Sangaa qaba, Warrabeessii sa’aa qaba, jeedalli haarree qaba ture. Yeroo hundaa horii isaanni sadaan dabarreen tiikfattuu. Osoo dhumaa kannaan jirraanni gaaf tokkoo Leenci Warrabeessaan yaa waarrabessaa mee gaafiin si gaafadha? Jedheen. Warrabessis tole jedhe. Mee akkammiin horii keenya kana nyaannu jedhee gaafattten. Warrabessis maal rakkoo qaba ati kan kee nyaatta, ani kan koon nyaadha, jeedalli kan ishee nyaatti jedheen. Yeroo kana Leencii waan hedduu arreef abbootteen warrabeessa dhahee ijaa tokkoo ittii jamsee. Kan warrabeessi kannas hin dubbannee ni dhisee. Guyyaa bira immoo akkasumaa leenci jeedallan gaafatte. Yoos, jeedalli deebi akkas jedhuu laattef maali yaa obbo guddaa kun waan salphaa miti moo? Kan koo yoo ganamaa nyaatan, kan warrabeessa guyyaa yoo nyaattan, kan keessan immoo irbaatta godhattuu yeroo jettuu Leenci akkamitti akkas bartee jedhee gaafatten. Jeedallis ijaa warrabeesaa irraan barree jedhe. Egaa yaa nama koo, waanti ani jechuu barbaadee iffaa akka ta’ee abdii koodha. Nutti har’a isaa darbee irraa hin barru yoo ta’ee dinnii keenya yoom iyyuu nuuf hin cissuu. Seenaa darbee irraa haa barruu, Akkamiin oromoon akka miidhamma turan. Hin soddattin; Ani oromoodha!
Nahimiyaa
Nahimiyaan nama mana Waaqayyoof jaalala guddaa qabu dha. Biyya Arxeksiis jedhamtutti mootichaaf daadhii dhiheessaa ture. Innis masaruma mootichaa keessa waan jiraatuuf qananii guddaa qaba ture. Haa ta’u malee, biyyi abboota isaa Iyyarusaaleem walakkaan booji’amanii, walakkaan immoo warri osoo hin booji’amiin magaala Iyyarusaaleemitti hafan arrabsoofi dhiibbaa namoota Waaqayyoon hin beekneen miidhamanii seera Waaqayyoo irraanfatanii karaa dogongoraatiin fudhatamuu eegalan. Ijoolleen isaanis afaan itti dhalatan irraanfatanii kan biroo haasa’u ture. Dallaan Iyyarusaaleemis jijigdee karri ishees ibiddaan gubate. Maqaan Waaqayyo gooftaas gadi qabamee kan warra Waaqayyoon hin beekne jajjabaachuutti ka’ee ture.
Nahimiyaanis waa’ee kana waan beekuuf, “Iyyarusaaleem iddoon awwaalli abboota koo jiru akkanatti barbadooftee ani akkamiin masaraa kana keessa gammachuun jiraachuu danda’aa?” jechuun halkan guyyaa Waaqayyoon kadhata ture. Baay’isees soomaafi boo’aas ture. Masaraa mootii keessa Jiraatuus, erga diigamuu Iyyarusaaleem dhagahee dhoksaadhaan sooma malee waan gaarii hin nyaatu ture. Booda Waaqayyo kadhaa isaa ni dhaga’e, mootichas garaa ni laamseef. Mootichis Iyyarusaaleem dhaqee akka ijaaru Nahimiyaadhaaf ni eeyyameef. Warri biyyattii qabatanii bitaa turan garuu. “Ati humna maaliin ijaaru dandeessa?” jedhanii itti kolfuun isa arrabsu ture. Inni garuu, “Nuti garbootni isaa kaanee ni hojjenna, Innis fiixaan nuuf baasa,” jedhee uummata jajaabeessaa ture. Gargaarsa Waaqayyootiin lyyarusaaleem ishee diinaan marfamtee turte sana halkaniifi guyyaa uummata gurmeessuun, inaaffaafi jaalala guddaa ajaa’iba ta’een hojjechuun guyyaa 52 keessatti dallaa ishee kabee ni xumure.
Seera Musee kan Israa’elootni dhiibbaa alagootaatiin irraanfatanii turanis ummataaf akka dubbifaman ni godhe. Uummannis guyyaa torbaaf seericha barate. Seera irraanfatanii turan beekuu isaaniitiinis ni gammadan. kanaanis ayyaana guyyaa torbaaf ni ayyaaneffatan. Iyyarusaaleemis ni cimte. Diinotni isaan dhiphisaa turan sunis ni qaana’an. Namoota ijoollee isaanii afaan isaanii irranfachiisanittis ni guungume, ni adabes. Isaanis ijoollee isaanii afaan isaanii barsiisuu eegalan, seerris ni tumame.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!
Raajaa Saamu’eel
Saamu’eel jechuun ‘Waaqayyo na dhagahe’ jechuudha. Dhaloonni isaa qomoo Efreem irraadha. Abbaan isaa Hilqaana, haati isaa immoo Haanna jedhamu. Haannaan dhala dhabdee yeroo dheeraaf gaddaa turte. Kana irratti
masaanuun ishee sababii isheen dhala dhabdeef ishee ni tuttuqxi ture. Haannanis sababa kanaan yeroo nyaatte dhuguu dhiistuu fi yeroon nyaata itti lagattutu ture. Abbaan manaa ishee garuu yeroo aarsaa dhiyeessu gahee ishee dachaa godhee dhiyeessa ture. “Anis ijoollee kudhan irra siif hin wayyuu?’ jedhee ishee jajjabeessa ture. Isheenis kaatee gara mana qulqullummu dhaqxee mararfattee boossee Waaqayyoon kadhatte. Yemmuu isheen kadhattu lubni Eeliin ni ilaala ture. Isheen hidhii ishee qofa sochaasaa keessa isheetti baay’ee kadhachaa waan turteef lubni Eeliin waan machoofte se’ee, “Dubartittii nana hanga yoomiitti daadhii wayiniin machooftaa?” jedheen. Isheen garuu, “Lakki akkas miti ani dubartii garaan ishee baay’ee gaddeedha. Kanaafan, gadda koo Waaqayyoon duratti dhangalaafadha,” jetteen. Kana irratti akka dubartii waa’ee hin baafnetti na hin lakkaa’iin!” jetteen. Eeliin “Nagaadhaan dhaqi, Waaqayyo gooftaan Israa’eel waan ati kadhatte siif haa kennu!” jedheen. Isheenis, “Naaf haa tahu!” jettee galte. Guyyaa sanarraa eegalee nyaara guuruu ni dhiiste.
Kana booda ilmi ni dhalateef. Maqaan isaas Saamu’eel jedhamee moggafameef. Biyyichis Maaseefa jedhama. Haati isaas ijoollummaadhaan osoo garaan fira hin bariin jettee akkuma kana dura Waaqayyoof waadaa galte gara mana qulqullummaatti isa galchite. Lubni mana qulqullummaa sanaa Eelii jedhama. Ijoolleen isaa immoo Afniniifi Finihaas jedhamu. Eeliin baay’ee dulloomee ture. Gaafa tokko osuma ciisanii jiran sagaleen tokko, “Saamu’eel!” jedhee isa waame. Innis Eelii se’ee gara isaatti fiigee, ‘Kunoo asan jira,’ jedhe. Eelinis akka isa hin waamne baree, “Dhaqii deebi’ii rafi” jedheen. Sagaleen kun yeroo lama sadi irra deddeebinaan Eeliin, “Kana booda yoo siyaame, garbichi kee jira dubbadhu jedhiin,” jedhe. Akkuma kanaan Waaqayyo isatti ni dubbate. Ganamas yoo bari’u lubni Eeliin Saamu’eeliin waamee wanta Waaqaayyo isatti dubbate hunda akka itti himu gaafannaan hunduma isaa itti himee jira. Dubbiin Waaqayyo Saamu’eelitti dubbate kun kan ijoollee Eelii ittiin komatee ture. Ijoolleen luba Eelii wanta badaa dalagan. Waaqayyos abbaa isaanitiin akka gorsu fi itti dheekkamu ittime. Isaan garuu deebi’uu hin dandeenye. Sababa Eeliin jabeessee ijoollee isaatti dheekkamuu didee fi sababa cubbuu ijoollee isaatiin Taabotni Tsiyoon ni booji’amte. Ijoolleen luba Eelii lamaanis yeroo du’anitti du’a ijoollee isaa yemmuu dhagahu luba Eelinis naasuudhaan ni du’e.
Sana booda lubummaafi bulchaas ta’uudhaan Israa’eloota waggaa 40 hoogganeera. lyyuu’eelii fi Abiyaa ijoolle jedhaman horate. Luboota godhees muude. Ijoolleen isaas akka abbaa isaanii raajicha Saamu’eelitti haala barbaadamuun hin tajaajilan waan ta’eef uummanni gara Saamu’eel dhufanii, “Ati dulloomteetta, ijoolleen kee immoo faara gaariin nu tajaajilaa hin jirani. Kanarratti immoo Naa’os Amoonaawiin ija keessan mirgaa naaf gabbaraa isaan sodaachiseera. kanaaf, mootii murtee sirrii kennu kan diina irraa nu ittisuu nuuf muudi,” jedhaniin. Saamu’eelis jalqaba irratti, “Wanti isin kun hin ta’u,” jedheen. Waaqayyo immoo, “Wanta uummanni jedhu dhagahi,” jedheen. Kanaaf, raajichi Saamu’eel Saa’ool ilma Qiis muudeefii mootii Israa’elootaa isa jalqabaa akka ta’u godheera.
Raajaa saamu’eel biyya lafaa kanarra kan inni ture naannoo bara bara 1100 DH.K.D. dha. Ayyaanni yaadannoo boqonnaa isaa Waxabaijii 9 kabajama.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!
Iyyaasuu
Iyyaasuu jechuun ‘qoricha/Waaqayyo fayyisaa’ jechuudha. Kan dhalates qomoo Efreem irraati. Abbaan isaa Nawee jedhama. Boqonnaa raajicha Musee booda, Israa’elootni gara biyya isaanitti yemmuu galan dursaa ta’uudhaan akkuma Museetti jabaatee uummaticha ni gageessa ture. Waadaa Waaqayyo, “Lafa boqonnaa isinin dhaalchisa,” jedhees qabatee adeemaa ture.
Iyyaasuun Israa’eloonni gara Iyyaarikoo yemmuu deeman jalqaba namoota 2 ergee Magaala Iyyaarikoo basaasaa jedheen. Iyyaarikoonis salphaatti akka diina harkatti hin kufneef mootiin isaanii dalla torba naannessee ijaaree ture. Namoota lamaan lyyasuun erge kan basaasuuf gara Iyyaarikoo seenan kana Warri Iyyaarikoo shakkanii yemmuu isaan ajjeesuu dhufanitti dubartiin Raakeeb jedhamtu isaan dhoksiteetti. Raakeeb basaastota kanaan, “Waaqayyo laficha dabarsee akka isinii kennu bareera, Waaqayyo akka isiniin sodaannu nu taasiseera. Namootni laficharra jiran hundumtuu fuula keessan sodaachuu irraa kan ka’ee baqaniiru….” yemmuu moo’atanii gara Iyyaarikoo galanitti
isheen isaaniif waan gaarii goote, isaanis isheefi maatii ishee akka yaadatanii badiinsa oolchan ni kadhatte. Yemmuu dhufanitti mana ishees akka baafatan mallattoo foo’aa diimaa foddaa isheerratti hiite. Israa’eloonnis Taabota Tsiyoon qabatanii Iyyaarikoo yeroo jaha marsanii yeroo torbaffaa irratti dallaan Iyyaarikoo ni diigamte. Raakeeb immoo mallattoo foo’aa diimaa sanaan addaa baafamtee Israa’elootaan osoo hin badiin hafte.
Iyyaasuun hanga diina isaanii injifatanitti akka biiftuun hin dhiineef “Aduun Gabaa’oon irrati haa dhaabattu. addeesis sulula Eelon irrati,” jedhee kadhatee akka aduun hin dhiine dhoorkeera (Iya. 10:12). Iyyaasuun boodarras Israa’eliin walitti qabee, “Waaqa keenyatti amantu moo waaqa Mo’aabotaatti amantuu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Waaqa keenyatti amannaa” jedhaniin. Innis kanaaf ragaa akka ta’uuf dhagaa tulluu Seeloo irratti dhaabe. Dhagaan kunis dhagaa lyyaasuun Israa’eloota waliin kakate jedhamee waamama. (Iyya.24)
Haala kanaan jiraate waggaa 110 tti boqoteera. Guyyaan yaadannoo saas Waxabajii 26 dha.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa taatu. Hanga bara baraatti, Ameen!
Milkiyaas
Milkiyaas jechuun ‘kan Waaqayyoof ergamu/ergamaa koo’ jechuudha. Qomoo Aseer irraa dhalate. Zakkaariyaas waliin ta’uudhaan uummata tajaajilaa mana qulqullummaaf kakaasu turan. Umurii ga’eesuummaa irraa eegalee raajii dubbachuun ummata barsiiseera. Raajii isaas kan dubbate bara 470 fi 440 Dh.K.D dha. Kunis bara Iziraafi Nahimiyaan itti (Milk. 2:10).
Guyyaan yaadannoo isaas Amajjii 08 dha Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugm isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!