Baga guyyaa dhaloota Haadha keenyan geessan

Yaa haadha ifaa yaa Maariyaam Addunyaa sababa cubbuu dhala namaan dukkanooftee turte Ifa Addunyaa nuuf deessee bara baraan kan hin dukkanoofne Uumaa keenya fayisaa keenya kan ta’e Iyyasuus Kiristoosiin nu badhaasteerta. Uumama Biyya lafaa dura laphee Sillaasetti kan yaadamte ati akkam kan eebbifamtedha.

Darbaan cubbuu abbaa keenya Addaam kan si hin arganne yaa qulqulleettii Qulqullootaa waggoota kuma shanii fi dhibba shaniif sababa cubbuu keenyaaf jecha beela’aa kan turre nyaata jireenyaa isa bara baraa waan nuuf deesseef ati leemmata Warqeeti! Yaa Giiftii keenya haadhummaa dubrummaakee waliin kan badhaafamte Gadaamessikee inni abidda Waaqummaa baate sun akkam kan eebbifamedha.Yaa Maariyaam ati yaadaa fi hojiidhaanis dubra kan taate ati dubrummaa fi haadhummaankee kan yeroo osoo hin taane kan bara baraati.

Yaa haadhakoo ishee bara baraa ati kabajnikee Uumadhaa gadi uumama kamiyyuu ol kan taate Galanni fi sagadni kennaa uumama kamiyyuu dura siif ni ta’a.Kiruubeelii fi Suraafeel xuquu fi itti dhiyaachuu kan hin dandeenye ati garuu gadaamessa kee keessatti ji’a sagalii fi guyyaa shan ni baatte. Yaa MAARIYAAM ati jalqabarratti raajichi Isaayyaas 9:6 irratti akkuma dubbate ” Daa’imti nuuf dhalateera Ilmi dhiiraa nuuf kennameera aangoon isaa hundarra kan caalu fi isa bara baraati maqaan isaas jabaa, Waaqa, Abbaa bara baraa Abbaa nageenyaa jedhamee waamama” jedhamee kan barreeffameef waan nuuf argamsiisteef ati nuuf ilmaan kiristaanotaaf haadha bara baraati. Qulqullichi Phaawuloosis Roomee 9:5 irratti “Samii irraa bu’ee Haadha keenya dubroo Maariyaamirraa kan dhalate Iyyasuus Kiristoos fayisaa hunda keenyaa yoo ta’ellee inni Waaqa bara baraan eebbifamedha” kan jedhame waan nuuf argamsiisteef kabajni siif qabnu ol aanadha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *