Namni maaliif amantaa isaa jijjiiraa?

Namni maaliif amantaa isa jijjiiraa?
ሰዉ ለምን ሓይማኖቱን ይቀይራል?
Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura qulqulluu Waaqa tokkon Ameen. Nagaan Waaqayyoo kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maaiyaam egumsii ergamoota qulqulluu biyya keenya Itiyoophiya, amanta keenya Kiristaanna Ortodooksi ummataa biyyaa keenya bakke gara garaatti kan argamnuu hundaaf nuuf haa baay’atuu.
Namni haallafi yeroo gara garaatti amantaa is ani jijjiiraa. Namni tokkoo amantaa isa jijjiiree jechuun immoo amantii kiristanummaa tokko irraa gara biraatti jijjiiramu qofa osoo hin tannee, Yaadni qalbii isaa waaqa uumaa isaa kan ganamaa abboottin amanan dhisee, qabeenya, beekumsa, dinaagde, firaa, fi wantoota qabuu irraatti yeroo of abdattus namni tokkoo amantii isa jijjiiree ni jedhama.
Qulqulluun Phaawuloos “Namni tokkoo karaa kam illee isin hin walaalchisin.” (2Tas. 2:3) jechuun dubaattee jira. Nutti egaa har’a addunya jiraanu keessatti wanti kam iyyuu nu dogoogrsun irraa hin jiraatu. Haa ta’u malee, namni hoo maaliif amantaa isaa jijjiiraata kan jedhuuf sababni hedduun yoo jiraatan illee nutti murasaa isaanni akka armaan gadiitti ilaala.

  1. Hubannaa dhabuu irraan kan ka’ee
    Namni hubannaa waa’ee amantii isa hin qabufi hin beeku taanaan caaraan inni amantii isa jijjiirruuf qabu ol aanadha. Kunis immoo namni kun beekumsa bu’uraa hundee amantaa waan hin qabneefidha. Raajichi Hoosee “Sabni koo beekumsa dhabuu irraa kan ka’ee badaniiru.” (Hos. 4:6).
    Namni beekumsa amantaas kan inni argattu yeroo baratuudha. Abboottin “Yoo barataan malee hin beekan, yoo beekan malee hin fayyaan” jedhu dubbii barumsaa isaanii keessatti. Namni hundi barumsaa amanta qabachuun irraa jiraata jechuudha beeke fayyuuf.
    Qulqulluun Phaawuloos waa’ee barachuufi dhaga’uu akkas jedherraa “Amantaan dhagahurraan, dhagahuunis sagalee Waaqayyootti” (Rom. 10:17) jechuun dubbattee jira.
    Waa’ee namoonni beekumsafi amantaa isaannii walaaluun badan immoo ammas Raajichi Isaayas “Sangaan dallaa gooftaa isaa, harreenis mana gooftaa ishee beektee Israa’el garuu hin beekne” (Isa. 1:3) jechuun sagaleen Waaqayyoo karaa raajicha dubbaterraa.
    Nutti har’a beekumsa amantaa dhabuun hedduun amanta isaa kan ganamaa, kan abboota Ortodooksii hin ganneerree, dhiise amantaa isa hin jijjiirerree? Namni hubannaafi beekumsa dhabuun yeroo inni baduutti mootichi Solomoon “Ati namtichaa dhibaa’aa nana, mee dhaqii mixii ilaali, akka isheen itti jiraattu yaadaan qabi, ogeessas ta’i!” (Fakk. 6:6) jechuun ergaa hedduu ulfaata dubbattee jira. Garuu akkuma “Warri waamaman baay’eedha, warri fo’aman garuu muraasa” (Mat. 22:14) jedhee gooftaan. Namni hunduu sagalee kana dhaga’ee beeka ta’a miti. Inni kana qormataa beekumsa wajjiin dhufu baqachuuf barumsaa hin barbaadu, inni kannis wantoota biroo sodaachun hin barattuu. Garuu kanas ta’ee sana Gooftaan keenya dursee nutti hime jira akka qormanis jiru qormataa boode immoo akka ulfinni kabaajni jiru “Qormataa hin sodaatin hanga du’aatti kan amanamte ta’I, gonfoo jireenya siifan kenna” (Yoh. 2:10) jechuun dubbatee jira. Qormataas akka nutti hin sodannee abdii nuuf laterrraa, kan amanamaafi dhugaa ta’ee.
    Beekumsa dhabuun akka nutti hin dogogorreef duuka bu’aan Yihudaa obbolleessii Yaa’iqobis akkas jechuun erga isaa keessatti barreesseerra. “Michoota koo! Waa’ee fayyina walii wajjin qabnuuf duruma iyyuu isiniif caafuudhaaf dhama’aa utuun jiruu, amma amantii isa altokkicha yeroo hundumaaf akka ta’utti warra Waaqayyoof qulqullaa’anitti dabarfame sanaaf akka loltaniif, caafee isin gorsun dirqaamatti barbaachisaa ta’uu isaa argeera” (Yih. 1:3) jechuun akkam akka garaa nama nyaattu dubbattee jira. Amantii ganama gad dhiisuu akka nutti hin qabnee jabaannee amantii keenyatti cimnees jiraachu akka qabnuu nu barsiiserraa.
    Nutti har’a maal tannan amantaa keenya jijjiiraa, Waaqni keenya tokkoo isa malee maal gochuus dandeenya “Ana malee waan tokkoo illee tasumaa raawwachuu hin dandeessani!” (Yoh. 15:5) dubbiin isa amanamaadha. Yaa nama sagaleen Waaqayyoo karaa tokkoos ta’ee karaa biraan yeroo hundaa yeroo maraa ni barsiifama ni himama garuu hubannaa hundaa ol kan namaf kennuu waaqadha. Nutti har’a hubannaa dhabuunnis amantaa keenya jijjiiruu hin qabnu.
    “Namni isa hubatu hin jiru yoo ta’e iyyuu, Waaqayyo karaa tokko, karaa lamas ni dubbata. (Iyo. 33:14) akkumaa jedhu, Waaqayyoon sagalee isa dubbatamuu kan dhaga’ee gurraa hubaattu nuuf haa latuu.
    (1Xim. 6:20-21, Qol. 2:6-8)
  2. Kanan qabu na ga’aa jechuu dhisuu irraan kan ka’ee (ያለኝ ይበቃኛል ያለማለት)
    Namni yeroo hundaa soda Waaqayyoofi gara Waaqayyootti deebi’uun jiraachun akka isaa irra jiraattuf namni wantaa barbaadu hundaas harkaa Waaqayyoo irraa argachuu akka danda’uu, dammaqaas ta’ee akka inni yeroo hunda jiraatu yeroo ibsuutti qulqulluun Pheexroos akkas jechuun dubbatee jira “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa. Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsuu barbaadee ni naanna’a.”(1Phex. 5:7-8). Namni garuu har’a waan Waaqayyoon nuuf yaadu dhiisee itti fakkachuun afaan diinaa keenya Seexanna keessa bu’a jira. Seera amantaas walaalu keenya irraan kan kannee akkas goone, sanaa goone jechuun waan hedduus yaada, ibsaas. Haa ta’uu malee sagalee Waaqayyoo yeroo barsiisuu qulqulluun Phaawuloos akkas jechuun sabaa warra Roomaaf ergerraa.
    • “Warri seera utuu hin qabaatin yakkan hundinuu, seerichi utuu hin ilaalamin itti ni murta’aa, warri seera qabaatanii yakkan hundinuu, seerrichaan isaanitti ni murta’aa.” (Rom. 2:12)
    Jechuun qulqulluun Phaawuloos warra seera hin qabnuu jechuun yakkaafi cubbuu hojjetaniifis murteen akka jiru barsiisee jira. Har’a seeri kun barumsii kun kan itti fufuudha malee yeroosummaa qofa kan ta’ee miti.
    Namni qabeenyaan qabu na ga’aa jechuu dhiisee soorumaa, beekamtummaa, badhadhinnaa barbaacha amantaa isaa ni jijjiiraa, harkaa seexanna irratti ni kufaa; Seexannaa wajjiniis walligaltee uummaa. Qabeenya boor darbuuf jechaa jireenya hin darbinee kan bara baraa dhabaa.
    Ammas qulqulluun Phaawuloos qabeenyaan qabdaan isiin ga’aa jechuun akkas jedhee Ilmaa isaa Ximootwosiif erga ergee jira.
    • “Nama Waaqayyoo ta’uun, nama wanta qabuun of danda’ee jiraatu biratti bu’aa guddaa qaba. Nuyi waanuma tokko illee fidnee gara biyya lafaa hin dhufne, isa keessaas waanuma tokko illee fuunee ba’uu hin dandeenyu. Waan ittin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaan nu ga’a. Warri sooromuu barbaadan immoo qoramatti, kiyyootti, kajeellaatti, gowwummaa isaan miidhu baay’ee keessattis ni kufu; kajeellaawwan kunis balleeffamuufi baduu keessa isaan ni buusu.” (1Xim. 6:6-10)
    • Jechuun namni kiyyootti akka hin gallee, waan tokko illee fidnee gara biyya lafatti akka hin dhufnee waan tokkoos immoo fuudhannee akka hin deemne, garuu kan qabnuu nu ga’aa jechuun Waaqayyoon galatteeffachuu akka qabnuu; jaalalaa Waaqayyoo irraas addaa ba’uun akka nurraa hin jiree nu barsiisee jira. Hundumtuu keenya guyyaa dhaloota keenya haa yaadnu. Yeroo dhalanuu boonyee gara addunyaa kanatti dhufnee sababni isaa addunyaa kana irraa bara baraaf hin jiraannu waan ta’ee maal gochuuf gara biyya lafatti dhufnee jechuun akkasumas biyya lafa kana irraa akka duunu waan beeknuuf yeroo dhalannuu boonye. Warr keenyifi firri hundi garuu gammachuufi ililleen nu simattaan gafa dunnuu isaan ni bo’uu nutti gara sagalee dhokfannee bakka dhufneetti deebinaa.
    Egaa yaa Kiristaannotaa addunya kana irraa kan dabalamuu hin jiruu garuu hundumtuu akka nutti amantii keenya jijjiiruu akka nutti jireenya bara baraa dhabnee du’aa bara baraa dunnuuf qabeenyaan, beekumsaan, oguummaa akka nutti hir’uu tanneetti nu ilaalee kan qabduu si hin ga’uu jechuun jaalalaa Kiristoos irraa adda nu baasuf dhama’aa jira. Nutti amantaa keenyatti jabaannee, jaalala kiristoos irraa maaltu adda na baasa, amantaa koos hin jijjiiruu, fannoo koos hin kutuu jenne warreegamumaa dhugaan warregamaa ta’uun qabanaa. Qulquluun Phaawuloos akkas jedheerra
    • “Eenyuutu jaalalaa Kiristoositti gargar nu baasa? Gidiraan yookiis muddamni, ari’atamuun yookiis beelli yookiis qullaa ta’uun sodaachifamuun yookiis billaan gargar nu baasuu danda’aa ree?” (Rom. 8:35). Jechuun homtuu jaalalaa Kiristoos irraa adda nu baasu akka hin dandeenye ibsee jira. Nutti har’aa jaalala qabeenya moo beekumsaa, ogummaa moo maaltu kiristoos irraa adda nu baasa jenne jabaachu qabna. Amantaa keenyatti cimuu qabna. Amantaan dhabaachu qabna.
    Kaltuu ta’uun feedha fooniitti, qabeenya barbaadun feedha fooniitti, feedha fooniif bittamuun immoo amantaa nama gansisaa kunis amantaa keenya kan amantaa uumaa keenya dhiisnee qaamaa biraaf akka bitamnuu nu taasisaa. Kiristoos akka nutti lamaffaa hin garboofneef bilisaa nu baassee. Birmaadumaas nuuf labsee
    • “Birmadummaatti akka nuyi jiraannuuf Kiristoos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa!” (Gal. 5:1) jechuun qulqulluun Phaawuloos dubbatee jira. Sababni isaa gooftaan keenya araarsa lamaffaa irraa hin deebi’amneen bilisummaa dhalaa nama hundaaf keenne jira. Namni garuu ofii barbaadee; kanan qabuus nan ga’uu jechuun yoo amantaa isaa jijjiiree garbumaa seexannaa jalatti of kufiisee of harkaa seexannaatti of kennee kiristoos lamaffaa dhufee du’ee bilisaa si baasa miti. Kiristoos lamaffaa kan inni dhufuu murteeffidha. Nutti har’aa akka hin gowwomnee, gowomsaa seexannaas injiffachuun amantaa keenyan dhabbachuu qabna.
    Egaa kanan qabu na ga’aa jechuu dhiisuun namni amantaa isaa akka inni jijjiiruu hangaa ammatti kan ilaalee yeroo ta’uu
    Caaqasaa kanneen gaddi kana immoo dubbiffaadha. Hojii mana keessaan!
    (Luq. 18:1-8, Mat. 7:15, 1Qor. 2:14, Uma. 25:34, His. 13:19, Luq. 4:4-12, Mat. 4:4-12, Kess. 8:3-4, Sir.34:6-8, Luq. 12:15, Mat. 26:14, Ibr. 13:5)
  3. Fuudhafi Heerumaa (በጋብቻ ምክንያት)
    Tuqaan inni sadaaffaan sababa itti namni amantaa isaa jijjiiruu keessa tokkoo fuudhafi herrumaa irraan kan ka’eedha.
    Gaa’elaa kan hundessee Waaqayyoodha kunis immoo barrummaa Addaamin uumee namni qofaa isa jiraachuun gaarii miti jechuun akka namni gaa’elaan jiraatuf gaa’ellaa ganamumaa hundeesseerraa. (Uma. 2:18). Haa ta’uu malee namni dhaloota dhalootatti gaaffa baay’achaa adeemu dandii Waaqayyos dhisuun cubbuu hojeechu baay’isuu. Namnis abboommi Waaqayyoo yeroo eguu dhiisuutti; Waaqayyoon akka namni amanuufi hin amanee wal hin fuune gaa’ellaannis tokkoo hin tannee dhorkee jira.
    • Mucaa kee isa dhiiraa yookiis ishee durbaa warra Waaqayyoo hin amanee wajjiin wal hin fuudhiin. (Kes. 7:3)
    Jechuun saba Israa’el abboommee jira. Abboomiin kun har’aas kan haffee miti. Sababni isaas kan amaneefi hin amanee yeroo wal fuudhaan qaamaa tokkoo ta’uu, qaamaa tokkoo ergaa ta’anni booda akka seera amantaatti sababa du’aafi ejjaa yoo ta’ee malee wal hiikun kan biraas fuudhuun dhorkadha. Qulqulluun Phaawuloos akkas jechuun dubbatee jira.
    • Warra hin amanee wajjiin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii jal’inni maal walitti qabu? Ifniifi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree? Kiristoosiifi Seexanni attamitti walii galu ree? Inni amanee isa hin amanee bira qooda maalii qaba ree? (2Qor. 6:14-16) jechuun dubbaatte jira.
    Namni har’aa haadha mana barbaacha yookiis abbaa mana barbaacha amantaa isa gannee kan bira fuudhachaa jira, mucummaa Silaassee kan guyyaa 40fi 80 irraanfattee amantaa isaa akka waan salphaatti jijjiiraa jira. Amantaa ofii eguufi deemsa afuura deddeebi’uun goonfoo jireenya akka namaaf kennus daganneerraa. Haadha manafi abbaa amana ta’uun immoo daandii Waaqayyoos akka isaan hin lakkisneef kan isaan gargaruu ta’uun yaada tokkoofi laphee tokkoon waaqayyoon galateeffattu, mana isaattis ni deddeebbi’uu, walliin tsoomu, wallinis kadhattuu garuu tokkoo miti tannaan akkamiin walliin kadhattuu? Kan amanuufi kan hin amanee maaltu tokkoo isaan goodharree?
    Yeroo ammaf gaafa ilaaluu waan wallif galee tole walliif jennuu nutti fakkataa boodee garuu wal gannuun kan dhufudhaa, kunis immoo akkumaa mootichii solomoon haadha mana hedduu fuudhu isaarraan kan ka’ee akkasumaas haadha mana waaqayyoon hin amanee waan ta’annif boode amantaa abbaa isaa Daawit kan ganamaa gannuu danda’eerraa. (1Mot. 11:3-4)
    Egaa Nuutti hoo maaliif amantaa keenyaa gaa’elaaf jenne jijjiiraa? Dhugumaa Waaqni inni nutti itti amanuu haadha mana nuuf tattu yookiis abbaa nuuf kennuu didaarree? Marree egaa kanafis Raajjichii Ermiyaas akkas jechuun dubbaterraa
    • Yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaafi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuuti malee, yaada isin balleessu miti. (Erm. 29:11)
    • Manaafi badhaadhummaa abboota irraa ni dhaalu, haati mana hubattuun garuu kennaa Waaqayyootti. (Fakk. 19:14)
    Jechuun sagalee waayyoo karaa tokkoos ta’ee karaa ni barsiisaa namni garuu hin hubaattu. (Iyob. 33:14) akkumaa jedhuu sababaa itti namni baay’een amantaa isaa ortodooksii gad lakkisee jijjiiraattuu keessa inni sadafaan gaa’ellaadha.
    Egaa gaa’eela nuutti har’a arginuu kunis bakka gurguudoo afuriitti qoodama. Isaaniis
    a) Gaa’elaa bifaafi bifaa jechuun lachuun isaanii bareedinaa wallii ilaaluun kan wal jaalllattan. Bareedinni akka harca’uufi darbuus hin hubbatttan hin galluufis. Garuu baarreedinaa qoofa ilaaluun amantaa ofii hangaa walliif jijjiirannitti ga’aa jiru.
    • Isin sanyii baduttii utuu hin ta’in sanyii hin badnettii sagalee waaqayyoo isa jiraataafi isa akka jirutti hafuun, haaraa taatanii dhalatannittuu. Kanaaf caaffanni qulqullaa’aan ‘Namni foon uffate hundinuu akka margaati, ulfinni isaa hundinuus akka daraaraa margaati, margichiis ni coollaga, daraaraan isaas ni harca’a. Dubbiin gooftichaa garuu, hafee bara baraan ni jiraata. (1Phex. 1:23-25)
    b) Gaa’elaa meeshaafi meeshaa jechuun immoo mana isaa keessa maaltu jira, qabeenya qabaa/qabdii, sooressaa hiyyeessa jechuun wal ilaalun kan waal fuudhannidha. Sagaleen Waaqayyoos namni aadunyaa guutu buufatee lubbuu isaa yoo olfaachu baattee bu’aa maalii isaaf qaba? (Mat. 16:26) kan jedhuu irraanfatee qabeenya qofaaf jechaa lubbuu isaa jireenya bara baraa dhiise amantaa isaa jijjiirruun kan biraatti heerrumaa yoos fuudha.
    c) Gaa’ela lafeefi lafee jechuun immoo hiida wallii wal qorachuun sanyii walli lakka’uun kan wal fudhanniidha. Inni akkas isheen akkas jechuun hiida lakka’achuudha kunis har’a addunya keenya keessatti baay’attee kan argaa jiruudha. Namni hundi kan Waaqayyoo uumee ta’uus kan itti dagannuudha. (Uma. 1:26)
    d) Gaa’elaa lapheefi laphee jechuun immoo sanyii lakka’uu, qabeenya ilaaluu, bareedina hordooffuu osoo hin tannee amantaan ishee maalii jechuun kan egaluudha. Daandii afuuraa isa qulqulluu ta’ees kan itti barbaadaniidha. Daandii qajeelas kan itti gaafattaniidha. Kunis immoo akka mana amantaa keenya kiristaanna ortodooksiitti gaa’elaa gosa lama qaba. Isaanis
    a. Gaa’elaa Takililii: jechuun lachuun isaanni qarreefi qerroo kan ta’aan dhiirummaafi durbummaan isaan kan amanamee gaa’elaa takililiin waal fuudhuu ni danda’uu, Abbaa gabbii isaannis maarisisuun kan rawwattaniidha.
    Gostii gaa’ellaa kun qerroofi qarreef qofa kan ta’udha.
    b. Gaa’elaa Qurbannaa: kun immoo gaa’elaa nama haadha mana fuudhe yoos hin funnee garuu qarrumaafi qeerrumaan kan hin qabnees ta’uu ni danda’aa isaan kunis qorrobuun kan isaan sirnaa gaa’elaa isaanni raawwattaniidha.
    Waa’ee gaa’elaan wal qabsiisee waan baay’ee haasa’uun ni danda’aama garuu kan laphee hubaattu qabu haa hubaattu akkumaa jedhu sagaleen isaa anis asumaa irraattin xumurraa. Isiin gaa’elaa gosa kam keessatti akka of qoodan of ilaala.
    Caaqasaa kanneen gaddi kana immoo dubbiffaadha. Hojii mana keessaan!
    (2Phex. 2:19-22, Mat. 8:28-34, 2Izira. 4:25, Lew. 19:19, Kess. 13:6-7, Mat. 19:5, Mat. 5: 29-30, Mat. 16:24-26, Luq. 21:34, Yoh. 1:3, Yoh. 15:5-7)
  4. Beekumsa bu’uura hin qabneen falmi baay’isuu
    Kiristiyyanni kamiyyuu waa’ee amantaa ishee dhugaa beekumsa bu’ura ta’e qabaachuu qaba. Beekumsa bu’ura qabu hin qabu tanaan akka doonii karaa ishee dogongorte asiif achi raata’a. iddoo tokkotti cimee jiraachuu hin danda’u. akka Boola (Burqituu) bishaan hin qabne akkasumas akka hurli bubbeedhan oofamu ta’a. Ergaa phexiros 2ffa 2:17.

Karaa Qaa’elirra ni deema dogongora Bala’amittis dabarsee of kenna. (Ergaa yihuda 1:11). kanaafis eenyumtuyyu gatii /qarshii/ godhateef lubbuu isaaf kenniti. (gita falmii gatii hin qabnerraa fagaatee beekumsa bu’ura jireenyaa ta’u qabachuu qaba. Nama beekumsa ba mekbib 7:12).Ergamichis, “isa sobaan Beekumsa jedhame Addunyaa kanaafis michuu kan ta’e falmii’ faayidaa maleessa irraa fagaachaa Imaanaa / amantaa/ sitti kenname eegi. Kunis beekumsa qabna jedhanii jarreen tokko tokko waa’ee amantaa dogongoraniiru waan ta’edhaf”. (ximotewos Iffa 6:20.) Kiristiyaana tokkoof bu’ura beekumsaa kan jedhamu Iccitiiwwan utubaa shananiiti.”Warra kan barsiisuudhaaf qalbii kootiin sagalee hiika qabu duwwaa dubbachuu nan jaalladha.”(Ergaa warra qoronxos Iffa 14:19).
Iccittii utubaa shanan kan jedhamanis,
• iccittii sillaasee,
• iccittii nameenyaa,
• iccittii cuuphaa,
• iccittii Qurbaanaa,
• iccittii du’aa ka’umsaati.
Isaan kun qabiyyee isaaniitiin bakka sadiitti qoodamu.
• Iccitt’in sillaaseef
• nameenyaa Barumsa waaqayyoo(molkootaa) yoo jedhamanu,
• iccittiin cuuphaafi
• Iccitiin Qurbaanaa kennaa mana kiristiyyaana jedhamu.
• Iccittiin du’aa ka’uumsaa garuu, Barumsa jireenya bara baraa jedhama.
Hundee keessaan gad fageeffadhaati ijaarama akka barattanittis,amantiin dhabadhaa.(Qolaasiyas.2:7).

Waa’ee Amantaa ishee sirrii beekumsa bu’uraa yoo qabaanne, falmitoota qaaneessu ni dandeenya. Ni boojinas male, hin booji’amnu “Afaanii fi beekumsa falmitonni keessan falmuu fi balaaleffachuu hin dandeenye isiniifan kenna.”

Jedhameera waan ta’eef. (Luq 21:15) namni beekumsa bu’uura ta’e qabu, ifa dukkana irra, haqa kijiba irra, wanna gaarii isa qadhee irra adda baasee beekuuf beeksisuu ni danda’a male “bifa amantaa qabaate uumna isaa hin ganu.” (Ximotewos 2ffaa 3:5). Keessumattu, “Barumsa jireenyi lubbuu ittiin argamuun gorse gantoota ni himata.” (Tiitoo 1:9). Barumsa Jireenyi lubbuu ittiin argamuu Gorsa gantoota ni himata Tito 1:9

  1. Faayidaa Foonitiin mo’amuutiin

Waaqayyo sinbirroota samii sooruu nama isa akka bifa fi fakkeenya isaatiin uume garuu akkam irra caalaatti sooruun beekuu dhabuudhaan baay’een namaa fedha fooniin mo’amun amantaa isaanii jijjiraniiru.
• “Bilisummaan akka jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase, egaa dhaabadhaa. Irra deebiin (lamaaffaa) waanjoo garbummaatiin hin qabamiinaa.” (Gala. 5:1). Jechuun qulqulluun Phaawuloos dubbateerraa.

Addaamii fi Hewwaan waanjoo garbummaatiin akka isaan qabaman kan taasise keessa inni tokko fedha foonii dha. Wanjoo garbummaa kan jedhame inni tokko fedha fooniif mo’amuudha. Kunis garaaf buluudha.
• “Nyaata jaallaattoonni yommuu kan hin quufne sarootadha. Isaanis qalbeeffachuu kan hin dandeenyedha, hunduu gara daandii isaanii, dura isaanii hamma duuba isaaniitti hunduu tokkoon tokkoon isaanii gara faayidaa isaanitti garagalaniiru.” (Isa. 56:11).
• Abootin dhiibbii sadaan “Nyaataa fi jettee hangafummaa kee hin gurguriin” (Amartaa Abbo. Warra dhi. Sada. 22:5) jedhanii kan barsiisaniif kanaafidha.
Raajichi Isaayyaas warra garaa isaanitiif jiraataniin “Hubachuu kan hin dandeenyedha” jedha. Ogeessichis “Daandi qalbeeffannoo irraa namni dogoggoru yaa’ii du’ootaa keessatti boqota.” Jedhe. (Fakke. 21:6). Baay’een isaanii hubannoo dhabuun hiika sirrii hin taaneen gara keessaatti kan seenu nama hin xureessu callisaatii nyaadha, hin lagatiina jedhanii yaa’i du’ootaa irraatti naa dubbatan ni dhaga’amu. Haata’u malee Addaamfi Hewwanin kan xureesee maal inni? Nyaata gara garaatti gale mitii? Mucummaa nyaataan fudhatame deebisuuf Addaam lamaaffaan (Iyyasuus Kiristoos) ni some. Waarri garaa isaaniif bulan garuu Iyyasuus Kiristoos nuuf soomeera kanaafuu nuti hin soomnu jedhu. Sababiin isaas kan waaqeffatan Waaqayyoon osoo hin garaa isaaniitidha.
• “Dhumni isaanii badii, garaan isaanii Waaqaa isaaniiti dha” (Fill. 3:19) jedhameera.
Raajaa Hizqi’eeliinis “Uummata koo soba keessan dhaga’uu gowwoomsuun lubbuuwwan duuti isaniif hin taane akka ajjeestaniif lubbuuwwan jiraachuu hin qabne immoo jiraachisu garbuu barruu fi cittuu biddeeniif uummata koo biratti na xureessitaniittu” (Hizq.13:19) jedha. Kana jechuunis garaa keessanilf jettanii barumsa keessan sobaatiin warra dhugaa gara du’aattii afeertaniittu. Warra sobdoota immoo dhugaa inni biraan immoo jaalala qarshiitiin qabamudha. Seexanni Gooftaa keenya kan ittiin qore keessa inni tokko qarshiidha. Har’as gadaamii Qoronxoosiiitti kan injifatame seexanichi jaalala qarshitiin namoonni hedduun akka amantaa isaanii jijjiran taasisaa jira.
• “Namoonni jaalala qarshiitiin badan baay’eedha.” (Siiraak 34:6)
Gooftaan keenyas bara lallaba isaatti
• “Jireenyi namaa baa’,inaa qarshii isaatiin waan hin taaneef of eegga dhaa.” (Luqa. 12:15) kan jedhe balleessan namaa waan isa dhibuufidha.
Jaalala qarshittin hedduuwwan amantaa isaanii jijjiiruu isaanii jecha ifa ta’een duuka bu’ichi
• “Qarshii jaallachuun hundee badiinsa hundaa waan ta’eef, namnii isaan tokko tokko osoo kana hawwanii amantii irraa dogoggoranii gidiraa bay’eetiin mataa isaanii of waraanani. Ati garuu yaa nama Waaqaa waan kana irraa baqadhu” (IXiimo. 6:10) Jedhe.
Kana irraas kan ka’een
• “Adeemsi keessan qarshii jaallachuun akka hin taane, kan qabdan isin haa ga’u.” (Ibiro. 13:5) jechuun ammas dabalee qulqulluun Phaawuloos warraa Ibroota ergaa isa erge.

6 Hundaa osoo ilaallee maal ta’a?
Amantaa ofii jijijjiiruun hundaa osoon ilaale jechuun kan amantaa isaanni ganamaa, fannoo mormaa isaanni kutannis lakkoofsa hin qaban. Kun ibsa (yaada) oftuultotaati. Yookaan immoo dubbii Wallaalummaatidha.
Oftuultoota kan jedhaman ani nan beeka, Waan tokkollee narraa hin ga’u jedhu. Garuu ifaa addunyaa kan jedhamee qulqulluun Phaawuloos namoota kanaaf akkas jedha
• “Eenyuyyuu waan tokko kan beeku yoo isatti fakaate amma illee akka beekuun isaaf ta’utti hin beeku” Jedha. (1Qor. 8:2).
• Ni beekna homtuu nurraa hin ga’u jedhanii “Yaa’ii (walga’ii) du’ootaa (Fakke. 21: 16) deemanii achumaan kan hafaan baay’eedha.
Kanaaf daballee qulqulluun Phaawuloos ammas
• “Akeeki seexanaa maal akka ta’e waan beeknuuf, Seexanni akka nu hin gowwoomsineef kana ni goona” (2Qor. 2:11) jedheera.
Osoo hin beekiin kan dubbatan immoo waan hunduu dhugaa isaanitti waan fakkaatuufidha. Oggeessichi Solomoon macaaffaa fakkeenya keessatti akkas jechuun dubbaterraa.
“Daandiin namatti gaarii fakkaattu jirti, raawwiin ishee garuu daandii du’aati. – (Fakke. 14: 12) Waaqayyoo hubachuu dhiisuudhaan wal ga’ii isaanii dhaqnee yoo hirmaanne, barreeffama isaanii yoo dubbifne faaruu isaanii yoo dhaggeeffanne maal ta’a? jedhu. Isaanni Waaqayyoon Waaqessuu, Isaanis Iyyeesuus jedhu, maal rakkoo qaba yoon isaan biraas deeme ilaalee, raajji gurgudaa ta’ee jedhu jechuun deemani ilaalun kan achiin hafan hedduudha.
Gooftaan keenyafi wangeellii qulqulluun garuu akkas jedha
• “Maal akka dhaggeeffattan of eegadha” (Maar.4;24) jedha.
• “Qoraattii irraa wayiniin ykn hagamsa irraa firii balasiin funaannachuun hin danda’amaa?” (Maate. 7:16).
• “Hin dogongoriinaa hiriyyaa hamaan amala isa gaarii ni balleessa.” (1Qor. 15:33).
• “Michoota koo! Warra hafuuraan ni dubbanna jedhan hunda hin amaninaa, Waaqayyo biraa yoo ta’an hafuurota isaan ittiin dubbatan qoraatii ilaalaa malee, raajonni sobduun baay’een gara biyya lafaatti ba’aniiru.” (1Yoh. 4:1) jechuun har’as taanaan akka nutti raaji kan jedhuus ilaalee amantaa keenya hin jijjiireef raajonni sobduun baay’een biyya lafaa irraa ba’aniiru, ka’aniiru. Namoota hedduus akka dogogorsaan gooftaan keenyas dubbattee. (Mat. 24:5)
Kanaafuu gara wal-ga’ii du’ootaa deemuun hafee
• “Ijoollee ormootaa irraa”(Faar. 17:44) irraa akka waliin hin deemne.
• “Isaan irraa fagaadhaa” (Roome.16: 18) jedhamneerra.
• “Nagaas hin gaafatiinaa, namni nagaa isaaniin jedhu hojii badii isaanitti waan hirmaatuuf.”(2Yoha. 1:10) akkas jedhe.
Isaaniin nagaa hin jedhiina jechuun, nagaatiin booda walii galuun, sanaa boodas barumsi ganuumsaa itti aanee waan dhufuufidha.
• “Isaan waliin karaa irra hin deemiin, daandii isaanii irraas miilla kee dhorki”. (Fakke.I:15).

  1. Warra dadhabina fooniin balleessan ilaaluun

Mana Waaqayyoo keessa warrii dhugaan akkuma jiran namonni sobdoonni, tajaajiltoonni afuuraa akkuma jiran warri fooniis jiru. Yeroo baay’ee namoonni haa cimnu kan jedhe qulqulluu Gabri’eeliin osoo hin ta’iin Saaxinaa’eeliin, kan cimee fannoo Gooftaa jalatti argame qulqulluu Yohaannisiin osoo hin ta’iin kan kufe Yihudaa ilaalu amantaa isaanni gannaniirruu.
• “Isa cime yaadadhaa.” (Ibiro. 12:4)
Kan jedhame sagalee Waaqayyoo qalbeeffachuu dhiisuun warra sobdoota, fakkeessitoota, warra tajaajiltoota foonii ilaaluun isaan akkas yoo ta’an sababa jedhuun amantaa isaani jijiiru.
• “Sabaa koo isiin hoogganaa isiin dogongorsu, daandii irraa deemtanis ni balleessu.” (Isa.3:12). kan jedhame jecha raajichaa hin hubatani.
“Lubichi fi raajichi dhugaatii namacheessu irraa kan ka’een ni dogongoru, dhugaatiin ni liqimfamu.” (Isa.28:7) kan jedhame akkaataa sagalee raajichaatiin tajaajiltootni gufachiisoonni baay’een akka jiran icciittii hunda beekuudha. TajaaJjlltoota cimtoota turanii fedha fooniin kufaniifis
• “Ati baay’oota barsiiftaa turte, Harka dadhabanis ni jabeessita ture, jechi kee kan gufate ni kaasa ture. Atis jilba lallaafe in cimsita turte. Amma garuu sirrati gara kee dhufeera, atis ni dadhabde ga’eef atis ni rakkatte.” (Iyyo. 4:3-5) isaaniif jedhameeraaf.
Tajaajjilaan dhugaan kan of bitu, akka ta’utti kan hojjetu, keessummaa kan simatu, barsiisuuf kan ga’umsa qabu, kan hin machoofne, garraamii kan ta’e, kan hin falmine kan qarshii hin jaallanne ta’uu akka qabu kitaaboleen ni hubachiisuu.(1Xim. 3:2). Haata’u malee kan osoo hin beekinis ta’ee osoo beekanu tajaajiltootni tokko tokko mataa isaaniif qofa osoo hin ta’iin hoollota isaaniif gufuu gufachiisaa ta’aniiru.
• “Saboonni koo hoolota badan ta’aniiru, Tiksoonni isaan dogongorsiisan.” (Eer. 50:6).

Qulqulluun Phaawulosiis akka jedhe
• “Ati kan warra biraan barsiiftu of hin barsiistuwoo? Hin ejjiin kan jettu ni ejjitaa? Waaqaa tolfamaa kan balaaleffattu mana qulqullummaa maaliif saamtaa? Seeraan kan of jajju seera cabsuun seera Waaqayyoo diigdaa? Sababa keetiin maqaan Waaqayyoo saboota gidduutti ni arrabsama.” (Room. 2:21-24)
Kan jedhe dadhabina tajaajiitoota foonii irraan kan ka’e maqaan Waaqayyoo akka arabsamu, namoonnis fageessanii hubachuufi ilaaluu dhiisuun isaaniin ilaalanii amantii isaanii akka jijjiran waan ilaaleefidha. Yeroo hundaa namoonni kan ilaaluu qaban warra ciman, jireenya isaniitiin warraa tajaajjiltoota gaarii ta’anidha. Gooftaa keenyas
• “Hojii keessan isa gaarii ilaalanii, samii keessa kan jiraatu Abbaa keessan akka kabajaniif ifti keessan akkasuma nama fuulduratti haa ifu.” (Maate. 5:16)
Kan jedhe hojii gaarii tajaajjiltoota ilaalaanii namoonni amantaa isaanii akka ciman waan beekuufidha. Tajaajjiltoota dhugaafis
• “Dhuguma seeri koo afaan isaa keesa turte, hidhii isaa irrattis badiin hin argamnee. Ana walinis nagaafi dhugaan deeme, namoota baay’ees cubbuu irraa deebise” (Milk. 2:5)
Jedhamees Waaqa isaafi kiristaannota dhugaa biraatti isaaf ni ragaasama.

Galanni Waaqayyoof haa ta’uu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *