Seenaa boqonnaafi du’aa kaa’umsa haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam

Seenaa boqonnaafi du’aa kaa’umsa haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam
Haatti keenya qulqulleettin dubroo Maariyaam waggaa 3 mana abbaa ishee fi haadha isheetiitti, waggaa kudha lama (12) mana qulqullummaa, Ji’a sagalii fi bultii shan gooftaa garaatti baattee, waggaa 33 fi ji’a sadii gooftaa wajjin, waggaa 15 Yohaannis abbaa
wangeelaa wajjin, walii gala waggoota 64 tti bara 49 keessa Amajji 21 boqottee Hagayya 14 awwaalamtee guyyaa sadaaffaa isheetti Hagayya 16 du’a keessaa ka’uudhaan gara samiitti ol baate. Akkaataan boqonnaa fi du’aa ka’umsa giiftii keenya Maariyaam baay’ee ajaa’ibsiisaadha. Kanaaf yihudootni mari’atanii reeffa ishee gubuuf waan barbaadaniif yaalii karaa Taawufinaas godhameen harkisaa lachuu yemmuu irraa citu reeffi giiftii keenya Måariyaam immoo hojii Waaqayyoo dinqisiisaa ta’een gara gennataatti ol fudhatamtee muka jireenyaa jala ka’amtee. Yeroo reeffi ishee ol fudhatame kan arge Yohaannis abbaa wangeelaa ture.Yohaannis irraa kan dhaga’aan barattootni reeffa ishee argatanii awwaallachuuf Hagayya 1 subaa’ee qabatanii utuu kadhachaa, tsoomaa jiranii Hagayya 14 gooftaan keenya
reeffa harmee isaatii fidee kenneef. Isaanis gammachuufi faaruu guddaatiin bakka isheef qophaa’e Geetaa seeman iddoo jedhamutti awwaallatan. Gaafa kana bartuun Toomaas hin turre. Guyyaa 3ffaa isheetti akka du’aa ka’umsa mucaa isheetiitti samiitti utuu isheen ol baatuu argee giiftiin keenya waan ta’e hundumaa itti himtee mallattoofi eebbaaf haa ta’uuf jettee kafana ishee Toomaasitti laatte; har’as mirga waaqaa jirti. Far.44(45):-9 Toomaasis lallabaaf iddoo biraa turee gara bartootaa yeroo dhufu akka awwaalanii yeroo itti himan Amajjitti duutte Hagayyaatti akkamitti awwaalchi ta’a, ta’uun irra hin jiru malee yemmuu inni isaan jedhu ati duraanis du’aa ka’umsa ilma ishee mamtee turte kottu amma immoo iddootti awwaalle ilaali jedhanii awwaalicha banan; boo’li duwwaadha. Innis deebiseefii na hin amanantan jedheetan malee yeroo isheen ol ba’aa jirtu argeera jedhees kafana isheen itti laatte itti agarsiisa. Isaanis mallattoof, eebbaaf haa ta’uuf gargar hiratan. Har’as abbootiin fannootti kan isaan hidhatan yaadannoo sanaadha. Akkuma yeroo Eliyaas ol ba’e Elsaayiif kaabbaa isaa gadi darbateefii ture sanarraas eebba guddaa ittiin argatee ture. 2Mot. 2:1
Akkuma marata mataa qulqulla’aa Phaawuloos kukkutanii fudhataa turanii dha. H/erg. 19:11-12 Barattootnis nuti arguu qabna jedhanii waggaatti Hagayya gaafa tokkoo (1) subaa’ee jalqabanii gooftaan keenya kadhannaa isaanii dhaga’ee bartoonni hundiis du’aa kaa’u haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam arguu danda’annirruu.
Waangeellis akkas jedha waa’ee du’aa kaa’umsaa haadha keenya:
1: Fars. 131(132):-8 irratti. yaa Gooftaa iddoo aara-galfii keetti ka’ii atii fi manni qulqullumaa kees, taabota kee wajjin jedha. Jechi kun akka du’aa ka’umsa mucaasheetiitti du’a ka’umsa ishee mul’isa.
2: W.Wed. 2:-10-13 jaalallee koo ka’i miidhagduu koo kottu kunoo gannii darbee jira roobi immoo sokkee deemeera; abaabboonni lafa irratti mul’atanii, yeroon weedduus ga’eera, sagaleen gugees biyya keenya keessatti dhaga’ameera; mukti arbuu ija godhachuu jalqabeera, mukti wayniis daraaree urgaa’eera, yaa hiriyee koo, miiidhagduu koo, ka’ii na bira kottu. Gannii darbee jira rrobiimoo sokkee deemera jechuun yeroon godaansa Giiftii keenya Maariyaam yeroo yihuudonni diinummaa irratti ka’an yeroo rakkina fannifamuu mucaasheetii gadduunshee sun darbuusaa agarsisaa. Abaabboonni lafa irratti mul’atan jechuun isaa immoo du’aa ka’umsi lafa irratti lallabamuu agarsiisa. Arbuun laaliseera jechuunsaa immoo adeemsa gaarii kan hin qabne adeemsa gaarii argarsiisuu jalqabaniiru jechuu isaati. Kan waame gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos yemmuu ta’u kan waamamte immoo giiftii keenya Maariyaamii dha. lccitiin kun akka Far. 45:-9 gubbaatti barreeffame giiftiin keenya Maariyaam du’a keessaa kaatee har’a mirga
waaqayyoo jiraachuu ishee agarsiisa.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u, Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *